Dawaa Qalbii
9.16K subscribers
2.06K photos
37 videos
31 files
2.78K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
#Oduuu_Gammachiisaa
#Yuunivarsitii_Haromaayaa

Yuunivarsitiin Haramaayaa loogoo isaa jiijjiire.
Kanaan dura loogoo isaanii gubbaan Afaan Amaaraa
fi kara jalaatiin Afaan Engiliffaa qofa qabu jijjiiruun
Afaan Oromoo jalqaba gochuun warreen kaan ammoo
walduraa duubaan gubbaa haga jalaatti godheera.
Miidiyaan @Abdii_Sabaa1 qaama dhimma kana irratti
Hojjachaa turan hundaa galeeteeffachuun, yuunivarsitiin
Warreen kaanis muxannoo kana fudhachuun hojiitti hiikuu
Akka qabdanis gamanumaan isin yaadachiifna.


◈ ━━━━━━━━ ● ━━━━━━━━ ◈
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚
https://t.me/+G5ZeAWrgdBswODU0


➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin,

◈ ━━━━━━━ ⸙ ━━━━━━ ■
Yaa Rabbi yaa Allaah Rakkoon keenna Kan diinii fi addunyaatis ati furmaata itti nuuf fidi.
Fagoo mitii kalumatti yaa Allaah madaa teenna Ni argita Yaa Rabbi.
Afaan Oromoo fi Afaan Tigriffaa sirna "Google Translate" keessatti hammatamanii jiru.

Afaanota adda addaa kan hiiku Google Translate afaanota dabalataa 24 gara sirnichaa galchuu beeksiseera. Kana keessaa Afaan Oromoo fi Tigriffaa kessatti hamatamanii jiru.

Afaanota haara dabalaman waliin sirna hiikka kana keessatti afaanota addunyaa 133 hiikuu isa dandeessisa jedhame.

Kanaan dura afaan Amaariiffa sirna kana keessatti hiikkamaa turuun isaa ni yaadatama.

@Sammaan
Forwarded from Gali Ababor Official
Warra Dhimma Hajjii na gaafataniif
****************
Hajjii ilaalchisee qabxiin mirkanaa'e waan muraasa.
1. Kootaan duraan isaan gadi buusuuf yaalan amma sirreeffamee akkuma Suudiin kennite 19,619 mallateeffamee jira. Isa jana Dr. Jeylaan Galataatu raawwate.
2. Gatii Hajjii immoo warra majlisa federaalaatu qarshii 190,000 murteesse.
Kanaan ala odeeffannoon mirkanaa'e kan biraa hin jiru. Guyyaan galmeen waajjiratti jalqabus hin murtoofne; akkasumas kootaan naannolee hin murteeffamne. Kana hundaaf sababa kan ta'e rakkoo majlisa federaalaati. Yoo rakkoon majlisichaa furame dhimmi hajjiis waliin furama. Akka inni furamu Rabbiin kadhaa.
Yoo murtiin bu'aa qabu murteeffame asirrattin isin beeksisa Inshaa Allaah
#Dureessa_beelaan_du'e.

Biyya Biritaaniyaa tana keessa dureessa maqaan isaa #Rod_child jedhamu tokkotu ture. Durummaa isaa irraa kan ka'e mootummaa Briteeniif mallaqa liqeessa ture.
kaaznaa mallaqa isaa akka fakkeenya manaatti keessa seentee itti fayyadamta jedhan.

➛ Guyyaa tokko mallaqa fudhachuudhaaf kaaznaa isaa kana keessa seenee osoo taa'aa jiru, balballi kaaznaa dogoggoraan itti cufamee ture, sagalee qabu hundaan iyyus sababa yeroo hunda inni namarraa fagaatuuf namni tokkos dhaga'ee isaaf birmachuu hin dandeenye.

