Dawaa Qalbii
8.23K subscribers
1.36K photos
25 videos
12 files
2.07K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️
Biyyoota dhihaa keessatti yeroo kabajaan Qur'aanaa salphatu Pirezidaantiin Iraan Ibraahim Ra'iisii n Yaa'ii walii-galaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti dhihaachuun Qur'aana olkaasanii dhungatanii akkas jechuun mootummoota biyyoota dhihaatti dhaadatan:-

"Kuni (Qur'aanni) waan hundaa keenya waan ta'eef salphisuuf hin yaalinaa! Kuni sarara diimaa keenya dha!!" jechuun dubbatan.


Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
#Jecha_kana_hiikkaan_isaa_isiniif_galeeraa..?
◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇
🏡"اعمل لدنياك كأنك تعيش أبدََا...واعمل لآخرتك كأنك تموت غدََا..."
🏡"Duniyaadhaaf akka waan Zalaalam jiraattuutti hojjadhu..garuu Aakiraadhaaf akka waan boru duutuutti dalagadhu.."

T.me/Sammaan
Imaltoonni Hajjii marsaan jalqabaa gaggeeffaman

Spider Media :  Zulqaida 13/1445
Imaltoota sirna hajjii bara Hijraa 1445 marsaa jalqabaatiif buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti sirni gaggeessaa isaaniif taasifameera.

Balallii ramaddii laman har'a taasifame kanaan daandii xiyyaaraa Itiyoophiyaatiin keessummoonni Rahmaan 267 kan Sa'uudiitiin 45 walumaagalatti hujjaajonni 312 gara Sa'uudii imalaniiru.

Hooggantoonni olaanoon mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaafi Daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaa sirnicha irratti argamuun hujjaajota marsaa jalqabaa kaneenniif gaggeessaa taaisisaniiru.

Itiyoophiyaa irraa Hajjii bara darbeetiif namoonni kuma 11 akka deeman kan ibse manni maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa bara kana hujjaajonni kuma 12 ol gara sirnichaa akka deeman ibseera.

