Dawaa Qalbii
9.16K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.79K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
👉Waa shan waan shaniin tolan
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

1-jirenyi fayyaan tola
2-bareedinni haala gaariin tola
3-hirriibni yaada gaariin tola
4-imaltuun saahiba gaariin tola
5-halkan zikrii Rabbiin tola

☞ Waan Shan waa shaniin bekkama
👇👇👇👇👇

1-Mukni firiin bekkama
2-Jaartiin yeroo jaarsi miskiinawe
3-Saahibni yeroo Rakkoo
4-Mu'uminni yaroo mokkorome
5-Arjaan yeroo itti haajaman bekkama.

@Sammaan
Guyyaa Jum'aati Kanaafuu
🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
👉Salaawaata Nabiyyii(S.A.W.) Irratti heddummeessi.

👉Qaama dhiqadhu; Masjida yeroodhan ykn ganamaan deemi.

👉Uffata kee irraa bareedaa uffadhu.

👉Siwaaka fayyadamus hin dagatin.

💫 Hundinuu Faayidaan(mindaan )simaafi Sunnaalee guyyaa jum'aa hojirra oolchun.
@Sammaan
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Lammii dhumaa jirtuuf haa dirmannuu
-------------------------------------------
ASSALAAMU ALEEYKUM WARAHMATULLAAHI WABARAKAATUHU

Kabajamtoota obboleeyyan islaamaa Kheeyrii guddoo tana share gochuudhaan waliif dabarsaa.
Namni RABBIIN laaffiseef immoo guyyaa kana waan qabdaniin hirmaachuudhaan
Lammii teeysan cinaa dhaabbadhaa.
Galatoomaa.

@Kennaapost @Kennaapost
"When you make the most of your self
you make the most of your life."
Yuunivarsiitiin Baar Daar Koomaander Atileet Daraartuu Tulluuf Doktareetii Kabajaa kenne.
@Sammaan
ቢስሚላ-ሂ ራህማ-ኒ ረሂም
በአሏህ ስም እጅግ በጣም ሩህሩህ በጣም አዛኝ በሆነው

የማይረሳ አሻራችንን ለትውልድ ለማኖር ቃል ገብተናል።
የተሳከ ጉብኝት በነጃሺ መስጅድ አከናውነናል
በመዲናችን አዲስ አበባ ብሎም በአህጉራችን አፍሪካ በውበቱ አቻ የማይገኝለት ፣ በግዝፈቱ ትልቅ መስጅድ ሊሆን የታሰበውን በታሪካዊ መሪ ነጃሺ ስም የተሰየመውን መስጅድ ነጃሺ ለመገንባት እንቅስቃሴ አስጀምረናል።
ለዚህ ግንባታ በቅርቡ የመሰረት ድንጋይ ለማኖር በዛሬው እለት ጉብኝት አከናውነናል።ለዚህ ተቋም እዚህ ደረጃ ለመድረስ ከፍተኛ ሚና የነበራቸውን የመንግስት አካላትና ተቋማት፣የአዲስ አበባ እስልምና ጉዳዮች ከፍተኛ ምክር ቤት አመራሮችና አባላት ምስጋና ይገባቸዋል።
በቀጣይም ይህንን ታሪካዊ የትውልድ አሻራ ለማኖር ሁላችንንም ከፍተኛ ሀላፊነት እንዳለብን ለማሳወቅ እወዳለው።
በተመሳሳይ በዛሬው እለት በጠዋቱ ክፍለ ግዜ የኢትዮጰያ እስልምና ጉዳዮች ጠቅላይ ምክር ቤት ህንፃ የሆነውን አልፋ ህንፃ አሁን ያለበትን ተጨባጭ በመጎብኝት ከተቋም ስራ አስኪያጅ ጋር ውይይት አድርገናል።

