๐Ÿ“กTRUE INFORMATION ๐Ÿ‡ต๐Ÿ‡ธ
110 subscribers
149 photos
6 videos
1 file
13 links
ูŠูŽุง ุฃูŽูŠู‘ูู‡ูŽุง ุงู„ู‘ูŽุฐููŠู†ูŽ ุขู…ูŽู†ููˆุง ุฅูู† ุฌูŽุงุกูŽูƒูู…ู’ ููŽุงุณูู‚ูŒ ุจูู†ูŽุจูŽุฅู ููŽุชูŽุจูŽูŠู‘ูŽู†ููˆุง ุฃูŽู† ุชูุตููŠุจููˆุง ู‚ูŽูˆู’ู…ู‹ุง ุจูุฌูŽู‡ูŽุงู„ูŽุฉู ููŽุชูุตู’ุจูุญููˆุง ุนูŽู„ูŽู‰ูฐ ู…ูŽุง ููŽุนูŽู„ู’ุชูู…ู’ ู†ูŽุงุฏูู…ููŠู†ูŽ
Download Telegram
‎
‎Maatii ofii irratti baasuun sadaqaa sadaqaa caaltu.
‎Namni maatii isaa Sooruuf, Uffisuuf, fi waan isaan barbaachisu isaaniin guutuuf baasii baasu mindaa guddaa argata.
‎Rasuulli SAW
‎"Diinaara baaste keeysaa kan mindaan isaa irra guddaa isa maatii kee irratti baastee dha." Sahiih Muslim
‎๐Ÿ“Œ Habibi Yoo niyyaa tolfattee Rabbii kee irratti hisaabbatte maatii kee nyaachisuuu fi kunuunsuun dirqama qofa osoo hin taane ibaadaa fi sadaqaa dha.
‎๐ŸŒผ. Hunda warra hin fuudhinii Rabbiin bultii halaal itti haa ijaaru. Aamiin
‎Barruun tan Nuur Al Quraan
Namni jalaa isiniif qoode:-
#ISKUU BEYANIโค๏ธ
‎Itti fufa..
‎
‎Hiriyyoota keeysaniif #share godhaa. Jazakumullahu.
‎
๐Ÿ‘1
Obboleessa kiyya Obboleeyitii tiyya kan muslimaa tan muslimaa hiriyaa ykn saahiba dhugaa ni barbaaddaa eyyeen yoo jatte kuno๐Ÿ‘Ž
Nama akkanaatiif dursa kenni:
๐Ÿคฒ Nama Rabbii sodaatu โ€“ amantii fi salaata isaa eegu.
๐ŸŒฟ Nama amala gaarii qabu โ€“ kabaja, obsaa fi gara-laafina qabu.
๐Ÿค Nama amanamaa โ€“ iccitii kee eeguu fi yeroo rakkoo si bira dhaabbatu.
๐Ÿ—ฃ๏ธ Nama dhugaa dubbatu โ€“ sobaan si hin gowwoomsine.
๐Ÿ“š Nama si guddisu โ€“ beekumsa, hojii gaarii fi milkaa'inaaf si kakaasu.
๐Ÿšซ Nama hammeenya irraa si eegu โ€“ cubbuu fi wanta si miidhuutti si hin harkisu.
โค๏ธ Nama milkaa'ina kee jaalatu โ€“ yeroo ati ol kaatu hin hinaafne.
Rasuulli ๏ทบ akkana jedhan:
ยซุงู„ู’ู…ูŽุฑู’ุกู ุนูŽู„ูŽู‰ ุฏููŠู†ู ุฎูŽู„ููŠู„ูู‡ูุŒ ููŽู„ู’ูŠูŽู†ู’ุธูุฑู’ ุฃูŽุญูŽุฏููƒูู…ู’ ู…ูŽู†ู’ ูŠูุฎูŽุงู„ูู„ูยป
โ€œNamni tokko amantii hiriyaa isaa irra jira; kanaaf tokkoon keessan eenyuun akka hiriyaa godhatu haa ilaalu.โ€
โ€” Abu Dawuud fi Tirmizii
Kanaaf, nama ati ta'uu barbaaddu fakkaatu hiriyaa godhadhu. ๐ŸŒน
๐ŸŒ™ Yaadannoo Guyyaa Jamaโ€™aa
Hagayya 16/12/2018
๐Ÿ“ธ Sagantaa Guyyaa Jamaโ€™aa โ€” Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Baddannoo, waliin Jamaโ€™aa Gurmuu Islaamaa Ganda Faafaatee keessatti gaggeeffame.
