Shanan Gibee Project
92 subscribers
258 photos
8 videos
4 files
10 links
This Chanel provide updated information and Historical ,cultural ,natural resources of Jimma Zone
Download Telegram
#Jimmaa Ijoolleen Hidhamanii Turan Kanneen Yakka Raawwatame Rawwatan Jedhaman Murteen Yeroo Itti kennamu Kanneen Hafan Gadhiifamanii Jiru haaluma Kanaan 1.Ahimad Kadir irratti Woggaa tokkoof ji'a Jaha yammuu
2.Naamus Abbaanagaa irratti Ji'a Saddeet murteessuun Akka gara mana Adabaa seenan Yeroo Godhaman
Kanneen Hafan Wobiidhaan Hiikamanii jiru!!
Dargaggoo muslimaatiif.
#Jimmaa
Sanbata Dhufu irraa Eegalee guyyaa sadihiif Galma Odaa tti #Leenjiin Diini(Amantaa)dhaan Wol Qabate ni kennama kanaaf Ijoollee Islaamaa Kanneen Magaalaa Jimmaa keessatti Argamtan Marti Affeeramtaniittu.
Ustaazonni Leenjii kana kennan.
1.Ustaaz Sheek Mahammadamiin Tamaam=Aqiida irratti Gaafa Sanbata Xinnaa ganama sa'atii 3-6 guyyaa Sa'atii 8-10 tti
2.Dr Abdallaa Alii=Qur'aanaaf Injiiliin Wol madaalchisuu irratti- Dilbata Guddaa Ganama Sa'atii 3-6 Guyyaa Sa'atii 8-10 tti
3.Ustaaz Sa'iid Nagaashii fi Ustaaz Ahimad Jabal Wiixata Ganama Biqiltuu Dhaabuun Waaree Booda Aklaaqa Irratti Lewnjii Kennu. Kanaaf namni Hundi woliif Dabarsuun Dargaggoonni Keenya Irratti Argamanii Barnoota Argatanii Wolis Akka Baran Kabajaan Dhaammanna.
Waayee Diinnii Keenyaa Bareechinee baruu Qabna!
Leenjiin Akkanaa Jajjabaatee itti Fufuu qaba.
Woliif Dabarsaa.
#Akkuma_itti_Jirantu_Jireenya!
Suuraan Kun Ummata keenya Magaala Jimmaa DDC qubatanii Jiranidha!!
Ummanni Kun Ummata Gidiraa Jireenyaa Hamaa Keessa Jirudha!
Ummanni Kun Ummata Harargee Hoongeen Buqqifnaan Godina Buunnoo Baddallee Qubsiifamanii Turan Kan Lafa Dhabanii Lafa Qonnaa Gaafachaa turan Kan Ammas Magaala Jimmaa Qubatanii Mootummaan qubsiisuu Eeggachaa Jiraniidha!!
Ummanni Kun Mootummaa Irraa Ji'atti Qamadii Ykn Boqqolloo Kg 15 Kan Kennamuuf yammuu tahu Kanneen Liistii hin qabneefi Reeshina Kanallee Hin Arganne Worri Duubarra Mgaazina kana Seenanillee Ni Jiru.
Kanuma Woliin Ummanni Kun Muslimoota Waan tahaniif Ayyaanatti Akkuma Nama Kamiituu Waan Ayyaana Isaan Barbaachisa Ture isa Kanaaf gaafa ayyaana Tumsa Jiraattonni Magaalaa Jimmaatiif Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa Godhan Galateeffadhee Maxxanseen Ture.
Guyyaa hardhaa Immoo Obboleettiin Keenya Tokko Kanin Ammaaf Maqaa Isii Addaan Hin Baafatin Karaa Maatii Isiitiin Sangaa Lama Ummata Kanaaf Erguun Akka Isaan Qalatanii Nyaatan Gootee Jirti Guddoo Galatoomi Jennaan.
Woliif Yaannaan Wol gargaaruun Baayyee Salphaadha.
Inni Guddaan Dhiigni Dhiigaaf Hadooduudha!!