Maatii irraa fagaatee jennaan, maatiinis abbaan keenya imala deemuu hin oolu jedhanii cal jedhan. Beelaa fi dheebuunis garmalee itti hammaattus nama nyaata isaaf dhiheessu argachuu hin dandeenye.
Achumaa erga laafee du'aaf kalaahee booda quba isaa madeessee/dhiigsee akkana jedhee kaaznicha gubbaatti barreesse ;
"The richest person in the world dies of starvation and thirst ".
"Dureessi addunyaan tuni qabdu beelaa fi dheebuudhaan du'a".
@Ibroo
Maddi (National geography )

Follow us👇
https://t.me/Sammaan
Forwarded from Keebor Media 1 (Asad Sh/A/qaadir GaruhiraMedia)
#Update

Sheek Mahaammad Biin Zaayid Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii ta’uun muudamuu isaanii Manni Murtii olaanaa biyyatti beeksiseera.

Preezdaantiin biyyatti duraanii Sheek Kalifaa Biin Zaayid Al Nahyaan guyyaa kaleessaa boqachuu hordofee Sheek Mahaammad Biin Zaayid Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii ta’uun muudamaniiru.

Sheek Mahaammad Biin Zaayid abbaa isaanii bakka bu’uun preezdaantii biyyatti ta’aniiru.

Sheek Mahaammad Biin Zaayid bara hoggansa isaaniin, itti aanaa preezdaantii, Muummee Ministiraa fi bulchaa Dubaay ta’uun tajaajilaniiru.
Preezdaantiin biyyatti duraanii dhibee irra bubbuleen yaallamaa turuun, umrii waggaa 73ffaa isaaniitti guyyaa kaleessaa boqochuun isaanii ni yaadatama.

t.e/kebormedia
Gorsaaf
*

Namni Aangoodhaan uf dhaadu Fir'ownaan haa yaadaatuu.

Namni qabeenyaan uf dhaadu Qaaruuniin haa yaadatuu.

Namni Gosaan uf dhaadu Abuu_lahbiin haa yaadatuu.

➬ Fir'owna Bishaaniin nyaatame,
➬Qaaruun dacheen liqimsame,
➬Abuu lahab Reeffi isaa ajaayee gosti isaa hundi irraa dheessitee kabajaa dhabee badhetti gatame.
Manni fincaanii maqaa isaatin moggaafame.
T.me/Sammaan
Forwarded from TIKVAH AFAAN OROMOO
#Oduu_Ammee

Preezdaantiin Somaaliyaa duraanii Hasan Sheek Mahaammad Pirezidaantii Somaaliyaa ta’uun irra deebiin filataman.

Hasan Sheek Mohaammad injifannoo filannoo marsaa sadiin dorgomaa ho'aa ta'een injifachuun preezdaantii Somaaliyaa ammaa Mohaammad Abdullaahii Farmajoo injifatan.

@tikvahethafaanoromoo
Forwarded from Gadaa Post
Raadiyoon Harar kan bulchiinsa mootii Haayilasillaasee jalatti bara 1973 keessa baname, cufamee erga turee booda tibbana deebi'ee banameera.

Raadiyoo Harar keessatti qophiilee bashannansiisoo hojjechuun kan beekamuu fi amma OBN keessa kan hojjatu Jaafar Alii, raadiyoon kun Itoophiyaa keessatti raadiyoo seena qabeessa Afaan Oromoon tamsaasuun isa duraa ta'eedha jedha.

Dagaagina Afaan Oromoo fi hawaasi odeeffannoon akka gabbatu gochuu keessatti qooda guddaa gumaache kan jedhe Jaafar keessattuu wayita ''Afaan Oromoo raadiyoo cabsa'' jedhametti, Afaan Oromoo afaan odeeffannoo, afaan beekumsaa, afaan hojii bal'aa ta'uu akka danda'u kan mirkaneessedha jechuun ga'ee Raadiyoo Harar ibse.

Raadiyoon Harar qormaata isa mudatu jalatti karaa dheeraa kan deemaa ture ta'us waggaa kudhan dura garuu guutummaatti cufame.

''Raadiyoon kun seenaa hojjechaa amna dheeraa deeme, guyyuma Ministira Muummee duraanii Mallas Zeenaawii du'u ajajaan cufame. Wayita sana akka nama achi keessa hojjechaa tureetti qofa osoo hin taane akka nama itti dhimmamuu fi dhimmichi isa galchuu tokkootti ibsa kenneen ture.

Ergan biyyatti deebi'eef Raadiyoon kun akka jiraachuu qabuuf tattaafataan ture,'' jedha Jaafar.

Raadiyoon kun jalqaba kan baname Raadiyoo Itoophiyaa jalatti waan ta'eef deebisanii haaressuufis dhimmichi Dhaabbata Birodkaastii Korporeshinii Itoophiyaa ilaallata ture jedhu.

Jaafar Alii akka jedhutti raadiyoon kun deebi'ee of danda'ee akka banamuuf bulchiisaa fi boordii dhaabbatichaa (EBC) irratti dhiibbaa guddaan uumameera.

''Miidiyaan dorgommii keessa galuu fi afaan saboota hedduun tamsaasuun heddummaachaa dhufuun EBC'n gaaffii kana fudhatee akka Raadiyoo Harar deebisee haaressee hojiitti galchu kakaaseera.

''Amma raadiyoo qofa osoo hin taane TV'nis dabalamee haaromfamee hojii eegalee jira,'' jedhe Jaafar.

@Gadaapost
@Gadaapost
☝️☝️☝️

Ergaa gabaabinaan

Haguma niyyaan kee toleen kennaawwan gaggaariin Rabbi biraa siif dhufti..

على قدر صلاح النوايا تاتي العطايا
waan gaarii(niyyaa gaarii) onnee teessan keessatti beeyinaan Rabbiin waan dhabdanii olitti isiniif kenna
(Qur'aana)

Khadijjan(ra) daldaltuu, soorettii turte .. garuu dhiiratti hin makamtu turte...
niyyaa gaarii qabdiif Rasuula argatte dhumarratti

Imaamu-shaaf'in gaafataman.. irra guddoo dalagaa gara Rabbii ittiin dhiyaatanirraa ...

Ni booye Rahimahullaah, booda ni jedhe
👇

''Rabbiin(sw) gara onnee teetii laaluudha, atiin kuni duniyaa fi aakhiraa keetiin Isa qofa kan barbaaddu tahuu si'rguudha''

jedhe Rahimahullaah

💗💗💗💗💗💗💗💗
Niyyaa Onnee teennaa haa laallu
@Alrisala
Dubbii hikmaa xiinxallaa barbaadu.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

💬 Hayyuun islaamaa tokko akki jedhe.

"Dadhabbiin karaa rabbii keessatti dadhabde ni dabarti, ajriin isiidha ammoo siif ol kaayamti.

Mi'aan yeroo dilii dalgduu ni kutti, adabbiin isiis oluma kaayamti.

#Rabbii wajjiin tahi, waan biraa hin yaadin.

Dukkana halkanii keessa harka kee isatti ol qabii, Yaa Rabbi kiyya jedhiin! Duniyaan zikrii tee malee hin toltu, Aakhiraanis Afwii keetiin malee, jannannis si arkuun malee hin bareeddu!"

#Hoggaa wanni ati jireenya koo keessatti gammachuu naaf laata jettee yaaddu si jalaa bade, dhugoomsi wanni rabbiin sirraa balleesseef akka sababa dilii sitti hin taaneefi.

Irra namaaf dabri, dhiifama namaaf godhi, Namaafis laaffisis!

Dhimma Uumamatoota rabbuma isaan uumeef dhiisi! Nutiifi isaanis asirraa deemuuf jirra.

Dalagaa keeyriidhaa, Hangam xiqqaattus hin tuffatinii toltuu hojjadhu; toltuu keysaa tan Jannata si galchita hin beytuu!"

﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Yeroon keysan Zikrii Rabbiitiin haa bareddu
@Sammaan
As wr wb 🙏🙏🙏
Kabajamtootaa fi jaalatamtoota Hordoftoota Chaanaala
@Quwwatulislaam Akkuma Beekkamu yeroo gabaabaadhaan duratti Wal-dorgommmiin Barnoota Amantaa Islaamaa irratti hundaaye,Addaan cituun isaa ni yadatama.
Sagantaan Wal-dorgommii kuni Akka Namoota hedduu fayyade beekkamaadha
🙏Sababaan Addaan citiimsa isaatis waan biroo osoo hin taane,Sababa Creater/Qopheessaan Sagantaa kanaa Dhimma Barumsaatiin Shaagalamuuti.
🤙Kanaaf gabaabinatti Isin kessaa Namoonni Namni Bakka Isaa buunee Hawaasa muslimaa kana Ni Tajaajilla jettan lakk.bilbilaa kana irratti na dubbisaa!🏖0949716994 ykn
@QuwwatulislaamQuiz_bot.
Hubachiisa:Baay'inni Namoota Nuti Marsaa 1 irratti barbaadamanii yoo guddate namoota Afuri(4)ykn Kan bakka Nama Afurii dhaabbatee hujjatuudha.
Hojiin Asirraatti hojjatamus waan Nama Dhiphisu osoo hin taane hojiiwwan Sasalphoodha. Kanneen akka:
👉Barnoota Wal-dorgommmii qopheessuu
👉Maqaa hirmaattotaa maxxansuu
👉Gaaffilee Wal-dorgommmii qopheessuu!
👉Deebiiwwan hirnaattotaa laaluu fi maqaa badhaafamtootaa maxxansuu fikkf dha.
🙏Badhaasni Badhaafamtootaatis kan nu biraayi.
Yaa obboleewwan koo Carraa kanatti fayyadamaatii,Hawaasa muslimaa tajaajilaa isiniin jedha!
0949716994
🙏🙏🙏
@QuwwatulislaamQuiz_bot🙏🙏 Share share share📲📲📲📲📲 join join join @quwwatulislaam
GORSA

Nama si miidhe RABBIIN nama isa miidhu itti godha!
Nama si boochise guyyaa tokko RABBIIN boochisuuf taa'a!
Yoo akkas nama gootes akkas ta'uuf teessa!

Qalbiin dhiifama beektu: tasgabbii dhugdee qananiiti.
Sammuun murtii RABBII jaalatte: ifaa gammachuutiin guutamti!
Yaa ALLAAH jedhaa rafi. Ganama kolfaa Al-Hamdulillaah jedhaa dammaqxaa!

Hangam geessus boolla biyyee keessatti awwaalamuuf deemta!
Ilmi namaa akka waan ati takkaa hin dhalatinitti si irraanfachuuf taa'u!
Hojii gaarii fi amala gaarii qofatu addunyaa kanarratti sirraa hafa!
Qaama caala seenaa kee hin dagatin!

Yoo hiriyyoomte: nama iccitii kee eegu. Hanqina kee guutu. Gaarii kee raabsu. Dogoggora kee maree dhoksu maletti hin hiriyyoomin. Yoo dhabde of qofatti hiriyyoomi!

Gadhee fi gadiin namaa: nama yoo siin wal dhabu gaarii kee wakkatuu dha.
Ammoo jabaa fi gaariin namaa: kan yoo siin wal dhabes gumaacha kee hin dagannee dha.
Kaan nurraa qabee
Kaan nutti haa qabu!

Jaalalleen osoo wajjiin jiraattu tasa sitti jijjiiramee si iddu: duraanuu bofa suuraa namaatiin si wajjiin jiraatuu dha.
Garuu dandeettii fakkeessee jiraachuu haala adda taheen danda'a waan ta'ee si daguu danda'e malee!
Bofa afaa jalaa RABBIIN nu haa baraaru!