Ashaaraa hin dagatamne dhalootaf dabarsuuf waadaa seenneera:
Daawwannaa milkaaha markaza najaashitti goonerra , Afrikattis tahee magaala keenna guddoo finfinneetti midhaginaa fi guddina isaatin gita kan hin qabne jedhame kan yaadame masjida najjaashi ijaaruf sochiin jalqabameera,
Ijaarsa isaas yeroo muraasa keessatti dhagaa bu'uura kaahuf guyyaa har'a daawwaana goonnerra dhaabni kun as gahuuf qaamonni hojii guddaa dalagaa baatan qaama mootummaa, mana maree ol'aana dhimmota islaamaa finfinneetif galata galchuun barbaada.
Akkasumas guyyaa har'aa saa'aa ganamarratti gamoo mana maree ol'aanaa dhimmota islaama Ithiyoophiyaa kan tahe gamoo Alfa, yeroo ammaa haala qabatama irra jiruufi hoji raawwachiisaa gamichaa waliin marii goonerra.
barruun kana 👆👆👆
Fuula Facebook Perezdaantii Mana maree Federaalaa Shehk Hajjii irraa arganne.
@Sammaan
Seenaa Ajaa'ibaa!
Gurbaa tokkootu dhukkubni isatti hammaate. Dhukkuba osoon tahin cinqii du'aa (Sakaaratal Moowtii) ture. Kanaa wajji Shahaadaa jachuu hin dandayu ture. Hoggaa kana jaartiin isaa gara Ergamaa Rabbii S.A.W dhuftee haala isaa itti himte. Rasuulli S.A.W "Haadha isaa naaf yaamaa" ja'ee yaammate. Yoo haati isaa dhuftu "ilmi kee Nama akkamii ture?!" jachuun gaafate. Hoggaa kana "Nama gaariidha. Salaanni 1 isa hin dabru" jatteen. Hoggaa kana "salaata isaa osoon tahin hagam takka sigammachiisaa ture?!" ja'ee gaafate. Isiiniis "yaa Ergamaa Rabbii! Sitti hin kijibu, Jaartii isaa anarra waan jabeeysuuf xiqqo itti dallaneen jira" jatteen. Hoggaa kana Rasuulli S.A.W "Haga ati irraa jaalattutti Rabbi irraa hin jaallatu" haadhaan ja'e. Isiiniis boochee "yaa Ergamaa Rabbii! Irraa jaaladhe! Dhiifama godheef" jatteen. Waa xiqqo booda Rasuulli S.A.W haala gurbaa kanaa Akka qorataniif namoota muraasa erge. Yoo dhaqan gurbaan duraan Shahaadaa jachuu dadhabe, osoo Shahaadaa karraruu Duniyaa irraa deeme. Subhaanallah!

Nama seenaa tana dubbisaa jirtu hunda Nama Haadha isaa gammachiisu, Hajjii geeysu Rabbiin nuhaa taasisu.
@Sammaan
Yuunivarsitiin Waldiyaa barattoota sababa sodaa nageenyaaf mooraa gadhiisaniif murtee dabarse.

1. Barattoonni idileen guyyaan mooraatti deebitan bara dhufu waamichi gaafa isiniif taassifamudha

2. Barattoonni gannaa qorumsa goolabuuf fulbaana 03/2015 mooraatti deebitu

@Gadaapost
@Sammaan
Ergaa kana xiinxallii dubbisi namaafis dabarsi
👇👇👇👇👇👇👇
🌿Yeroo kee karooran itti fayyadami.
🌿yeroon takkaa si bira dabarraan hanga feete ariitee qabuu hin dandeettu.
🌿yeroo kee bakkuma faayidaa siif hin qabnetti hin fixin.
🌿yeroo siif kennamterraa Rabbiin si gaafatuuf jira hundi keennaa irraa gaafatamna .
👉Hubadhu ati hin beektuf osoo hin taane si yaadachiisufi Obboleessa koo atis obboleettii too
👇👇👇👇
@Sammaan
Hooggantoonni olaanoon mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa ambaasaaddara Gamtaa Emireetii Arabaa waliin mariyatan

Hagayya 23/2014

Mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatti jiilli perezdaantii mana marechaa Sheek Hajji Ibraahim Tuhfaatiin duurfamu Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Gamtaa Emireetota Arabaa waliin mariyateera.

Perezdaantii, itti aanaa perezdaantiifi barreessaan mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tuhfaa, Sheek Abdulkariim Sheek Badraddiiniifi Sheek Hamid Muusaa Itiyoophiyaafi Suudaan Kibbaatti akkasumas Gamtaa Afriikaatti ambaasaaddara Gamtaa Emireetii Arabaa kan ta'an kabajamoo Mahaammad bin Saalim Al-raashid waliin mariyataniiru.

