Dawaa Qalbii
8.9K subscribers
2.18K photos
37 videos
42 files
2.91K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
#America| «Ilmaan Islaamaa»

Taayitaa olaanaa biyya Ameerikaa damee 3 kan dhuunfatanii jiran shamarran Sumaalee sadeen tibba kana Ilhan Umar dabalatee wal-tajjii tokko irratti wal arganii jiru.

Seenaa Ameerikaa keessatti baqattuu Muslimaa yeroo jalqabaaf koongirasii bulchiinsa Minisotaa taate Ilhan Umar, kana malees bulchiinsa Minisotaa kutaa magaalaa liwis paarki 'tti shamarree baqattuu Muslimaa yeroo jalqabaaf umurii ishee ganna 23 'tti miseensa mana maree magaalaa kan taate Naadiyaa Muhammad fi bulchiinsa Meen kutaa magaalaa liwustanitti yeroo jalqabaaf baqattuu Muslimaa umurii gad-aanaa ganna 23 n miseensa mana maree magaalaa kan taate waliin wal arguun gammachuu isaanii waliin ibsachaa oolanii jiru.
Maashaa Allah,
Odeyfannoo muslimoota addunya
share gochuun waliif qoodaa.
👇👇👇👇👇👇👇
Dawaa Qalbii
Qabsoo itti aanuf of haa qopheesinu
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★

Haleellaan magaalaa Mooxaa Eega raawwatame hardha Guyyaa 35 ta’e jira. Guyyaan Majliisni akka dhimmicha irratti deebisaan keennamu muddee 22 immo ji'ni isaa y Amajjii 22 dhaa.

Gaaffii Majlisa dabalatee ummanni muslimaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatu, haleellaa raawwatamee fi miidhamtoota beenyaan akka kafalamu jechuun hiriira nagayaa bahuun dhiheesseef, mootummaan naannichaa tuffii qabu goochan agarsiisee jira. Haleellaa kanaan dura masjidoota magaaloota naannichaa garagaraatti raawwatameef furmaanni keennamu dhabuun, Haleellaa kun akka deddeebi’u taasiisuun Kan Mooxaa kanan gahe jira.

Kan Mooxaa kunis osoo furmata tokkollee hin argatin kunoo guyyoota 35 gahe jira, kanaafuu hawaasni muslimaa biyya keessa jiru fi biyya alaa jiru, haqa Obboleeyyan keenya kan Mooxaatiif deggarsa keenya ibsuuf qabsoo itti aanuuf of haa qopheessinu.

Wal ijaaree, tokkummaa yoo dhabbannee ni kabajamna! Yeroo san immoo ni kadhatamna malee hin kadhannu,
Mirga keenya ni kabajsiisna malee akka nuuf kabajsiisaan hin gaafannu! Yoo hardha of hin kabajsiisne borus wanti walfakkaatu nuti deebi’un hin hafu.
Gooti kun xiqqoo nurraa dhukkubsatanii waan jiraniif, Rabbi Aafiyaa guutuu akka kennuuf Du'aa'ii godhaafii.

Jabaa keenya dhibee mitii qoreen akka tuqxu hin barbaannu.

Rabbi fayyaa kee guutuutti siif haa deebisu Inshaa Allah. Du'aa'ii keessaniin yaadadhaa!
Us Ahmaddiin Jabal
🅰s wr wb
Subhaanallaah
Yaa obboleewwan koo yeroo ammaa kanaa magaalaa Roobee diida'aatti Rooba cimaa cabbii makatee Roobaa jira Allaahu akbar mee hundi keessanuu Rabbiin kadhaa Rabbiin lola hedduu qaba !!!!!!!!!👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Yaa Rabbi nuu caami yaa Allaah
💌💌Hadiisa har'aa💌💌
💌حديث اليوم💌

Wanta Shaniin kenname wanta namni tokkolleen Anaan duratti hin kennamin.

🍇أُعْطِيتُ خَمْسًا لَمْ يُعْطَهُنَّ أَحَدٌ قَبْلِي

🍎Ergamaan keenya Akkana jedhan:-
《""Wanta Shaniin kenname wanta namni tokkolleen Anaan duratti hin kennamin.

.Nabiyyiin hundi Ummata isaa qofatti kan ergamu ta'ee jira,Ani garuu Hunda namaa diimaa fii Gurraachattiis niin ergame.

