Jama'aa Muslima Torban Diida'aa
1.59K subscribers
2.42K photos
133 videos
11 files
407 links
Jama'aa Muslimtotaa Torban Diida'aa jaarmaya dhimmoota amantii islaamaa,diinagdee fi hawasummaa irratti hojjatu.
Download Telegram
#Sadi_qofa!!

Jiruun addunyaa guyyaa sadi qofa!

1👉 Kaleessa jiraannee dabarsine goonkumaa deebisnee argachuu hin dandeenyu.

2👉Guyyaa har'aa jiraachaa jirra innis kan hafuu miti inuma darba.

3👉Guyyaa boruu Eessa akka jiraannu hin beeknu takkaa jireeny takka du'a.

#Ee_Sadi_qofa!!

Deemsi ittuma fufa....
#JTD
Godina Arsii Aanaa Jajuutti Sagantaan guddaan Halqaa Rowdatul Ilmii Utubuuf sh/Ahmadtiijaaniif Taasifame.

Guyyaa 28/5/2016

Sagantaa kanarratti Ulamaa'ii fi Daa'ileen Oromiyaa guutuu irraa irratti argamaniiru. Sagantaa kana Aalimni Akka galaanaatti itti dhangala'aa Oole.
Aalimoota irratti argaman keessaa muraasni.

1. H/Yuusuf ciroo
2. sh/Nasraddiin Amaan
3. Sh/A/mannan Saguree
4. Sh/Ahmad Qunbii
5. Sh/M/Huseen Qunbii
6. Sh/Muhiddiin H/Nashaa
7. Sh/A/shakuur Aadam
8. Sh/A/Aziim
9. Sh/A/Jabbaar
10. Sh/M/Amiin kussee
11. Sh/M/Arab
12. Sh/Abbaas
13. Sh/Bushraa sh/Aadam
14. Dr.Jibriil Qamar
15 .Dr Muhammad kamaal
16 .Ing.A/rahmaan Huseen
17. Ismaa'il Abbaa Milkii
18. Sh/Huseen Abbaa daalee
19. Ustaaz Abdallaa Idriis
20. Sh/Saafoo kurfoo fi Ulamaa'iin lakkoofsaan hedduu tahan Qooda irraa fudhataniiru.

Ummanni lakkoofsaan Heddu tahes Qooda irraa fudhataniiru.

Photo credit Nuur TV
#Isa_nuti_eegnu_irraa_adda!!!

Mormiin namoonni nu morman yeroo hundumaa jireenya keenna keessatti waan barbaachisaa hojjachaa jiraachuu keenna nuuf mirkaneessa.

Karaa ittiin rabbi bakka ga'uu qabnu nu geessu yeroo hedduu isa nuti eegnu irraa adda.
#Deemsi_ittuma_fufa!....

#JTD
#Ni_dhufa!!!...

Gaaf tokko abjuun kee hundi ni dhufa dhugaa!!!!

#JTD
#Waliif_Qooduun Deeggarsa keeyrii irratti wal hirmaachisaa.

JAMA'AA MUSLIMA TORBAN DIIDA'AA.

Kabajamtoota MISEENSOTA, DEEGGARTOOTA FI HAWAASA MUSLIMAA kanneen Biyya keessa fi Biyyoota Adda addaa jiraattan hundumaaf

Kanaan dura yeroo hedduu baay'een keessaan Kaayyoo Misooma islaamummaa kan Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Karoora fi Tarsiimoo cimaan Lafa qabsiisee Hojjachaa jiru kana tumsuuf jecha Mee karaa kamiin Akkamittii fi Herrega kam irratti tumsina jettanii gama keessootiin yeroo dheeraaf nu gaafachaa kan turtaniifii kan osoo nu hin gaafatin bakkuma jirtanii karaa kamiin deeggarsa goonaf jettanii yaadaa turtaniif
Kunoo Jama'ichi Deeggartoota fi Jaalattoota diin islaam hundaaf iddoo fi biyyaan osoo hin daangofne kan irratti Jama'icha tumsitan #HERREGA_BAANKII_SEERAWAA Lakkofsa baankiwwan kurnan armaan olii kana Seeraan banuudhaan yeroo isiniif dhiheessinu gammachuu guddaa waliini.
Kanaaf hundi keessanuu Herrega kanaan keeyrii akka dalagattan hulaa keeyrii sininiif saaqneerra.

#SHARE
#SHARE
#SHARE
#akka_ta'u_barbaadu!!!👇👇👇

Namoonni tokko tokko akka ta'u barbaadu!!!