Ummanni Keenya Kun Gidiraa Hamaa Keessa Jira Ummata Kana Rakkoo Kana Keessaa Baasuuf Ummanni Gargaarsa Isaa Itti Fufuun Akkuma Jirutti Tahee Qaamni Dhimmi Ilaallatu Akka Ummata Kana Ariitiidhaan Qubsiisu Bakka Jirru Karaa dandeenyu hundaan Ha Gaaffannu Jechaa Anis Ummanni Kun Daddaffiin Akka Qubsiifamun Gaafadha!!
Ummata Ofiitiif Hadooduun Gochaani Waan Taheef Ummata Keenya Rakkate Kana Bira Haa dhaabannu!!
Wol bira Haa Dhaabannu!!
Umar Xaahir
#Jimmaa
Forwarded from Umar Tahir
na Fayyisuuf Dhaloonni Qubee Ni Dirqama Jechuudha. kun Immoo Mootummaattillee booda Waan Hammaachuu maluuf Hatattamaan Waan Isaan Harka Jiru Heeraaf Seera Utuu Hojiitti Hiikanii Baayyee Gaariidha.
Yaada Furmaataa.
1.Ummanni Oromoo Godina Kafaa Jala jiru Mirgi Sabummaa Isaa Hatattamaan Kabajameefii Ummataaf Himamuu.
2.Ummanni Oromoo Aanaa Dedoo ganda sadan Ammaa (jahan duraani) Jala Jiru Kan Humnaan Kibba Jala Bulaa jiru Wirri Kibbaa Gojob As Jehanii ummata Keenya Of Jala bulchaa Jiran Daangaa Isaaniitti Achi Deebihanii Lafa Woyyaaneen Albuuda Dhagaa Cilee Saamuuf Kibba Jala Akka Galu Gootee Ammayyuu Albuuda Irraa Saamaa Jurtu Hatattamaan Oromiyaa Jalatti Deebisuudha. Yoo Saboonni Daangaa As Cehanii Qubatan Afaan Keenyaan Baranna Jedhan Bulchiinsa Aanaa Dedoo Jalatti Afaan Isaanii Akka Baratan Gochuun Ilmaan Oromoo Mirga Sabummaa Sarbamaniif Mirga Sabummaa Isaanii Dachii Isaanii irratti Akka Heerri Biyyattii Jedhuun Mirkaneessuufiidha.
Kun Gahee Mootummaa Biyya Bulchaa jiruuti.
Kun Hin Tahu Taanaan #Seerri_Oromoof Hin Hojjanne #Oromoo_Irrattis Hin Hojjatu Waan Taheef Rakkoolee Oromoo irra Jiran Ilmaan Oromoo Harka Wol Qabattee Karaa Dandahame hundaan Fumaata Itti barbaaddachuuf Dirqamaan Itti Dhiibama Jechuudha. Kun immoo Daandii Miidhaa Siyaasa,Dinagdee fi Hawaasummaa Erga Qaqqabsiiseen booda Furmaata Argamsiisa. Knf Qaamni Dhimmi Ilaallatu Hatattamaan Dhimmoota kana Akka Furu Afuura Nageenyaatiin Dhaammachuuf jechan Barruu kana Barreese!!
Galatoomaa.
Umar Xaahir
Horaa bulaa!!
#Jimmaa
GADAAN GUMAANHARKA DHIIGAA QULQULLEESSA!!
******************************************************
#Jimmaa
#Afrikaa_Kibbaa
Guyyaa Hardhaa Dhimma Ajjeechaa Mahammad Sa'id irratti Biyya Afrikaa Kibbaa Magaalaa #Juhaanisbarg Keessatti Raawwateen Wal Qabatee Jaarsoliin Dhimma Kana Biyya Sanatti Hordofaa Turaniifi Qaama dhimmi Kun na Ilaallata Jedhee Dhihaate Araara Gaafate Akka Aadaa Oromootiifi Shari'aa Islaamaatiin Dubbatanii Adeemsa Yeroo Dheeraa Itti Adeemaa Turan Sana Guyyaa Hardhaa Magaalaa Jimmaatti Bakka Maatiin Mucaa Miidhamee #Mahammad_Sa'idii fi Maatiin #Maammush Argamanitti Hoteela #Firoomii Keessatti Raawwatee Jira.
