📡TRUE INFORMATION 🇵🇸
110 subscribers
149 photos
6 videos
1 file
13 links
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِن جَاءَكُمْ فَاسِقٌ بِنَبَإٍ فَتَبَيَّنُوا أَن تُصِيبُوا قَوْمًا بِجَهَالَةٍ فَتُصْبِحُوا عَلَىٰ مَا فَعَلْتُمْ نَادِمِينَ
Download Telegram
Mee yaadoota asii gadii kana qalbiin xiinxali… Tarii qalbii tee qulqulleeysanii, gara Rabbii si dhiyeessu malanii…

"qabxiiwwan iimaana kudha tokko kanneen qalbii fi jireenya tolchan..”

• Qabxii 1ffaa: Ikhilaasa.
Toliinsi hojii baay’ina isiitiini miti… ikhlaasa niyyaa dalagaa san keessa jiruutu laalama.
وَمَا أُمِرُوا إِلَّا لِيَعْبُدُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ
“Waan biraatti hin ajajamne, Rabbii isaanii qulqulleessanii akka gabbaraniif malee”

• Qabxii 2ffaa: Dhugaa dubbachuu.
Dhugaa dubbachuun… addunyaa fi aakirattis karaa ittiin milkaawaniidha.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَكُونُوا مَعَ الصَّادِقِينَ
“Yaa warra amantan! Rabbii keessan sodaadhaa, warra dhugaa dubbatan waliinis ta’aa”

• Qabxii 3ffaa: Obsa
Obsi danda’uu qofa miti… gammachuu wajjiin qadara Rabbi irraa sitti dhufe fudhachuudha.
إِنَّ اللَّهَ مَعَ الصَّابِرِينَ
“Dhugumatti, Allaahn warra obsan waliin jira”

• Qabxii 4ffaa: Tawakkula (Rabbi Irratti hirkachuu)
Sababa gahuu danda’u hunda godhi… qalbii teetiin immoo Rabbi irratti irkadhu.
وَمَن يَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ فَهُوَ حَسْبُهُ ۚ
“Nama Rabbitti hirkate (irratti amanate), Inni isaaf gahaadha”

• Qabxii 5ffaa: Galata Rabbiif galchuu.
Galata Rabbiif galchuun qananii Rabbiiti siif tursiisa… ni dabalaas.
لَئِن شَكَرْتُمْ لَأَزِيدَنَّكُمْ ۖ
“Yoo galateeffattan, Dhugumatti isiniifin dabala”

• Qabxii 6ffaa:Qaanfii qabaachuu (Saalfannaa)
Qaanfiin faaya iimaanaati… madaala amalaati.
لَّا يُحِبُّ اللَّهُ الْجَهْرَ بِالسُّوءِ مِنَ الْقَوْلِ
“Dhugumatti,Rabbiin jecha hamtuu ol kaasuun dubbachuu hin jaallatu.”

• Qabxii 7ffaa: irra namaaf dabruu (Namaaf dhiisuu)
Namaaf dhiisuun jabina malee laafina miti.
وَالْكَاظِمِينَ الْغَيْظَ وَالْعَافِينَ عَنِ النَّاسِ
“Warra aarii isaanii liqimsan fi warra namootaaf dhiifama godhan”

• Qabxii 8ffaa: Gad-of-qabuu (Tawaadu’a)
Hammuma Rabbif jettee gadi of qabdu… Inni namoota biratti si ol kaasa.
وَعِبَادُ الرَّحْمَٰنِ الَّذِينَ يَمْشُونَ عَلَى الْأَرْضِ هَوْنًا
“Gabroonni Rahmaan warra lafa irra suuta (tasgabbii) deemanidha”

• Qabxii 9ffaa: Muraaqabaa (Rabbi ofirratti eeguu)
Haala hunda keessatti Rabbiin si arguun isaa sitti haa dhaga’amu.
﴿ أَلَمْ يَعْلَم بِأَنَّ اللَّهَ يَرَىٰ﴾
“Inni (namni sun) Rabbiin akka argu hin beeknee?”