Nama si miidhee hamilee kee cabse: daftee irraa kafalachutti hin deemin!
Irraa achi siqii waan RABBI isa godhu laali!
RABBIIN gaafa namaaf kafalu nama quubsa!
Garaa bobahe RABBIIN haa qabbaneessu !

Nama badaa fi jallataa yoo RABBIIN ol fuudhe hin ajaa'ibsiifatin!
Wanti ol fuudhuuf ol fageessee gaafa lafaan rukutu akka inni caccabuufi!
Adeemsi RABBII nama dhiba!

Namni duubaan si waraanu nama akkaan sitti dhiyaatu tahuu hin dagatin!
Saniif fuula dhokfatee jiruu tee duubaan waraane!
Of eeggadhu !
Buutii akkasii RABBIIN waliin nun gahin!

Namni hedduu siif obsee si danda'u: gaafa garaan cite lammata hin deebi'u!
Namni akkasii hedduu waan hin argamneef hin qisaasin!

Inni maaf na gate? Inni maaf nan gaafanne?! Jettee namarra of hin eegin!
Namni dhugaan si jaalatu si gatuu fi si dagatuu hin danda'u waan ta'eef!

Qabeenyi si boonsu: hiyyummaa dha
Beekumsi si koorsu: harrummaa dha!
Bareedumni si goobsu: jazbummaa dha!
Join https://t.me/Alrisala1
Manzuumaa 35ffaa Lk-1ffa...
Raayyaa Abbaa maccaa official
Manzuumaa Raayyaa Abbaamaccaa 35ffaa Lakk-1ffaa Waa`ee Gumii Dhimma Islaamaatiin wal qabatee.
Youtube Raayyaa Abbaa Maccaa👇
https://youtu.be/xI_P1cT1XLk
#Qalbii_Qulqulluu

➛Qulqullinni qalbiidhaa qananii guddoodha...."! Alhamdulillaah
‏"نَقَاءُ القلبِ نعمةٌ عظيمةٌ" ❤️‌‌
"Purity of the heart is a great blessing" ❤️‌‌
Kanaafuu ati.namaaf yeroo kamuu qalbii Qulqulluu qabaadhu.
Join👉#tafakur
" Eddoma jirtanirraa Nagayaa fi Rahmata narratti buusaa. Bakkuma ani jirutti Nagayaa fi Rahmanni keessan na dhaqqaba waan ta'eef " !!

Ogeessa addunyaa
Hangafa Uumamtootaa
Sammuu Banii Aadam
Nabi Muhammad
صلى عليه الله ربي وسلما
ما نزل ماء عن جبل وتمتما
Join || @Sano_Haji7
Ilmi namaa hamma waan hamaa baruuf halkanii guyyaa fiigaa oolu waan gaarii beekuuf sardama tahee silaa hunduu waliif yaaduufi garraamummaadhaan Waliif ho'a ture. Amma garuu qooda waan qajeelaa shaakaluu irratti yeroo isaa fixu waan dabaafi Wal balleessuu irratti fixaa Jira waan taheef namni boqonnaa argatu hin jiru.
Ati haga dandeessu waanuma gaarii yaadi,waanuma gaarii hojjechuus baradhu.
https://t.me/Sammaan
Forwarded from AL-RISALA HUMANITY CENTER (Sáìd leader)
#‏أخي_المسلم:
‏احرص هذه الفضائل ‌ #يوم_الجمعه⁩ لتكسب أجوراً عظيمة:

‏✓ غسل يوم الجمعة
‏✓ الطيب
‏✓ السواك
‏✓ لبس الجميل
‏✓ التبكير إلى المسجد
‏✓ الإنصات للخطبة (وجوبا)
‏✓ قراءة سورة الكهف
‏✓ كثرة الصلاة على النبي ﷺ
‏✓ الصدقة
‏✓ ولا تفوتك ‌ #ساعة_الاستجابه⁩ (آخر ساعة من يوم الجمعة)

#‏تقبل_الله_منا_ومنكم.

🌺ʝσιи🌺
@Alrisala1