Dawaa Qalbii
9.17K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.79K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Yaa'ii Majliisa Dhimmoota Islaamaa Marsaa 2ffaa har'a geggeeffamaa jiruun, Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaa Prezidaantii Majlisa Federaalaa tahuun filatamanii jiru.

1 Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaa Dura taa'aa
2 Shek Abdulkariim Badraddiin Itti aanaa
3 Itti Aanaa 2ffaa sheikh AbdulAziiz Abdulwalii
4 Shek Haamid Muusaa Barreessaa tahuudhaan filataman.#waggoota 3'f


Alhamdulillaahi rabbil'aalamiin

@Baytal_Nur
Forwarded from AL-RISALA HUMANITY CENTER (丂卂丨Ɗ ㄥ乇卂Ɗ乇尺)
#Scholarship carraa Turkey
Barattoota kutaa 9-12 tiif carraa haaraa Turkiin baafte kana odeeffannoo Isaa hordofaatii guuta .
Carraan akkanaa Kun Ijoollee teennaaf irratti hojjatamuu qaba .
Barattoota carraa kanaan biyya sana deemanii jiran irraa odeeffadhaa guutaa .
#Rabbi isin haa Milkeessu
Waan dandeennuun wal haa gargaarru .
https://t.me/ethio_turkeyhttps://t.me/Alrisala1
Ergamaan Rabbii (saw) waan heddumminaan namoota Jannata galchurraa gaafatamnaan akkana jedhan:
👉 Sodaa Rabbiitiifi haalaaf amala toluudha.
Waan baayyinaan ibidda nama galchurraa gaafatamnan ammo:
👉 Afaanii fi qaama saalaati jedhan‼️
رواه الترمذي وحسنه الألباني ‼️
Join || @Sano_Haji7
Gammachuun maaliin ibsama? Haaluma ilma namaatiin gammachuun garaagarummaa qaba. Namni tokko tokko jireenyi magaalaa isa gammachiisa. Gariin ammoo baadiyaa jiraatuu filata. Kuun mallaqa yoo argate waan gammadu seha. Inni mallaqa dhabe ammoo jireenya gaddaa waan jiraatu itti fakkaata. Walumaa galatti akkaataan gammachuun itti ibsamu garaagarummaa qaba. Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti gareen hawaasummaa tokko qorannoo wagga waggaan geggeessee akka ibsetti, bara 2019 keessatti gammachuun namaa xiqqaachaa jira jedhe. Guddinni addunyaa dabalaa deemus, gammachuun namootaa garuu xiqqaachaa jira.
Forwarded from Dawaa Qalbii (Sammaan Seman)
Mallattoollee Qiyaamaa keessaa namichi ollaa ufii ijjeessuu,Obbolleessa fi abbaa ufii ijjeessuu dha.
T.me/Sammaan
Yaa Rabbi yaa Allaah nun halaakin haalaaf Amala keenna nuuf tolchi hamturraa nu fageessi keeyrii hojjatuu nuuf laaffisi.
Sunnaawwan guyyaa Jum'aa hin dagatinaa obboleewwan koo
Avokaadoofi Faayidaa isaa:

Avokaadoon kudraa fayyaa keenyaaf gaarii waan ta'eef hayyootni fayyaa kudraa fayyaaf ba'eessa ykn gaarii (healthy fruits) jedhamee akka waamamu irratti walii galameera.

Faayidaa Avokaadoon fayyaa keenyaaf qabu keessaa muraasni:

1. Fayyummaa onneef (healthy heart)
2. Dhiibbaa dhiigaaf (blood pressure)
3. Fayyaa ijaaf
4. Dhukkuba kaansarii ittisuuf (cancer protection)
5. Dhibee sukkaaraaf (diabetes)
6. Dubartii garaatti baattuuf(ulfaaf) daa'ima fayya qabeessa argachuuf (for pregnant woman)
7. Fayyaa lafee keenyaaf
8. Carraa mukaa'uu keenya gadi buusuuf (for depression)
9. Gogiinsa garaa ni hir'isa
10. Ulfaatina sirreessuuf (for weight loss)
11. Dulluma yeroo malee hir'isa (for anti-aging)
12. Fayyummaa gogaa fi rifeensaaf (Skin benefits)

Hubadhu: Faayidaan Avokaadoo kanneen armaan olitti tarreeffaman qofa ta'uu dhiisuu danda'a. Haa ta'u malee namootni qoricha (daawaa) dhiiga qal'isan kanneen akka #warfare fa'a fayyadamtan al tokkoon baay'isanii fudhachuun miidhaa mataasaa qabaata.

Madda: https://fayyaa.net/

@Sammaan
🇯 🇪 🇨 🇭 🇦  🇭 🇦 🇾 🇾 🇴 🇴 🇹 🇦 🇦 

💠 Mukni si caalaa hin dheerranne gaaddisaa siif hin tau(Mozambique)
💠 Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii
Kufan,warra utuu homaa hin hojjetin milkaa’an irraa ni caaluu!"(looyid joons)
💠 Addunyaa kanarraa wanti baay’ee nama gaddisiisu,utuu ijaa qabanii Mul’ata dhabuudha!"(Helen keler)
💠" kufaatiif ragaan hin barbaachisuu!"(napoleon hill)
💠 "maatii irraa dhalate filachuu hin dandeessuu, ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa!"(BiiliiGiraham)
💠 Aangoon Naachaa bishaan keessatti(south african)
💠 "Karaa milkaa’inatti geessu hin beeku yoon ta'ellee,karaa kufaatiitti geessu garuu naan beeka. Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama'uudha!"(Biil koosbiil)
@Sammaan
Majliisni haaraan Islaama tokkichaan alatti maxxantoota kaan hinbeeku, ittis hin fayyadamu” -Sheek Hajii Ibraahim Tufaa.

Qaamootni yeroo ammaa gara hoggansa Majliisaatti dhufan waggoota dheeraadhaaf warroota tokkummaa amantichaa cimsuuf dhama’aa turaniin kan guutame ta’uu Pirezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa ibsaniiru.

Hoggansi Majliisaa haaraa filatame yeroo ammaa walharkaa fuudhiinsa biiroofi meeshaalee garaa garaa taasisaa jiraachuu Bariisatti kan himan Pirezdaantichi, qaamota hoggansa duraa keessaa kanneen biiroofi qabeenya deebisan akkuma jiran, warreen sababa garagaraatiin hanga ammaatti qabeenya harkasaanii jiru hindeebifneef immoo xalayaa barreessaa jiraachuu dubbatu.EPA

@tikvahethafaanoromoo
@Sammaan
የድምፃችን ይሰማ ትግል ላይ ጉልህ ሚና ከነበራቸው ውስጥ ነው ብዙዎች በትግል ስሙ ያውቁታል “Silte Wriro[ ስልጤ ውሪሮ] በትክክለኛ ስሙ ሬድዋን ሹሬ ይባላል በወቅቱ ሳዑዲ ሆነው ትግሉን ያግዙ ከነበሩ ወንድሞች ውስጥ ነው።

ሬድዋን ምንም እንኳ የትግሉ አርማ ከነበሩት ውስጥ ቢሆንም ላለፉት ስድስት አመታት የአልጋ ቁራኛ ከመሆኑም በላይ መናገርም ሆነ መንቀሳቀስ አይችልም። ከአመታት በፊት የትግል አጋሮቹ አስተባብረው ኮንዶሚንየም ቤት ተገዝቶለት ነበር። አሁን ላይ የቤተሰቡ መተዳደሪ ከቤት ኪራዩ የሚያገኙት ገቢ ነው።ባለቤቱ ወይዘሮ መዲና ሬድዋን የመድሀኒት ግዢ በየወሩ ከ6500 ብር በላይ ታወጣለች ለሁለት ሴት ልጆቿ የትምህርት ቤት ክፍያ 2500 ትከፍላለች የመጀመሪያ ልጁ የ11 ክፍል ተማሪ ስትሆን በዚህ አመት ከሁሉም ተማሪዎች አንደኛ መውጣት የቻለች ጎበዝ ተማሪ ናት። በቀጣይ አመት 2500 እየከፈለች አሁን የሚማሩበት ት/ቤት ትምህርታቸውን እንዲቀጥሉ የማድረግ አቅም ስለሌላት ሁለቱንም የመንግስት ት/ቤት አስመዝግባቸዋለች።

ሬድዋን አሁን ከሚያገኘው ህክምና በተሻለ ጥሩ ህክምና ቢያስፈልገውም ከእጅ ወደ አፍ የሆነ ኑሮ ላለው ቤተሰብ የሚታሰብ አይደለምና የድምፃችን ይሰማ ትውልድ ጀግናውን እንዲደግፍ ጥሪ ቀርቦለታል።

በገንዘብ መደገፍ ለምትፈልጉ
የኢትዮጵያ ንግድ ባንክ
በባለቤቱ ስም

1000218435851
መዲና ከቢር አወል

ልትጠይቁት አብሽር ልትሉት የምትፈልጉት የቤተሰቦቹ (ሚስትና ልጆቹ ስልክ +25198542 6491
ደውላችሁ አብሽሩ ማለት ትችላላችሁ

አላህ አፊያ እንዲያደርገው በዱዓችሁም አትርሱት !!
Waa kudhan dhugaa kudhan immoo soba
1.Fardi ni gulufaan dhugaa
**Allaattii hanqisaan soba
2.Barbaadee dhabeen dhugaa
**Lafti najalatti hin hafneen soba
3.Lagni guuteen dhugaa
**Allaattiin irra hin barartuun soba
4.Intalli ni bareeddiin dhugaa
**Nuural eeyinii fakkaattiin soba
5.Mana bal'aa ijaareen dhugaa
**Fardi keessa gulufaan soba
6.Dhukkubsatee fayyeen dhugaa
**Du'ee galeen soba
7.Ni kijibaan dhugaa
**Takfii bakkisaan soba
8.Si jaaladhaan dhugaa
**Lubbuu siif dhabaan soba
9.Obsa qabaan dhugaa
**Lafumaan soba
10.Ni sirbaan dhugaa
**Lafa sochoosaan soba
Rabbiin nagayaan si bulche nagayaan si haa oolchu.

Barattoonni kutaa 12ffaa yeroon qormaataa isinitti kalaayaa jira waan taheef jabaadhaa dubbisaa.
Gaaffilee qormaata duraa hojjadhaa waan isin dhibe hiriyyoota keessaniin waliin walgaafadhaa ykn Barsiisaa Keessan gaafadhaa!
Of hin dhiphisinaa
Isin sababa geessaa Kan isin milkeessu immoo Rabbii Keessan kadhadhaa.
Nagayaan fayyaa isiniif kennee ittiin isin gahu.
@Sammaan
WAAN HIN BEEKNE HIN DUBBATIN

© Abu Ibtisam

☼ Arrabni kee waan qalbii kee keessa jiru dubbata. Kanaafuu qalbii kankee hammeenya, hinaaffaa, jibbaa, wallaalummaa fi mamii irraa qulqulleessi. Yoo qalbiin tantee wantoota kanniin irraa qulqulloofte, dubbiin arraba kankee irraa bahus bareedaa fi jaalatamaa ta’a.

☼ Namoota ibaadaa fi islaamummaa irratti laafaa ta’an yoo argite, waa’ee isaanii jarjartee hin murteessin. Dubbii fokkotaa fi waan hamilee isaanii cabsu itti hin dubbatin. Maaltu beeka tarii namoonni sunniin karaa qajeelatti deebi’uudhaaf wal’aansotti jiran ta’a. Kanaafuu itti dhihaadhuu isaan gargaari. Garuu Maqaa itti hin baasin
***

Yeroo ammaa kana maqaa namatti baasuu fi nama arrabsuun akkaan salphaa ta’ee jira. Waa’ee namaa gaarii dubbachuurraa waa’ee nama sanii dharaa fi hammeenya dubbachuun, qilleensa oksijiinii harganuu caala laafaa ta’ee jira. Nama tokko waan hin qabneen hamtuu isaa dubbatuun ammoo dilii guddaadha. Ergamaan Rabbiitis ﷺ namni hedduun Azaaba sababa arrabaatiin akka seenu himanii jiran. Kanaafuu Arraba keenyaa haa hiinu. Waan hin beeknee dubbachuu irra cal’isuu haa filannu.

YAA ALLAAH

► Arraba keenya kheeyrii dubbachiisi
► gaarii dubbachuu nuuf laaffisi
► nama toltuu namaa dubbatu nu taasisi
► Waan hin beekne dubbachuurraa nu fageessi
Luqmaanal-Hakiim Akkana Jechuun Ilma Isaanii Gorsan:-

💥Yaa ilma koo!

