Dawaa Qalbii
8.9K subscribers
2.18K photos
37 videos
42 files
2.91K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
​​Sirni Awwaalcha Sheikh Ibrahiim Siraaj Magaalaa Riyaadiitti raawwatame

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
February 4,2020

Yeroo dheeraaf karaalee Miidiyaa hawaasaa fi miidiyaalee gara garaattiin , mataduree adda addaa irratti sagantaa da'awaa, akkasumas barnoota diin Islaam barsiisuun kan beekaman, aalimni guddaan biyya keenyaa Sheikh Ibrahiim Siraaj, dhukkubsatanii wal’aanamaa eega turanii booda galgala kaleessaa February 3,2020 gara ganda Aakiratti godaanan.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa February 4,2020 Sa’uudii magaalaa Riyaadiitti iddoo awwaalchaa ‘Meqberette Shimaalaa Riyaad' jedhamuutti, sirni awwaalcha Isaanii kan raawwatame yoo tahu, sirnicha irratti Ulamaa’onni gurguddoon biyya keenyaa fi biyyoota alaa akkasumas, hawaasni muslima biyya keenya lakkoofsaan hedduu ta’e argamu odeeyfannoon ni addeessa.

Shekha keenya Rabbiin jannataan haa qananiisu. Maatiifi hawaasa isaan dhabeefis Rabbiin sabrii haa kennu jenna.

#Dawaa Qalbii
Maddi:_NH
Garuu maaliif?🤔

Soba dubbachuun xiqqinna xiqqinoota hundaa ta'uu isaa ni beekna. Ega kanaa tahee dhugaa dubbachuun maaliif nutti ulfaata?
Sa'aatiwwaan lamaafi sadihiif filmii yoo laalu dammaqaa taanee hordofna; garuu daqiiqaa shaniif salaata irraa dhaabbanne maaliif dadhabna?
Kubbaa yoo laalu yeroo dheeraan hangaa sakandii nutti gabaabbata; salaata yoo xumurru akka waatii hidhaa gad lakkifamtee maltuu nu gugachiisa?
Hojii ykn dhimma yoo qabane ganaman kanaa; salaata subhittiif garuu maaliif dadhabna?
Badii yoo hojjannu namni nu arge mo nu hin argine jenne sodaanna; Allaahaan akka nu hordofu osoo beeknu garuu maaliif isa hin sodaanne?
Dangaa Allaaha(sw) yoo cabsamuu yoo arginellee argee akka hin argine ta'uu fi caldhiinsa filanna; dhimma Kenya irratti ammoo malif dallanna?
Adeemsa carraa jireenya keessatti kasaaruu kee qofa hin laalin. Bu'aas ni qaba.
♥️🍇JUMU'AA MUBAARAK🍇🍇
💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftoota chaanaalii keenyaa baga guyyaa kabajamaa fi jaalatamaa guyyaa Jumu'aa guyyaa kheeyrii kanaan isin gahe.

Sunnaawwan guyyaa jumu'aa
• Qaama dhiqachuu
• Qeensa qorachuu
• Shittoo(Urgooftuu) fayyadamuu👉dhiira qofaaf
• Yeroon gara masjiidaa deemuu
• Suuraa Alkhahaf qara'uu
• Ergamaa Rabbii(Sa Al Ws) irratti salawaata heddummeessuu
• Uffata babbareedaa uffachuu
• Du'aa'II heddumeessuu
• Sadaqaa(Kennaa) heddummeessuu


Walumaa galatti wantoota kheeyrii heddumeessuu wantoota hamoo(sharrii) irraa fagaachuun jumu'aa keenya haadabarsinuu!!!!!!!!!

Guyyaa jumu'aa kanaan Rabbiin biyya keenyaa fi ummata keenyaaf nagaa nuuf haa buusu jedhaatoo Du'aa'II godhaa!!!
♥️Nagaa♥️Peace ♥️Salam♥️


https://t.me/Sammaan
#الزواج_من_أجل_الدين ···

◀️ إذا كان غرضك من الزواج أن :-
▪️Yoo kaayoon fuudha keetii:
● تعف نفسك ·
☑️Haraama irraa uf qabuuf taate.
● تصون عرضك ·
☑️Gurra ykn Irdii kee eeggachuuf.