Dhimmoota waliin hojjachuu danda'an irratti ambaasaaddaricha waliin marii bal'aa taasisuu manni maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

t.me/Sammaan
Sa'aatii, daqiiqaa fi sekondii amma keessa jirtu keessatti balbala riziqii gurguddaa Rabbiin siif haa banu.
@Sammaan
SEEROTA NAMA WAJJIIN JIRAACHUUF SI GARGAARAN.
Dubbisaa Shares waliif godhaa...
✔️ Yeroo lama bilbiltee yoo si jalaa hin kaasin deebitee namatti hin bilbilini, Namni ati bilbilteef suni dhimma addaa jabaa qabachuu hin oolu waan taheef.
✔️ Waan nama irraa liqeeffatte osoo abbaan sin gaafatin yeroon deebisiif.
✔️ Iddoo nyaata affeeramtee jirtutti nyaata gatiin guddaa hin ajajatin, Inumayyuu filannoo kee nama si affeere saniif dhiisi.
✔️ Gaaffii akkanaa nama hin gaafatin,
Haga ammaa hin fuunee ?
Ijoollee meeqa qabda ?
Maa gurraachooyte ?
Maa huqqatte ?
Gaffiin akkana hin gaafatin dhimmi kuni sin galchu waan taheef.
✔️ Hiriyyaan kee iddoo waliin jirtanitti Fkn Taaksii, Kaaffee, Qarshii yoo kafale marsa itti aanuuf ati kafali
✔️ Yaada namaa kabajii yoo dogongores amansiisuuf yaali malee yaada isaa hin tuffatin.
✔️ Ana qofatuu beeka, ana qofatu sirrii dha, ilaalcha jedhu of keessaa haqi si tuffachiisa waan taheef.
✔️ Yeroo namni waan gaarii siif hojjate Galatoomi jechuunii irraa hin doynoomin.
✔️ Hiriyyoota kee lamaan jidduu jechaan hin deemin, namni si taajjabaati.
✔️ Yoo namni suuraa Moobaayila isaa keessaa sitti mul'ise isuma san qofa laali bitaa mirgatti dabarsuuf hin yaalin iccitii qabaachuu dandahaa.
✔️ Bakka hojii keetiitti nama hundaaf gaarii tahi hin tuffatin kabajaa kenniif waardiyyaa irraa hanga itti gaafatamaatti namni hundi kabajaa siif kennaa
✔️ Hiriyyoota kee yoo dhiira tahan
Mindaa isaanii hin gaafatin,
Yoo shamara tahan Umrii isaanii hin gaafatin
✔️ Hanga siif hayyamanitti malee qabeenya namaatti hin fayyadamin, erga fayyadamtee booda akka gaariin tolchii deebisiif
✔️ Haadha manaatee bareedinaafii dandeettii isii nama keessatti hin faarsin, namni qalbii darree qabu isii argachuuf hawwa waan ta'eef.
✔️ Abbaa manaa kee duratti nama fedhee haa tahyu dhiira beekkamaa wahii hin faarsin ni hinaafaa, inumayyuu faallaa sanii abbaa manaa kee sirritti faarsi.
✔️ Haadha si deetteef waan duraanii caala haadha manaa teetiifii ilmaan tee duratti kabajaa guddaa kenniif jaalala ati haadha teetii qabdu itti agarsiisi, haati manaa tees si kabajji, ilmaan teetis akka si jaalataniifi si kabajan gooti.
✔️ Haadha manaa tee ilmaan tee irratti hin lolin, hin arrabsin, Ilmaan tee gochaafii jecha ati haadha isaaniitiin jetteef si jibbuu waan taheef.
✔️ Qabeenya kee haga qabduu namaaf hin odeessin, nama si hinaafu hin dhabdu waan taheef.
Join & Share godha 🙏
👇👇👇👇👇

@asliioromoo849
𝒪𝒹𝓊𝓊𝓊𝓊𝓊𝓊: 𝐎𝐝𝐮𝐮 𝐃𝐚𝐧𝐬𝐚𝐚
Taphataan Urjii Addunyaa tahe ilmi Islaamaa Sadio Mane dhihoo tana miidhamee Hospitaala yoo seenu, namoota hospitaalachitti rakkatan argee hunda isaanii irraa maallaqa biyyattii 400,000 (kuma dhibba afur) kaffalee deeme. Kana malees namni kun ji'atti Miindaa isaatiirraa Miskiina tokkoof Yuuroo 70 gumaacha. Mee ajaa'ibaa!

Nama akkanaa kana Rabbi nuuf haa heddummeeysu!