Dawaa Qalbii
8.9K subscribers
2.18K photos
37 videos
42 files
2.91K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Fursaan Media (Fares Muhamed)
#Bilchina_Sammuu
🧠 🧠 🧠 🧠
Bilchinni sammuu jechuun sammuu ibidda irra kaahanii bilcheessuu osoo hin taane.

Ati Ilaalcha gaarii qabaatuudha.
Hubannoo qixa sirrii tahe qabaatuudha.
✔️ Dandeettii fageessitee yaaduu horachuudha.
✔️ Waan gaariif badaa addaan baastee beekuu dha.
👆🏼 👆🏼 👆🏼 👆🏼
Isa kanatuu #bilchina_sammuu jedhama.
#Galatoomaa
✍🏽 F.M

@Fursaan_Media
Fb.me/Fursaanmedia
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Aangoo fi Qabeenya

#NUURALHUDAA

Aangoofi qabeenya Rabbiin nama barbaadeef kenna. Nama barbaade ammoo ni dhoowwata. Madaallii ilma namaatiin olitti kun waan Rabbiin beekkumsaafi dandeytii isaatiin oofu. Asiin dura Rabbiin aangoo nama jaalatu ergamaa isaa Suleymaan ilma Daawuud iif kannee ture. Akksuma ammoo nama jibbu Numrud ilma Kuush harka aangoo kaayee ture. Qabeenyaas nama jaalatu Abdurahmaan ilma Owf iif kannee ture. Nama jibbu ammoo mata-jabeessa Qaaruun iif kannee ture. Abbaa barbaade harka kaayee, abbaa barbaade harkaa ammoo mulqa. Shuumaafi shaaraan isa! Aangoofi qabeenya nuti dhamaanuuf kanatti Rabbiin hin haajamu. Isa biratti humaa ulfinaafi sadarkaa hin qabdu. Osoo ulfinaafi sadarkaa qabaattee, Rabbiin warra isatti mormuuf hin laatu. Akkuma garru kana gaafa garii Rabbiin nama jaalatu dhoowwatee, nama jibbuuf ammoo laata. Iccitii waan kana keessa jirtu isuma qofaatu beeka. Haqaarriin waan kanaa tokkuma! Sunis ittiin nu qormaatuufi. Tasa fidee nu harka buusee waan nuti baanu eega. Aangoofi qabeenyi yoo kan gama Rabbi nama dhiheysu tahe milkiidha. Gaafas qormaata dabruu keenya. Yoo ammoo kan Rabbi irraa nama fageysu tahe balaadha. Qormaata kufuun asitti. Rabbiin mata-jabeeyyii qananii aangoofi qabeenyi qabuun dageeti, qaba-qabeefii kolaasa.

Yaa Rabbi warra aangoofi qabeenyaan dagamee si-irraa fagaatu nu hin taasisin.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa
Forwarded from FAAWUNDESHINI TOKKUMMA FI QORANNOO ISLAAMAA DAARGAGGOTA OROMIYAA (الفقیر عبد الغني)
💦💦
💦💦💦
💦💦💦💦
💦💦💦💦💦 #FTQI hadiis!!
💦💦💦💦💦💦


بر الوالدين
🥛🥛🥛

قال صلى الله عليه وسلم (( رغم أنفه ، رغم انفه ، ثم رغم انفه ، قيل : من يارسول الله ؛ قال : من أدرك والديه عند الكبر أحدهما أو كليهما ، ثم لم يدخل الجنة )) .

صحيح مسلم
💧
💦💦💦
💦💦💦💦
💦💦💦💦💦
💦💦💦💦💦
💦💦💦💦💦💦💦
Yu'ushai ibnu nuun A.S nabiyyii aduun haasawedha. Aduun dhiyuu kaate inni Rabbiin kadhannaan turteef hanga isaan ummata kuffaara beeytal maqdas injifatanitti qooda Rabbii hubadhu xinxali .Subhaanallaah Allaahu Akbar .
As wr wb jirra jirtuu hara'a faayidaa sharariitii(daara baaftuu) gabaabsee isiniif dhiyeessaa dubbisaa 🕷Yeroo nabi muhammad S.A.W yeroo warri makkaa jibbaa amantii islaamaa qaban Abubakriin waliin ta'uudhan yeroo biyyaa ari'amanii gaara keessatti dhokatan dhoksuuf sababa taateef 🕷manni isii qorsa ykn dawaadha. 🕷Ilbiisota miidhaa namarran gahan kan akka bookee, biinbii,tiitisa fi kkf miidhaa nurraan gahan ajjeesun dhibee nurraa ittisti........ dubbisii hiriyyaa keetif Sheer godhi 👈👈☝️
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Breaking News: Manni Murtii Idil Addunyaa-ICJ’n duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaaluu Jalqabe

