Dawaa Qalbii
6.67K subscribers
1.23K photos
20 videos
10 files
1.94K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Oromia Education Bureau (BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA(2016 E.C))
24/08/2016
#Hatattamaan_Haa_Raawwatu!

Waajjira Barnotaa #Godinaalee_21fi Waajjira Barnootaa #Magaalotaa_23 tiif
B.J.
----------------
#Lafa_Mana_Jireenyaa_Barsiisotaa yeroo gabaabaa keessatti akka kennamuuf Bul. Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qajeelfama dabarsee ture irratti hundaa'un Magaalotni muraasni qajeelfama mootummaa kabajuun kan raawwatan yoo ta'u, magaalotni hedduun ammas rincicaa jiru.

Kanaafuu, Waajjirri Barnootaa Godinaalee 21fi Waajjirri Barnootaa Bul. Magaalota 23 dhimma kan qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uun hordoffii wal irraa hin cinne taasisuun akka raawwachiistan xalayaan isin gaheera.

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. |

👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/

📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
Sagantaa Eebba Kitaaba Haadhaa fi Guddisa
Ilmaanii Jedhu Barreesitoota Samiiraa Sh/Xaahaa,
Samaraa Jamaal fi Faqiyaa Sh/Xaahaatin  Barraahe 
Gaafa Guyya 27-08-2016 Roobee Baalee Galma
Yuuniyeeni Sikko Mandootti Eebbifame.
Sagantaa Kana Irratti Hayyoonni Fi Beektonni Heddun
Argaman Isaan Keessaa Sh/Abdusalaam Xaahir, Hoggantoota Mana
Marii Magaalaa Roobee,Abu Musaab, Us.Hamzaa Takluu fi
Kannen Biroos Argamanii Dhaamsaa Fi Gorsaa Dabarfatani Turan.
Kitaaba Kana Irratti Barreesitoonni Akkas Jechuun Dhaaman
Dubartiin Amaanaadha, Isin Hin Uumaamne Salphinaaf Kabajamuuf
Malee Akkasuma Dubartiin Hawaasa Guutuudha Kanaaf Dubartii
Barsiisuufi Kabajuun Hawaasaa Barsiisuudha.
Waluma Galatti Dubbistonni Kitaabaa Barbaadachuun Dubbisaan Dhaamsa Ture.
T.me/Sammaan
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀!!

𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐮𝐫𝐚  𝐑𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐇𝐞𝐝𝐝𝐮𝐮 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞 𝐍𝐢 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐭𝐚𝐚⁉️

𝑹𝒂𝒌𝒌𝒐𝒐𝒏 𝑲𝒂𝒏𝒂 𝑭𝒖𝒓𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏 𝑻𝒂𝒋𝒂𝒂𝒋𝒊𝒍𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇 𝑸𝒐𝒑𝒉𝒐𝒐𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒄𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂

𝐎𝐝𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢𝐢 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!!!

Ads: 👇👇
https://t.me/+OTqtpj3yby1lYzU0
https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8
Takka kijibde taanaan... dhugaan tantee tan achi boodaa hunduu shakkamtuudha.... !

@tafak_or
@Sammaan
Raashiyaan uggura dubartoonni Muslimaa yeroo suuraa paaspoortii yookaan ID, heeyyama konkolaachisummaa,  heeyyama hojiifi kkf ka'an dirqama rifeensa mataa isaanii mul'isuu qbau jechuun keessee turte kaafteetti. Kana booda haalonni akkanaa dubartoota Muslimaatiif sirrachuufi fuula isaanii mul'isuun alatti haguuggii mataa isaanii irraa kaasuun kana booda dirqama akka hin taane Ministirri biyya keessaa Raashiyaa torban darbe keessa ibseera.
@Sammaan
© Spider Media
🍀➻. Rasuulli ﷺ " Irra guddaan Wanta Jannata Nama Naquu Sodaa Rabbiitii fii Akhkaaqaa Gaariidha " jedhan. Akhlaaqni Gaariin Dirree Mu'umintoonni irratti Wal dorgomaniidha. Namni Dirree Akhlaaqa Gaarii kana  keessatti Namoota Dura khute isaatu irraa caalaa Mu'umintootaa kan iimaanni isaa irra Guutamaati.۞.🌸

https://t.me/shaafiimuhammad99/2264

       
         ✍🏻Kun Alabesira
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐𝒇𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒔𝒉𝒂𝒏𝒏𝒂𝒏𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒅𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂.