Guyyaa yaadannoo, obbolummaa, walitti dhufeenyaa fi hojii Islaamaa itti cimsanne ture. Jamaโ€™aan keenya bakka tokkootti walitti qabamnee, yaada waliif qooduun, wal jajjabeessuun fi dhimma ummata keenyaa irratti mariโ€™achuun yeroo gaarii dabarsine.
๐Ÿค Jamaโ€™aan humna keenya.
๐ŸŒฟ Obbolummaan buโ€™uura milkaaโ€™ina keenyaa.
๐Ÿ•Œ Kaayyoon keenya Islaama, ummata fi dhalootaaf tajaajiluu.
Rabbiin subhaanahu wa taโ€™aalaa walitti dhufeenya keenya haa jabeessu, hojii keenya haa eebbisu, akkasumas dargaggoota Muslimaa keenya amantii, beekumsa, naamusa fi tokkummaan haa dagaagsu.
ุจุงุฑูƒ ุงู„ู„ู‡ ููŠ ุฌู‡ูˆุฏ ุงู„ุฌู…ูŠุนุŒ ูˆุฌู…ุนู†ุง ุฏุงุฆู…ุงู‹ ุนู„ู‰ ุงู„ุฎูŠุฑ ูˆุงู„ุชู‚ูˆู‰. ๐Ÿคฒ
#KaawunsiliiDargaggootaMuslimaa
#AanaaBaddannoo
#GurmuuIslaamaa
#GandaFaafaatee
#Obbolummaa
#Tokkummaa
#HojiiIslaamaa
๐Ÿงฌ BARNOOTA DINQISIISAA #4
๐Ÿง  ATI KANA BEEKTAA?
Sammuun namaa qaama keenya keessaa kutaa ajaaโ€™ibaa dha. ๐Ÿง โœจ
โšก Sammuun ergaa elektirikii fayyadamuun qaama keenya waliin walqunnama.
๐Ÿง  Yaaduu, yaadachuu, barachuu fi sochii qaamaa toโ€™achuuf gahee guddaa qaba.
๐Ÿ˜ด Hirribni gaโ€™aan hojii sammuu keenyaaf barbaachisaa dha.
๐ŸŒฟ ุญููƒูŽู… ู…ู† ุนู„ู… ุงู„ุทุจ
Qaama keenya keessatti uumama ajaaโ€™ibaa ilaaluun beekumsa fi itti yaaduuf nu kakaasa.
๐Ÿ“– ๏ดฟูˆูŽูููŠ ุฃูŽู†ููุณููƒูู…ู’ ุฃูŽููŽู„ูŽุง ุชูุจู’ุตูุฑููˆู†ูŽ๏ดพ
โ€œLubbuma keessan keessattis; isin hin argitanii?โ€
โ€” Qurโ€™aana 51:21
โ€œJireenya keessatti, wanti ati dhugumaan barbaaddu yeroo baayโ€™ee salphaatti hin argamu. Garuu rakkoo fi rakkina karaa isaa irratti si mudatu irraa hin sodaatin. Wanti gatii guddaa qabu, yeroo, obsaafi tattaaffii guddaa gaafata. Kanaaf abdii hin kutin; itti fufi, Rabbii keettis hirkadhu. Guyyaan tokko waan ati harโ€™a irratti dadhabaa jirtu sana argattee gammadda.โ€ ๐ŸŒฟโœจ
๐Ÿ’ชlubbuu tiyya Obsi, tattaaffii godhi, abdii hin kutin!
By Iskuu beyan
#Jannanni duuniyaa maali?:-
๐Ÿ”…๐Ÿ”…๐Ÿ”…๐Ÿ”…๐Ÿ”…๐Ÿ”…๐Ÿ”…๐Ÿ”…๐Ÿ”…
1ffaa: #Amantii islaamaa, kan amantii uumamaa fi amantii nabiyyoota hundaa tahe qabachuudhaโ€ผ๏ธ
2ffaa: #Rabbii gooftaa uumama hunda tahe dhugaan beekuu fi Isa zakkaruu baay'isuudhaโ€ผ๏ธ
3ffaa: #Uumamni kun kan Rabbii guddaa qofa, Isaatu isa uume, waan Inni fedhe malee wanti isa keessatti tahu tokkolleen hin jiruu beekuudhaโ€ผ๏ธ
4ffaa: #Qur'aana Rabbii guddaan caalaa fi shaaraa kitaabota samii irraa bu'anii hunda isa taasisee, milkii duuniyaa fi aakhiraa isa keessa kaa'ee, rakkina ilma namaa hundaaf furmaata isa taasisee isa buuse, hiika isaa beekuu fi itti hijjachuu waliin isa qara'uudhaโ€ผ๏ธ
5ffaa: #Rabbii guddaan kennaadha, dhoorgataasi, nama barbaadef tolaa fi ogummaa isaatiin ni kenna, nama barbaade immoo haqummaa fi ogummaa isaatiin ni dhoorgata, kanaafuu waan inni namaaf kenne irratti isa galateeffataa, waan dhaban isa kadhachaa jiraachuudhaโ€ผ๏ธ
6ffaa: #Ilmi namaa si miidhufiis tahee si fayyaduuf homaa harkaa hin qabu, yoo si fayyade waan Rabbiin siif dabarseeni, yoo si miidhes waan Rabbiin sitti dabarseeni, kanaafuu Rabbiif jiraadhu malee ilma namaatiif hin jiraatiinโ€ผ๏ธ
7ffaa: #Kabajaan ilma namaa maqaa fi gosaan ykn sabaan osoo hin taane hojiidhaan tahuu beekuudhaโ€ผ๏ธ
8ffaa: #Qananiis tahee rakkinni duuniyaa ni darbaa beekuudhaโ€ผ๏ธ
By #IskuuBeyan
๐Ÿ‘2๐Ÿ‘1
FUULBANA GAAFA GUYYAA 10 /1 /2019
๐ŸŒŸ ODUU GAMMACHIISAA ๐ŸŒŸ
Assalaamu โ€˜alaykum warahmatullaahi wabarakaatuh.