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
December 10, 2019

Manni Murtii Idil Addunyaa International Court of Justice (ICJ) jedhamu, duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaalchisee, himannaa yakkaa Gaambiyaan mootummaa Miyanmaar irratti bante wixata har’a ilaaluu jalqabe. Haaluma kanaan manni murtichaa himannaa kana December 10-12/2019tti dhageefachuuf kan itti fufu yoo tahu, xalayaa waamichaa ICJ’n baase hordofuun Jilli Mootummaa Miyanmaar Aang San Suchiitiin hogganamu mana murtii The Hague duratti kan dhihaate tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Manni Murtii Haqa Idil Addunyaa ICJ’n dhimmoota biyyoota lama jiddutti ka’an kan ilaalu yoo tahu, biyyiti Lixa Afrikaa Gaambiyaan Gamtaa Biyyoota Islaamaa 57 bakka bu’uun mootummaa Miyanmar irratti himannaa kana bante.

Haaluma kanaan Ogeeyyonni seeraa mootummaa Gaambiyaa himannaa dhiheessaniin, Mootummaan Miyanmaar karooraa fi haala qindaaween muslimoota Rohingiyaa irratti bara 2017 irraa eegalee yakka duguuggaa sanyii raawwataa jiraachuu ibsuun, manni murtichaa mootummaa Miyanmaar gocha kana irraa akka dhaabsisu gaafatan. Himannaa hanga ammaatti dhihaate keessatti ragaalee Satalaayitii, qorannoo UN fi dhaabbileen mirga namoomaa idil addunyaa geggeessan, ogeeyyota seeraatiin kan dhihaataa jiru tahuun beekamee jira.


Haaluma wal fakkaatuun Manni Murtii Yakka Idil Addunyaa ICC jedhamu kan achuma Netherlands magaalaa The Hague ’tti argamu, qondaaltota mootummaa Miyanmaar duguuggaa sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame keessaa harka qaban irratti himannaa banuuf, kan qophaayaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Muslimoota Rohingiyaa ajjeechaa fi dararaa hamaa mootummaan Miyanmaar isaan irratti raawwataa ture jalaa lubbuun hafan jidduu, ummanni 700,000 ol gara biyyoota ollaatti kan baqate tahuu UN dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa gabaasaa turuun ni yaadatama.
#Miyanmaar #Muslimoota_Rohingiyaa #ICJ
Forwarded from ️JBMAR
As wr wb breaking 👇👇👇👇👇👇 kabajamtoota fi jaalatamtoota ummata muslimaa hundi keessanuu guyyaa hara'aa sirna awwaalcha Barata oromoo yunivaristii naannoo amaaraatti shira diinaatin balleessaa tokko malee oromoo tauu isaatif osoo subhii salaatee deebi'u ajjeefame barataa #maashoo umar miseensa fi nama gahe guddaa #JBMAR kan tahe godina Arsii aanaa #diksiisitti geggeefamee jira.😭😭😭😭😭innaa lillaahi wa innaa ileeyhi raaji'uun Rabbiin jannatul @Firdowsiin haa qaniniisu maatiifi ummata muslimaa hundaaf sabrii haa kennu.sirna awwaalcha kana irrattis ummanni magaalaa Roobee hedduun irratti argamaniiru ustaaza keenya Sh. Abdulmannaanin waliin ta'uudhan 😭😭😭😭
👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍Udkuluu fissilmi kaaffatan jechuun kana. 🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
Forwarded from Al-risala-tube
Simannaa Guyyaa Har'aa Buufata Xiyyaaraa Booleetti Guyyaa Har'aa Geggeeffamaa Oole Irraa Kan Qooda Fudhatan Ustaaz Ahmedin Jabal, Giifti Duree Zinnaash Taayyachoo Yeroo Isheen Harka Itti Qabdu, Harka Fuudhuu Diduun Amantaa Isaaf Bakka Guddaa Kennee Jira
#MaashaaAllah

Yoo Si Gammachiise Share Godhi

Maxxansi Keenya Saffisaan Akka Isin Qaqqabuuf Page Keenya join Share Godhaa

Ibrahim Rashed
AL HAMDULLILAH
ALL THANKS TO ALLAH
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa Kora Walii Galaa geggeessaa ture xumuruu beeksise

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
December 16, 2019

Manni Marichaa ibsa har’a waaree booda baaseen, miseensonni mana maree dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa, kora walii galaa kan jalqabaa Muddee 1-4/2012tti kan geggeessan tahuu beeksise. Manni marichaa kora isaa kanaan dhimmoota tokkummaa hawaasa muslimaa cimsan, akkasumas nageenya biyya keennaa ilaalchisee gahee mana marichaa irraa eeggamu bahuu irratti, hawaasa muslimaa hunda wal qixa tajaajiluudhaaf, miseensonni mana marichaa hundi waadaa kan galan tahuu ibsame.

Haaluma kanaan miseensonni mana marichaa xumura kora isaanii irratti, dhimmoota akka karooraatti fuulduratti raawwataman qabxiilee 17 baasuun kan walii mallatteessan tahuu ibsame.

Qabxiilee kanneen jidduu:-Manni marichaa, muurtiiwwan kora koreen muummicha ministeeraatiin hundaaye Ebla 23/2011 dabarse hunda irra deebi’ee raggaasisuun, murtiiwwan kora sanii raawwachiisuun wal qabatee, hanqinoota Majliisa Federaalaa fi Naannolee keessatti mul’atan hunda foyyeessuuf kan socho’u tahuu; Sanadiin Tokkummaa Ulamootaa mana maree ulamaa’otaatiin ragga’ee hojii irra akka ooluuf, ulamoota, Imaamota fi Du’aatota guutuu biyyattii keessa jiran akka dhaqqabu kan hojjatamu tahuu; akkasumas Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa labsii paarlaamaatiin akka hundaayuuf hordoffii cimaa godhuuf kan murteesse tahuu ibse.


Dabalataanis, Sanadiin Caasaa fi Danbii ittiin bulmaata Majlisaa kanaan dura qophaayee ture, ammas mariin irratti geggeeffamee ragga’e hojii irra akka oolu kan hojjatamu tahuu; Naannolee hunda keessatti caasaa majlisaa haaraya hojiin hundeessuu, akkaataa karoora kanaan dura baheetiin ji’a jaha keessatti xumuramuu dhabuun wal qabatee, akkasumas hojiin mana marichaa labsii paarlaamaatiin hundeessuu wanta hin xumuraminiif, itti gaafatamummaan mana marichaa yeroo ce’umsaatiif kenname dheeressu ilaalchisee, wal tajjiin marii ummataa kan qophaahu tahuu ibsame.

Kana malees manni marichaa ibsa isaa kanaan, gareewwan mana mariitiin alatti gurmaayanii adeemsa Majlisaa jeeqan kan balaaleffatu tahuu beeksise.

#Majliisa_Federaalaa
AS WR WB 👇👇👇👇👇👇👇👇breaking news #Toowfiiq. Kabajamtoota obboleewwan muslimaa hundi keessanuu waan nu fayyadu hundumti keenya osoo itti fayyadamnee 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Guyyaa hara'aa muddee 8,2012 sangantaa aja'ibaafi gorsa guddaa qabuu Us.@Abdunnaasir Abdiitin Masjida Toowfid kan magaalaa Roobee diida'aatti argamutti Mata duree Rakkoon ummata muslimaa maali? Jechuun erga ummata yaada waljijjiirsisan booda achumatti ibsa akka kennan nama sadiif carraa kennan kunas wanti godhaniif namni keenya yaada waljijjiirun waldhaggeeffachuu akka qabu barsiisuf osoo waliin mari'annee rakkoowwan hedduu furuu dandeennas jedhan. Gaafii armaan oliitif yeroo deebii kennan immoo Rakkoon keenna gurguddaan 4(afur) isaanis:-👉Idustiriin Zinaa heddummaachuu. 👉Keemikaalota Sammuu namaa hadoochan fayyadamuu. 👉Sihrii(Falfaan)sakaalamuu. 👉Muuziqaa ✏️Dhaamsi guddaan immoo ummanni Islaamaa bakkuma jirutti ofii waliin mari'achuu akka qabuufi Rakkoo jiruufis walumaan tahee akka furmaata itti kennuudha.
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Hunda caalaa wanni dubartoota bareechu HAYAA dha! Qaanfiidha.

NUURALHUDAA

Qaanfiin osuma dhiira irraa bareedduu, dubartoota irraa akkaan tolti. Dubartoota Hayaa qaban Qur'aanni ni faarse. Hayaan damee IIMAANA ti. Namni Hayaa qabu waan uffatu, dubbatuufi hojjetu ni filata. Akka lubbuun barbaadde tattahuu ni qaanfata. Qaanfiin waan gaarii harkifti. Namni qaanfii/safuu hin qabne waan barbaade dubbatee hojjeta. Mallattoon dubartoota qaanfii qabanii HIJAABA uffatan. Hijaabni addunyaafi aakhirattiis dubartootaaf faa'idaa guddoo qaba. Dubartoota sattaratan, dubartoota qaanfatan Rabbiin keenya ni jaalata.

Oolmaa Kheyrii (Garii)
Soora Qalbii Muslimaa
Forwarded from Al-risala-tube
🖲jechoota hayyuuwwan islaamaa keessaa. { K④}


Hangam qaraatee namatti hin himin haa sirraa argan malee

Nama si duuba waan kee dubbatu itti hin yaadin ( hin
komatin) isaan si duuba jiranii si dura hin jiranii bar.

