Dawaa Qalbii
9.16K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.79K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Luqmaanal-Hakiim Akkana Jechuun Ilma Isaanii Gorsan:-

💥Yaa ilma koo!

Duniyaan(jireenyi dachee) akka galaana gadfagooti.Ishii keessatti illee namoota keessaa baay'eewwan jalaa lixanii ykn liqimfamanii jiru.Kanaafuu,ishii gubbaa balali'uuf yoo barbaadde yabala kee Sodaa Allaahaa(S.W) Laakii(jirma bidiruu ittiin oofamu) kee Iimaana,karaa kee ammoo Allaahaa(S.W) irratti irkachuu godhi.

@Sammaan
Qorumsa bahiinsa Yuunvarsiitii
Qorumsi bahiinsa Yunvarsiitii Hagayya 1/2014 irra kaasuun hojiirra kan oole yoo ta'u barattoonni dhabbilee olaanaa kan mootummaa ta'e dhuunfaa irra bahan kan qoraman ta'a.

Qormaata kana al sadi qoramuun barataan darbuu hin dandeenye Digirii osoo hintaane warqaa sadarkaa isaaniin walmadaaluu akka laatamuuf ifa ta'era.

@Gadaapost
@Sammaan
#Breaking_News
#MoE

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 Fulbaana 30/2015 irraa kaasuun marsaa lamaan akka kennamuuf karoorfameera.

Qormaanni biyaalessaa kutaa 12ffaa yuunivarsitiitti akka kennamu murteeffamuun isaa ni yaadatama.

Qormaatichis Fulbaana 30, 2015 irraa kaasee eegaluun #Marsaa_lamaan akka kennamu karoorfamuu Deetaan ministeeraa Dr.Saamu'eel Kifilee mallatteessuudhaan yuunivarsitii 42'f erguu isaanii Miidiyaan @Abdii_Sabaa xalaayaa sirrii ta'uu isaa ilaaluu danda'eera.

Kanuma sababeeffachuun Fulbaana 28 irraa kaasuun hanga Hagayya 17, 2015tti Yuunivarsitiiwwan keessatti:-

1.Nyaanni idilee barattoota akka hin jiraanneefi akka hin qopheeffamne.
2.Itti aansuun lakkoofsa barattoota ibsamuun nyaata qopheessuuf qophii akka godhu.
3.Bakka turtii qormaataa akka qopheessan fi
4.Akkaataa kenniinsa qormaatichaa irratti Perizadaantiin yuunivarsitichaa, Diiniin kaapaasiiwwanii, Aangawwonni Ol'aanoon Yuunivarsitichaafi qamoleen nageenyaa waliin ta'uun haala akka mijeessan ergaan dabarfameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚

https://t.me/+G5ZeAWrgdBswODU0


➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin.
🇯 🇪 🇨 🇭 🇦  🇭 🇦 🇾 🇾 🇴 🇴 🇹 🇦 🇦 

💠 Mukni si caalaa hin dheerranne gaaddisaa siif hin tau(Mozambique)
💠 Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii
Kufan,warra utuu homaa hin hojjetin milkaa’an irraa ni caaluu!"(looyid joons)
💠 "Hiyyumnis ta'u soorumni bu'aa ilaalcha keenyaatti !"(Napoleon Hill
💠 Addunyaa kanarraa wanti baay’ee nama gaddisiisu,utuu ijaa qabanii Mul’ata dhabuudha!"(Helen keler)
💠" kufaatiif ragaan hin barbaachisuu!"(napoleon hill)
💠 "maatii irraa dhalate filachuu hin dandeessuu, ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa!"(BiiliiGiraham)
💠 Aangoon Naachaa bishaan keessatti(south african)
💠 "Karaa milkaa’inatti geessu hin beeku yoon ta'ellee,karaa kufaatiitti geessu garuu naan beeka. Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama'uudha!"(Biil koosbiil)
JOIN GODHAA👇👇👇👇👇👇👇
👇👇👇
@Sammaan
#Update

Filannoo Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo injifataniiru.

Komishiniin Filannoo Keeniyaa Giddugala Boomasitti argamu, Wiiliyaam Ruutoon filannoo pirezidaantummaa injifachuu isaa beeksise.

Wiliyaam Ruutoo fi Raayilaa Odiingaan hanga yeroo bu’aan filannoo labsamutti qabxii walitti dhiyeenyaa qabachun wal mormaa kan turan yoo ta'u, dhumarratti filannoo pirezidaantummaa kan injifate Wiliyaam Ruutoo akka ta’e Komishiniin giddu gala Boomaas ibseera.

Ruutoo sagalee waliigalaa kenname keessaa %50.49n kan injifate yoo ta'u, Raayilaa Odiingaan ammoo %48.8 argateera.

@tikvahethafaanoromoo
@Sammaan
Sababaa rizqiin tee ittiin xiqqaattu

💦 Gurbaan tokko gara kaliifaa islaama aliyyi binu abi xaalib (رضي الله عنه) itti dhufeeti :
Yeroo hunda niin dalagadha garuu rizqiin tiyya xiqqaachatuma deemti ja"en.!!

💦 Aliyyi binu abi xaalib akkana ja"en:

💦 Qalama hidhaa taheen katabdaa ja"en?

~Gurbaan : lakkii ja"en.!

💦 Nama sirraa guddaa fuldura saatti baate ni deemta ja"en?

~ Gurbaan : lakkii ja"en.!

💦 Yeroo salaata subhii salaatte booda ni raftaa ja"en.?

~ Gurbaan: lakkii ja"en.!

💦 Haadha abbaa kan keetiif dua"ii godhuu ni lakkiftaa ja"en.?

Gurbaan : eee yaa amiira mu"uminaa ja"en....!!!
Aliyyi :

💦Haadha abbaa kee yaaadadhu an rasuulaa Rabbii ( ﷺ) isaa akkana ja"un dhagahe ja"en...

ترك الدعاء للوالدين يقطع الرزق

🍃haadhaa abbaadhaf du"aii godhuu lakkisuun rizqii namaa duraa murti."

🍃Daqiiqaa lama eega salaatte booda haadhaa abbaa keetif dua"ii godhu hin qorqodin.*

اللهم صلى وسلم وبارك على نبينا رسول الله سيدنا محمد صلى الله عليه وعلى آله وصحبه اجمعين ...
اللهم يا ذا الجلال و الإكرام يا حي يا قيوم ندعوك باسمك الأعظم الذي إذا دعيت به أجبت
اللهم اجعل أمـَي وابى ممن تقول لهما النار : { أعبرا فإن نوركما أطفا نــاري }
...
Rabbiin hadhaa abba kenna nama kaddamate milkhuu nuu haa tasisuu kan hin qabenne du'ai'in hin dagaatii kaa qabus akkasum🍃💐
#Finfinnee

Mariin sirna barnoota haaraa bara 2015tti guutummaan guutuutti hojiirra oolchurratti gaggeeffamu eegale.

Finfinneetti sirni barnootaa haaraan yaaliif waggaa darbee kaasee manneen barnootaa Afaan Oromoofi Amaariffaan keessatti kennamaa turuu Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hogganaa Ittaanaan bijrichaa Obbo Admaasuu Dachaasaa sirna barnootaa haaraa qophaa'e ilaalchisuun marii hawaasa mana barumsaa magaalichaa waliin taasisaniin tarkaanfichi barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf kan kaayyeffatedha jedhu.

Sagantaan marii kun biirichaafi Abbaa Taayitaa To'annoo Leenjiifi Qulqullina Barnootaan waliin kan qophaa'e yoo ta'u, hudhaa damee barnootaa mudachaa jiru fi barataan afaan dhalootasaan akka baratuuf kan gargaarudha jedhu.

Kanaan dura sirna barnootaa haaraan barsiisuun manneen barnootaa 44 keessatti yaaliin kan gaggeeffameefi jijjiiramni kan itti argame ta'uu beeksisaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
#Irraa_nu_haa_baraaru

➛Wuduu'a goota, garuu bishaan garmalee dhangalaasuun/Israafa goota.
➛ Sooma afaanii qabda, garuu afaaniin ilma namaa hamataa oolta,
➛Sadaqaa kennatta, garuu uf faarsaa oolta ykn akkanatti sadaqadhe jettee haasawaa oolta,
➛Halkan leeylii salaattee, ganama baatee himatta,
➛Rakkataa qarqaaraa, booda suuraa kaatee raabsita,
➛Hijaaba uffattee garuu urgaan kankee ufitti nama hin kaleessu,....na ajaa'ibee....!, maal dubbannee maal haa dhiisnu.
Maaf gingilchaatti bishaan waraabbatta. Maaf kiisa citte keessa mallaqa kaawwatta.
#Rabbiin_nu_haa_eegu!
Follow me👇
https://t.me/tafak_or
#ExitExam
Ministeerri barnootaa bara itti aanu, bara barnootaa 2015tti kan eegalu, qormaata gahuumsa Ogummaa akkaataa keenniinsa qormaatichaa irratti, #Qajeelfama isaa qopheessuun, dhaabbata barnootaaf raabsuun isaa ni beekama.

Akka seera Qajeelfamichaattis:-

Qormaanni Gahuumsa Ogummaa barattoota digirii jalqabaa barnoota sadarkaa Olaanoo kan mootummaafi dhuunfaa kan ilaallatu ta'a.

Qajeelfamichi qulqullina barnootaa eeguufi humna nama leeji'ee biyyattiin barbaaddu oomishuuf waan ta'eef, akkaataan hojiirra oolmaa isaa haala walfakkaatuun ta'a.

Qormaata gahuumsa Ogummaa parsantii dhibba(100%) keessaa barataan parsantii shantama(50%) deebisuu hin dandeenye, Eeebbifamuus ta'ee yuunivarsitii eebbifame irraa ragaa eebbifamuu isaa ibsu fudhachuu hin danda'u.

Qormaata gahuumsa ogummaa parsantii dhibba(100%) keessaa barataan parsantii shantama(50%) deebisuu hin dandeenye, yeroo fudhachuun sirriitti dubbisee qormaaticha parsantii dhibba irraa 50 fi sanaa ol fiduun darbuu akka danda'uuf, dabalataan yeroo lamaaf akka qoramuuf caarraan ni kennamaaf.Qoramtoonni caarraa isaanii fayyadamuu kan qaban qormaata yeroo jalqaba yoo fudhatan, waggootan sadan jiran qofa keessatti.

Barataan tokko eebbifamuuf ga'aa kan ta'u, qormaata gahuumsa ogummaa yoo dabarfate qofa yemmuu ta'u, qoramtoonni yeroo sadii qoramuun qabxii darbiinsaa galmeessuu yoo dadhaban, dhaabbanni biyyaalessa ga'huumsa ogummaa ragaa ni kenna.

Qormaanni gahuumsa ogummaa akka haala sagantaa barnootaatti waggaa keessa yeroo lamaafi isaa ol kennamuu danda'a.

Odeeffannoo kanaafi kan kana fakkaatu wanti haaraan yoo jiraate gara galgalaa qindeessuun kaaraa Yuutuubiitiin waan dabarsinuuf subscribe share gochuun nu eeggadhaa.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚

https://t.me/+G5ZeAWrgdBswODU0


➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin.
Jama'aa Barattoota KBB Roobee Bara 2014
https://t.me/robekbbjamea
👉yoo kan fayyaa qaama keetif yaaddu ta'e , gorsa xiqqoo tana dubbisii itti fayyadamii.
👉yoo kan somba keetif yaaddu ta'e, tamboo aarsuu dhiisi.
👉yoo kan onnee keetif yaaddu ta'e , ashaboo nyaachuu xiqqeessi.
👉yoo kan tiruu keetif yaaddu ta'e , coomaa nyaachuu xiqqeessi.
👉yoo kan garaacha keetif yaaddu ta'e ,nyaata qabbanaawaa nyaachuu xiqqeessi.
👉yoo kan mari'imaan keetif yaaddu ta'e, kuduraaf mudaraa nyaachuu baay'isi.
👉yoo kan kalee keetif yaaddu ta'e , guyya guyyaan bishaan dhuguu heddumeessi,halkan bishaan xiqqeessii rafuun dura fincaan fixadhuu rafi.
👉yoo kan sammuu keetif yaaddu ta'e ,hirriba gahaa rafi ( guyyatti yoo xiqqaate sa'aatii 8 rafi.)

Galatoomaa!!

Fayyaaf nagaa hin dhabinaa!
By Dr Abdi k Gada.

Channel kana join godha.
https://t.me/Sammaan
Hubadhu
💫💫💫💫💫💫💫💫💫
✿ kan yeroo hundaa kolfu beekkumsa of dhoowwa.
✿ Kan yeroo hundaa kadhatu kennaa of dhoowwa.
✿ Kan yeroo hundaa kakatu amantii of dhoowwa.
✿ Kan yeroo hundaa jarjaru hiree of dhoowwa.
✿ Dubbachuun immoo gootummaa miti.
✿ Cal'isuun sodaaf miti.
✿ Kaayyoo kee hin dagatin.
✿ Dhageessef hin dubbatin.
✿ Argatteedhaf hin nyaatin.
✿ Waan xiqqoo hin gowwaamin.
👇👇👇👇
𝐬𝐡𝐚𝐫𝐞 & 𝐣𝐨𝐢𝐧 hin dagatin.
@Sammaan
➛Mallattoon adeemsa salaata Munaafiqaa jaha jedhan Ibnulqayyim(Rahimahullaah). Isaanis:

