Dawaa Qalbii
9.16K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.79K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Mallattoollee Qiyaamaa keessaa namichi ollaa ufii ijjeessuu,Obbolleessa fi abbaa ufii ijjeessuu dha.
T.me/Sammaan
As,wr,wb akkam jirtu fayyaadhaa baga nagaan jiraattan. Maashaalllaah jedhamee Jama'aan barattoota kolleejjii barsiisota Roobee haala kaanaan kitaabaafii qur'aana qara'aaran Amantii keenyyaf nutu abbaadha jedhanee Barnoota Diin islaamaa barataarani maashaalllaah Rabbii Yaadaaf muraada jaraa haguutu
Forwarded from Dr mohammed Ibrahim (Dr Irfan)
SAMMUU KEENYA MAALTU MIIDHA?
👉 shiishaa , tanboo fi sigaaraa xuuxuu.
👉alkoolii dhuguu.
👉boqonnaa ykn haaragalfii dhabuu.
👉dhiphina sammuu cimaa.
👉faalama qilleensaa.
👉ciree/faxara nyaachuu dhabuu.
👉humna ol nyaachuu.
👉 nyaata sukkaara baayyatan baayyinaan nyaachuu.
👉bishaan gahaa dhuguu dhabuu.
👉 hirriba gahaa rafuu dhabuu. Namni fayyaa tokko guyyaatti sa'aa 6-8 rafuu qaba.
👉 yeroo rafnu huccuun fuula keenya haguuggannee rafuu. Kuni sammuun keenya akka kaarboondaayosaayidiin akka miidhamu godha.
👉osoo dhukkubsannuu, waan sammuun yaaduu gaafatu dalaguu.
👉fayyummaa sammuu keenyaa haa eeggannu.

Galatoomaa !!
Waliif share godha.

https://t.me/DrmohammedIbrahim
Forwarded from Dr mohammed Ibrahim (Dr Irfan)
Namni guyyaattii yeroo shan dirqama rabbiin kadhataa kana beektuu Alhamdulillaah jedhame rabbii tola sana nuuf oole guyyatti yeroo shan namni salaatu salaata zuhrii asirii magiriiba ishaa subii kana hunda kessatti fatiihaa ykn alhamduu niqara'a kun dua,aaiidha maashaallaah
Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni isaanirra haa jiraatu akki jedhan"jidduu keessanii namni baatii Zulhijjaa argee ,ka udhiyyaa qaluu murteesse (yaade) Rifeensaa mataa isaatifi koottee ofii ciratu irraa of haa ittisu (of haa qusatu)" jedhan
Qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara 2014 Yuunivarsiitiiwwan keessatti akka kennamu, Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birhaanuu Naggaan, manneen barnootaa moodeelaafi sadarkaa 2ffaa magaaloota Hoosaa’iinaa, Waraabee fi Walqixxeetti argaman daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniins Proofesar Birhaanuun hawaasaa fi barsiisoota manneen barnootaa kanneenii waliin marii taasiisan irratti qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara 2014 yuunivarsiitiiwwan keessatti akka kennamu beeksisaniiru.

Proofesar Biraanuun qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa karaa onlaayinii hanga kennamu eegalutti, qormaatichis yuunivarsiitiiwwan keessatti kennamu akka itti fufuu himaniiru.

Murtoon darbes hannaa fi waliin dhahiinsa qormaata hambisuuf kan murtaa’e ta’uu himaniiru.

Kunis barattoonni barnoonni kan argamu hojiin ta’u beekuun, cimaani barachuu fi dubbisuu akka qaban hubachiisaniiru.
@Sammaan
Maddi tikva
Barreeffama Kana Nama Muslimaa Hundaaf #Share Godhaa.

Rabbiin Keenya Waan Fedhe Uuma. Kan Uume Keessaas Wal Caalchise. Guyyootni Kurnan Ji'a Zul-Hijjaa Jedhamuun Beekaman Kun Guyyoota Rabbiin Caalchise Keessaa Tokkoodha.

Guyyootni Kurnan Ji'a Zul-Hijjaa Kun Guyyoota Rabbiin Uume Hundumaa Ni Caalu. Ulamaa'iin Akka Ibsanitti Kurnan Ji'a Zul-Hijjaa Kun Guyyoota Ramadaanaa Ni Caalu Jedhu.

Guyyoota Kanniin Keessa Dalagaaleen Kheyrii Dalagaman Hundi Rabbiin Biratti Sirritti Jaalatamoodha. Ajriin Isaaniis Baay'ee Guddoodha.

Jaabir Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan " Guyyoota Rabbiin Uume Keessaa Caaltuun Guyyoota Kurnan Ji'a Zul-Hijjaati" Jedhan.

