TIKVAH AFAAN OROMOO
38.9K subscribers
7.55K photos
106 videos
8 files
208 links
Download Telegram
#Oromiyaa

Bunni kuntaala miiliyoona 7 ol walitti qabame-BQO

Naannoo Oromiyaatti hanga ammatti omishni Bunaa kuntaallii miiliyoonni 7.26 walitti qabamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Barana Buna kuntaala miiliyoona 12 walitti qabuuf karoorfame keessaa hanga ammatti bunni kuntaalli miiliyoonni 7.26 walitti qabamuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahaammadsaani Amiin ibsaniiru.

Bara darbee Bunni kuntaalli miiliyoonni 10.3 walitti qabamuu eeruun, bara buna kuntaala miiliyoona 12 walitti qabuuf hojjetamaa jira jedhan.

Faddaaltota Buna seeraan alaa daddabarsan to’achuufis qaamoolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti Qonnaan bultoonni miiliyoona 2.3 misooma qonna bunarratti hirmaachaa jira jedhame. #OBN

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
"Siyaasni haaloo biyya balleessa":- Jawaar Mohammed

Obbo jawaar Mohammed maatii obbo Taayyee Danda'aa yeroo mana kiraa itti barbaadatan osoo hin kenninii fi haala hin mijeessin manaa akka bahan gochuun cubbuudha jechuun qeeqaniiru.

Obbo Jawaar "Siyaasa biyya keenyaa keessaa wanti fokkisaan tokko namoonni/ murnoonni gaafa waldhaban maatii walii kan miidhaniidha" jedhan.

"Nuti warri qabsoo/siyaasa hojii  godhannee filanne  aarsaafi wareegama dhuunfaan dhufuu malu beekneeti itti seenne. Garuu ammoo haati, abbaan, adaadaan, haati warraa, obbolaanfi daa’imman keenya murtii kana keessatti hirmaannaa hin qaban" jechuun ibsaniiru.

"Badii uumamuufis wanti itti gaafatamaniif hin jiru. Taayyee Danda’aas tooraafi tooftaa  siyaasaa filateen aarsaa itti dhufe kafalus, maatii isaa miidhuun garuu fafa" jechuun qeeqaniiru.

" Yeroma mana itti kireeffatanis osoo hin kenniniif  daa’imman isaa mana jireenyaa  keessaa ari’uun cubbuudha" jedhan.

Dabalataanis:- "Gochi akkanaa qaroowwan  siyaasaa (political elites)  jiddutti gadoo dhuunfaa hammeessuun,  bor gaafa yeroon jijjiramte walitti fayyuu rakkisaa godha. Siyaasni haaloo ( revenge politics) ammoo biyya balleessa" jechuun qeeqanii jiru.

Haati warraa Obbo Taayye Danda'aa Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo mana keessa jiraata turan keessa kaleessa ganama humna nageenyaatiin akka bahan taasifamanii jiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Mariin gam sadee marsaa 4ffaa Itoophiyaa, Ijipitii fi Sudaan Finfinneetti jalqabame

Mariin kun Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadii fi Pirezidaanitiin Ijipit Abduul Fattaha Al-siisii ji'a Adooleessaa keessa wali arguun ibsa waloo kennan hordofuun geggeeffama jira.

Hoggantoonni biyyoota lamaanii bakka bu'oota biyyoota sadaniin mariin taasifamu akka ariifatu qajeelfamoota fi dambiiwwaan hojiiwwaan gara fuula duraa guutinsa bishaanii hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa marsaa jalqabaa akka qophaa'an waliigalteerra gahuu ambaasaddar doktar Injinar Silashii Baqqalaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii odeeffannoon qoodan ni mul'isa.

Itoophiyaan akka lokkoofsa awurooppaatti 2015 qajeeltoota
(declaration of principles) irratti hundaa'uun haqa qabeesuummaa fi sababaan fayyadama laga Abbaayyaarratti ejjennoo qabduu kan itti fufsiiftu ta'uu ambaasaaddar Silashiin eeraniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Paartilee siyaasaa lamaaf beekamtii kennuu beeksise.

Paartileen siyaasaa kunis:-
- Paartii 'insaa'ee Sab'aa Indartaafi'
- Paartii 'Sosochii Bilisummaa Ummata Walaayittaaf' jedhamanidha.

~Boordichi aangoo daambiin seeraa kenneef bu'uura godhachuun paartii siyaasaa ''Tinsaa'ee Sab'aa Indartaaf'' paartii seeraqabeessa naannootuu isaa kan ibsu waraqaa ragaa kennuu beeksiseera.

~Haaluma walfakaatuun boordichi Paartii Sosochii Bilisummaa Ummata Walaayittaaf paartii siyaasaa biyyaalessaa ta'uufi waraqaa ragaa kunneera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot