Dawaa Qalbii
9.16K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.79K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Seenaa Ajaa'ibaa!
Gurbaa tokkootu dhukkubni isatti hammaate. Dhukkuba osoon tahin cinqii du'aa (Sakaaratal Moowtii) ture. Kanaa wajji Shahaadaa jachuu hin dandayu ture. Hoggaa kana jaartiin isaa gara Ergamaa Rabbii S.A.W dhuftee haala isaa itti himte. Rasuulli S.A.W "Haadha isaa naaf yaamaa" ja'ee yaammate. Yoo haati isaa dhuftu "ilmi kee Nama akkamii ture?!" jachuun gaafate. Hoggaa kana "Nama gaariidha. Salaanni 1 isa hin dabru" jatteen. Hoggaa kana "salaata isaa osoon tahin hagam takka sigammachiisaa ture?!" ja'ee gaafate. Isiiniis "yaa Ergamaa Rabbii! Sitti hin kijibu, Jaartii isaa anarra waan jabeeysuuf xiqqo itti dallaneen jira" jatteen. Hoggaa kana Rasuulli S.A.W "Haga ati irraa jaalattutti Rabbi irraa hin jaallatu" haadhaan ja'e. Isiiniis boochee "yaa Ergamaa Rabbii! Irraa jaaladhe! Dhiifama godheef" jatteen. Waa xiqqo booda Rasuulli S.A.W haala gurbaa kanaa Akka qorataniif namoota muraasa erge. Yoo dhaqan gurbaan duraan Shahaadaa jachuu dadhabe, osoo Shahaadaa karraruu Duniyaa irraa deeme. Subhaanallah!

Nama seenaa tana dubbisaa jirtu hunda Nama Haadha isaa gammachiisu, Hajjii geeysu Rabbiin nuhaa taasisu.
@Sammaan
Yuunivarsitiin Waldiyaa barattoota sababa sodaa nageenyaaf mooraa gadhiisaniif murtee dabarse.

1. Barattoonni idileen guyyaan mooraatti deebitan bara dhufu waamichi gaafa isiniif taassifamudha

2. Barattoonni gannaa qorumsa goolabuuf fulbaana 03/2015 mooraatti deebitu

@Gadaapost
@Sammaan
Ergaa kana xiinxallii dubbisi namaafis dabarsi
👇👇👇👇👇👇👇
🌿Yeroo kee karooran itti fayyadami.
🌿yeroon takkaa si bira dabarraan hanga feete ariitee qabuu hin dandeettu.
🌿yeroo kee bakkuma faayidaa siif hin qabnetti hin fixin.
🌿yeroo siif kennamterraa Rabbiin si gaafatuuf jira hundi keennaa irraa gaafatamna .
👉Hubadhu ati hin beektuf osoo hin taane si yaadachiisufi Obboleessa koo atis obboleettii too
👇👇👇👇
@Sammaan
Hooggantoonni olaanoon mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa ambaasaaddara Gamtaa Emireetii Arabaa waliin mariyatan

Hagayya 23/2014

Mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatti jiilli perezdaantii mana marechaa Sheek Hajji Ibraahim Tuhfaatiin duurfamu Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Gamtaa Emireetota Arabaa waliin mariyateera.

Perezdaantii, itti aanaa perezdaantiifi barreessaan mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tuhfaa, Sheek Abdulkariim Sheek Badraddiiniifi Sheek Hamid Muusaa Itiyoophiyaafi Suudaan Kibbaatti akkasumas Gamtaa Afriikaatti ambaasaaddara Gamtaa Emireetii Arabaa kan ta'an kabajamoo Mahaammad bin Saalim Al-raashid waliin mariyataniiru.

Dhimmoota waliin hojjachuu danda'an irratti ambaasaaddaricha waliin marii bal'aa taasisuu manni maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

t.me/Sammaan
Sa'aatii, daqiiqaa fi sekondii amma keessa jirtu keessatti balbala riziqii gurguddaa Rabbiin siif haa banu.
@Sammaan
SEEROTA NAMA WAJJIIN JIRAACHUUF SI GARGAARAN.
Dubbisaa Shares waliif godhaa...
✔️ Yeroo lama bilbiltee yoo si jalaa hin kaasin deebitee namatti hin bilbilini, Namni ati bilbilteef suni dhimma addaa jabaa qabachuu hin oolu waan taheef.
✔️ Waan nama irraa liqeeffatte osoo abbaan sin gaafatin yeroon deebisiif.
✔️ Iddoo nyaata affeeramtee jirtutti nyaata gatiin guddaa hin ajajatin, Inumayyuu filannoo kee nama si affeere saniif dhiisi.
✔️ Gaaffii akkanaa nama hin gaafatin,
Haga ammaa hin fuunee ?
Ijoollee meeqa qabda ?
Maa gurraachooyte ?
Maa huqqatte ?
Gaffiin akkana hin gaafatin dhimmi kuni sin galchu waan taheef.
✔️ Hiriyyaan kee iddoo waliin jirtanitti Fkn Taaksii, Kaaffee, Qarshii yoo kafale marsa itti aanuuf ati kafali
✔️ Yaada namaa kabajii yoo dogongores amansiisuuf yaali malee yaada isaa hin tuffatin.
✔️ Ana qofatuu beeka, ana qofatu sirrii dha, ilaalcha jedhu of keessaa haqi si tuffachiisa waan taheef.
✔️ Yeroo namni waan gaarii siif hojjate Galatoomi jechuunii irraa hin doynoomin.
✔️ Hiriyyoota kee lamaan jidduu jechaan hin deemin, namni si taajjabaati.
✔️ Yoo namni suuraa Moobaayila isaa keessaa sitti mul'ise isuma san qofa laali bitaa mirgatti dabarsuuf hin yaalin iccitii qabaachuu dandahaa.
✔️ Bakka hojii keetiitti nama hundaaf gaarii tahi hin tuffatin kabajaa kenniif waardiyyaa irraa hanga itti gaafatamaatti namni hundi kabajaa siif kennaa
✔️ Hiriyyoota kee yoo dhiira tahan
Mindaa isaanii hin gaafatin,
Yoo shamara tahan Umrii isaanii hin gaafatin
✔️ Hanga siif hayyamanitti malee qabeenya namaatti hin fayyadamin, erga fayyadamtee booda akka gaariin tolchii deebisiif
✔️ Haadha manaatee bareedinaafii dandeettii isii nama keessatti hin faarsin, namni qalbii darree qabu isii argachuuf hawwa waan ta'eef.
✔️ Abbaa manaa kee duratti nama fedhee haa tahyu dhiira beekkamaa wahii hin faarsin ni hinaafaa, inumayyuu faallaa sanii abbaa manaa kee sirritti faarsi.
✔️ Haadha si deetteef waan duraanii caala haadha manaa teetiifii ilmaan tee duratti kabajaa guddaa kenniif jaalala ati haadha teetii qabdu itti agarsiisi, haati manaa tees si kabajji, ilmaan teetis akka si jaalataniifi si kabajan gooti.
✔️ Haadha manaa tee ilmaan tee irratti hin lolin, hin arrabsin, Ilmaan tee gochaafii jecha ati haadha isaaniitiin jetteef si jibbuu waan taheef.
✔️ Qabeenya kee haga qabduu namaaf hin odeessin, nama si hinaafu hin dhabdu waan taheef.
Join & Share godha 🙏
👇👇👇👇👇

@asliioromoo849
𝒪𝒹𝓊𝓊𝓊𝓊𝓊𝓊: 𝐎𝐝𝐮𝐮 𝐃𝐚𝐧𝐬𝐚𝐚
Taphataan Urjii Addunyaa tahe ilmi Islaamaa Sadio Mane dhihoo tana miidhamee Hospitaala yoo seenu, namoota hospitaalachitti rakkatan argee hunda isaanii irraa maallaqa biyyattii 400,000 (kuma dhibba afur) kaffalee deeme. Kana malees namni kun ji'atti Miindaa isaatiirraa Miskiina tokkoof Yuuroo 70 gumaacha. Mee ajaa'ibaa!

Nama akkanaa kana Rabbi nuuf haa heddummeeysu!
KUTAA 8FFAA

Qormaanni ministirii kutaa 8ffaa gadhiifamera

Karaawwan Firii qorumsa ministry kutaa 8ffaa bara 2014 ittiin ilaalan.

➡️ http://Oromia.ministry.et
http://Oromia.ministry.et

qabatamaadha ilaalleerra!
baga gammaddan


Share and Support your friend
kan isin dide koomenti jalaan nu dubbisuu dandeettan
Forwarded from Quwwatulislaam_promotion
🎁🎁As wr wb 🎁🎁
📚Kabajamtootaaf Jaalatamtoota Maatii Chaanaala Quwwatulislaam 🕋Akkuma Beekkamu Chaanaalli kuni Marsaa 18'f Bifa Bareedaa fi Wal-fakkaataa ta'een,Isiniif qopheessaa kan turuudha.
📶Marsaa 19ffaa kana irratti Bifa Adda ta'een Isiniif dhiheessuudhaaf qophii hunda Xumuree jira.
📶Akkaataan Wal-dorgommmiitis Akka Armaan gadii kanaan Isiniif ibsama.
👎👎👎👎👎
Step1⃣ SJalqaba irratti Warroonni Wal-dorgommmii irratti hirmaachuu barbaaddan hundi keessanuu Ergaa Wahii Bifa gabaabina qabuun Nuuf ergitan.
🟪 Ergaan kanas kan Ergitan Wantoota Armaan gadii kanniin irratti Xiyyeeffachuudhani.
🟪🟪🟪🟪🟪🟪🟪🟪🟪🟪🟪🟪
↗️Aayata qur'aanarraa hiikkaa waliin
↗️Hadiisa irraa
↗️Jechoota beektotaa fi
↗️Seenaa gaggabaaboo fa'aadha.
Step2⃣Eega Ergitaniin boodatti nuti Ergaa keessan Haala miidhagaa ta'een Chaanaala keenya irratti isiniif maxxansina..
Step3⃣Sana booda Ergaa keessan Kan Chaanaala irratti isiniif maxxansine san Akka Namoonni heddun Isiniif laalan,gara Group fi chaanaala birootti SHARE godhattu.
Step4⃣Sana booda guyyaa Jum'aa baay'ina nama Ergaa keessan laalee{views} irratti hundaahuudhaan Warroota Sad.1_3 bahan kan badhaasnu ta'a.
إن شاء الله تعالى
🎁1ffaa kan bahe 400MB🥇🥇🥇
🎁2ffaa kan bahe 300MB🥈🥈🥈
🎁3ffaa kan bahe 200MB🥉🥉🥉
✏️Hammi turiinsa isaatis ji'a tokko.
🎬Haa ta'u malee yoo baay'nni hirmaattotaa namoota gahe,Hamma namoota 5tti kan
badhaasnu ta'a.
📗Hubachiisa:badhaasa Kana Argatuudhaaf yoo xiqqaate,Namoonni 500 ol isiin laaluun dirqama.
Kanaaf guyyaa boruu/harbaa Ganama irraaa jalqabee,Ergaa keessan Karaa bot Armaan gadii kanaan nu biraan gahaa❗️
📶📶📶📶🆗📶📶📶📶
@Quwwatulislaam_bot
@Quwwatulislaam_bot
Ergaa kanas Obboleewwan keessaniif Share godhuu hin irraanfatinaa
◀️Yaada yoo qabaattanis Asiin dhiheeffadhaa... #jamaalmuhammad4971
Galatoomaa carraa gaarii isiniif hawwa..
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Forwarded from Jemal
السلام علیيکم ورحمت الله وبرکاته
🎁Wal-dorgommmii Marsaa
#20ffaa🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆
🕋Maqaa:Sammaan She Abdurrahmaan
⛺️Arsii Roobeerra
#CODE_05
💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫
📚عن ابی هريرة رضی الله عنه:” ان رجلا قال للنبي صلی الله عليه وسلم :اوصينی ؛ قال :لا تغضب. فردد مرارا؛قال:لاتغضب“زواه البخاری.
↗️Abii Hureeyraa Rabbiin isarraa haa jaalatu;Namtichi wayii Rasuulan(Nagaafi Rahmanni Rabbii irra haa jiraatuu):Naaf dhaami? jedheen.
Hin dallanin jedhaniin jedhaniin.
Namichi irra deddeebi'ee Naaf dhaami jedheen.
Isaanis Hin Dallanin(Hin Aarin) jedhaniin.
Hadiisa kana Bukhaaritu Gabaase ykn odeesse.
👇👇👇👇👇👇👇
Kanaafuu Dallanuun ykn Aarun Hin barbaachisu yoo Haqa Rabbiitif taate malee.
1⃣ffaa kan baheef 400MB🎁🎁🎁
2⃣ffaa kan baheef 300MB🎁🎁
3⃣ffaa kan baheef 200MB🎁
Wal-dorgommmicha irratti hirmaachuudhaaf
🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆
🎢JOIN&SHARE 🕌🕌🕌
👇👇👇👇👇

@quwwatulislaam
#quwwatulislaam
#quwwatulislaam
SAMMUU KEENYA MAALTU MIIDHA?
👉 shiishaa , tanboo fi sigaaraa xuuxuu.
👉alkoolii dhuguu.
👉boqonnaa ykn haaragalfii dhabuu.
👉dhiphina sammuu cimaa.
👉faalama qilleensaa.
👉ciree/faxara nyaachuu dhabuu.
👉humna ol nyaachuu.
👉 nyaata sukkaara baayyatan baayyinaan nyaachuu.
👉bishaan gahaa dhuguu dhabuu.
👉 hirriba gahaa rafuu dhabuu. Namni fayyaa tokko guyyaatti sa'aa 6-8 rafuu qaba.
👉 yeroo rafnu huccuun fuula keenya haguuggannee rafuu. Kuni sammuun keenya akka kaarboondaayosaayidiin akka miidhamu godha.
👉osoo dhukkubsannuu, waan sammuun yaaduu gaafatu dalaguu.
👉fayyummaa sammuu keenyaa haa eeggannu.

Galatoomaa !!
Waliif share godha.
DrmohammedIbrahim
@Sammaan
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉Uffannaa ati ofirraa qabdu osoo hin taane ulfina ati namaaf qabdutu gatii qaba. 👈
👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
t.me/Sammaan