ﺟﺎﺑﺮ ﻋﻦ ﺍﻟﻨﺒﻲ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ ﻗﺎﻝ : "ﺃﻓﻀﻞ ﺃﻳﺎﻡ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﺃﻳﺎﻡ ﺍﻟﻌﺸﺮ" رواه البزار وابن حبان وصححه الألباني

Abdallah Ibn Abbaas Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan " Guyyoota Kurnan Tanniin Caalaa Guyyootni Dalagaan Isaan Keessaa Dalagamtu Rabbiin Biratti Sirritti Kan Jaalatamu Hin Jirtu" Jedhan. Sahaabonni Akkana Jedhanii Gaafatan "Karaa Rabbii Keessatti Jihaada Gochuunis Hin Caalu Moo?" Eeyyan Hin Caalu, Garuu Nama Qabeenya Isaa fi Lubbuu Isaatiin Bahee Lachaniinuu Hin Deebi'in Malee" Jedhan.ﷺ

فعن ابن عباس رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: “ما من أيام العمل الصالح فيهن أحب إلى الله منه في هذه الأيام العشر. قالوا ولا الجهاد في سبيل الله؟!! قال: ولا الجهاد في سبيل الله، إلا رجل خرج بنفسه وماله ولم يرجع من ذلك بشيء” أخرجه البخاري 2/457.

Guyyoota Kanniin Keessa Dalagaa Kheyrii Dandeettan Hundatti Jabaadhaa. Namni Sooma Dandeessan Soomaan Dabarsaa. Sadaqaa, Du'aa'ii , Salaata Sunnaa fi Kkf Dalagaalee Kheyrii Hundumatti Hirmaadhaa. Rabbiin Kheyrii Hundaa nuuf Haa Laaffisu. Aamiiiiin.
#Dalagaalee_Gaggaarii
kurnyan Zilhijjaatiin walqabatan.
(Dalagaalee 170 ol):

1) Salaata waajibaa seeraan to’achuu.
2) Sooma Sunnaa fi kan guyyaa Arafaa sana soomuu.
3) Sadaqaa heddummeessuu.
4) Laa Ilaaha Illallaah jecha jettu tana heddummeessuu.
5) Tasbiiha godhuu (Subhaanallaah, walhamdulillaah, wallaahu Akbar).
6) Rabbiin faarsuu.
7) Rabbiin guddisuu.
8) "Laa howla walaa quwwata illaa billaah" jechuun mindaa guddaa walitti qabachuu.
9) Azaanni yeroo bahu mu'azzina hordofuudhaan..., deebii kennuu.
10) Istigfaara baay'essuu.
11) Du’aa'ii heddummeessuu.
12) Salaataa fi Salaama (Salawaata ) Nabiyyii keenya irratti (SAW) buusuu.
13) Qur’aana qara’uu.
14) Ergaa Aayanni Qur’aanaa qabdu xiinxalluu.
15) Aayata Qur’aanaa irraa qomatti waa haffazuu.
16) Qur’aana waliif eeguu.
.
.
.
#Itti_fufa....
Follow 👇
@tafak_or
@Sammaan
Forwarded from BBC AFAAN OROMOO
Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa haleellaa kutaalee Itoophiyaa garaagaraa keessatti hawaasa Muslimaa fi lammiilee kaanirra ga’aa jiru akka balaaleffatu ibse.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/dE6cmGH
Yaa Allaah ati Haqa Kee oltaasisi murtiin keetu caala!!!
😭😭😭😭😭😭😭😭😭
👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Guyyaa har'aa namoonni 200 ta'an mooraa majlisa Finfinnee cabsanii seenan. Baay'een isaanii godinaalee adda addaa irraa dhufan. Waardiyyootaa fi namoota nageenya eegsisan baay'ee miidhan. Dhiigni baay'inaan dhangala'e. Namoonni baay'een madaa'an.

Meeshaan biiroo, teessumni, soofaan, baay'een caccabe.
Sana booda poolisoonni baay'een dhufanii namoota 156 gara mana adabaa geessan. Sana keessa warra imaamaafi hojjattoota ta'an akka ba'an Sheyk Sulxaan godhanii jiru.
Maalumaafuu qaamni mootummaa jalqabaa hanga dhumaatti ni hordofaa ture. Ol aantummaan seeraa akka fudhatamu murteessee jira fakkaata. Kana nooda olaantummaa seeraa malee wanti baasu tokkollee hin jiru. Haala amma jiruun manguddummaan hin fayyadu.
@JemalSheikhBakri1
@Sammaan
Jama'aa Barattoota KBB Roobee Bara 2014

Namoottan garee jama'aa barattoota KBB Roobee ta'uu barbaaddan liinkii gadii kana tuquun nu hordofaa.
👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/robekbbjamea