Dawaa Qalbii
9.16K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.79K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
#Finfinnee

Mariin sirna barnoota haaraa bara 2015tti guutummaan guutuutti hojiirra oolchurratti gaggeeffamu eegale.

Finfinneetti sirni barnootaa haaraan yaaliif waggaa darbee kaasee manneen barnootaa Afaan Oromoofi Amaariffaan keessatti kennamaa turuu Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hogganaa Ittaanaan bijrichaa Obbo Admaasuu Dachaasaa sirna barnootaa haaraa qophaa'e ilaalchisuun marii hawaasa mana barumsaa magaalichaa waliin taasisaniin tarkaanfichi barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf kan kaayyeffatedha jedhu.

Sagantaan marii kun biirichaafi Abbaa Taayitaa To'annoo Leenjiifi Qulqullina Barnootaan waliin kan qophaa'e yoo ta'u, hudhaa damee barnootaa mudachaa jiru fi barataan afaan dhalootasaan akka baratuuf kan gargaarudha jedhu.

Kanaan dura sirna barnootaa haaraan barsiisuun manneen barnootaa 44 keessatti yaaliin kan gaggeeffameefi jijjiiramni kan itti argame ta'uu beeksisaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
#Irraa_nu_haa_baraaru

➛Wuduu'a goota, garuu bishaan garmalee dhangalaasuun/Israafa goota.
➛ Sooma afaanii qabda, garuu afaaniin ilma namaa hamataa oolta,
➛Sadaqaa kennatta, garuu uf faarsaa oolta ykn akkanatti sadaqadhe jettee haasawaa oolta,
➛Halkan leeylii salaattee, ganama baatee himatta,
➛Rakkataa qarqaaraa, booda suuraa kaatee raabsita,
➛Hijaaba uffattee garuu urgaan kankee ufitti nama hin kaleessu,....na ajaa'ibee....!, maal dubbannee maal haa dhiisnu.
Maaf gingilchaatti bishaan waraabbatta. Maaf kiisa citte keessa mallaqa kaawwatta.
#Rabbiin_nu_haa_eegu!
Follow me👇
https://t.me/tafak_or
#ExitExam
Ministeerri barnootaa bara itti aanu, bara barnootaa 2015tti kan eegalu, qormaata gahuumsa Ogummaa akkaataa keenniinsa qormaatichaa irratti, #Qajeelfama isaa qopheessuun, dhaabbata barnootaaf raabsuun isaa ni beekama.

Akka seera Qajeelfamichaattis:-

Qormaanni Gahuumsa Ogummaa barattoota digirii jalqabaa barnoota sadarkaa Olaanoo kan mootummaafi dhuunfaa kan ilaallatu ta'a.

Qajeelfamichi qulqullina barnootaa eeguufi humna nama leeji'ee biyyattiin barbaaddu oomishuuf waan ta'eef, akkaataan hojiirra oolmaa isaa haala walfakkaatuun ta'a.

Qormaata gahuumsa Ogummaa parsantii dhibba(100%) keessaa barataan parsantii shantama(50%) deebisuu hin dandeenye, Eeebbifamuus ta'ee yuunivarsitii eebbifame irraa ragaa eebbifamuu isaa ibsu fudhachuu hin danda'u.

Qormaata gahuumsa ogummaa parsantii dhibba(100%) keessaa barataan parsantii shantama(50%) deebisuu hin dandeenye, yeroo fudhachuun sirriitti dubbisee qormaaticha parsantii dhibba irraa 50 fi sanaa ol fiduun darbuu akka danda'uuf, dabalataan yeroo lamaaf akka qoramuuf caarraan ni kennamaaf.Qoramtoonni caarraa isaanii fayyadamuu kan qaban qormaata yeroo jalqaba yoo fudhatan, waggootan sadan jiran qofa keessatti.

Barataan tokko eebbifamuuf ga'aa kan ta'u, qormaata gahuumsa ogummaa yoo dabarfate qofa yemmuu ta'u, qoramtoonni yeroo sadii qoramuun qabxii darbiinsaa galmeessuu yoo dadhaban, dhaabbanni biyyaalessa ga'huumsa ogummaa ragaa ni kenna.

Qormaanni gahuumsa ogummaa akka haala sagantaa barnootaatti waggaa keessa yeroo lamaafi isaa ol kennamuu danda'a.

Odeeffannoo kanaafi kan kana fakkaatu wanti haaraan yoo jiraate gara galgalaa qindeessuun kaaraa Yuutuubiitiin waan dabarsinuuf subscribe share gochuun nu eeggadhaa.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚

https://t.me/+G5ZeAWrgdBswODU0


➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin.
Jama'aa Barattoota KBB Roobee Bara 2014
https://t.me/robekbbjamea
👉yoo kan fayyaa qaama keetif yaaddu ta'e , gorsa xiqqoo tana dubbisii itti fayyadamii.
👉yoo kan somba keetif yaaddu ta'e, tamboo aarsuu dhiisi.
👉yoo kan onnee keetif yaaddu ta'e , ashaboo nyaachuu xiqqeessi.
👉yoo kan tiruu keetif yaaddu ta'e , coomaa nyaachuu xiqqeessi.
👉yoo kan garaacha keetif yaaddu ta'e ,nyaata qabbanaawaa nyaachuu xiqqeessi.
👉yoo kan mari'imaan keetif yaaddu ta'e, kuduraaf mudaraa nyaachuu baay'isi.
👉yoo kan kalee keetif yaaddu ta'e , guyya guyyaan bishaan dhuguu heddumeessi,halkan bishaan xiqqeessii rafuun dura fincaan fixadhuu rafi.
👉yoo kan sammuu keetif yaaddu ta'e ,hirriba gahaa rafi ( guyyatti yoo xiqqaate sa'aatii 8 rafi.)

Galatoomaa!!

Fayyaaf nagaa hin dhabinaa!
By Dr Abdi k Gada.

Channel kana join godha.
https://t.me/Sammaan
Hubadhu
💫💫💫💫💫💫💫💫💫
✿ kan yeroo hundaa kolfu beekkumsa of dhoowwa.
✿ Kan yeroo hundaa kadhatu kennaa of dhoowwa.
✿ Kan yeroo hundaa kakatu amantii of dhoowwa.
✿ Kan yeroo hundaa jarjaru hiree of dhoowwa.
✿ Dubbachuun immoo gootummaa miti.
✿ Cal'isuun sodaaf miti.
✿ Kaayyoo kee hin dagatin.
✿ Dhageessef hin dubbatin.
✿ Argatteedhaf hin nyaatin.
✿ Waan xiqqoo hin gowwaamin.
👇👇👇👇
𝐬𝐡𝐚𝐫𝐞 & 𝐣𝐨𝐢𝐧 hin dagatin.
@Sammaan
➛Mallattoon adeemsa salaata Munaafiqaa jaha jedhan Ibnulqayyim(Rahimahullaah). Isaanis:

1. الكسل عند القيام إليها
1) Yeroo salaataaf deemtu ceem'aa, uf jibbaa dhufuu.
2. ومراءاة الناس في فعلها
2) Yeroo salaattu mummuldhifachuu ykn na argaaf salaatuu.
3. وتأخيرها
3) Yeroo ishee irra dabarsuu.
4. ونقرها
4) Garmalee jarjarsuu.
5. وقلة ذكر الله فيها
5) Zikrii xiqqeessuu ykn Zakrii salaata keessaa fi boodaa gochuu dhabuu.
6. والتخلف عن جماعتها "
6) Salaata jama'aa irraa boodatti hafuu.

#Maddi_isaa👇
📚[ الصلاة وحكم تاركها 1 /173 ]
[Assalaatu wa hukmu Taarikihaa (1/173 ]
🌹🌹🌹
Follow me👇
https://t.me/tafak_or
Muftii Oromiyaa!
Maqaan isaanii Aadam Ahmad Ammarroo Shankoor ja'ama. Garuu yeroo ammaa Sheikh Aadam Tuulaa jachuun beekkamu. Baha Oromiyaa Aanaa Kombolchaa Araddaa Tuulaa Ganda Usmaan iddoo ja'amutti, Bara 1907 A.L.I ykn Hijraa 1336 A.L hijraatti dhalatan.

Sheikh Aadam Tuulaa daa'imummaadhaan waggaa 12 tti barnoota Diin Islaamaa barachuu eegalan. Sheekkan akka: Sheikh Muhammad Ibraahiim, Sheikh Aliyyii Aruusii, Sheikh Muhammad Oborraa, Sheikh Sa'iid Kombolchaa, Sheikh Ibraahiim Usmaan (Ceekhaa) fi kkf irratti, kitaaboota adda addaa, Fannii baay'ee akka Fannii Nahwii, Ma'aanii, Manxiqaa, Fiqhii, Tafsiira Quraanaa, Sahiiha lamaan fi kkf barate.