Araarri Kun Karaa Jaarsolii Oromoo Afrikaa Kibbaa Jiraniitiin Kan Xumurame Yammuu Tahu Tattaaffii Yeroo Dheeraatiin booda Guyyaa Hardhaa Waan Keessa Darban Gabaasa Guutuu Ummata Araaricha irratti Argametti Gabaasuun Namoota ajjeechaa Mahammad Sa'id Keessaa Harka Qaban Shanan Keessaa Tokko Kan Taheefi Ajjeechaa Kana Adda Durummaadhaan Anatu Raawwate Jechuun Jaarsa Biyyaatti Kan Ofkenne #Maammush Waan Jaarsi Biyyaa Shari'aa Islaamaarra Dhaabbattee itti murteesse Gumaa Gaala 100 Tilmaamaan Qarshii 1,575,000 Baasuun Akka Aadaaf Safuu Oromootti Maatiin Maammush Abbaafi Obboleessa Isaa Dabalatee Iddoo Araaraatti Argamuun #Haatii fi Obboleessi #Mahammad Sa'idis Maatii Guutuu Waliin Irratti Argamanii Bifa Guutuu taheen nama Araara Gaafate #Maammush Waliin Araarri Bu'ee Jira.
Araara Kana irratti Abbootii Gadaatii, Jaarsoliin Jimmaa fi Arsii Akkasumas #Hosaa'inaa Irraa walitti dhufan Irratti Argamuun Raawwatamee jira.
Abbootiin Amantaatis Sirna Kanarratti Argamuun Ergaa Tokkummaa Keenya Cimsu Nuuf dabarsanii Jiru.
Wolumaa Galatti Araarri Maatii #Mahammad_Sa'idii fi Maatii #Maammush Gidduutti Guyyaa 4/1/2011 tti Raawwatamee jira.
Namoonni Ajjeechaa Kana Keessaa Harka Qaban Arfan Hafanis Akka Aadaa fi Safuu Oromootti Abbaa Gadaatiif Jaarsolii biyyaatti OfKennuun Rakkoon Namoota Gidduutti Uumame kanaaf akka fala waaraa buusan gaafatamee jira.
#Gadaan Quufaa Gabbina!
#Jimmaa
Aanaa Qarsaa
Lubbuun Namaa Qoosaa Taate!!
Godina jimmaa Aanaa Qarsaa Ganda Hawaayee Sabbuutti Abbaa Ilmaan Shanii Kan Tahe Hawwii Abbaamaccaa Hidhataa Gandaatiin Rasaasaan Reebamee Ajjeefame.
....
Dhimmichi Akkana Bulchaan Ganda Hawaayee Sabbuu Sulxaan Abbaagaroo Guyyaa lama dura Gaafa Robii Nama d'e kanaan Rasaasa Lama Siif qopheesseera jedhee itti kakatee gaafa Jimaataa sa'atii afur irratti Hidhattoonni nama Shan Tahuun Mana Dhaqanii Manaa Gadi Waamanii Rasaasaa Reebanii Erga Kuffisaniin Booda Dhagaadhaan Lafatti Reebanii Lubbuu keessaa Baasan.
Namoonni Ajjeechaa Kana Raawwatan.
1.Sulxaan Abbaagaroo Kan Erge
2.Saadoo Abbaazinaab Kan Dhukaasee Ajjeese
3.Hasan Abbaajoobir Kan Dhagaadhaan Lafatti dhahe
4.Daliil Abbaamaccaa Kan Qabee manaa gadi baase
5.Mahammad Abbaamaccaa Qabee manaa Gadi baase
6.Taajuun Uleedhaan lafatti dhahe
7.Na'iim Abbaafiixaa Mana cabsee Ol seenee Meeshaa Babballeessaa ture
Badii qaqqabe
1.Hawwii Abbaamaccaa Ni Ajjeefame
2.Mahammassaanii Abbaamaccaa Rasaasaan Dhahamee Hospitaala shanan Gibee jira.