● أن لا تقع في المحرمات ·
☑️Haraama eeggachuuf.

● تقضي وطرك بالحلال ·
☑️Jiruu kee Halaalaan eeggachuuf.
● أن يستقيم أمر دينك ·
☑️Islaamummaan kee gadi dhaabachuuf.
● أن يعينك ذلك على عبادة الله عز وجل ·
☑️Ibaadaa Irratti si qarqaaruuf.


● أن تبني أسرة سلفية و تربي أبنائك على التدين و الإلتزام ·
☑️maatii gaarii ihaaruuf,ilmaan kankee diin Irratti guddisuuf.
فلا خوف من الفقر بعد الزواج ···
Fuudha booda hityummaan sodaatin.
قــال الشيخ العلامة عبد الرحمن الســعـدي رحمہ الله جل ووعلا :-

قولہ تعالـﮯ : ( إِنْ يَكُونُوا فُقَرَاءَ يُغْنِهِمُ اللَّهُ مِنْ فَضْلِهِ ).
Rabbiin akkana jedha:
"Hiyyeeyyii yoo taatanis rabbiin isin duroomsa"
المصدر :-
Maddi:
تيسير الكريم الرحمن (صفحة567)
https://t.me/Sammaan
Ergamaan Rabbii ﷺ ni je'e Waa jaha (6) of naa qabaa Jannataan of isinii qabaa

1. Dhugaa Dubbadhaa Yeroo Haasoftan

2. Baallama Guutaa Yeroo Baallama Seentan

3. Bakkaan Gahaa Waan Irratti Amanamtan

4. Tiysaa Farjii/Qaama Saalaa keeysan

5. Ija Teeysan Gad Qabadhaa Haraamirraa

6. Harka keeysan Qabaa Haraamirraa

Inshaa Allaah Rabbiin Rahamata isaatiin nuhaa tiysu
Kheeyrii Duniyaa fi Akhiraa Nuhaa waffaqu

Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiin Yaa Rabbal Aalamiin!!!!!!
from Sumayyaa bint mukhtar
Eegdotni Jawar Mohaammad meeshaa isaan bira jiru deebisanii isa bira turuuf murteessan

Jawaar erga poolisiin federaalaa murtoo isaan kaasuu irra gahuu natti himee eegdota koo waliin irratti mari'anneerra jedhe. Isaanis isa dhiisanii deemuu akka hin barbaanneefi isuma biratti hafuuf akka murteessan natti himan jedhe Jawaar.

Eegdotni koo ''maqaa fi suuraan isaaniis bakka hedduutti ibsamaa waan tureef nageenya isaaniifis sodaachisaa akka tahe fi kanaaf anuma bira turuu akka barbaadan natti himan.''

Dhimma kana irrattis ergan qondaala poolisii federaalaa komaander Indashaaw jedhaman waliin mari'adhee isaanis eegdotni koo akka miseensa poolisii keessaa baafamaniif akka murteessaniifi anuma biratti hafan waliigalle jedhe.

Kanumaan kaleessa eegdotni isaa meeshaa mootummaa isaan bira jiru hundaa deebisanii isa biratti hafuu isaanii hime Jawaar.

Maddi: BBC
Odeessaalee dabalataaf 👇www.gadaapost.com mil'adhaa.
Channel photo updated
Nama jaalachuu jechuun ilaalcha namaa guututti fudhachuu jechuu miti.

Yoomiyyuu ilaalcha namaa guututti akka fudhattu si hin gorsu yoo kan Ergamaa Rabbii
S A W ta'e malee

🌹🌹Join
#dawaaqalbii
👉ABDII HIN KUTIN👈

🔐wanti gadhee (jibbisiisaa) akkuma jiru
🔑wanti baaredanis nii jira
🔐 rakkinni akkuma jiru
🔑 furmaanni isaas nii jira
🔐milkaa'uu dhabuun akkuma jiru
🔑milkaa'unis nii jira
🔐wanti jabaan akkuma jiru 🔑wanti laafanis nii jira

✔️ABDII HIN KUTIN✔️
🔓sif banamti gaaf 🔓
@Dawaa Qalbii
Jabaadhaa dubbisaa barattoonni keenna 👇👇👇👇👇👇👇👇
Forwarded from Gadaa Post
Qormaata Biyyaalessaa...