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa

@Sammaan
Ani muslima amantiin koo lubbuu kootii oli jechuun taphataa kubbaa miilaa beekama doolaara 700,000'n masjiida ijaare
~~~
Murtee masjiida diiguu Ispeenitti ta'eefi deebii taphataa kubbaa miilaa

Dhaabbanni riilisteetii tokko masjiida biyya Ispeen magaalaa Andalusia keessatti argamu tokko yeroon kontiraata lafa masjiidichi irratti ijaaramee akka xumurame Muslimoota masjiidichatti tajaajilamanitti hima.

Kanaafuu ''yeroon keessan dhumeera. Masjidni keessanis ni diigama'' jedheen.
Muslimoonni naannawaa sanaa masjiida kanatti salaataa turan gaddaan liqimfaman. Yeroon kontiraata isaa dhumeera waan ta'eef filannoo biraa hin qaban. Carraan isaan qaban biraa baasii barbaachisu kamiyyuu haguuguun irra deebiin kontiraata biraa mallatteessuudha.

Kanas humni isaanii hin dandeenye. Dirqama maallaqa bittaa kanaaf oolu argachuuf duula galii sassaabbii gochuu qabna jedhanii wlaiigalan. Sanaafis yeroon mijataa hin taane.

Booda oduun kun taphataa kubbaa miilaa beekama (kilaboota akka Liyoon, Weestihaam, Tootinaam fi Seeviilaadhaaf faa kan taphate) 'Fred Oumar Kanoute' bira ga'e.

Frederic Kanoute akkuma dubbicha dhaga'een hatattaaamaan doolaara kuma dhibba torbaan (700,000) mana Rabbii gadi dhaabe. Fred kontiraata hin kaffalleem. Bar kontiraata hin kaffalle. Eeyyeen kontiraata miti. Lafichuma bitee mana Rabbiitiif (masjiidaaf) kenne. Barichi ALA bara 2007 ture.

Maaliif akka tarkaanfii kana fudhate yeroo gaafatamu, ''lafa masjidni irra jirutu gurgurtaaf dhiyaate, anis masjiida tiksuufin laficha bite. Ani Muslima, amantiin koo lubbuu kootii oli. Dhuguma dubbachuuf beekamtiifi jaalalan taphataa kubbaa miilaa ta'ee argadhu irra ajriin lafa masjiidaa kana bituun Rabbiin biraa argadhutu naaf caala'' jedhe.

Inshaa Allaah Spider Media n seenaa obboleessa keenya Frederic Kanoute bal'inaan qindeessee isin biraan ga'a.

© Amar Temam
T.me/Sammaan
Forwarded from Turullee Dhugatu Mo'ata
#Burqaa_Diinii_Ziyaarree, badhaasa guddaa duaa'ii fudhannee galle Alhamdulillah.

Madda hayyoota hedduu kan ta'e, Halqaa Ilmii sheek #Habiib_Leencaa guyyaa 12/09/2016 or 20/05/2024 taasifnee, Yuunivarsitii guddaa dhaloonni abdii biyyaa keessatti oomishamaa jiru (#barattoonni 2,500 ol #keessatti_argamu), kan Magaalaa Shashamannee ziyaarree, faaruun kan Rabbii keennaatti boojuu guddoon gallee. Hunda worroota Rabbiif jecha nu jaalatuutii fi Rabbiif jecha jaalannuu, duaa'ii guyyaa hara'aa nu arganne kana Rabbiin isinillee haa kennuu. Amiiiiiiiin.

https://t.me/Xaaliburidallah
Forwarded from Fursaan Media
Harmeen koo akka nuti namaa gadi hin taaneef uffata namaa miccaa nu jiraachisaa turte. Yeroo tokko, ''huccuun ati miiccaa/dhiqaa jirtu kan eenyuuti?'' jedhee yeroon gaafadhu, ''kan ollaati, isaanin gargaara jedheetani'' naan jette.

Garuu dubbiin akkas hin turre. Yerosuma osoo isiin qarshii 40 isaan harkaa fuutuun arge. Ani eenyummaa koo hin dagadhu. Marqaa nan marqa, hojii mana keessaa hunda nan hojjadha.

Kantiibaa Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadir Juhaar.

© Amar Temam

@Fursaan_media
🧶Chaanaalota   Akkamii  barbaadduu
Chaaneloota afaan oromoo chaanaalii filatamoo ta'an kaneen armaan gadiitti dabalamaa

🧶ምን አይነት ቻናል ይፈልጋሉ
ከታች የተመረጡትን ቻናሎች ይቀላቀሉ

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 3𝐊+

Free Waver @Rafiqul_Islaam
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀!!

𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐮𝐫𝐚  𝐑𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐇𝐞𝐝𝐝𝐮𝐮 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞 𝐍𝐢 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐭𝐚𝐚⁉️

𝑹𝒂𝒌𝒌𝒐𝒐𝒏 𝑲𝒂𝒏𝒂 𝑭𝒖𝒓𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏 𝑻𝒂𝒋𝒂𝒂𝒋𝒊𝒍𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇 𝑸𝒐𝒑𝒉𝒐𝒐𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒄𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂

𝐎𝐝𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢𝐢 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!!!

Ads: 👇👇
https://t.me/+OTqtpj3yby1lYzU0
https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8
Forwarded from ABDII SABAA
#Falasxiin

Har’a Aayirlaand, Noorweey fi Ispeen Falasxiin akka biyya walaba taatetti beekamtii akka kennan ifatti beeksisaniiru.

"Har'a Falasxiin biratti guyyaa baayyee seena qabeessadha" jedhan.

Muummichi ministeeraa Aayirlaand Siimoon Haaris, "Har'a Aayirlaand, Noorweey fi Ispeen walabummaa Falasxiin beekamtii kenneera. Murtee kana hojiirra oolchuuf tokkoon tokkoon keenya tarkaanfii biyyaalessaa kamiyyuu ni fudhanna" jedhan.

Muummichi ministeeraa itti dabaluudhaan, "#torban_itti_aanu keessatti biyyoonni hedduun tarkaanfii barbaachisaa kana fudhachuuf nu waliin akka ta'an mirkanaa'adha" jedhan.

Mootummaan Aayirlaand beekamtiin sabummaa kun furmaata mootummoota lamaa kan deeggaru ta’uu fi nagaa waaraa naannichaaf barbaachisaa ta’uu ibseera.

Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saancheez fi Ministirri Dhimma Alaa Noorweey Espen Bart biyyi isaanii Caamsaa 28 irraa eegalee Mootummaa Falasxiin beekamtii akka kennan ifatti beeksisaniiru.

Muummichi ministeeraa Noorweey Jonas Gahr Storr akka jedhanitti, "(Falasxiin) beekamtii argattu malee, Baha sana keessatti nageenyi jiraachuu hin danda'u" jedhan.

Itti dabaluunis
''falasxiin biyya walaba ta'uuf mirga bu'uuraa qabdi,'' jedhan.

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!T

Yaadaa, Qeeqaa fi Eeru qabdan karaa https://t.me/AbdiiSabaaDM nu qaqqabsiisaa, sagalee keessan dhageessisaa.
Salaatni Tashahuda hin qabne Salaata kami?
Anonymous Poll
15%
Salaata Zuhrii
2%
Salaata Magriiba
4%
Salaata kusuufaa
78%
Salaata Janaazaa
"Filisxeemii Milka'aa  jirti. Waaqii Gubboo hin Nyaatu. Dhugaan dhugaa!" Gaz. Guyyoo Waariyoo.

Galatoomi!
♥️♥️
@Sammaan