3.Qabeenyi Caccabeera
4.Maallaqni Mana Keessaa Badeera.
Tarkaanfiin Qaamni Seeraa fudhate Nama Qawween Dhahe qofa Tkan To'atan yammuu tahu Dura bu'aan Gandaa Namni Nama dhahe kun nuuf jedhee akkas Tahe jedhee Isa Bilisa baasuuf Maallaqa deeggartoota isaa Irraa funaanaa Jira.
Dubbiin Akkanaa Kun Kana Duras Aanaa Qarsaa Kana Keessatti Baayyee kan Mudataa jiru yammuu tahu Aana Kana Keessatti Lubbuun namaa Wobii Hin qaba Nama Jechisiisa!!
Dubbiin Kun Aanaa Kana Caasaan Bulchaa Jiru Ymmataaf Maali? Gaaffii Jedhu Akka Kaafnu Nu Godhee jira.
Kana Sirnaan Qorannee wolitti Deebina!!
#JIMMAA
#KFO
Guddaa dhufu Jiilli KFO Gara Godina Jimmaa ni Dhufu. Ganama Wolisorraa Ka'uun Gara Jimmaa Dhufu Waan Taheef Miseensonniifi Deeggartoonni KFO Gibee hanga Magaalaa Jimmaa Jirtan Dammaqinaan Eegaatii Keessummaan keessan kun Isin Dubbisaa Darba Waan taheef Isinis Dubbistanii Dabarsuuf Qophaahaa. Magaalaaleen Akka #Qumbii ,#Sokorruu,#Dannaba,#Sandaaboo fi #Sarboon Jila #KFO Kana Haasofsiiftanii Dabarsuuf Qophaahaa!! Jiilli kun Woliso irraa Ka'u Waan Taheef Sa'atii isaan Magaala Keessan itti Gahan Tilmaamumaan itti Ilaalaa eegaa.
Magaalaa Sarboo Gaafa Gahan Waajjira #KFO_Aanaa_Qarsaatti goranii Daawwatanii Darbu. Miseensotaa fi Deeggartootas Dubbisanii Darbu.
#Wiixata Ganama immoo Magaalaa Jimmaatti Bakka bu'oota Aanaalee tii fi Koree Godinaa Woliin Marii godhanii Gara Beddelleetti Darbu.
Kanaaf Namoonni Hooggantoota kanneen Dubbisuufi ittiin Wol arguu barbaaddan gaafa #Guddaa/Dilbata Gibee Hanga Magaalaa Jimmaatti Yeroo Isaan Ummata Dubbisanii fi Iddoo qubannaa Isaaniitti itti Daqanii Haasofsiisuun ni dandahama!!!
KFOn Dhaaba Ummataati!!
®Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu
©©©©©©©©©©®®©©©©©©
Ummata Musliimaa Magaalaa Jimmaafi Naannoo isii hundaaf
*******************************
#Hiriira_Balaaleffannaa Gubannaa Masjidaa Naannoo Amaaraa Godina Gojjam Bahaa Magaalaa #Mooxaatti tahe Balalleffachuuf Qophaa'e!
#Jimaata dhufu gaafa guyyaa 17/4/2012 Guutuu Biyyaatti Ummata Muslimaatiin Hiriirri balaaleffannaa waan gaggeeffamuuf,
Godinaa Jimmaatiifi Magaalaa Jimmaattis hiriirri nagaa ni gaggeeffama.
Haaluma kanaan Aanaalee Godina Jimmaa Hundatti Masjidoota Gurguddaa keessatti kan gaggeeffamu taha.
Hiriira nagaa guddicha Magaalaa Jimmaatti geggeeffamuuf qophiin gama hundaan xummuurameera.
=======%%%=====%
Kanaafuu ummanni Muslimaa Magaala Jimmaatiif Naannawa isiitti argamtan Hundi Salaata Juma'aa Irratti wol Gahamee Gara Hiriiraa Deemama.