Sheikhni keenya haala kanaan bonaa fi ganna keeysa, baddaa fi gammoojjii keeysa Osoo dadhabe hin ja'in Sheekha tokkorraa gara sheekha biraatti osoo dabruu, barnoota isaanii kan waggaa 12 irraa hanga waggaa 37 JACHUUNIIS waggaa 25 isaanitti fudhate injifannoon xumuran.

Eega barnoota isaanii xumuran boodaas fadhii isaan Diin Islaamaa barsiisuuf qaban irraa kan ka'e, Baha Oromiyaa Aanaa Dirree Xayyaaraa Araddaa Suqul Ganda Adduus iddoo ja'amutti Majliisa (caayaa) Diin Islaamaa dhaabuun barsiisuu eegalan.

Sheekhni keenya erga barsiisuu eegalan waggaa 55 caaleeti jira. Sheekkan Majliisa isaaniitti baratanii, isaan irraa eeybifamanii Majliisa dhaabanii akkuma sheekha keenyaatti barsiisuurratti arkaman qofti nama 40 irra hedduu dha.

Sheekh Aadam Tuulaa yeroo ammaa manguddoo umriin isaanii amata 100 ol dabre tahullee hanga ammaatti Diin Islaamaa barsiisaa jiran.

Sheekha keenya RABBI umrii isaanii nuuf haa dheereeysu. Jazaa (galata) isaanii Jannatul-Firdoowsi RABBI haa godhu.

Barreeysaan: Hamza Abdulhakim.
Galatoomaa!
#Uffataan_boontaa___

➛ Ilmi namaa hunduu yeroo gara addunyaa tanaa dhufu qaama qullaa dhufa, qaama qullaa asirraa boqatas, akkasuma qaama qullaa kaafama guyyaa boruus...!
➛ Uffata jechuun bar meeshaa sobaa kan nuti maalummaa keenya ittiin dhokfachuuf uffannu malee waan yeroo dheeraa nu wajjiin dabarsaa miti. Uffattee uffannaan nama waan caaltu yoo uf seete dogoggortee jirta obbolaa!.
➛ Namoota akkasii hedduu argeen gadde ittiin naaf qaqqabaa maaloo🙏.
🌹🌹🌹
Forward godhaa👉👇
https://t.me/tafak_or
السلام عليکم ورحمت الله وبرکاته
💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫
👇👇👇👇👇👇👇👇
Dirqama Obbolummaa
Dirqama Sabummaa
Dirqama namummaa
waan walbiraa qabnu yaada hunda keenna ilaallatu barreeffama bal'aa isiniif qabannee dhufna.
inshaa Allaah
yoo ofii dubbistan akka nama hunda bira gahuuf share godhaa !!
👉 Zinaa(Gumna)👈
kutaa 1ffaa

Rabbiin jalaa eessattuu dhokatanii bahuun hin danda'amu
kaayyoo qabaadhu galma san gahuuf yaali Rabbii kee kadhadhu Umriinsin sobin Itti fayyadami duuba hin deebitu yeroon ati qabdu qaalidha.
Yaa obboleewwan koo kan dhiiraa fi Shamarranii Haala yeroo ammaa kanaa irratti xiqqoo waa isiniifi ofii kiyyaafis dhaamuu barbaada innis xiyyeeffannoon kiyya ijoon waan yeroo ammaa Jaalallee(friend )jedhame Kan Sobaan Zinaa(Gumna) babal'isaa jiru irratti qabxiilee muraasa isiniif kaasa Rabbiin Karaa hin taanerraa nu haa tiisu jedha.
Gocha addunyaaf aakirattis Miidhaa malee bu'aa hin qabne (Zinaa)irraa fagaachuun dirqama namiitu taha.
Yeroo ammaa dhiira fi shamarraan hedduun haalli keessa jiran nama yaachisa irra hedduun jechuun haala danda'amuun gola kana(Zinaa) keessatti kufeera Rabbiin isin haa tiisu.
waan walyaadachiifnu keessa asirratti "waan sirratti akka raawwatamu hin barbaanne nama biraa irrattis akka hin raawwatamne gahee kee bahadhu."
Gumna(Zinaa) kana akkuma maatii keenya irraa jibbinu nama biroo irraayis jibbuu qabna.
Rabbiin Haraama biyya faale kana nurraa haa kaasu namni kamuu hanga dandahuun gahee ofii bahuu barbaachisa.

kanatti aansinee immoo
👇👇👇👇
👉maalummaa Zinaa(Gumnaa)
👉karaalee isatti nama geessan muraasa
👉Miidhaa isaa
👉faayidaa isarraa fagaachun qabu
👉cuunfaa ykn akka waliigalaatti gabaabsine qabannee dhufna inshaa Allaah
kutaa 2ffaa
👉Maalummaa zinaa 👈
❇️❇️❇️❇️❇️❇️❇️❇️❇️❇️
Zinaa(Gumna) jechuun Dhiira fi Dhalaan(Dubarri )Nikaaha walirraa hin qabne Walqunnamtii saalaa waliin raawwatuudha.
👉daangaa Rabbii cabsuudha.
waan rabbiin dhoorge keessa bu'uudha.