• Qabxii 10ffaa: Ihsaana ( gaarii hojjachuu)
Akka waan isa argituutti Rabbii kee gabbari… yoo ati Isa arguu baatte, Inni si argaa jiraa beeki.
إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُحْسِنِينَ
“Dhugumatti, Allaahn warra toltuu hojjatan ni jaallata”

• Qabxii 11ffaa: Rabbitti yaada gaarii qabaachuu
Balaan kamiyyuu yoo sitti jabaate abdii hin kutatin… Rabbiin kee lubbuu tee caalaa rahmata siif godha.
وَرَحْمَتِي وَسِعَتْ كُلَّ شَيْءٍ
“Rahmanni kiyya waan hunda wal ga’e (bal’ate)”

Yaa Allaah! Onnee keenya iimaanaan nuuf faayi,

https://t.me/True3Information
❤1
" Dukkana Hin komatini ifaa Ibsadhu "

Mootii tokkotu ministara isaa ajaje, halkan keessa karaa gidduutti boolla qotii keessasaa saanduqa warqiin guutame kaa'i, afaan boollaas dhagaa guddaa itti uwwisi.Bira dhaabadhu Namni Karaa san ba'u maal akka dalagu laali jedheen.
Daldalaan tokko ni dhufe dhagaa sana argee, “Kun rakkoo dha; namni eegu maalif kara irraa hin kaasne ” jedhe.imala isaa itti fufe.
Namoonni sadii karaa san irra dhufan “dhagaan kara irra jiru kuni maali Namni dhaga kana kara irra kaa'e sirna hin qabu; badii fi jeequmsa barbaada” jedhani bira darban!
Garuu qotee bulaa tokkotu dhufe dhagaa sana argee, “Tarii kun dogoggoraan as kaa’ame ta’a” jedhee sochoosu yaale. Garuu ulfaataa ture, kanaaf nama biraa waamee waliin sochoosan. Dhagaa sana yoo kaasan, saanduqa warqeen guutame argatan. Keessatti ergaan mootii akkana jedhu ture:
“Kennaan kun nama karaa namoota irraa gufuu (rakkoo) kaasuu danda’uuf.”

Namoonni addunyaa kana keessa jiran gosa lama:
Kan dukkana arrabsuu fi
Kan ifaa ibsatutu jira!

Obboleessa 🤨

Qilleensi qabbanaa’a yoo ta’e, “qilleensi ni qabbana'a ” jennee komachuu caalaa, uffata ittiin of eeggannu uffachu wayya.
Waan Hojjachu barbaadde tokko, haala mijjaa'a hin qabu hin jedhin, haaluma hin mijjaa'in san ,mijjeessuf tattaafadhu!

Addunyaan tun ,taa'ani waa komatuun hin jijjiiramtu! Hojjachuun jijjiiramti.
Karaan hundi duraan namoota rakkisaa ture; hanga namni tokko isa tolchutti.
Buqqaatin lama walitti hidhuun rakkisaa ture; hanga namni tokko riqicha ijaarutti.
Dhukkubni namoota hedduu rakkisaa ture; hanga namni tokko qoricha argatutti.
Yeroo namoonni bishaan sodaatan, tokko dhufe doonii ijaare.
Yeroo namoonni beela sodaatan, tokko dhufe midhaan oomishe.
Yeroo namoonni hongee sodaatan, tokko dhufe boolla bishaanii qote.

Sawuyye 🙃
....Hojii malee komiin qilleensa qofa 🤞
Muslimoota Itoophiyaa biyya Yamanitti Mootii ta’an
Kutaa 1ffaa
**************
Barreesaan: Ahmaddin Jabal,
Kan Afaan Oromotti hikee: Raayyaa Abbaa Maccaa
*************

Itoophiyaafi Biyya Yaman waan walitti isaan fidu hariiroo seenaa bara dheeraa jidduu jaraatii qaban. Dhaloota Kiristoosiin dura Ummanni Kibba Arabootaa keessaa gara Itoophiyaatti godaananii turan. Yeroo habashaa seenan naannoo qubatan keessatti Hawaasa biyyattii waliin hariiroo fuudhaafi Heerumaatiin walitti hidhachuudhaan waliin jiraataa turan. Araboonni sun ummata Qaroomina qabu turan. oguma adda addaa hawaasaaf qooduudhaan guddina biyyaatiif gumii mataa isaanii kaa’uu danda’anii jiru. Amantii isaanii waan gabbaraa turan keessaa Astaar, Afrodaayit, Veenas, Waaqa Ji’aafi Aduu kan jedhamu gara Itoophiyaa seensisuudhaan ummata biyyaatiin akka gabbaramu taasisuu danda’anii jiru. (The church of Ethiopia, A panorama of History and spiritual Ethiopian orthodox church, Addis Ababa, 1970, Pp.1-2)

Aadaafi Amantii wal jijjiirrachuudhaan bal’inaan walirraa dhaalanii jiran. Dhaloota Kiristoos booda Jaarraa 3ffaa fi 6ffaa keessa Mootowwan Aksuum Humna Waraanaa gara Yamanitti duulchisanii jiran.( Encyclopedia Aethioica, vol 1, p. 174) Keessumattuu inni jaarraa 6ffaa keessa Aksuumirraa biyya Yamanitti duulameef kaayyoon isaa gocha dhumiinsa daguugama sanyiitiin gidiraa Ummata yeroo sana Rabbitti Amanerratti gaggeeffamaa jiru hanbisuudhaafi. Zabana Mootichi Yahuudaa Yuusuf Asir (Zunnawaas) jedhamu Yamanirratti Mootii ta’ee Ummata Najraan warra Amanerratti gocha suukanneessaa raawwatee dhala Ilmaan Namaa daguugee fixe. woraanni sun Lubbuu ilmaan Namaa hanga hafe dhumiinsa jalaa baraarsuudhaaf kan xiyyeeffatee ture. Dhumiinsi Ummata Amanerra gahe sun gocha gara jabeenyaan raawwatame kan hanga malee hammaate ture. gidiraa Ummata sanaa Qur’aanni “Suuraa Al-Ukhduud’ keessatti dubbatee jira. Ummata miidhame sana dhaqqabuudhaaf Atsee Kaaleb Humna Waraanaa Cibirraa lama Ajajoota Aryaat fi Abrahaa Al Ashram kan jedhamu hoogganaa godhee erge. Woraanni sun Yaman seenanii Mooticha Ummata fixe sana ajjeesan. Sana booda jarrinis dabaree isaanii Yamanitti Mootummaa qabatanii achuma turan. A.L.A. bara 525-570tti waggaa haga kana keessa Yamaniin too’annaa jaraa jalatti bulchuudhaan achi turuu danda’anii jiru.

Walumaa galatti biyya Yamaniifi Itoophiyaa wanti walitti hidhu waan baay’eetu jira. Barreeffamni kun Muslimoota Itoophiyaafi Yamaniin seenaa walitti fidu ifa nuuf gochuu deema. Seenaan kun irra caalaa ummata keenyaaf waan haaraadha jedheen yaada. Damee seenaa Keenyaa keessaa kan hin dubbatamin, kan hin dubbifamin dagatamee hafe keessaa tokko kana ture.


A.L.A bara 818 hanga 1018 yeroo hangana keessa biyya Yaman “Gadaa Mootummaa Ziyaad” Kan jedhamu dhaabbatee ture. Yeroo kana keessa Lammiiwwan Itoophiyaa Gabrummaadhaan gurguramanii baay’inaan achi guuramaa turan. Bara 977 (Hijra 366) Mootiin Yaman Ibnu Ziyaad kan jedhamu yeroo tokkicha gabroota kuma tokko fudhatee jira. Gariin jaraa Lammiiwwan Itoophiyaa yoo tahan cinaan tokko garuu Ummata Nuubiyaa turan.( Ancient and Medieval Ethiopian History to 1270 p.221) Namoota Itoophiyaa gabrummaadhaan gurguraman kana “Najah” nama jedhamu keessa jira(Encyclopedia Aethioica, vol 2, p.67).

