Dawaa Qalbii
9.17K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.79K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Oduu!
Uffanni Ka'abaa guyyaa kaleeysaa jijjiirameera. Uffanni Ka'abaa duraan Kan jijjiiramu ji'a Zulhijjaa keessa Yoo tahu waggaa arraa irraa eegalee, ji'a Muharram keessa jijjiiramti ja'ameera. Waa'ee jijjiiraa Uffata Ka'abaa isiniif qooduu?!

- Uffanni Ka'abaa kun irra Qaalii uffata Addunyaa Yoo tahu waggaa arraa dooraala Miliyoona 6.5 tu itti baafame.

- Uffanni kun Wagga Waggaan King Abdulaziiziin irraa jijjiirama. Hojjattoota 200 oltu itti hirmaata.

- Uffanni kun ulfaatinni isaa 850 Kg nitaha. Waggaa arraatiis Uffanni kun Nama hedduun daawwatameera!

Amata dhufu Nama Ka'abaa tana jala dhaabbatee Labbeeyka ja'u Rabbi sihaa godhu!
From https://t.me/Alrisala1

T.me/Sammaan
Forwarded from AL-RISALA HUMANITY CENTER (丂卂丨Ɗ ㄥ乇卂Ɗ乇尺)
Barruu Ajaa'ibaa "Ergamaan Aalamaa S.A.W akkamitti du'e?!" jattu Afaan Arabaatiin dubbisee natti tollaan isiniif hiike. Mee dubbisaa!

Du'uu isaatiin duratti guyyaa sadi, akka mana Aa'ishaa tti dhukkubsatu Jaartii isaa hunda hayyama gaafate. Isaaf hayyamnaan olqabanii Mana Aa'ishaa tti galchan. Kana booda dhukkubni ittuma jabeeysaa deeme. Gaggabee beeyfata. Kanaaf Aa'ishaan "Nama akka isaanitti dhukkubni itti hammaate hin agarre" jatte.

Guyyaa takka xiqqo wayyaawee, Masjiida isaa keessaa sahaaboonni Yoo booyan dhagahe. Akka isaaf rakkachaa jiran hubatee, fuudhaa Masjiida nageeysaa ja'e.

Masjiida Yoo seenu minbara isaarratti olbahee gorsuu eegale. "Yaa Ummata kiyya hadaraa salaata jabeeysaa" ja'e. Akkasuma dhalaas jabeeysaa ja'ee isaan dhaammate. Xumura irratti "Gabrichi Rabbii bootaa caaltuu taate (Jannata) filatee jira. Jannatatti Wal agarra" jannaan Abuu Bakri dhaamsa xumuraa akka dhaammachaa jiru hubatee "Yaa Ergamaa Rabbii! Lubbuun tiyya fidaa kee haa taatu, kuni hin tahu" jachuun haasawa isaanii addaan kute.

Abuu Bakri malee namni hubate hin jiru. Kanaaf "Akkamitti haasawa Rasuulaa S.A.W adda murta" ja'anii Abuu Bakrii abaaruu eegalan. Hoggaa kana Rasuulli S.A.W "Abuu Bakri naaf dhiisaa. Dhugatti Nama Galata nubiraa qabu hunda galchineefii jirra. Abuu Bakri malee. Galata isaa Rabbiif dhiisa" ja'e.

Gorsa isaa Yoo xumuru fuudhanii mana isaatti deebisan. Akkuma olseeneen Abdurahmaan Abuu Bakrii harkatti siwaaka (rigaa ilkaanii) agare. Akka inni jaalate hubattee Aa'ishaan siwaaka kana isaaf laaffiftee itti kennite. Ammas dhukkubni isaa itti hammaate.

Dhukkuba osoon tahin cinqii du'aa (Sakaaratal Moowtii) ture. "Duuti cinqii qabdi 3x" jachuu eegale. Boodarra sagalee laaftuu takkaan "Jammaa ol aanu filadheera (اللهم الرفيق الأعلى)" ja'e. Akkasitti Ruuhiin isaanii baate.
اللهم صل وسلم وزد وبارك على سيدنا محمد وعلى آله وأصحابه أجمعين

Namni seenaa isaanii tana guututti dubbistan salawaata irratti buustanii SHARE godhuu hin dagatinaa. Baarakallaahu fiikum!
Forwarded from ️JBMAR (Ə§ã ýøų§ųf Őš)
#kutaa_12ffaa
#Qormaata Biyyaalessaa

Qormaanni kutaa 12ffaa Fulbaana 30 bara 2015 irraa eegalee ni kennama.

Qormaanni kun Fulbaana 30, 2015 irraa eegalee yunivarsiitiiwwan mootummaa keessatti akka kennamu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa beeksiseera.

#Dambii qormaataa cabsuun seeratti nama gaafachiisa.

Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2014 kennuu bira darbee gowwoomsaafi hanna ittisuuf koodii 12n (composition of questions) kennuuf qophiin taasifamaa akka jiru guyyoota muraasa dura beeksisuun ni yaadatama .

Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Neegaa; Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akkuma duraanii koodii 4 (bakka ta'umsa adda addaa 4) osoo hin taane hanga 12tti hojjetamaa jiraachuu ibsani turan.

Kunis tarkaanfiiwwan qormaataa gowwoomsuu ittisuuf fudhataman keessaa tokko yoo ta’u, tartiiba gaaffilee qormaata keessatti barattoota itti aananii fudhataman tasumaa walitti dhufeenya akka hin qabne gochuuf yaadameeti.


https://t.me/Arsirobej
Forwarded from AL-RISALA HUMANITY CENTER (ⓐNãsìr)
Masha allah, Robe muslim students jama’a (RMSJ) kan amma gara RMSEC tti olguddachuun firiin isaa nama muraasaan jalqabe asirra gahuun nama gammachiisa , Madrasaa salafiyyaatti jioota gannaa lamaan manneen barnoota cufamutti barattotuma magaalatiin kan dhiiraaf shamaraa sadarka olaanarra jiraniin walbarsiisaa walqu’achiisan, waggoottan muraasaa as ijoolen akka barumsatti kakauumsa godhannuf sababa kantae fi ijoole muslimaa cicimoo hedduu kan hore jiddu gala kanaadha, kunoo amma hawaasa keessati guddatee hanga bulchinsa olaanati beekamti argachuun har’a gahe, warri hundeefamarra jalqabe hanga har’aatti qooda itti fudhata turtanis baga gammaddani gammane, Kanaa ol kafiixa bahu rabbi nuuf haagodhu,
📸by Robe Town Communication Office
🙏
@Alrisala1
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🎄Alhamdulillaah Alhamdulillaah Alhamdulillaah🌿🌿🌿🌿
Fartuun Abdulqaadir Waaqoo Guutuu Wal dorgommii Qur’aaanaa moohatte.

Nuuralhudaa
August 8/ 2022

Intalti ilma Jeneraal Waagoo Guutuu Fartuun Abdulqaadir Waaqoo, garee Dubartootaa irraa bakka bu'uun Wal Dorgommii Qur'aanaa ( USA ) Minisootaatti Adeemsifame irratti Sadarkaa 1ffaa bahuun badhaasa guddaa argatte.

Wal dorgommii Qur’aanaa North America Imam Al-Shatibi Quran Competition jedhamu kan magaalaa Minessotatti gaggeeffame kanarratti, Fartuun Abdulqaadir dorgommii kana moohachuun Toyota Highlander kan Doolaara $46,000tti tilmaamamuu fii Mallaqa Doolaara $20,000 badhaafamtee jirti. Dabalataanis tikeeta umraa argattee jirti. Fartuun Abdulqaadir Waaqoo baga gammadde, baga milkoofte siin jenna.

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
Barattoota kutaa 12ffaa qophii qormaatatti jirtan hundaaf
👇👇👇👇👇👇
👉Osoo of hin cinqin waan isin hafe dubbisaa gara xumuraatti dhiyaadhaa keessa deddeebi_aa
👉Hin rifatinaa Miira tasgabbiitin of qopheessaa.
👉 Rabbiin kadhaa.
👉Gaaffilee qormaata Hojjadhaa
👉 Hiriyyoota keessaniin yaada waljijjiiraa walhubachiisaa.
👉 tension keessa hin seenina
Forwarded from Rock Games Channel (Sano Haji)
قال ابن الجوزى: وقد يرزق الصبي ذهناً من صغره فيتخير لنفسه؛ كما قال الله تعالى: (وَلَقَد آتينا إِبراهيم رُشدَهُ من قَبل) فذكر في التفسير: أنه كان ابن ثلاث سنين، فقال للكوكب والقمر والشمس ما قال، إلى أن قال: (وَجَهتُ وَجهي لِلَّذي فَطَرَ السَمَواتِ وَالأَرضَ).

Ibnul Jawziin akkana jedhe:

" Yeroo garii daa'imni xiqeenyumarraa yaadannoo kennamuun mataa isaatiif waan gaarii ifumaaf filata.
Akkuma Rabbiin waa'ee Nabi Ibraahim keessatti dubbate" Ibraahimiif qajeelluma isaa durumaan kennineefi"

👉 Hiika isaa keessatti yeroo dubbatan akkana jedhan:

Ibraahim gaafa waggaa 3 urjii, ji'aafi biiftuunis waan jedhe san jedhee dhumarratti"
Isa( Rabbii)samiifi dachii uumef fuula kiyya garagalche" jedhe.

👉 Ilmi namaa akkasitti xiinxalee waan gaarii keassaa filatuu qaba‼️

Hubachiisa :
Waan dalagnuu fi hojjisiifnus xiinxallinee, qorannee ragaan mirkaneeffannu malee waan maalummaa hin beekne dalaguu fi hordofuus haa dhiifnuu❗️
Rabbiin gargaarsifannee dhugumaan gara Isaa haa deebinuu!!!!
.
@Sano_Haji7
Suuraa: Minnesota, Ameerikaa; Dorgommii Qur'aana qara'uu "Imaam Al Shatibi" qopheesse irratti maatii Itoophiyaa irraa kan dhufan Fartun Abdulkadir Wako injifataniiru.

Dorgommiin kun dorgommii waggaa 8ffaa akka ta’e hubatameera.

Fartun; Minnesota bakka bu'uun maallaqa doolaara kuma 20, Toyota Highlander bara 2022 gatii doolaara kuma 46 fi Umraa argatte jedha odeeffannoon miidiyaa Haarun irraa argame.

Fartuun Abdul Qaadiir; Intala ilma #Jeneraal_Waaqoo_Guutuu(Qabsaa'a) akka taate beekkameera.

@tikvahethafaanoromoo
★★★★★★★★★
Namoota saddeet kan malaykaan Du'aaii gootuuf.
1. Nama Saffii duraa keessatti salaatu
2. Nama Eega Salaata fixatee booda Masjiida keessa taa'e.
3. Nama dhukkubsataa gaafate.
4. Nama Rabbiif jecha obboleesa wal-godhatan Nama ziyaare.
5. Nama Obboleessa isaatiif isa duubatti du'aa'ii godhu.
6. Nama waan kheeyrii ummata barsiisu.
7. Nama Wuduu'a guuttatee rafe.
8. Nama yeroo Soommanaa hiraaba nyaatu dha.

**
~ Milkii Addunyaafi Akhiraa Rabbiin isiniif haa kannu
@Sammaan
Keeniyaan sirna barnootaa ishee keessatti Afaan kompitaraa(Coding) hammachuun Afrikaa keessaa biyya jalqabaa taateetti.

Keeniyaan M/B sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa keessatti barnoota koodii kaarikulamii ishee keessatti hammachuudhaan Afrikaa keessaa biyya jalqabaa taateetti. Murtee kanarraa hedduun akka fayyadamtu biyyoonni hedduun ragaa bahaa jiru.

Kana malees, biyyattiin Tarsiimoo Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa bara 2022 kan qopheessite yoo ta'u, Maastar Pilaanii Dijitaalaa Biyyaalessaa Keeniyaa hanga bara 2032tti ni tura jedhame eebbisiifterti.

Kana ilaalchisee Pirezidaanti Uhuruu Keeniyaattaa, barri hojii isaanii torban muraasa booda kan xumuramu yoo ta’u, Maastar Pilaaniin Dijitaala Biyyaalessaa carraa hojii uumuu ni dabala; Dameen ICT guddina dameelee diinagdee hundaa akka dabalu shakkii hin qabu jedhaniiru.

Maastar pilaanii dijitaalaa kun gandoota kuma 20 ol ta’an keessatti wiirtuuwwan dijitaalaa hundeessuuf kaayyeffachuun dargaggoota kuma 40 leenjisaa jira jedhame.

@tikvahethafaanoromoo
@Sammaan
Hoggaa Biiftuun guyyaa Khamisaa gad seente, Hoggaa Halkan Jimaataa Jalqabamte, Habiibii (Jaalallee) keetirratti Salawaata Buusi.