👉Nama jalaa dhokachuun ni danda'ama garuu Rabbiin jalaa eessattiyyu dhokachuun hin danda'amu.
👉Rabbiin haa sodaannu dhugumaan.
🤲Rabbiin si haa tiisu obboleessa koo fi obboleetti too
💫Karaaleen Zinatti nama geessan💫
❇️Hiriyyaa badaatti waahiloomuu(Michoomuu)
❇️Jarri lamaan kophaa waliin bahuu
❇️Fiilmii gara garaa kan isaan walqabatu daawwatuu ykn hordofuu
❇️Fedhii lubbuutif ajajamuu(Masakamuu)
❇️Sheeyxaanaf ajajamuu
❇️uffata Faashinaa kan nama gumnaaf ofitti harkisu uffachuu
❇️Shamarran kophaa imaluufi kkf hedduudha.

Miidhaa Zinaa keessaa immoo
👇👇👇👇👇👇
👉Hawaasa biratti jibbamuu
👉Miidhama garagaraaf saaxilamuu
👉ofitti amanamummaa dhabuu
👉dhibee garagaraaf saaxilamuu
👉Rabbii ofiitin waldhabuun immoo waan hundaa olitti Miidhama guddaadha.
👉❇️Qabaan Rabbii gaaf si qabe jajjabduudha jalaa bahuu hin dandeettu.
kana qofa osoon taane miidhaa hedduutu jira Walyaadachiisuf malee
hundi namaatu ni beeka gariin barateera gariin dhagaheera.

kutaan 3ffaa ykn kutaan xumuraa itti fufa inshaa Allaah
@Sammaan
kutaa 3ffaa

Faayidaa Zinaa irraa fagaachun argamu keessaa muraasa
👇👇👇👇👇👇👇👇

🌴Jireenya Gammachuu jiraachudhaaf
🌴ofitti amanummaa keetif
🌴Sodaa Rabbii qabaachuu keetif
🌴Ibaadaa keessatti nama cimaa fi ceem'aa hin qabne ta'uu keetif
🪴Abbaa manaa ykn Haadha manaa ciccimoo bu'a qabeeyyi tahuuf
Sababni Jedheef durumaa Rabbiin Sodaa ofii waan qalbii tee keessa kaayef irraa si tiise.
🌱🤲Rabbiin si haa tiisu nama isaaf bulu nu haa taasisu.
asumatti dhaaba faayidaas ni beektu isin yaadachiisumaafi
🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
walumaa galatti yaa obboleewwan koo hundi keessanuu Bakka jirru hundatti Gahee Amantiin keenna nurraa eeggattu haa bahannu
gahee Sabummaa akkasuma gahee namummaas walbiraa qabna
Seeraf heera yoomu hin shaaramne qur'aana Rabbii qabna
✔️obboleessa koo atis obboleetti too hunda keessanuu Rabbiif jecha isin jaaladha.
🔹 waan Rabbiin irraa fagaadhaa jedherraa fagaannee bakka inni itti argamaa nuun jedhetti haa argamnu.🔹
🔺👉Daangaa Rabbii cabsineef wanti Rabbiin miinu tokkos hin jiru waan Rabbirraa hir'isnu tokkos hin jiru.
🌿Rabbiin akkaan garaa laafaa fi akkaan Rahmata godhaadha
akkasuma Rabbiin Qabaan isaatis akkaan jajjabaadha
Hub.Ani si caalaa beekee miti ykn nama qulqulluu tahee miti walyaadachiisuf jedheeti bakka dogongoretti sirreessi.
commenti kennuun ni danda'ama.
Mata duree kana asumatti goolabeera
inshaa Allaah yeroo biraa mata duree biraatin walitti deebina.
💫💫💫💫💫💫💫
Sammaan Seman
t.me/Sammaan
Obboleewwan koo kabajamoo hundi keennaa addunyaa tanarratti wanti uumamneef bilaashi miti Rabbiin haa gabbarruufi.

sima yaadachiisuf sitti hime malee ni beekta.