Eejansiin Madaallii fi Qormaata Biyyaalessaa gabatee yeroo qormaata kutaa 12ffaa fi kutaa 8ffaa bara 2012 ifoomsera. Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2012 Caamsaa 24-27, 2012 kan laatamu yoo ta’u, qormaanni biyyaalessaa kutaa 8ffaa ammoo Waxabajjii 1-3, 2012 kan laatamu ta’uu eejansichi beeksiseera.

(FBC)
@Gadaapost
@Gadaapost
Forwarded from Islamicbot
🌹Assalaamu Aleeykum🌹

🌹Warahmatullaahi🌹

🌹Wabarakaatuhu 🌹

🌹🌹Join the Group 🌹🌹
https://telegram.me/ISLAMYOUTUBER


Obboleyyan Islaama Warren Gama YouTuben Waa'ee Amantii irratii hojjatan bifaa Salphaa kanan YouTube channel keenyaa haa guddifadha.

Akkaata ittii fayyadamtu 🌹

Namoonni You Tube qabdan ergaa garee kana join gootanii booda Linkii keessan groupii kana irratti maxxanfaachuu qabdu..

Sana booda karaa keessan(inbox) waliif godhuun Subscribe, Like, Share fi viidiiyoo waliif dawwachuu qabdu.

🔴Hubachisaa

Linkii as irratti maxxansiitaan kan YOU TUBE qofa ta'uu qaba!
❤️❤️ Join Group 💙💙

👉https://telegram.me/ISLAMYOUTUBER
عبدالله إبن طيب:
💐🍓 DHAAMSA USTAAZ #YAASSIN #NUURUU 💐🍊

Ustaaz yaassin nuuruu yaroo tokko osoo da'awaa godhaa jiruu baacoo armaan gadii tana dubbate.

"Saroonni naanno tokkoo yaroo takka shuuraa godhuudhaaf walitti qabaman.

• Nuti maatiwwaan keenya nu miidhaati jiru.
Kanaafuu nuti yoo hattuun dhufe hin iyyinu(Dutnu) jadhanii irratti murteeffatanii waliigalan.
Hundumtuu gara mana isaanitti deebi'an.


Sareen walgahii isaanii kan irratti hirmaatee oole gale tokko mana inni eegu hattuun guyyaa ayyaanaa hoolaa hatuuf dallaa inni jiru keessa seente.

Sareenis hin iyyinu jachuun irratti waan walii galee jiruuf argeetuma cal-jadhe.


Hattichis hoolaa argadhe jadhee saricha baadhatee gara mana ofitti galfatee yammuu gorra'uuf (qaluuf) jedhu sarichi utaalee harkaa miliqee gara qa'ee isatti deebi'ee,

Sareewwan naannoo isaa waamicha hatattamaa godheefi akkana isaaniin jadhe,

"Yaa saroota ofii keessanii jadhaatii iyyaa (dutaa) yoo diddan hoolaa jadhanii isin gorra'uuti"

Eeyyeen namni muslima taate hundinuu ofii keetii jadhii
Amantii tee baradhu gadi fageenyaan yooniifi ofitti teesse kan biraatu akka malee si godhaatii

@Kennaapost
@Kennaapost
Forwarded from KENNAA (Abdii Biyyaa)
HAWAASAAF SAGALEE TAHAA


@Kennaapost

Ministeerri muummee Itoophiyaa dr Abiyyi Ahmed lammiilee Itoophiyaa fi dhalattoota Itoophiyaa baha giddu-galeessaa jiraatan wajjiin Mari'achhuuf garasitti imalanii jiru.

Isinis obboloonni keenya dhiiraas ta'ee shamarranii hedduun keessan Muslima ta'uu keessan wajjiin sagalee muslimootaa Itoophiyaa kan paarlaamaa biyyattii kana keessatti ukkaamfamee jiruuf akka sagalee taatan jechuun miseensonni #KENNAA_DHALOOTA_QUBEETIIF ergaa keenya isin biraan geenya!!!