@Masjidoonni Ka'umsa Hiriiraa Tahan.
1.Masjida Rahmaa(Doloolloo)
2.Masjida Fatii(Markaatoo)
3.Masjida Muniir(Mantiinaa)
4.MasjidaAbubakar(Faranjaraadaa)fi
5.Masjida Abdulmajiid(Shawaa barrii)
Masjidoota kanneen keessaa namoonni kan isaanitti dhihaate dhaquun kan achi irraa kahamu taha.
Haala kanaan Ummanni Musliimaa Tokkummaadhaan Barruulee dhaadannoo Balaaleffannaa Qophaa'an Qabatee Sagalee dhaadannoo Isaa Dhageessisaa gara Istaadiyamii Guddicha Magaalaa Jimmaatti Hiriiraan Deemama.
Ummanni Istaadiyamiitti Wal ga'ee ergaa Aalimootaa fi Dii'iwwan Irraa Darbu dhaggeeffatee; Ibsa Ejjannoo baafachuun Nagaan Gara Mana Manaatti Deebi'ama. Kanafuu isin hunduu akka hirmaattanii dallansuu gubachuu mana Rabbiitiif Isinitti dhagahame akka dhageessifattan waamicha isiniif goona!
#Koree Qindeessituu Hiriira Nagaa Magalaa fi Godina Jimmaa!!
Muddee 16,2012 EC
#JIMMAA
#ALLAAHU_AKBAR
_______€€_________
Rabbiin Nu woliin Ha Jiraatu!!
#Galatoomaa!!
#Jimmaa #Ibsa_Ijjannoo!!!!
#Hiriirri_Balaaleffannaa #Gubachuu_Masjidaa Akkuma Karoorfametti Milkiin Xumuramee jira!!
Hiriira kana irratti Hawaasni Muslimaa Magaalaa Jimmaa Ibsa ijjannoo Armaan Gadii Kana Baafatee Ummata Fuulduratti Dubbifamee Adda bahame!!
__________________________________
Ibsa Ijjannoo Muslimoota Godina Jimmaa
=======¥¥¥¥¥========
1. Yakkamtoonni warra naannoo Amaaraa magaalaa Mooxaatti masjida gubanii sirbaa turan hundinuu akka seeratti dhihaatanii adabbii yakka isaaniitiin wal madaalu adabaman.
2. Qaamolee Shira kana xaxan, kan amantii adda addaa walitti buusuuf socho'an, kanneen fiilmii kijibaa ummata walitti buusu hojjatanii mana amantii keessatti agarsiisaa turan hunduu akka seeraan adabaman.
3. Mootummaan naannoo Amaaraa badii argameef itti gaafatama akka fudhatee qabeenya Muslimootaa barbadaa'e beenyaa akka kafalu; Masjida gubate ijaaree akka Muslimootatti kennu. Badii uumameefis dhiifama akka gaafatu.