Gariin osoo akkas ta'ee hawwu!

Kaan immoo akka ta'u godhu!!!
#JTD
Forwarded from Umar Aman
sh Abdallaah Amaan Al-Aruusii biiroo JTD damee Heexosaatti Dhaamsa jabduu Yeroo umraaf qophii xumuran juma' 01/06/2016
Sh/Abdallaa Amaan Jedhamu.
Daa'ii fi Aalima cimaadha.
JTD damee Heexosaatti Miseensa JTD ti

Nama Walitti dhaabee Kitaaba#BBI kutaalameenuu Magaalaa #Itayyaa masjiida Mu'aaz ibnu jabalitti galgala galgala barsiisuun kitaaba Lachuu ji'a 10 keessatti Hawaasa buususiisan.
Nama Cichoominaa fi Obsa cimaa Akkasumas hikmaa qabu wahiiti.
#Free_Visa biyya Sa'ud Arabiya waan qabaniif Amma ji'a ramadaanaa kana Makkatti soomanii deebi'uuf Deemaa jiru.

Dhimma #JTD irratti Hawaasa keenya Makka jiraatu waliin Jama'icha bakka bu'uun Akka Mari'atan ni eeggama.
Ramadaana booda gaafa as deebi'aniif Warra isaan BBI barsiisaa turaniif Sagantaa #Eebbaa hoo'atu Magaalaa Itayyaatti bellamamee jira Akka Jama'aa Muslima Torban Diida'aa tti.

Sheeka keenya nagahaan geessee rabbiin haa deebisu.

#JTD n Namoota Qaroo akkanaa kanaan ijaarame keessi isaa. Tapha sitti hin fakkaatiin


#JTD
Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Dameen Xiichoo Ganda Akkiyyaa Misaa Masjiidurahmaanitti Hubannoo Jama'aa kenne.

Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Dameen Xiichoo Ganda Akkiyyaa Misaa Masjiidurahmaanitti Hawaasaf Hubannoo Jama'aa kenne. Sagantaa kana irratti Daa'iin keenya Sheek Zubeer argamaniiru.

Hawaasni Masjiidurahmaanis Hojiilee JTD hedduu kan gammachiisee tahuu kaasun waan hundaanu JTD cinaa akka dhabbatan ibsanii jiru.

Jama'aa Muslima Torban Diida'aa Barnootaaf Misooma irratti kan hojjatu!
Kitaabni Mata Dureen isaa "OSOO HIN QORAMIN DURSII OF QORI" jedhu kan Barataa Yuunivarsiitii Maddaa Walaabu tahee Huseen Hajjiitin barraaye Gaafa guyyaa 4/6/2016 Godina Arsii Magaalaa Diksiisitti bakka keessummoonni gara garaa jiranitti haalaa ho'aa taheen Galma Masjiida Mubarakitti ni eebbifama.

Hawaasni Muslimaa Magaalaa Diksiisi fi Naannawaa ishee hundumtii keessanuu afferamtanii jirtu

Jama'aan Muslima Torban Diida'aatis sagantichaa qindeessuu miidhagsuu irraa jalqabee; uwwisaa miidiyaa kennuu fi waan hundaanu baratichaa cinaa kan dhabbatuudha.
Jirra jirtuu isin
Hawaasni muslimaa
Hawaasni nabii kootii
Kan rasuula aalamaa(S.A.W)

Kan dhageessan qooqa koo
Hanga jiraachuf jirru
Diinif of haa kenninu

Kan jireenyaf facaatan
Guutuu addunyaa keessa
Jiraatte na dhageenyan
Eessallee jirtus eessa
Dhaabbata islaamatiif
Waa gumaachuu dandeessa

Dhaabbata islaamatii
JTD'n kiyyaa
Misooma islaamatiif
Ifaaja halkanii guyyaa

Maarree dhaabbanni keetii
Waan saa abbaa too'ataa
Rakkoo fi bal'oo isaas
Situ addaan foo'ataa

Sila maalin too'anna
Sila maalin foo'anna
Jettu yoona nan beekaa
Gurraaf qalbiin hordofii
Daandii sittan akeekaa

Guyyaarra baasii baafna
Waan hin taane meeqatti
Kuni boriif nuu ta'a
Mindaan isaa dakatti

Maarree dhaabbatichis
Akka ati deeggartuuf
Haala mijeesseeraa
Bankii kudhanirraa
Herreegas baneeraa

Kunooti kunooti
Irratti darbadhu
Sinqii guyyaa borii
Asirra buufadhu

Waloo Abdallla Amaanin