Akkam jirtu? Nagaan jirtu jechuun isiniif hawwina. ๐Ÿค
Yeroo dhiyootti, Seenaa Jamaโ€™aa Gurmuu Islaamaa Magaalaa Baddannoo, Ganda Faafaatee keessatti argamuu, bifa gaaffii fi deebiitiin   hoggantoota isaa irraa qophaaโ€™ee isiniif dhiyaachuuf jira.
๐Ÿ“ข Inshaa Allah, isinis qophaayaa; nu eegaa!
Seenaa, hojiiwwan, kaayyoo fi sochii Jamaโ€™aa Gurmuu Islaamaa Magaalaa Baddannoo, Ganda Faafaatee isinitti dhiyeessuuf qophiin taasifamaa jira.
๐Ÿคฒ Inshaa Allah, waan nama gammachiisu fi nama fayyadu isin biraan geenya.
Nu eegaa! Yeroon isaa dhihaateera. โค๏ธ
#OduuGammachiisaa
#JamaaGurmuuIslaamaa
#MagaalaaBaddannoo
#GandaFaafaatee
#InshaaAllah
๐Ÿ•Œ MARII WALIINII
Fuulbana, gaafa guyyaa 13/01/2019, Jamaโ€™aan Gurmuu Islaamaa kan Ganda Faafaatee fi Jamaโ€™aan Gaaddisa Qurโ€™aanaa kan Ganda Gaarii marii waliinii taasisuun, dhimmoota armaan gadii irratti mariโ€™achuun waliigaltee irra gaโ€™aniiru.
Dhimmoota irratti mariโ€™ataman:
โค1
1. Barattoota keenyaaf sagantaa qopheessuu
Barattoota keenya qormaata biyyaalessaa fudhatanii gara yunivarsiitii deemaniif, sagantaa adda taโ€™e qopheessuu fi gaggeessuu.
2. Barattoota haaraa simachuu
Barattoota haaraa gara jamaโ€™aa fi gara school dhufaniif  sirnaan simachuu fi jajjabeessuu.
3. Dargaggoota Qurโ€™aana irratti kakaasuu
Dargaggoota keenya Qurโ€™aana barachuu, qaraโ€™uu fi hubachuurratti kakaasuu fi hirmaannaa isaanii cimsuu.
4. Maaddaa Haraashii cimsuu
Maaddaa Haraashii cimsuun, abbootallee itti dabaluu fi hirmaannaa hawaasaa daran guddisuu.
5. Jama'aa Tokkummaa Islaamaa cimsuu
Akka jamaโ€™aan tokkummaa Islaamaa jalatti walitti dhufnee, dhimma keenya irratti marii waliinii goonuuf torbee lama lamaan walgaโ€™uun mariโ€™achuu.
Fi kkf. Dha
Dhimmawwan biroo faayidaa jamaโ€™aa fi hawaasa Muslimaa cimsan irrattis yeroo yeroon mariโ€™achuun, tarkaanfii barbaachisaa taโ€™e fudhachuu.
๐Ÿค Tokkummaan keenya humna keenya; mariin keenya immoo furtuu guddina keenyaati.
Jamaโ€™aan Gurmuu Islaamaa Ganda Faafaatee
Jamaโ€™aan Gaaddisa Qurโ€™aanaa Ganda Gaarii
KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA AANAA BADDANNOOTIIN.
by #Iskuubeyan