@Sammaan
Bara kana Oromiyaatti barattoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 61fi 896 qormaata seensa Yuuniiversiitii kutaa 12 fudhachuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsameera.
Qormaatichi barattoota Saayinsii Hawaasaa(Social science) barataniif Fulbaana 30/2015 - Onkoloolessa 3/2015tti kan kennamu ta’uu eerame,
Barattoota Saayinsi Uumamaa(Natral Science) barataniif ammoo Onkololessa 8-11/2015tti kan laatamu ta’uu ibsame.
jabaadhaa qophii keessan barattoonni
Maddi:- kominikeeshinii Oromiyaati.

@Sammaan
Sirni Barnootaa Bara 2015tti hojirra oolu akkaataa gurmaa'insa haaraan 6+2+4 ta' uusaa Biroon Barnootaa Oromiyaa beeksise

Sirni Barnootaa haaraan bara 2015 jalqabamu Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan duraa umrii 5fi6 keessatti waggaa lamaaf eraga barataniin booda kutaa 1ffaa- 6ffaa Sadarkaa 1ffaa kutaa 7ffaa - 8ffaa Jiddu galeessa jedhameera.

Gosni barnootaa kutaalee kanniin keessatti kennaman kan Kutaa 1ffaa- 6ffaa Barnoota Afaan tokkoffaa, Barnoota Afaan Ingilizii, Barnoota Afaan Lammaffaa (kutaa 5ffaa-6ffaa), Barnoota Saayinsii, Barnoota Herregaa, Barnoota Gadaa, Ogartiiwwan,Jabeenya Qaamaafi Fayyaafi Barnoota Safuuti jedhame.

Kutaa 7ffaafi 8ffaa keessatti gosoonni barumsi kennaman ammo Barnoota Afaan tokkoffaa; Barnoota Afaan Ingilizii, Barnoota Afaan Lammaffaa, Barnoota Herregaa, Barnoota Saayinsii Waligala, Barnoota Hawaasaa, Barnootaa Gadaa,Barnoota Ogartiiwwanii, Barnoota Jabeenya Qaamaafi Fayyaa, Barnoota Lammummaafi Barnoota -IT" sirna Barnoota haaraan aka kennamu ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa argame ni muldhisa.

Haaluma kanaan Sirna Barnootaa haaraa keessatti kutaa 6ffaa fi kutaa 8ffaa irratti aka Naannootti qorumsi kennamuun barattootni qorumsa aka Naannootti dabran aka baratan kan qophaaeedha.

Kara biraatiin bara 2015 Sirni Barnootaa hojiirra oolan Kutaa 1ffaa, 3ffaa, 5ffaa, 7ffaa fi 8ffaa yoo ta'an, kutaa 2ffaa, 4ffaafi 6ffaan bara barnootaa 2016 hojiirra aka oolu kanaan dura himamuus Biirichi eereera.

Kutaa 9ffaa hang 12ffaa kanneen jiraniif ammo bara 2016 eegalee hojiirra oolchuuf qorannaa gaggeeffamaa jira jedhameera.

@Gadaapost
@Sammaan
#Yaadachiisa_hirribaan_duratti :

➛Wuduu'a goota,
➛Salaata witrii salaatta,
➛Suuratul-mulkiin qaraata,
➛Tasbiihaa fi Istigfaara jabeeysi,
➛Nama si miidhee irra kutiif,
➛Zikrii hirribaa akka hin daganne,
➛Firaasha kee seeraan qulqulleeffadhu,
➛Salaata Fajriif Alaarmii irratti deeffadhu.
#Halkan_gaarii
https://t.me/Sammaan
السلام عليکم ورحمت الله وبرکاته
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Ergamaa Rabbii(S.A.W)irraa odeeffame akkana jedhan
🌴"Tokkoon keessan Iimaanaa guutuu hin amanne,hanga waan lubbuu ofiitif jaalatu Obboleessa ofiitif jaalatutti"🌴Jedha.
👉kuni immoo namni tokkoo waan gaarii(Keeyrii) ofiif jaalata waan taheefi.
Dhiira qofa osoon taanee hundinuu jechuudha.
share👆👆👆👆👆

join👇👇👇
@Sammaan.
Osoo dhiibbaan amantii islaamaa balleessuu cimee itti fufee jiru: Shamarran Muslimtoota Biyya Kurdistaan kuma digdamii Shan (25,000) Hadiisa Ergamaa RABBII ﷺ Dhibba tokko qoma isaaniitti qabatuun yeroo qormaataaf taa'an suuraan dhiyeenya achirraa bahe ni garsiisa.