4. Mootummaan federaalaas rakkoolee argaman xiqqoodha jechuu dhiisee ol aantummaa seeraa haa kabachiisu.
5. Nuti Muslimoonni hunduu tokkicha. Dhimmi masjida bakka kamiituu nu galcha. Sabaafi naannoon adda nu hin baasu.

_________€€€€€€______
የጅማ ሙስሊሞች የአቋም መግለጫ
★★★★★★★★★★★★★★★
1· እኛ ሙስሊሞች አንድ ነን።ብሔርና ክልል አይከፋፍለንም።ዬትም ቦታ ያለው መስጅድ ጉዳይ ያገባናል።
2· በአማራ ክልል ሞጣ ከተማ ላይ መስጅድን አቃጥለው ስጨፍሩ የነበሩ ወንጀለኞች፣ ሀላቸውም ለፍርድ ይቅረቡልን።
3· ይንን ተንኮል ያቀናጁ አካሎች ፣ እምነት ከእምነት ለማጋጨት የሰሩ ሰዎች፣ ህዝብን የሚያጋጭ የውሸት ፊልምን ሰርተው በቤተእምነት ውስጥ ሲያሳዩ የነበሩ ሁሉ በህግ ይጠየቁልን።
4· የአማራ ብሔራዊ ክልላዊ መንግስት ለተከሰተ ችግር ሀላፍነትን ወስዶ የተቃጠለ የህዝበ ሙስሊሙን ንብረት ካሳ ይክፈል፤ የተቃጠሉ መስጅዶችን በአስቸኳይ ገንብቶ ለህዝበ ሙስሊሙ ያስረክብ፤ ላጠፋውም ይቅርታ ይጠይቅ።
5· የፌዴራል መንግስትም የሚከሰቱትን ችግሮች ቀላል አድርጎ ከማየት ይልቅ የህግ የበላይነትን ያስከብር።

#Allaahu_Akbar

Umar Xaahir
#KFO
#Jimmaa
#Jijjiirraa_sagantaa Simannaa Jila #KFO!!!
Jilli kan Jimmaan dhufu 03/06/2012 tahee jira!!
Jilli Hoggantoota KFO Kan Phr Mararaan durfamu kan Jaal #Jawaar_Mahammadiin of Keessatti hammate gara Jimmaa dhufuuf Sagantaa Isaa Sanbata Xiqqaatti qabatee ture Gara kibxata gaafa Gurraandhala 30,2012 ALH tti Dabarsuu isaa Beeksisaa Gaafa Kibxataa tti Namni hundinuu itti haa qophaahu.
Jila KFO Finfinnee irraa dhufu woliin Namoota dhufan keessaa Shabudin Nura Urgessa Sheek Abdulhannaaniifi obbo Badru Adam Anbaasaaddar Abbaabiyyaa Abbaajoobir fi Kanneen maqaan ibsuun hin barbaachifnellee
woliin dhufuu malu jedhamee Eegama Karaa biraatiin miseensa gumii dabaa ABO Aadde Faaxee Adam fi Bakka Bu'aan ABO obbo Haafiz Abbaaluleessa qophii kana irratti ni Argamu.
Kanaaf Ilmaan Oromoo Oromummaan isinitti dhagahamu hundi gaafa keessummaan kun nutti dhufu tokkummaan baatanii simachuun kabajaa Jimmaan qabdu akka eegsiftan abdii guddaa qabna!
#JIMMAA
#KFO
#JAWAAR_MAHAMMAD
Sagantaan Ummataan wol baruu jila #KFO Jimmaan Istaadiyamiitti qabamuun ni yaadatama.
Haata'u male Bulchiinsi magaalaa Jimmaa gaaffii nuti akka dhaaba wolabaan sochoohu tokkootti ummata woliin marii gochuuf qabanne boordiin filannoo duula na filadhaaf yeroon gahuu nun beeksifne jechuun rakkoo uumamuuf itti gaafatamummaa kan hin fudhanne tahuu nu beeksisanii jiru nutis akka waajjira KFO godina Jimmaatti dubbii kana irratti mariyannee booda waajjira mummeetti Xalayaa Deebii nuuf kenname woliin ol dabarsine deebii waajjirri KFO Mummeen bulchiinsa magaalaa Jimmaatiif deebisu eeguutti jirra kanaan wol qabatee Sagantaan Mariifi wol baruu KFO n Jimmatti Kibxata Iftaanii gaafa 03/06/2012 tti qabatee guyyaa muraasaaf achi darbee jira.
Guyyaa inni itti darbe deebii waajjirri Mummeen kennu woliin kan isiniif ibsinu taha.
Kanaaf Miseensonnii fi Deeggartoonni kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) akkasumas Sabboontonni Oromoo dhaaba Garagaraa keessa jirtan Kanneen Godina Jimmaa Keessatti argamtan marti bakka jiratanii Qophii Jila KFO simachuuf Qophaahaa.
Namoota Jilli Gara Jimmaa dhufu of keessatti hammatu!