1. الكسل عند القيام إليها
1) Yeroo salaataaf deemtu ceem'aa, uf jibbaa dhufuu.
2. ومراءاة الناس في فعلها
2) Yeroo salaattu mummuldhifachuu ykn na argaaf salaatuu.
3. وتأخيرها
3) Yeroo ishee irra dabarsuu.
4. ونقرها
4) Garmalee jarjarsuu.
5. وقلة ذكر الله فيها
5) Zikrii xiqqeessuu ykn Zakrii salaata keessaa fi boodaa gochuu dhabuu.
6. والتخلف عن جماعتها "
6) Salaata jama'aa irraa boodatti hafuu.

#Maddi_isaa👇
📚[ الصلاة وحكم تاركها 1 /173 ]
[Assalaatu wa hukmu Taarikihaa (1/173 ]
🌹🌹🌹
Follow me👇
https://t.me/tafak_or
Muftii Oromiyaa!
Maqaan isaanii Aadam Ahmad Ammarroo Shankoor ja'ama. Garuu yeroo ammaa Sheikh Aadam Tuulaa jachuun beekkamu. Baha Oromiyaa Aanaa Kombolchaa Araddaa Tuulaa Ganda Usmaan iddoo ja'amutti, Bara 1907 A.L.I ykn Hijraa 1336 A.L hijraatti dhalatan.

Sheikh Aadam Tuulaa daa'imummaadhaan waggaa 12 tti barnoota Diin Islaamaa barachuu eegalan. Sheekkan akka: Sheikh Muhammad Ibraahiim, Sheikh Aliyyii Aruusii, Sheikh Muhammad Oborraa, Sheikh Sa'iid Kombolchaa, Sheikh Ibraahiim Usmaan (Ceekhaa) fi kkf irratti, kitaaboota adda addaa, Fannii baay'ee akka Fannii Nahwii, Ma'aanii, Manxiqaa, Fiqhii, Tafsiira Quraanaa, Sahiiha lamaan fi kkf barate.

Sheikhni keenya haala kanaan bonaa fi ganna keeysa, baddaa fi gammoojjii keeysa Osoo dadhabe hin ja'in Sheekha tokkorraa gara sheekha biraatti osoo dabruu, barnoota isaanii kan waggaa 12 irraa hanga waggaa 37 JACHUUNIIS waggaa 25 isaanitti fudhate injifannoon xumuran.

Eega barnoota isaanii xumuran boodaas fadhii isaan Diin Islaamaa barsiisuuf qaban irraa kan ka'e, Baha Oromiyaa Aanaa Dirree Xayyaaraa Araddaa Suqul Ganda Adduus iddoo ja'amutti Majliisa (caayaa) Diin Islaamaa dhaabuun barsiisuu eegalan.

Sheekhni keenya erga barsiisuu eegalan waggaa 55 caaleeti jira. Sheekkan Majliisa isaaniitti baratanii, isaan irraa eeybifamanii Majliisa dhaabanii akkuma sheekha keenyaatti barsiisuurratti arkaman qofti nama 40 irra hedduu dha.

Sheekh Aadam Tuulaa yeroo ammaa manguddoo umriin isaanii amata 100 ol dabre tahullee hanga ammaatti Diin Islaamaa barsiisaa jiran.

Sheekha keenya RABBI umrii isaanii nuuf haa dheereeysu. Jazaa (galata) isaanii Jannatul-Firdoowsi RABBI haa godhu.

Barreeysaan: Hamza Abdulhakim.
Galatoomaa!
#Uffataan_boontaa___

➛ Ilmi namaa hunduu yeroo gara addunyaa tanaa dhufu qaama qullaa dhufa, qaama qullaa asirraa boqatas, akkasuma qaama qullaa kaafama guyyaa boruus...!
➛ Uffata jechuun bar meeshaa sobaa kan nuti maalummaa keenya ittiin dhokfachuuf uffannu malee waan yeroo dheeraa nu wajjiin dabarsaa miti. Uffattee uffannaan nama waan caaltu yoo uf seete dogoggortee jirta obbolaa!.
➛ Namoota akkasii hedduu argeen gadde ittiin naaf qaqqabaa maaloo🙏.
🌹🌹🌹
Forward godhaa👉👇
https://t.me/tafak_or
السلام عليکم ورحمت الله وبرکاته
💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫
👇👇👇👇👇👇👇👇
Dirqama Obbolummaa
Dirqama Sabummaa
Dirqama namummaa
waan walbiraa qabnu yaada hunda keenna ilaallatu barreeffama bal'aa isiniif qabannee dhufna.
inshaa Allaah
yoo ofii dubbistan akka nama hunda bira gahuuf share godhaa !!
👉 Zinaa(Gumna)👈
kutaa 1ffaa