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 3𝑲 𝒇𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒏 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑵𝒖𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑭𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒔𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐟𝐚 3𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝐫: @Rafiiqul_Islaam2
​QORMATA BARA 2016

#1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi
#2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama.
-------------------
BBO-Ebla 30/2016
#1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% .

#2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a

#DHAAMSA!
#_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba,
#_Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu,
#_Hoggansi manneen barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu,
#_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu,
#_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#CARRAA_GAARII !!
BBO

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | 👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/
📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
"irra caalaan namaa nama umriin dheerate dalagaan isaa tolte" jecha rasuulati s a w 🥰🥰🥰
Forwarded from Spider Media
Mana Barnootaa mootummaa keessatti barattoonni Muslimaa amantaa jijjiirsifamaa jiru

Spider Media : Shawwaal 29/1445
Mana Barnootaa Bultii Addaa Beddellee Keessatti Kitaabni Amantaa Islaamaa Arrabsuufi Barattoota Muslimaa Amantaa jijjiirsisuuf qophaa'e barsiifamaa jira

Biiroo Barnootaa naannoo Oromiyaa jalatti kan bulu Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Beddellee keessatti barattoota muslimaa amantaa jijjiirsisuuf shirri qinda'aan gaggeeffamaa jiraachuu maddeen Spider Media tti himaniiru.

Sanadni fuula 32 qabu kan barattoota amantaa Piroteestaantii hordofaniifi barsiisota mana barnooticha amanticha hordofan dabalatee qaamolee iccitii duuba jiraniin bifa qinda'aa ta'een qophaa'e addatti barattoota muslimaatiif raabsamaas jira.

Spider Media n sanada isa qaqqabe kana irratti qorannoo gaggeesseen sanadichi amantaa Islaamaa kan arrabsu, kabaja Ergamaa Rabbii (s.a.w.) kan xiqqeessu, walumaagalatti islaamaafi muslima irratti ololaafi yakka maqa balleessaa kan afarsu, jibba kan lallabu ta'uu mirkaneeffateera.

Sanadni barreeffama boqonnaalee garaa garaatti qoodaman hammateefi fuula 32 qabu kun ragaa tokkoon maleetti yakka maqa baleessaa Islaama irratti raawwateera.

Gama kaaniin ammoo barruun kun macaafa qulqulluu kan lallabuufi barattoonni sanadichiraabsameef (barattoonni muslimaa) amantaa Islaamaa dhiisanii kiristiyaana akka ta'an irra deddeebiin kan affeeru ta'uu Spider mirkaneeffateera.

Biyyi keenya sekulaarizimii kan hordoftu ta'ullee Biiroo Barnootaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalatti kan bulu Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Beddellee keessatti ifatti duulli barattoota muslimaa islaamummaa irraa deebisuu gaggeeffamaa jira.

Manneen Barnootaa 'Bultii Addaa' barattoonni ciccomoon qabxii gaarii galmeessan filatamanii dorgommmii erga gaggeessanii booda kan seenan mana barnootaa dhaloota jajjaboo biyyaaf oomishaan abdiin irra jiruudha.

Manni maree dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee, majlisa Naannoo Oromiyaafi kan Federaalaa waliin ta'uun tiksaa olaanaa mana barnootichaa Waajira Barnootaa Naannoo Oromiyaafi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta'uun rakkoo kana hatattaaamaan yoo hin furre egereen barattoota manneen barnootaa Bultii Addaa yaaddessaa ta'uu barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa Beddellee Spider Media tti himaniiru.