1.Phr Mararaa Guddinaa
2.Obbo Jawaar Mahammad
3.Obbo Baqqalaa Garbaa
4.Obbo Xurunaa Gamtaa
5.Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo
6.obb Shaabuddiin She Nuuraa
7.Sheek Abdulhannaan Abbaamaccaa
8.Obbo Badruu Adam
9.Daa'iiwwan Gurguddaa
10.Artiistota Bebbeekamoo
Kanaaf Guyyaan Jala bu'ee Himama waan taheef Namuu bakka jiruu of qopheessee wol qopheessee haa Eegu.
Yoo worri bulchiinsaa irra deebi'anii haala qophii keenya istaadiyamiitti godhannu nuuf mijeessan Wol argaan guyyaa fuuldura kena ibsamutti Istaadiyamii Jimmaatti taha. Yoo kun hin taanes Magaalaa jimmaa keessaa iddoo nama baayyee fudhata jedhamee tilmaamu tokko ilaallee woliif dhaamnee achitti wol geenyee Guuza Oromummaa baanee galla.
Adeemsa keenya keessatti Nuti Kabajaaf Jaalalaan Siyaasa qofa gaggeessuu barbaanna.
Siyaasa Jibbaa keessaa hin qabnu.
Siyaasa Arrabsoo keessaa hin qabnu.
Siyaasa Xiiqiif wol balleessuu keessaa hin qabnu.
Siyaasa Gandummaa keessaa hin qabnu.
Jaallan qabsoo kan isaan Gara jimmaa dhufaa jiraniif Jimma akka naannoo Oromoo tokkootti ummanni jimma keessa jiru maal argate? Maal immoo dhabe. Maal immoo barbaada isa jedhu kan namoota dhuunfaa dhuunfaa irra dhagahanu caalaa hawaasaa baldhaa irraa dhagahuun hegeree Oromoo Keessatti Ummanni Jimmaatis shoora inni taphachuu qabu akka inni karaa sirrii taheen taphachuu dandahu gochuuf akka paartii siyaasaattii fi akka hayyuu sabaatti Ummaticha woliin mariyachuufi.
Jaalala akka akka labsaniif dhufuu isaanii barbaanna. Nutis akka isaan ilmaan oromootiif akkasumas sabaaf sab-lammii biyya kanaatiif jaalala labsan jabeessinii qabachiifna.
Sagntaa kana irratti lammiin Itoophiyaa kamuu irratti hirmaachuu ni dandaha.
Hubachiisa
Namni kamuu huccuu gosa barbaade uffatee sagantaa kana irratti argamuu ni dandaha, garuu,waan seera cabsuu fi waan nama biraa arrabsu kamuu uffataniis tahee qabatanii sagantaa kana irratti argamuun dhorgaadha. Nama argame bakka argametti qaama nageenyaatiin ha geenyu.
Waajjira KFO Godina Jimmaa irraa
Umar Tahir
Horaa bulaa!!!!
#Jimmaa
#Gamtaa!!
____^^^^^^^^^^^^_______
Sabboonaaf Sabboontuun!!
Qeerroof Qarreen Jimmaan keessa jirtu marti.
Bor ganama irraa Waajjira ABO tti wol agaree waamicha Waajjirri ABO Eebba waajjiraatiif ilmaan oromoo Jimma keessa jirtu maraaf godheen Wolitti baanee #Jirra Haa Jennu!
Inni borii Kan deeggaraaf Miseensa ABO qofa Miti kan Sabboontota hundaati waan taheef irratti argamnee jirra haa jennu!
Wol bira dhaabannee Oromummaa kabachiifna!
Ergaan kun Ana Umar Xaahir
Bakka bu'aa KFO Godina jimmaa irraati!!
Nagaan oolaa wol argaan Ganda Aweetuu Mandaraa Waajjira ABO tti!!!
Forwarded from Jimma Gibe channel
#Karchallee_Jimmaa
_---------____--------
#Jimmaa fi Hidhamtoota #Siyaasaa
Murtii Siyaasaa Hidhamtoota Siyaasaa Sababa Ajjeefamu Artiist Hacaaluu Hundeessaatiif Gadda bahuun isaanii yakka tahee irratti murtahe, kanneen Mana Sirreessaa Jimmaatti idhamanii jiran.