Dr Abiyyi rakkoo lammiilee keenya biyyoota arabaa keessaa furuuf xiyyeeffachuun waan jajjabeeffamu ta'ee osoo jiruu garuu immoo lammiileen keenya kunniin sababbiin biyyaa isaan baase biyya keessatti carraa hojii dhabuudha. Biyya keessatti cunqurfamuudha. Ganda isaaniitti roorrifamuudha.

Maarree rakkoo kanneen furuuf maal hojjechaa jiraa!!?

Erga inni gara aangootti dhufee as masjidoonni 35 ol tahan yemmuu gubaman, qur'aanni yemmuu gubatu, manneen daldalaa muslimoota yemmuu ifatti saamaman mootummaan dr Abiyyii maal hojjatee!!?

Dantaa ummata islaamaa biyya keessaa otoo hin eeginiif dantaa dhunfaatiif biyyoota Arabaa jala fiiguun bu'aa buusu hin qabu.

Gaaffiiwwan dr Abiyyi gaafatamuu qabu
Erga ati aangotti hin dhufinii kaasee hanga ammaatti booyichi muslimoota aksum maaliif deebbii dhabee?
Badiiwwan masjidootaa fi hawaasa muslimaa irra gahaa jiruuf eenyututu itti gaafatamaa??
Gubaatii masjidoota 35 tii fi gubinsaa fi saamicha qabeenya ummata muslimaa iddoo garagaraatti geggeeffamaa jiruuf mootummaan isaanii warreen farra islaamaa ta'an kanneen irratti tarkaanfii akkamii fudhatee??
Masjidoota gubatee fi qabeenya saamame bakka buusuuf maal hojjetee??
Namoota meeqaas seeratti dhiyeessee?, meeqatu murtii seeraa argatee??
Mootummaan kaleessa yeroo gochi walfakkaataan naannoo sumaaleetti raawwatamu hoggantoota, naannichaa hidhee, manneen gubatan deebisee ijaarsise harra maaliif callisee, moo muslimoonni akkuma jarri jedhan lammii biyya kanaatii mitii??

Rakkoon fi miidhaan lixa Oromiyaa jiru maaliif fala dhabee, lammiileen nagayaa karaa gubbatti ajjeefamuu?

👉Kunniin gaaffii miseensonni keenya karaa keessaatiin nuuf ergani!
Maarree isinis keessumaa obboloonni biyyoota baha giddu-galeessaa jiraattan gaaffilee kanneenii fi kan biroos itti dabalaa hawaasa keessaniif sagalee tahaa!!

@Kennaapost
T.me/Kennaapost
#Allaahu_akbar,
Deeggarsa mooxaatiif maallaqa gama internationala/biyya alaa irraa sassaabamu jiruun alatti hanga ammaatti baankiilee 9n irratti qarshiin 208,939,962 galii ta'eera.
☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️👍
🚩 maddi keenya: zawiya
Forwarded from KENNAA (Abdii Biyyaa) via @like
♥️🍇JUMU'AA MUBAARAK🍇🍇
💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftoota chaanaalii keenyaa baga guyyaa kabajamaa fi jaalatamaa guyyaa Jumu'aa guyyaa kheeyrii kanaan isin gahe.

Sunnaawwan guyyaa jumu'aa
• Qaama dhiqachuu
• Qeensa qorachuu
• Shittoo(Urgooftuu) fayyadamuu👉dhiira qofaaf
• Yeroon gara masjiidaa deemuu
• Suuraa Alkhahaf qara'uu
• Ergamaa Rabbii(Sa Al Ws) irratti salawaata heddummeessuu
• Uffata babbareedaa uffachuu
• Du'aa'II heddumeessuu
• Sadaqaa(Kennaa) heddummeessuu


Walumaa galatti wantoota kheeyrii heddumeessuu wantoota hamoo(sharrii) irraa fagaachuun jumu'aa keenya haadabarsinuu!!!!!!!!!

Guyyaa jumu'aa kanaan Rabbiin biyya keenyaa fi ummata keenyaaf nagaa nuuf haa buusu jedhaatoo Du'aa'II godhaa!!!
♥️Nagaa♥️Peace ♥️Salam♥️

@Kennaapost
t.me/Kennaapost