.Boojuun(Wanti booji'amte) Halaal naaf godhamte, Nama Ana dura tokkof illee Halaal hin godhamne.

.Dachiin Xahaara,Qulqulluu(bareedduu),akkasumas Masjida ,Namnummaan kamuu kan Salaatni Itti geeyse bakkuma itti Geesse sanatti Salaata.

.Niin Tumsame (Aduwwiin anàan sodaachifamte) amna(imala) Ji'a tokkootti.

.Manguddumaan kenname(Shafaa'aa isii Guyyaa qiyaaamaa san).""》

📚Muslim bin hajjaaj tu Gabaase.

Forward
عَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ الأَنْصَارِيِّ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: ((أُعْطِيتُ خَمْسًا لَمْ يُعْطَهُنَّ أَحَدٌ قَبْلِي كَانَ كُلُّ نَبِيٍّ يُبْعَثُ إِلَى قَوْمِهِ خَاصَّةً وَبُعِثْتُ إِلَى كُلِّ أَحْمَرَ وَأَسْوَدَ وَأُحِلَّتْ لِيَ الْغَنَائِمُ وَلَمْ تُحَلَّ لأَحَدٍ قَبْلِي وَجُعِلَتْ لِيَ الأَرْضُ طَيِّبَةً طَهُورًا وَمَسْجِدًا فَأَيُّمَا رَجُلٍ أَدْرَكَتْهُ الصَّلاَةُ صَلَّى حَيْثُ كَانَ وَنُصِرْتُ بِالرُّعْبِ بَيْنَ يَدَيْ مَسِيرَةِ شَهْرٍ وَأُعْطِيتُ الشَّفَاعَةَ)). روه مسلم برقم ١١٩١
@t.me/Sammaan
Waan aja'iba baati (j'a) tokko kessatti ta'e kessa taphaata biyya jarman ykn taphaata kilabi biyya ingiliz kessa taphaatu kan kilabni isa Arsenal ta'e mesot ozil kan amantin isa muslima ta'e ji'a tokko duraa lammi chayinati motumman muslimota ti rorrisani inni Twitter isa irrati isaan saaxile sanif jecha qoqqobi akka inni biyya chaayina hin seenne godhan eges boda ji'a tokko boda lammile chaayina dhukkuba harawan qabe nama 5000nin dhukkuban saxilaman san boda akka limmilen chayina biyya takka hin seene biyyi hundi balbala isaani irra cufatan rabbin akka fadhe qaba namoota dhukkuba sanin qabaman kessa muslimni nama tokko akka hin jiranne routers raga bahu nama muslima isa tuqe rabbin obse hin ilaalu musiba itti buusa yaa ummata muslima kabajama masha Allah
​​Gamtaan Biyyoota Islaamaa Karoora Baha Jiddu Galeessaa Bulchiinsi Traamp labse sagalee guutuun kuffise

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
February 3, 2020

Gamtaan Biyyoota Islaamaa IOC jedhamu, kan miseensa biyyoota 57 hammate “karoora nageenyaa” maqaa jedhuun labsii bulchiinsi Traamp torbee dabre baase irratti, Wixata har’aa magaalaa Jiddaa keessatti wal gahii ariifachiisaa geggeessee jira. Ministeeronni haajaa alaa biyyoota Gamticha xumura wal gahii isaanii irratti ibsa baasaniin, labsii Ameerikaa guututti kan kuffisan akka taheefi, biyyoonni miseensa gamtichaa hundi labsii kana ilaalchisee raawwi isaatis tahee haala biraa kamiinuu kan hin tumsine tahuu ibsan.
Haaluma wal fakkaatuun guyyaa sadi dura Gamtaan Biyyoota Araba karoorichi hawwii walabummaa fi mirga Falasxiinotaa kabachiisuuf ulaagaa gadi aanaa tahe hin guutu jechuun kuffise. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniitis labsii Ameerikaa kana seera addunyaa kan cabse jechuun kuffisuun isaa ni yaadatma.