الهم الصل وسلم على سيدنا محمد
@JemalSheikhBakri1
#Salawaata_buusaa

صلَّى الله عليه وسلم
➛ Yoo dagattes yaadadhu,
➛ yoo yaadattes dabalii buusi,
➛ yoo yaadattes nama hin yaadanne yaadachisi.
(Share godhaa👉)
#صلُّوا_عليه_وسلِّموا_تسليما
@tafak_or
@Sammaan
JECHOOTA DHAMA QABAN ILMA NAMAAF GORSA TA'A!

~yeroo gabaabduuf jattee abdi tee kutin maaliif yoo jatte booda si sheenessaa
~waa hunda dura ofiif bakka laadhu kan sirra sitti aanu
waan hin jirreef
~ of beeki kan sirra sibeeku waan hin jirreef
~namni kaayyoo ofi beeku jaalalaan hin kufu kaayyoo
galmaan ga'uuf kufa malee
~ Beekaa jechuun nama dogoggora ufii ufitti beekee, irraa sirraa'eedha!
~ Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka hin muran!
~ Moo'uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane, jijjiiramas agarsiisuudha!
~ Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha!
~ Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!
~ Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti hime wajjiin gadditee boohuu si wayya!
~ Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbanii yyuu, Qurxummii afanitti qabatee keessaa baha!
~hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome Oosoo hin ta'in nama sammuu hiyyoomeedhaa
~ Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti!
~ Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda waggaa tokkootti jijjiirama!
~ Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn luynummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
~ Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si mudatan kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti!
~ Addunyaa tana irratti Harreen akka namaatti yaaddu jiraatuu baattus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!
~ Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu!
~ Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta'u, garuu ufii
isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo irraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha!
~ Kan nama qaanessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha!
~ Yoo rakkoon wahii si mudate rakkoo si mudate saniif yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si mudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda!
~ Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa naannofti!
~ Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye yoo ta'u, balleessaan kee ta'uu kan danda'u kuftee yoo achitti hafteedha!
¤ Wal beekuu irra, walii beekuu wayya!
~ Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu!
~ Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef if gooti!
~ Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha!
~ Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa irra quphatan osoo hin taane, namoota akkaataa isaan addeessa irra ittiin quphatan barsiisaniidha!
~ Addunyaan tun sirraa waan tokko eegdi waan ta'eef, waan gaarii tokko hojjadhu dabri!
~ Kaayyoo ufii galmaan gahachuuf dhama'uun har'aaf dhandhamni isaa hadhaawaadha malee, boru firii fi dhandhamni isaa mi'aawaadha!
~ Nama shakkitu hin mindeessin, yoo mindeessite hin shakkin!
~ Wanti calaqqisu hundi, warqii sitti hin fakkaatin!
~ Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin!
~ Waggatti jiruu dabali malee, jiruutti waggaa hin dabalin!
~ Riqicha muka tokkoo irra osoo hin bahin dura, gorora takka liqimsi!
~ Balbalti carraa takka yoo si jalaa cufamte yoo ati abdii kutuu dhabde, tan biraa siif banamti!
~ Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde, atileetii maaykiroo sekondii tokkoof moo'amee badhaasa meedaaliyaa warqii dhabe gaafadhu!
~ Bu'aa qabxii baruu yoo feete, barataa qabxii 0.5niif qormaata kufe haasofsiisi!
~ Aangoo qubaan si filaniin uf hin tuulin, qubaan irraa si buusaniitii!
~ Beekkumsa qabduun hin boonin, kan si caala beeku heddutu jiraatii!
~ Namni an beekaadhaa ufiin jedhu, wallaalaan akka isaa hin jiru!
~ Hanga dandeettetti bara baraan jireenya kee jijjiiri malee, akka barri wal sitti hin jijjiirre!
~ Barcumaa fi kabajaa abbaatu uf jalaan deema!
~ Bara rakkoo bishaantu muka namatti kora!
~ Waan garaan namaa baatu, Wadalli Harree hin baatu!
~ Kan ati jechuu qabdu biyyi too maal naa goote jechuu osoo hin taane, an biyya kootiif maal godhe jechuu qabda!
Luqmaanal-Hakiim Akkana Jechuun Ilma Isaanii Gorsan:-

💥Yaa ilma koo!