Rabbiin jalaa eessattuu dhokatanii bahuun hin danda'amu
kaayyoo qabaadhu galma san gahuuf yaali Rabbii kee kadhadhu Umriinsin sobin Itti fayyadami duuba hin deebitu yeroon ati qabdu qaalidha.
Yaa obboleewwan koo kan dhiiraa fi Shamarranii Haala yeroo ammaa kanaa irratti xiqqoo waa isiniifi ofii kiyyaafis dhaamuu barbaada innis xiyyeeffannoon kiyya ijoon waan yeroo ammaa Jaalallee(friend )jedhame Kan Sobaan Zinaa(Gumna) babal'isaa jiru irratti qabxiilee muraasa isiniif kaasa Rabbiin Karaa hin taanerraa nu haa tiisu jedha.
Gocha addunyaaf aakirattis Miidhaa malee bu'aa hin qabne (Zinaa)irraa fagaachuun dirqama namiitu taha.
Yeroo ammaa dhiira fi shamarraan hedduun haalli keessa jiran nama yaachisa irra hedduun jechuun haala danda'amuun gola kana(Zinaa) keessatti kufeera Rabbiin isin haa tiisu.
waan walyaadachiifnu keessa asirratti "waan sirratti akka raawwatamu hin barbaanne nama biraa irrattis akka hin raawwatamne gahee kee bahadhu."
Gumna(Zinaa) kana akkuma maatii keenya irraa jibbinu nama biroo irraayis jibbuu qabna.
Rabbiin Haraama biyya faale kana nurraa haa kaasu namni kamuu hanga dandahuun gahee ofii bahuu barbaachisa.

kanatti aansinee immoo
👇👇👇👇
👉maalummaa Zinaa(Gumnaa)
👉karaalee isatti nama geessan muraasa
👉Miidhaa isaa
👉faayidaa isarraa fagaachun qabu
👉cuunfaa ykn akka waliigalaatti gabaabsine qabannee dhufna inshaa Allaah
kutaa 2ffaa
👉Maalummaa zinaa 👈
❇️❇️❇️❇️❇️❇️❇️❇️❇️❇️
Zinaa(Gumna) jechuun Dhiira fi Dhalaan(Dubarri )Nikaaha walirraa hin qabne Walqunnamtii saalaa waliin raawwatuudha.
👉daangaa Rabbii cabsuudha.
waan rabbiin dhoorge keessa bu'uudha.

👉Nama jalaa dhokachuun ni danda'ama garuu Rabbiin jalaa eessattiyyu dhokachuun hin danda'amu.
👉Rabbiin haa sodaannu dhugumaan.
🤲Rabbiin si haa tiisu obboleessa koo fi obboleetti too
💫Karaaleen Zinatti nama geessan💫
❇️Hiriyyaa badaatti waahiloomuu(Michoomuu)
❇️Jarri lamaan kophaa waliin bahuu
❇️Fiilmii gara garaa kan isaan walqabatu daawwatuu ykn hordofuu
❇️Fedhii lubbuutif ajajamuu(Masakamuu)
❇️Sheeyxaanaf ajajamuu
❇️uffata Faashinaa kan nama gumnaaf ofitti harkisu uffachuu
❇️Shamarran kophaa imaluufi kkf hedduudha.

Miidhaa Zinaa keessaa immoo
👇👇👇👇👇👇
👉Hawaasa biratti jibbamuu
👉Miidhama garagaraaf saaxilamuu
👉ofitti amanamummaa dhabuu
👉dhibee garagaraaf saaxilamuu
👉Rabbii ofiitin waldhabuun immoo waan hundaa olitti Miidhama guddaadha.
👉❇️Qabaan Rabbii gaaf si qabe jajjabduudha jalaa bahuu hin dandeettu.
kana qofa osoon taane miidhaa hedduutu jira Walyaadachiisuf malee
hundi namaatu ni beeka gariin barateera gariin dhagaheera.

kutaan 3ffaa ykn kutaan xumuraa itti fufa inshaa Allaah
@Sammaan