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia
Forwarded from Spider Media
Niqaabistii dorgommmii Apple's Swift Student Challenge injifatte
~~~
Lammii Sa'uudii kan taate obboleettiin keenya Jawaher Shaman aappii ''My Child'' kalaquun adduunyaaf gumaachite.

Appolikeeshiiniin kun namoonni giinga'an yookaan qixaan dubbachuu hin dandeenye (stuttering) akka sirnaan dubbataniif kan gargaaruudha.

Shamarree niqaabistittii jedhee adduunyaan waamaa kan jiru Jawaher Shaman argannoo isii adduunyaaf gumaachiteefi rakkoo namoota baay'ee furu kanaan dorgommmii waggaa Kubbaaniyyaan teeknoloojii guddichi Ameerikaatti argamu Aappil qopheessu Dorgommmii 'Swift Student Challenge' moo'atteetti.

© Spider Media
# Dhukkuba sammuu irraa fayyuun ni danda’ama.? EYYEN

Dhukkubni sammuu akkuma dhukkuba biroo dawaa kan qabuu fi irraa fayyuun kan danda’amudha.

Namni tokko yeroo jalqaba dhukkubni irratti argame ykn akkuma mallattoo dhukkubichaa of irratti argeen yoo
dafee wal’aansa argate carraan dafanii fayyuu olaanaadha.

Garuu dafanii kan hin yaalamne yoo ta’e namatti cimuun gara dhukkuba sammuu cimaa isaa olitti jijjiiramuu danda’a.

Kanaaf namni mana wal’aansaa deemee gorsaa fi dawaa barbaachisu ogeessa fayyaa biraa fudhate ni
fayya

Feyisal G.

Channel kana yoo isinitti tole hiryoota kessanif #share godha.

@feyisalpsych
@feyisalpsych
🧶Chaanaalota   Akkamii  barbaadduu
Chaaneloota afaan oromoo chaanaalii filatamoo ta'an kaneen armaan gadiitti dabalamaa

🧶ምን አይነት ቻናል ይፈልጋሉ
ከታች የተመረጡትን ቻናሎች ይቀላቀሉ

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 3𝐊+

Free Waver @Rafiqul_Islaam
Forwarded from ABDII SABAA
Itoophiyaan mootummaa Falasxiin deeggarte.

Kaleessa galgala Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa magaalaa Niwyoork keessatti geggeeffame irratti sirni sagalee walitti qabuu Falasxiin biyya haa taatu moo hin ta’inii geggeffamaa ture.

Kana waliinis Itiyoophiyaan biyya nagaa ta'uun akka isheef malu sagalee akka kennite marsariitii dhaabbatichaa irraa argameera.

Murtoon Itoophiyaa kunis Israa'el dallansiiseera jedhama.

Falasxiin gama isheetiin deebii kenniteetti, "Namoota bilisummaa Falasxiiniif sagalee kennan hundaan galatoomaa" jetteetti.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 143 Falasxiin biyya ta’uun isheef mala jechuun sagalee kennaniiru.

Biyyoonni sagal Falasxiin biyya ta’uu hin qabdu jechuun kan sagalee kennan yommuu ta’u , biyyoonni 25 Ameerikaa dabalatee callisuu filataniiru.

Yaadaa, Qeeqaa fi Eeru qabdan karaa https://t.me/AbdiiSabaaDM nu qaqqabsiisaa, sagalee keessan dhageessisaa.

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐𝒇𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒔𝒉𝒂𝒏𝒏𝒂𝒏𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒅𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂.

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 3𝑲 𝒇𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒏 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑵𝒖𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑭𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒔𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐟𝐚 3𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝐫: @Rafiiqul_Islaam2
Forwarded from Oromia Education Bureau (BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA(2016 E.C))
Caamsaa 03/2016
#Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12faa Bara 2016,
#Adoolessa 03/2016 Eegalu #Sagantaan Har'a Baheera.

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau.

👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/

📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store