Duniyaan(jireenyi dachee) akka galaana gadfagooti.Ishii keessatti illee namoota keessaa baay'eewwan jalaa lixanii ykn liqimfamanii jiru.Kanaafuu,ishii gubbaa balali'uuf yoo barbaadde yabala kee Sodaa Allaahaa(S.W) Laakii(jirma bidiruu ittiin oofamu) kee Iimaana,karaa kee ammoo Allaahaa(S.W) irratti irkachuu godhi.

@Baytal_Nur
@Sammaan
Namaaf waan ofii keetif yaaddu yaadif takkaahu toltuu jechuudha.
Hojii Kee keessatti Rabbiin sodaadhu
Daangaa Rabbii hin cabsin!
Forwarded from Dr mohammed Ibrahim (Dr Irfan)
Faayidaalee bishaan garaa qullatti dhuguun qabu.
Namnii fayyaa tokko guyyaatti ( 9_12) cup ( kubbayaa bishaanii) ykn 2_3 litirii dhuguu qaba
_ yoo kana ol dhugee litirii 4-5 ol : (water intoxication) isiin mudatu danda'a, innis mallattoo akka balaqamsiisu, mataa dhukkubbii, gaggabdoo , of wallaaluu fkkf namatti fiduu danda'a.
👌Faayidaalee bishaan garaa qullatti dhuguu yoo ilaalluu
@ ulfaatina hir'isuuf ni gargaara
@ dhukkuba akka asmii , sukkaara , gogiinsa garaa fkkf ni ittisa.
@ fayyummaa gogaa keenyaaf gaariidha.
@ dandeettii dhukkuba ofirraa dhorku keenyaa ni cimsa.
@akka waa hubannu nu gargaara .
@ xurawwaan qaama keessaa baasuuf nu gargaara.
@ cirracha kalee ni ittisa kanaf bishaan gaha dhuguun baayyee barbaachisaa dha kalee keenyaaf.
Fayyummaa rifeensaa , garaachaa , mar'imaanii fi afuuffee fincaaniif gaariidha.
@ vaaytaminoota akka vaatamiin B fi C seeliif dhiyeessa
Galatoomaa
Fayyaan lubbuu teenyaaf
Page like and share gochuu hin dagatiina!!!!
Gorsaalee Fayyaa Kharaa Khamiin
Akka Arkattu Barbaadda?
Filadhuutii Itti Dhihaadhuu
Me Kharuma Salphaan
Arkattaa.
https://t.me/DrmohammedIbrahim
✧ BEEKUMSI humna siif kenna. AMALLI GAARIIN garuu kabaja siif kenna.

◈ Amalli gaariin obsa qabaachuu si barsiisa.
◈ Amalli gaariin waan si hin madaalle si tuffachiisa.
◈ Amalli gaariin gorsee si deebifata.
◈ Amalli gaariin milkaa'ina biraan si gaha.

➠ Amalli gaariin akka ati of sirreessitu sitti hima. Beekumsi qabaa barbaada. Beekumsi akkaataa qabataa wallaalan burqaa oftuulummaan irraa maddu ta'a.

✧ BEEKUMSI humna siif kenna. AMALLI GAARIIN garuu kabaja siif kenna.

@Sammaan
Waan sitti jabaate waan si cinqu waan si yaaddessu hunda Rabbiin sirraa haa fageessu waan faaydiaa siif qabu hunda siif haa kennu.
Ministeera Barnootaa

Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2014 Koodiiwwan 12'n (Composition of Question Set) gaggeessuuf qophiin taasifamaa jira.

Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Nagga akka jedhanitti qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akkuma duraanii koodii 4 (bakka taa'umsa gaafii adda addaa 4) osoo hin taane hanga 12 taasifamaa jira.

Hanna qormaataa ittisuuf tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa tokko ta’uu kan himan Prof. Birhaanuun tartiiba gaaffilee barattoota wal cinaa taa’anii tasumaa walitti hidhamiinsa akka hin qabne eeranii jiru.

Qormaanni kun Yuunivarsiitiiwwanii fi dhaabbilee federaalaatti akka kennamus ibsaniiru.

Ibsa Prof. Birhanu Nagga EPDf kennan:

"... Qormaanni mataan isaa ministeera federaalaa waan ta'eef dhaabbilee federaalaa qofa keessatti haa kenninu. Amma barattoota hunda fidnee, naannoo isaaniitin alatti bahanii, yunivarsitii keessatti qoruuf qophiirra jirra."

@Gadaapost
@Sammaan