Gadaa Mootummoota Ziyaad A.L.A bara 1016/17 (Hijra 407) Mootichi duunaan Maayyiirratti ilmi isaa daa’imni Ibraahiim jedhamu kursii Mootummaa bakka buufame. Yeroo kana gabricha Hasan Bin Salamaa kan ture Marjaan kan jedhamu bulchiinsa keessatti Taaytaa argate. Adaadaan isaatis mucaa daa’ima Mootummaa dhaale kanaaf Aaddee Gorsituu taate filamte. Marjaan kun ofiifiis Gabricha tahuu wojjin Gabricha Itoophiyaa “Najah’ jedhamu isatu ajajaa ture. Marjaan kun akkuma armaan olitti dubbatame gaafa duraa gabricha Huseen Bin Salamaati. Najahan kunis taayitaa Aangoo Huseen Bin Salamaa jalatti guddate.
Gaaf tokko rakkoon siyaasaa jabaan wahii dhimma bulchiinsa Mootummaa keessatti Uumame. Najahan yeroo kana keessa akka dandeettii qabuufi gamna amanamaa tahuusaa ifa baafachuuf hiree argate. furmaata rakkoo sanaa keessatti Dhugumaan Nama Hayyuu akka ta’e agarsiise. Kana booda Najahan gabroottan keessaa filamee bakki wayyaa qabu addatti kennameef. Guyyaa sanaan booda Sadarkaan isaa ol guddataa deeme. Haala ajaa’ibsiisaa taheen dandeettiin isaa, Amanamummaa, Abshaalummaafi Gamnummaa inni qabu hubatanii Abbootiin Taaytaa hawwataman. achiin booda Najah fi Gabroota Marjaan ajajaa ture keessaa “Qeys” kan jedhamuu wajjin jara lameeniif Mootummaa keessatti Aangoo bulchiinsaa kennaniif. Najahan Bulchaa Naannoo “Karaaraa”fi “Lujuum’ jedhamurratti ramadame.

Marjaan garuu Najahn taayitaa argachuu isaa kanatti gammachuu hin qabu ture. Kanaaf Najah caalaa namicha Qeysi jedhamu saahiba godhate. Garuu Aaddeen Mooticha Tajaajiluuf filamte sun Nama hundarra Najah ofitti dhiheessiti turte. Najahan Haala gaarii, Qalbi laafessa, akka jabaa Namaaf rifata waan taheef Aaddee gorsituu Mootichaa biratti baay’ee jaallatamuu danda’e. Qeyis Najah waliin wal morkuu jalqabe. Aaddeen gorsituu mootichaa garuu hanga bakka Najahan bulchaa turetti xalayaa barreessitee yaada jiru ergaafii turte. Qeyisi Hariiroo isiifi Najah jidduu jiru kana waan beekuuf itti hin gammadu. Kanaaf Qeyis Najahfi Aaddee tajaajiltuu Mootichaa kana keessootti jibbuu Eegale. Sana booda Marjaaniin wal mariyatanii Mooticha daa’ima saniifi Aaddee Tajaajiltuu isaa dhabamsiisanii jarri lameen Taaytaa dhuunfachuudhaaf dharra’anii sochii jalqaban. Achumaan dhaqanii Addeefi Mooticha Mucaa daa’imaa sana qabanii hidhan.

Mooticha Mucaa xiqqaa sana ni ajjeesan. Aaddee tajaajiltuu Mootichaa garuu Qeyis jibbaa hama waan isiirraa qabuuf jecha osoo hin ajjeessin fayyaasii qabee awwaale. Marjaan sana booda Aangoo Mootummaa dhuunfatee taa’e. Najahan kana yoo dhagahu waraana gurmeeffatee gara Zabiiditti bobba’e. dhaqee jararratti haleellaa Lolaa jalqabe.( Taarikh Ibnu Khalduun Mujallada 4ffaa fuula 214)