⌛️Dallansuu liqmsii Obsa keetiin duroomaa ta'i.


📮@HamiltanTube📮
Forwarded from AL-RISALA HUMANITY CENTER (A Ňásìr🏂)
🐀Hantuutaa Fi Gaala🐫
(,"salaata rabbii Aalamaatiin malu salaatuu,ykn Rabbii salaata keetiin malu barbaaduu")
Dubbisaa share godha
Ibnu Al-qayyimtu nuuf gabaase:
♨️Guyyaa tokko hantuunni gaala argee,guddinni gaalaa akkaan Isa dinqisiisee akkana jedhe:
"Murtiin kiyya Ani gaalatti Waahiloomuu qaba"akka Gaalli Hiriyyaa hantuutaati jedhamu"jedhee Hiriyyaa gaalaa ta'e.

♨️Osoma akkasitti wajjiin jiraatanuu,guyyaa tokko Mana Hantuutaa bira gahaan,akkuma beekkamu manni Hantuutaa,Boolla girgiddaa manaa keessatti qotatte jiraatti.

▶️Achumaan hantuunni Amma ni dhama'e!
Alatti dhiisee mana seena moo,koottuu seeni jedhaan!,yoo seene hoo eessa taa'a!!!?
Achumaa Gaalli dhamaatii isaa kana hubatee akkana jedheen:
"Ykn Hanga Kee jaalachuu,ykn Mana nama jaalattuun qixxaatu ijaaruu"jedheen.
♨️Ibnu Al-qayyim akkana jedhan:
Salaannis fakkeenuma kana,"salaata rabbii Aalamaatiin malu salaatuu,ykn Rabbii salaata kewtiin malu barbaaduu"
https://t.me/tafak_or
https://t.me/tafak_or
Forwarded from Quality ButtonSCAM
Karaan nuti ittiin nama Yaamnu Qajeelaa kan haala gaariin guutame ta'uutu gaarii fi filatamaadha.

Nuti namootatti yoo haasofnu bifa gaarii fi hawwataa tahuutu filatamaadha.

Alhamdulillah kun haala Amantaan Teenya ganamaan akka irratti leenjifamnu nu ajajjuudha.

Namoota dogongoraniif dhiifama godhuunis Hojuma Teenya tahuu qaba.

Dogongoraaf dhiifama godhuun Injifataa nama taasisa malee moo'amaa nama hin taasisu.

Jerjeraan Ejjannoo fudhachuurraahis of eeggachuun gaariidha.

Garuu erga ejjannoo fudhattee waan sin miine yoo tahe ejjannoo kee cimsitee itti fufuutu sirra jiraata.

Namootaaf garaa laafuun muuxannoo guyyaa Guyyaan horachuu qabnu ta'uu qaba.

Haalota olii khanaan Namoota qanani'anirraa nu haa taasisu!

Follow brother Jemal
Click the link
@DrZakirNaikAfaanOromoo
T.me/JemalSheikhBakri1
Forwarded from Fataawaa NuuralHudaa
197: Sharxiin Sujuudaa dubartii irratti akkami?

Gaafii: Sujuudni dubartootaa akkam ta’aa? Dubartiin tokko yoo sujuuddu cinaacha isiitiif ciqilee harka isii adda hin baasinii hin babbanatinii qaama isii jedhanii akkamii?

Deebisaa: Adaba salaataa keessatti ulamaan akkasumaa dubbatan. Dubartoonniniif dhiirri akka akka takka hin taane akka mummuraan qaama isaanii hin muldhanne of sattaratanii haa salaatanii; kun yeroo ajnabiyyaan isaan argu. Yeroo ajnabiyyaan isaan hin agarre ammoo akkuma rasuulli salaatetti salaatuu qaban. Garuu yeroo ajnabiyyaan isii argu adabaaf akkastu bareedaadha jechaa ulamaan lafa kaayanii jiran.🎵
Forwarded from Fataawaa NuuralHudaa
198: Nama imaama booda raka'aa xumurachuuf salaataa jirutti hidhachuun ni tahaa?

Gaafii: Salaanni namni tokko nama tokkotti hidhatee salaate yoo namni sun salaama baafatee warri kun ol ka’anii salaatan isaanittillee namni biraa dhufee hidhachuu ni danda’aa?

Deebisaa: Ee humaa rakkoo hin qabu, imaama lammataa jedhamaa garuu ka duraa sun salaama baafatu malee sadaffaa dhufanii jalaan nama biraatti hidhachuun hin ta’u. Namuma tokkotu nama tokkotti hidhata yookaa nama hedutu nama tokkotti hidhataa namichi duraa sun yoo salaama baafatee warri kun ka’ee ol guuttatu namni biro dhufee nama kana keessaa nama tokkotti hidhachuu ni danda’a humaa rakkoo hin qabu.🎵