Dawaa Qalbii
6.67K subscribers
1.23K photos
20 videos
10 files
1.94K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️
#Update

Gareen Urjii Diimaa Iraan bakka balaan mudate qaqqabee jira! Turkiin balaa kana keessaa Pirezidaantii Ibraahim Ra'iisii fi waahillan isaa baraaruuf Iraan faana tumsa taasisaa jirti! Raashiyaan hojjettoota balaa tasaa ishee garasitti erguuf qophii dha jettee jirti.

Bakki balaan kun mudate duumessaan kan haguugame ta'uu isaatiin haaluma kamiinuu hojjettoonni balaa tasaa bakkicha qaqqabanii jiru jedhamee jira.

Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimir Puutiin deeggarsa Iraaniif Jeettilee ammayyawoo 2 fi hojjettoonni balaa tasaa 50 akka bakkicha deeman ajajuu itti-aanaan Pirezidaantichaa beeksise jira.


Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️
Hojjettoonni balaa tasaa Raashiyaa 50 fi Jeettileen ishee bakkicha qubatanii jiru, Turkiin hojjettoota ishee sa'aatiiwwan muraasa dura ergitee hojiitti seentee jirti.

Iddoo balaa sana bira gahuuf Iskuwer Kiilomeetira 2 qofa kan hafe yoo ta'u Oduun gammachuus ta'e oduun gaddaa dhaga'amuuf yeroon isaa dhihaachaa jira.


Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
#Salaanni_Fajrii...
Ifaa fuulaati, Barakaa rizqiiti, Tasgabbii sammuuti, Furtuu keeyriiti, Deemsistuu yaaddooti...
"Namni Salaata Fajrii salaate tika rabbii keessa Jira"
[Nabi Muhammad ﷺ ]

Salaata Fajrii jama'aan salaatu rabbiin nuuf haa laaffisu

Fares Muhammed
TVn biyyaalessaa Iraan akka gabaasetti bakka helikooptarri Pirezidantii biyyattii Ibraahim Ra'iisii qabatee ture itti kufetti ''mallattoon jireenyaa homaa hin jiru'' jechuun gabaase.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/uHezIFd
Pirezidaantiin Iraan Ibraahim Raayisii balaa helikooptaraan du’uun isaanii mirkanaa'e.

Qubee TV (Caamsaa 20, 2024) Finfinnee!
Miidiyaaleen Mootummaa Iraan akka himanitti helikooptarri isaan ittiin deemaa turan haala qilleensaa hamaa tureen bahaa biyyattii keessatti erga kufee booda du’uu isaanii gabaasan.

Gabaasni kun kan ba’e erga baraartoonni Ji’a Diimaa Iraan caccabaa helikooptaraa, kan ministeera haajaa alaa biyyattiifi qondaaltota biroos fe’ee ture argachuu isaaniifi “mallattoon jireenyaa tokkollee akka hin jirre” ibsanii booda.

Pireezidaantii iraan Ibraahiim Raayisiin dabalatee namootni 7 helikooptaraan deemaa turan du'uun isaanii mirkanaa'e.

Helikooptarri Pirezidaantii Iraan Ibraahiim Raayisiin dabalatee Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Amiir Abdoolaahiyaan, Imaama Masjiida Ayaatoolahii Al Raashiimiifi Bulchaa Baha Azaarbaajaan Maaleek Raaahi Saayisaafaruu feetee imalaa turte kuftee caccabuun lubbuun isaanii darbe.

#Oromiyaa #Itoophiyaa
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️
Paakistaan gadda biyyaalessaa labsite..!!

Du'a hooggantoota Iraan mudate hordofuun gadda guddaa isheetti dhaga'ame kan ibsite biyyi Paakistaan gadda biyyaalessaa guyyaa tokkoof labsitee jirti! Haaluma kanaan Alaabaan Paakistaan golee biyyattii keessatti dabalatee Imbaasii ishee biyyoota Addunyaa keessatti argaman maratti gadi buufamee hidhamee jira.


Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀!!

𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐮𝐫𝐚  𝐑𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐇𝐞𝐝𝐝𝐮𝐮 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞 𝐍𝐢 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐭𝐚𝐚⁉️

𝑹𝒂𝒌𝒌𝒐𝒐𝒏 𝑲𝒂𝒏𝒂 𝑭𝒖𝒓𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏 𝑻𝒂𝒋𝒂𝒂𝒋𝒊𝒍𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇 𝑸𝒐𝒑𝒉𝒐𝒐𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒄𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂

𝐎𝐝𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢𝐢 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!!!

Ads: 👇👇
https://t.me/+OTqtpj3yby1lYzU0
https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8
Abbaan alangaa Mana Murtii Idil-adunyaa [ICC] yakka waraanaa raawwatan jechuun Ministirri Muummee Israa’el Beenaayim Neetanyahuu akka to’annoo jala oolfamaniif ajaja dabarse.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/H6UxCg9
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️
Biyyoota dhihaa keessatti yeroo kabajaan Qur'aanaa salphatu Pirezidaantiin Iraan Ibraahim Ra'iisii n Yaa'ii walii-galaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti dhihaachuun Qur'aana olkaasanii dhungatanii akkas jechuun mootummoota biyyoota dhihaatti dhaadatan:-

"Kuni (Qur'aanni) waan hundaa keenya waan ta'eef salphisuuf hin yaalinaa! Kuni sarara diimaa keenya dha!!" jechuun dubbatan.


Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
#Jecha_kana_hiikkaan_isaa_isiniif_galeeraa..?
◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇
🏡"اعمل لدنياك كأنك تعيش أبدََا...واعمل لآخرتك كأنك تموت غدََا..."
🏡"Duniyaadhaaf akka waan Zalaalam jiraattuutti hojjadhu..garuu Aakiraadhaaf akka waan boru duutuutti dalagadhu.."

T.me/Sammaan
Imaltoonni Hajjii marsaan jalqabaa gaggeeffaman

Spider Media :  Zulqaida 13/1445
Imaltoota sirna hajjii bara Hijraa 1445 marsaa jalqabaatiif buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti sirni gaggeessaa isaaniif taasifameera.

Balallii ramaddii laman har'a taasifame kanaan daandii xiyyaaraa Itiyoophiyaatiin keessummoonni Rahmaan 267 kan Sa'uudiitiin 45 walumaagalatti hujjaajonni 312 gara Sa'uudii imalaniiru.

Hooggantoonni olaanoon mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaafi Daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaa sirnicha irratti argamuun hujjaajota marsaa jalqabaa kaneenniif gaggeessaa taaisisaniiru.

Itiyoophiyaa irraa Hajjii bara darbeetiif namoonni kuma 11 akka deeman kan ibse manni maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa bara kana hujjaajonni kuma 12 ol gara sirnichaa akka deeman ibseera.

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa

@Sammaan
Ani muslima amantiin koo lubbuu kootii oli jechuun taphataa kubbaa miilaa beekama doolaara 700,000'n masjiida ijaare
~~~
Murtee masjiida diiguu Ispeenitti ta'eefi deebii taphataa kubbaa miilaa

Dhaabbanni riilisteetii tokko masjiida biyya Ispeen magaalaa Andalusia keessatti argamu tokko yeroon kontiraata lafa masjiidichi irratti ijaaramee akka xumurame Muslimoota masjiidichatti tajaajilamanitti hima.

Kanaafuu ''yeroon keessan dhumeera. Masjidni keessanis ni diigama'' jedheen.
Muslimoonni naannawaa sanaa masjiida kanatti salaataa turan gaddaan liqimfaman. Yeroon kontiraata isaa dhumeera waan ta'eef filannoo biraa hin qaban. Carraan isaan qaban biraa baasii barbaachisu kamiyyuu haguuguun irra deebiin kontiraata biraa mallatteessuudha.

Kanas humni isaanii hin dandeenye. Dirqama maallaqa bittaa kanaaf oolu argachuuf duula galii sassaabbii gochuu qabna jedhanii wlaiigalan. Sanaafis yeroon mijataa hin taane.

Booda oduun kun taphataa kubbaa miilaa beekama (kilaboota akka Liyoon, Weestihaam, Tootinaam fi Seeviilaadhaaf faa kan taphate) 'Fred Oumar Kanoute' bira ga'e.

Frederic Kanoute akkuma dubbicha dhaga'een hatattaaamaan doolaara kuma dhibba torbaan (700,000) mana Rabbii gadi dhaabe. Fred kontiraata hin kaffalleem. Bar kontiraata hin kaffalle. Eeyyeen kontiraata miti. Lafichuma bitee mana Rabbiitiif (masjiidaaf) kenne. Barichi ALA bara 2007 ture.

Maaliif akka tarkaanfii kana fudhate yeroo gaafatamu, ''lafa masjidni irra jirutu gurgurtaaf dhiyaate, anis masjiida tiksuufin laficha bite. Ani Muslima, amantiin koo lubbuu kootii oli. Dhuguma dubbachuuf beekamtiifi jaalalan taphataa kubbaa miilaa ta'ee argadhu irra ajriin lafa masjiidaa kana bituun Rabbiin biraa argadhutu naaf caala'' jedhe.

Inshaa Allaah Spider Media n seenaa obboleessa keenya Frederic Kanoute bal'inaan qindeessee isin biraan ga'a.

© Amar Temam
T.me/Sammaan
Forwarded from Turullee Dhugatu Mo'ata
#Burqaa_Diinii_Ziyaarree, badhaasa guddaa duaa'ii fudhannee galle Alhamdulillah.

Madda hayyoota hedduu kan ta'e, Halqaa Ilmii sheek #Habiib_Leencaa guyyaa 12/09/2016 or 20/05/2024 taasifnee, Yuunivarsitii guddaa dhaloonni abdii biyyaa keessatti oomishamaa jiru (#barattoonni 2,500 ol #keessatti_argamu), kan Magaalaa Shashamannee ziyaarree, faaruun kan Rabbii keennaatti boojuu guddoon gallee. Hunda worroota Rabbiif jecha nu jaalatuutii fi Rabbiif jecha jaalannuu, duaa'ii guyyaa hara'aa nu arganne kana Rabbiin isinillee haa kennuu. Amiiiiiiiin.

https://t.me/Xaaliburidallah