Duniyaan(jireenyi dachee) akka galaana gadfagooti.Ishii keessatti illee namoota keessaa baay'eewwan jalaa lixanii ykn liqimfamanii jiru.Kanaafuu,ishii gubbaa balali'uuf yoo barbaadde yabala kee Sodaa Allaahaa(S.W) Laakii(jirma bidiruu ittiin oofamu) kee Iimaana,karaa kee ammoo Allaahaa(S.W) irratti irkachuu godhi.

@Sammaan
Qorumsa bahiinsa Yuunvarsiitii
Qorumsi bahiinsa Yunvarsiitii Hagayya 1/2014 irra kaasuun hojiirra kan oole yoo ta'u barattoonni dhabbilee olaanaa kan mootummaa ta'e dhuunfaa irra bahan kan qoraman ta'a.

Qormaata kana al sadi qoramuun barataan darbuu hin dandeenye Digirii osoo hintaane warqaa sadarkaa isaaniin walmadaaluu akka laatamuuf ifa ta'era.

@Gadaapost
@Sammaan
#Breaking_News
#MoE

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 Fulbaana 30/2015 irraa kaasuun marsaa lamaan akka kennamuuf karoorfameera.

Qormaanni biyaalessaa kutaa 12ffaa yuunivarsitiitti akka kennamu murteeffamuun isaa ni yaadatama.

Qormaatichis Fulbaana 30, 2015 irraa kaasee eegaluun #Marsaa_lamaan akka kennamu karoorfamuu Deetaan ministeeraa Dr.Saamu'eel Kifilee mallatteessuudhaan yuunivarsitii 42'f erguu isaanii Miidiyaan @Abdii_Sabaa xalaayaa sirrii ta'uu isaa ilaaluu danda'eera.

Kanuma sababeeffachuun Fulbaana 28 irraa kaasuun hanga Hagayya 17, 2015tti Yuunivarsitiiwwan keessatti:-

1.Nyaanni idilee barattoota akka hin jiraanneefi akka hin qopheeffamne.
2.Itti aansuun lakkoofsa barattoota ibsamuun nyaata qopheessuuf qophii akka godhu.
3.Bakka turtii qormaataa akka qopheessan fi
4.Akkaataa kenniinsa qormaatichaa irratti Perizadaantiin yuunivarsitichaa, Diiniin kaapaasiiwwanii, Aangawwonni Ol'aanoon Yuunivarsitichaafi qamoleen nageenyaa waliin ta'uun haala akka mijeessan ergaan dabarfameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚

https://t.me/+G5ZeAWrgdBswODU0


➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin.
🇯 🇪 🇨 🇭 🇦  🇭 🇦 🇾 🇾 🇴 🇴 🇹 🇦 🇦 

💠 Mukni si caalaa hin dheerranne gaaddisaa siif hin tau(Mozambique)
💠 Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii
Kufan,warra utuu homaa hin hojjetin milkaa’an irraa ni caaluu!"(looyid joons)
💠 "Hiyyumnis ta'u soorumni bu'aa ilaalcha keenyaatti !"(Napoleon Hill
💠 Addunyaa kanarraa wanti baay’ee nama gaddisiisu,utuu ijaa qabanii Mul’ata dhabuudha!"(Helen keler)
💠" kufaatiif ragaan hin barbaachisuu!"(napoleon hill)
💠 "maatii irraa dhalate filachuu hin dandeessuu, ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa!"(BiiliiGiraham)
💠 Aangoon Naachaa bishaan keessatti(south african)
💠 "Karaa milkaa’inatti geessu hin beeku yoon ta'ellee,karaa kufaatiitti geessu garuu naan beeka. Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama'uudha!"(Biil koosbiil)
JOIN GODHAA👇👇👇👇👇👇👇
👇👇👇
@Sammaan
#Update

Filannoo Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo injifataniiru.

Komishiniin Filannoo Keeniyaa Giddugala Boomasitti argamu, Wiiliyaam Ruutoon filannoo pirezidaantummaa injifachuu isaa beeksise.

Wiliyaam Ruutoo fi Raayilaa Odiingaan hanga yeroo bu’aan filannoo labsamutti qabxii walitti dhiyeenyaa qabachun wal mormaa kan turan yoo ta'u, dhumarratti filannoo pirezidaantummaa kan injifate Wiliyaam Ruutoo akka ta’e Komishiniin giddu gala Boomaas ibseera.

Ruutoo sagalee waliigalaa kenname keessaa %50.49n kan injifate yoo ta'u, Raayilaa Odiingaan ammoo %48.8 argateera.

@tikvahethafaanoromoo
@Sammaan