Garee lameen Jidduutti Naannoo baay’ee keesstti waraanni jajjabaan gaggeeffame. Lola sana keessatti garee lameen keessaa Namoonni kuma 5tti shallagaman dhuman(Mukhtasar Fii Akhbaar Al Bashar Mujallada, 1, Fuula, 165). maayyiirratti Najahan Naannoo “Baabal Zabiid” jedhamtu keessatti waraana Qeyis injifachuudhaan irra Aane. Qeyisiin ni ajjeese. Gurraandhala 1022 (Zulqi’ida Hijra 412) Injifannoodhaan Zabiid seene. Marjaaniin masaraa keessatti argate. Jalqaba Gaafii gaafate. “Hooggantoota kiyyaafi kee eessaan geesse?” jennaan “Achi dhaaba Jidaara Manaa sana jala jiran” jedhee deebii kenne. Najahan dhaqee Reefka jara lameeni arge. Akka jabaa gadde. Hogganaa isaa Marjaaniin kan Taaytaaf jecha gocha kana Lubbuu Namaarratti raawwate achumatti ajjeese. Reefka Marjaaniifi Qeyisiin bakka tokkotti awwaale. Refka Mooticha xiqqaafi kan Aaddee Tajaajiltuu isaa baasee Masjiida geessee irratti salaatee awwaale.( Al Maqrizii, Al waa’izu wol I’itibaar mujallada 2. Fuula 351)

Najahan duradhaabbannoo tokkoon maleetti Zabiidiifi Tihaamaarratti Mootummaa qabate.Yeroo gabaabaa booda “Akkamitti Gabrichi Habashaa sadarkaa guddaa kanarra gaha?” jechuudhaan Namoonni hinaaffaadhaan itti ka’an.

Itti fufaa….
As wr wb akkami ngy qabdanii jaallawwan kiyya

Gorsa Mi'aawaa Qalbii Namaaf dawaa qabuu

"Yoo Rabbiin:
        👁️ Ija kee haraam ilaaluu irraa,
        👂 Gurra kee haraam dhaggeeyfachuu irraa,
         🗣️ Afaan kee dubbii badaa dubbachuu irraa,
          ❤️ Qalbii kee fedhii lubbuu hordofuu irraa,
          👣 Miila kee iddoo hammeenyaatti deemuu irraa,
         👅 Fi arraba kee nama hamachuu irraa si eege..!

Akkasumas, yoo:
          ✅ Kheeyrii jaalachuu,
         👂 Waan gaarii dhaggeeyfachuu,
          💬 Jacha bareedaa dubbachuu,
          👀 Fi waan fayyada qabu ilaaluu siif kenne;

Dhugumatti Inni:
         💎 Waan meetii fi dahaba irra caalu,
          💵 Waan maallaqa irra caalu,
          🌍 Fi waan qabeenya addunyaa guutuu caalu siif kennee jira..!

🎁 Qananii guddoo tana irratti Rabbii kee galateeffadhu."

🤲 Alhamdulillaah..! 🤲
https://t.me/True3Information
Kan addunyaa jijjiiru humna qofaa miti
Abdiis qabaachuudha.
Namni tamboo xuuxu bu'aa sadii argata!

1. Hin dulloomu
2. Sareen isa hin nyaattu
3. Hattuunis isan hattu
~
Hin dullomu; sababnisaa, carraa dulloomuu osoo hin argatiin, sombisaa miidhamee, dafee waan du'uuf.

Sareen isa hin nyaattu; sababnisaa, namichi sombisaa burkutaa'ee waan dadhabuuf, ulee dhadhaabbachaa deema; sareenis nama ulee qabatee deemu ni sodaatti.

Hattuun isa hin hattu; sababnisaa, hattuun halkaan yeroo manasaa saamuu dhaqxu, namichi halkan guutuu qufa'aa waan buluuf, hattichis "dhaga'aa jira" jechuun ofirra deebi'a!

Akka sirritti na hubattan abdiin qaba!
Fayyaa keenya eeggachuuf tamboo xuuxuurraa of haa eeggannuun dhaamsa kooti.
👍2👏1
📝 Baga Ayyaana Iid Al-Adhaa (Arafaa) bara 1447ffaa Nagaan Geessan!