#Falasxiin #IOC
​​Sirni Awwaalcha Sheikh Ibrahiim Siraaj Magaalaa Riyaadiitti raawwatame

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
February 4,2020

Yeroo dheeraaf karaalee Miidiyaa hawaasaa fi miidiyaalee gara garaattiin , mataduree adda addaa irratti sagantaa da'awaa, akkasumas barnoota diin Islaam barsiisuun kan beekaman, aalimni guddaan biyya keenyaa Sheikh Ibrahiim Siraaj, dhukkubsatanii wal’aanamaa eega turanii booda galgala kaleessaa February 3,2020 gara ganda Aakiratti godaanan.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa February 4,2020 Sa’uudii magaalaa Riyaadiitti iddoo awwaalchaa ‘Meqberette Shimaalaa Riyaad' jedhamuutti, sirni awwaalcha Isaanii kan raawwatame yoo tahu, sirnicha irratti Ulamaa’onni gurguddoon biyya keenyaa fi biyyoota alaa akkasumas, hawaasni muslima biyya keenya lakkoofsaan hedduu ta’e argamu odeeyfannoon ni addeessa.

Shekha keenya Rabbiin jannataan haa qananiisu. Maatiifi hawaasa isaan dhabeefis Rabbiin sabrii haa kennu jenna.

#Dawaa Qalbii
Maddi:_NH
Garuu maaliif?🤔

Soba dubbachuun xiqqinna xiqqinoota hundaa ta'uu isaa ni beekna. Ega kanaa tahee dhugaa dubbachuun maaliif nutti ulfaata?
Sa'aatiwwaan lamaafi sadihiif filmii yoo laalu dammaqaa taanee hordofna; garuu daqiiqaa shaniif salaata irraa dhaabbanne maaliif dadhabna?
Kubbaa yoo laalu yeroo dheeraan hangaa sakandii nutti gabaabbata; salaata yoo xumurru akka waatii hidhaa gad lakkifamtee maltuu nu gugachiisa?
Hojii ykn dhimma yoo qabane ganaman kanaa; salaata subhittiif garuu maaliif dadhabna?
Badii yoo hojjannu namni nu arge mo nu hin argine jenne sodaanna; Allaahaan akka nu hordofu osoo beeknu garuu maaliif isa hin sodaanne?
Dangaa Allaaha(sw) yoo cabsamuu yoo arginellee argee akka hin argine ta'uu fi caldhiinsa filanna; dhimma Kenya irratti ammoo malif dallanna?
Adeemsa carraa jireenya keessatti kasaaruu kee qofa hin laalin. Bu'aas ni qaba.
♥️🍇JUMU'AA MUBAARAK🍇🍇
💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftoota chaanaalii keenyaa baga guyyaa kabajamaa fi jaalatamaa guyyaa Jumu'aa guyyaa kheeyrii kanaan isin gahe.

Sunnaawwan guyyaa jumu'aa
• Qaama dhiqachuu
• Qeensa qorachuu
• Shittoo(Urgooftuu) fayyadamuu👉dhiira qofaaf
• Yeroon gara masjiidaa deemuu
• Suuraa Alkhahaf qara'uu
• Ergamaa Rabbii(Sa Al Ws) irratti salawaata heddummeessuu
• Uffata babbareedaa uffachuu
• Du'aa'II heddumeessuu
• Sadaqaa(Kennaa) heddummeessuu


Walumaa galatti wantoota kheeyrii heddumeessuu wantoota hamoo(sharrii) irraa fagaachuun jumu'aa keenya haadabarsinuu!!!!!!!!!

Guyyaa jumu'aa kanaan Rabbiin biyya keenyaa fi ummata keenyaaf nagaa nuuf haa buusu jedhaatoo Du'aa'II godhaa!!!
♥️Nagaa♥️Peace ♥️Salam♥️


https://t.me/Sammaan
#الزواج_من_أجل_الدين ···

◀️ إذا كان غرضك من الزواج أن :-
▪️Yoo kaayoon fuudha keetii:
● تعف نفسك ·
☑️Haraama irraa uf qabuuf taate.
● تصون عرضك ·
☑️Gurra ykn Irdii kee eeggachuuf.

● أن لا تقع في المحرمات ·
☑️Haraama eeggachuuf.

● تقضي وطرك بالحلال ·
☑️Jiruu kee Halaalaan eeggachuuf.
● أن يستقيم أمر دينك ·
☑️Islaamummaan kee gadi dhaabachuuf.
● أن يعينك ذلك على عبادة الله عز وجل ·
☑️Ibaadaa Irratti si qarqaaruuf.