&&&&&&&&&&----
#Jimmaa,Oromiyaa
#Magaalaa_Jimmaa irraa
1.Redwaan Jamaal A/Foggii woggaa afur (4)
2. Hamzaa Naasir Mahammad woggaa afur (4)
3. Aalimoo Abdurrahiim A/firaa woggaa afur (4)
4. Fu'aad Abdallaa Mahammad. Woggaa afur (4)
5.Musxafaa Amad A/jihaad woggaa 2 fi qr 500
6.Kaalid Habiib A/diggaa woggaa Afur(4)
___
#Saqqaa_Coqorsaa
1.Qamar Mahammad Haji Huseen woggaa 4 fi ji'a shan(5)
2.Ibraahim A/Garoo Faqiih woggaa afur(4)
3.keeraddiin Kadir A/bulguu woggaa afur(4)
4.Abdoo Faaris A/foggii woggaa afur (4)
5.Umar A/Dilbii A/diggaa woggaa afur (4)
6.Kaamil Awwol A/milkii woggaa afur (4)
7.Anwaar Awwol A/joobir woggaa afur (4)
8.Mansuur A/Giddii She m.saanii woggaa afur (4)
9.Haafiz A/Moggaa A/fiixaa woggaa afur(4)
10.Abbabee A/jabal A/maccaa wogaa afur (4)
11.Alaamuddiin Awwol A/bulguu wogaa afur(4)
12.Faatii She Jamaal. Murtii Woggaa sadii(3) fi Ji'a
Jahaa(6)
13.Fu'aad A/Jihaad murtii woggaa lamaa(2( fi Ji'a
Shan(5) adabbii maallaqaa qr 500

#Aanaa_Maannaa irraa
1.Faaxumaa she Imaam A/foggii - woggaa 2 fi ji'a 5 fi Qr 500
2.Abdoo Haafiz A/Garoo -woggaa
2 fi ji'a 5 fi Qr 1000
3.Mu'aaz Naasir A/Tamaam. woggaan 3
4.Faayiz Zinaab A/foggii woggaan 3
5.Roozaa Maammadamiin woggaa afur(4).

#Daalattii
Namoonni Jimmarraa geeffamanii himataaf murtii tokko male Daalattiitti hidhamanii jiran.
1.Tokkummaa Margaa
2.Yooseef Katamaa
3.Mubaarik Abbaamoggaa
4.Kaalid(Zinaabuu) Mahammannuur
5.Mahammad Jamaal Lammaa
6.Hasan Yooseef
7.Misgaanaaw(Daadhii) Qajeelchaa


#Jimmaa
Liistii hidhamtoota Hiriira gaddaa Ajjeefamuu Artiist Hacaaluu Hundeessaatiin wol qabatee Manneen murtii Aanaaleetti itti murtaahe kanneen yakka gogaa raawwattan jedhamanii itti murtaahe
keessaa kanneen ammayyuu hidhaa jiran.
#Magaalaa_Jimmaa irraa
1.Awwol A/foggii murtii hidhaa woggaa 3
2.Abdii Abdallaa murtii hidhaa woggaa 2 fi ji'a 6
#Aaanaa_Maannaa irraa
@kanneen murtiin woggaa sadii(3) itti murtaahe
1.Ridaahuu A/Nagaa A/duraa.
2.Naazimuu Naasir A/luleessaa
3.Xaahaa M/saanii
4.Najiib Zaakir A/dura
5.Hawwii Naasir A/Maccaa
6.Faadil Gaalii A/gissaa
7.Miiftaa Naasir
8.Isaaq A/fiixaa
9.Na'iim Naasir
10.Rashaad A/nagaa
11.Naziif A/maccaa
13.Saahib Siraaj
14.Musayid A/nagaa
15.Toofiq Gaalii
16.Ridaa Maamud
17.Umar Maammadamiin
18.Xayyib A/maccaa
19.Muriidaa A/jihaad