📝 Ayyaanichi kan:-
      ☀️ Nagaa,
      ☀️ Gammachuu,
      ☀️ jaalalaa fi
      ☀️ kan Milkii akka isiniif ta'u hawwaa.
#by true information
❤1
Live stream finished (171 days)
Live stream started
Live stream finished (2 minutes)
قال الله تعالى:
*﴿يَخْتَصُّ بِرَحْمَتِهِ مَنْ يَشَاءُ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ﴾*
[آل عمران: 74]

أسأل الله العظيم أن يختصكم ووالديكم وأهليكم وذرياتكم ومن تحبون *برحمته الواسعة*، وأن يجعل لكم من كل همٍّ *فرجًا*، ومن كل ضيقٍ *مخرجًا*، ومن كل بلاءٍ *عافية*، وأن يرزقكم من حيث لا تحتسبون، ويملأ قلوبكم *بالرضا والسكينة*.
​Rabbal Alamiin (Inni Olta'e) akkana jedha:
​"Rahmata Isaatiin nama fedhe addaan baasee filata, inni abbaa qoodaa tola guddaati."
— [Aal Imraan: 74]
Rabbiin keessan, isinii fi maatii keessan, sanyii (ijoollee) keessan, fi warra jaallattan hunda rahmata Isaa isa bal'aadhaan addaan baasee akka isin filatu; yaaddoo hunda irraa furmaata, dhiphina hunda irraa bahiinsa (karra), balaa fi gidiraa hundarraa ammoo fayyaa (afiyaa) akka isiniif godhu; bakka isin hin eegnee rizqii guddaasiniif haabuusu qalbii keessan jaalala isaatiin haafaayu tasgabbiidhaan istiqaamaa siniif haa kennu
👏1
DUBARTII ISLAAMAA ATI BAR

☆ Hijaaba kee jalatti onnee addunyaa jijjiirtu qabda!

☆ Ati dhaloota gadi dhaabuuf kan filatamte haadha pirojektiiti.

☆ Guddinni kee Shari'aa kee keessa jira, addunyaan si haa barattu!

☆ Fakkeenyi kee Khadiijaa fi Aa'ishaadha, sadarkaan kee oli.

☆ Harka tokkoon daa'ima, harka kaaniin addunyaa oofuu dandeessa.

☆ Beekumsi kee amantii kee calaqqsiisa, hojiin kee dhaloota ijaara.

☆ Of amani, Ati qabeenya hawaasni kee eegaa jiruudha.Ka'i, dubbisi, baradhu, hojjedhu, mul'ata kee dhugoomsi!
By Iskuu beyan
👏1
Habiibi kiyya Alhamdulillah naaf jedhi rabbii eega waa hunddaati asiin si gaheef
Mashaa Allah Ammaas maashaa Allaah

بارك الله لكما وبارك عليكما وجمع بينكما في خير

🌹🌹#mabruk_mabruk_alfa_mabruk🥀🥀🌷🌷
⚘️💐#Baga Gammanne Baga Gammadde obboleysa kiyya Dhugomsa Ibrahim 🎊🎊🎊🎊 fi obboleeytii teenya #Saafiya Ibrahim
⚘️⚘️#Horaa Bulaa Deebanaa⚘️💚💚💚
🌺🌺#Waliin Umrii dheeradhaa⚘️💙💙💙
💐💐#Arrii filadhaa💙💙??💙
????#Caayaa_Rakkataa_ta'a #Bal'adhaa🌷🌷
👍1👏1
The 13 principales to think and grow rich
      Ulaagaalee 13 guddina keenyaaf nu barbaachisa
#Dharraa (Desire): A burning desire and clear vision of what you want to achieve.Amantii (Faith): Belief and absolute trust that you will reach your goals.
*#Sammuu Leenjisuu (Auto-Suggestion): Using self-talk to train your subconscious mind for success.
*#Beekumsa Addaa (Specialized Knowledge): Acquiring or leveraging deep knowledge in your specific field.
*#yaada ilaalcha kalaqaa (Imagination): Visualizing and creating ideas that build wealth.
*#Karoora Qindaa'aa (Organized Planning): Designing practical, actionable steps to realize your goals.
*#Murtee (Decision Making): Taking massive action and making firm decisions without hesitation.
*#Kutannoo (Persistence): The unwavering willpower to push through failures and obstacles.
*#Humna Gamtaadhan Hojjachuu (Power of the Mastermind): Surrounding yourself with a supportive, like-minded team.
*#Yaada-Qalbii Duubee (The Subconscious Mind): Channeling positive thoughts and neutralizing negative emotions.
*#Sammuu fi Qaama Miiraa 6ffaa (The Brain & The Sixth Sense):
#Iskander beyan media of eeggannuun