● أن تبني أسرة سلفية و تربي أبنائك على التدين و الإلتزام ·
☑️maatii gaarii ihaaruuf,ilmaan kankee diin Irratti guddisuuf.
فلا خوف من الفقر بعد الزواج ···
Fuudha booda hityummaan sodaatin.
قــال الشيخ العلامة عبد الرحمن الســعـدي رحمہ الله جل ووعلا :-

قولہ تعالـﮯ : ( إِنْ يَكُونُوا فُقَرَاءَ يُغْنِهِمُ اللَّهُ مِنْ فَضْلِهِ ).
Rabbiin akkana jedha:
"Hiyyeeyyii yoo taatanis rabbiin isin duroomsa"
المصدر :-
Maddi:
تيسير الكريم الرحمن (صفحة567)
https://t.me/Sammaan
Ergamaan Rabbii ﷺ ni je'e Waa jaha (6) of naa qabaa Jannataan of isinii qabaa

1. Dhugaa Dubbadhaa Yeroo Haasoftan

2. Baallama Guutaa Yeroo Baallama Seentan

3. Bakkaan Gahaa Waan Irratti Amanamtan

4. Tiysaa Farjii/Qaama Saalaa keeysan

5. Ija Teeysan Gad Qabadhaa Haraamirraa

6. Harka keeysan Qabaa Haraamirraa

Inshaa Allaah Rabbiin Rahamata isaatiin nuhaa tiysu
Kheeyrii Duniyaa fi Akhiraa Nuhaa waffaqu

Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiin Yaa Rabbal Aalamiin!!!!!!
from Sumayyaa bint mukhtar
Eegdotni Jawar Mohaammad meeshaa isaan bira jiru deebisanii isa bira turuuf murteessan

Jawaar erga poolisiin federaalaa murtoo isaan kaasuu irra gahuu natti himee eegdota koo waliin irratti mari'anneerra jedhe. Isaanis isa dhiisanii deemuu akka hin barbaanneefi isuma biratti hafuuf akka murteessan natti himan jedhe Jawaar.

Eegdotni koo ''maqaa fi suuraan isaaniis bakka hedduutti ibsamaa waan tureef nageenya isaaniifis sodaachisaa akka tahe fi kanaaf anuma bira turuu akka barbaadan natti himan.''

Dhimma kana irrattis ergan qondaala poolisii federaalaa komaander Indashaaw jedhaman waliin mari'adhee isaanis eegdotni koo akka miseensa poolisii keessaa baafamaniif akka murteessaniifi anuma biratti hafan waliigalle jedhe.

Kanumaan kaleessa eegdotni isaa meeshaa mootummaa isaan bira jiru hundaa deebisanii isa biratti hafuu isaanii hime Jawaar.

Maddi: BBC
Odeessaalee dabalataaf 👇www.gadaapost.com mil'adhaa.
Channel photo updated
Nama jaalachuu jechuun ilaalcha namaa guututti fudhachuu jechuu miti.

Yoomiyyuu ilaalcha namaa guututti akka fudhattu si hin gorsu yoo kan Ergamaa Rabbii
S A W ta'e malee

🌹🌹Join
#dawaaqalbii
👉ABDII HIN KUTIN👈

🔐wanti gadhee (jibbisiisaa) akkuma jiru
🔑wanti baaredanis nii jira
🔐 rakkinni akkuma jiru
🔑 furmaanni isaas nii jira
🔐milkaa'uu dhabuun akkuma jiru
🔑milkaa'unis nii jira
🔐wanti jabaan akkuma jiru 🔑wanti laafanis nii jira

✔️ABDII HIN KUTIN✔️
🔓sif banamti gaaf 🔓
@Dawaa Qalbii
Jabaadhaa dubbisaa barattoonni keenna 👇👇👇👇👇👇👇👇
Forwarded from Gadaa Post
Qormaata Biyyaalessaa...

Eejansiin Madaallii fi Qormaata Biyyaalessaa gabatee yeroo qormaata kutaa 12ffaa fi kutaa 8ffaa bara 2012 ifoomsera. Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2012 Caamsaa 24-27, 2012 kan laatamu yoo ta’u, qormaanni biyyaalessaa kutaa 8ffaa ammoo Waxabajjii 1-3, 2012 kan laatamu ta’uu eejansichi beeksiseera.

(FBC)
@Gadaapost
@Gadaapost