Dawaa Qalbii
8.9K subscribers
2.18K photos
37 videos
42 files
2.91K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Maashaa Allaah galatoomaa hundi keessanuu ka dubbistaniif ka deebii deebistanis deebiin 1.B 2.D 3.A 4.A 5.durba rasuula lama fuudhe takka erga duute ta lammataa bakka buusaniif Rasuulli SAW .
Gaficha namni guutuu deebise hin jiru Muussaa muhammad gaafilee haala gariin deebiste takka qofa dongogorte. Kuunnin keessanis galatoomaa torbaan inshaa Allah badhaasas ni qopheessina.
Forwarded from Dawaa Qalbii (Sammaan Seman)
Maashaa Allaah galatoomaa hundi keessanuu ka dubbistaniif ka deebii deebistanis deebiin 1.B 2.D 3.A 4.A 5.durba rasuula lama fuudhe takka erga duute ta lammataa bakka buusaniif Rasuulli SAW .
As wr wb obboleewwan koo guyyaa jum'aati salawaata nabi irratti heddumeeysaa. Sallallaahu aleyhi wasallam
Hayyee kabajamtoota hordoftoota keenna hundi alhamdulillaah torbaan nuun gahee walitti nu deebise.🖐🖐🖐🖐🖐🖐 Seenaa Abii bakrii Assiddiiq R.A islaamummaan osoon seeniin ilaallee jirra har'a immoo Islaamummaa keessatti gabaabsinee ilaalla. Abii bakrii nama dhiirarraa amantii Islaamaa fudhateeti akkuma ergamaan Rabbii(SAW) itti himaniin jechuudha. Ammaas hedduu nama Rasuula jaalatuuti. Nama qureeyshi nabiin ajjeefna jedhanii admaa itti godhan(nama gooftan kiyya Allaah jedhe ajjeesuuf itti mari'attanii)jedheenii irraa mormaa tureedha. Achi boodas amriin itti jabaannan isaan waliin hijraa baheedha. Dubbistoota kabajamoo seenaan Abii Bakrii hangana miti ammaaf nu gaha Hanga torbaan fedha Rabbiitin walitti deebinutti Rahmata Rabbii keessa jiraadhaa milkii duniyaa aakiraa argadhaa. As wr wb. Waliif sheer godhaa. 👍👍👍👍👍👍👌👌👌👌irraa fayyadamaa.
🔱🔱🔱 ENYUUHU HIN SODATIIN 🔱🔱🔱 💨 Daangaa Namootaa Akka Hin Dabarreef Jettee Daangaa Rabbii Keetii Hin Dabrin 💫💫💫 💨 Seera Namootaa Kabajuuf Jettee Seera Rabbii Keetii Hin Diigin 💡💡💡

💨 Namoota Gammachiisuuf Jettee Rabbii Kee Hin Mufachiisiin 🔥🔥🔥

💨 Jaalala Namootaa Wajjiin Qabdu Osoo Hin Tahin Jaalala Rabbii Keetii Wajjiin Qabdu Jabeeyfadhu 💦💦💦

💨 Bakkuma Fedhettuu Yoo Tahe Dhimma Namootaa Kessatti Rabbii Kee Sodaadhu, Dhimma Rabbii Keetii Kessatti Garuu Enyuuhu Hin Sodaatin 💠💠💠

👉Yaa Rabbii Yeroo HundaJaalala Fi Sodaa kee Nuuf Kennii Nu Milkeessii!!!!

@Gaaddisaislaamaa
🌿Seenaa ergamtoota rabbii (SAW).
❇️Namni yeroo duraatiif SEENAAN isaa qura'aana keessatti dubbatame eenyu?

✔️Deebii: Nabiyyallaahi Aadam.
❇️Ummanni Nabiyyallaahi saalih maaliin beekaman?
✔️Deebii:Waa facaasuu fii dhakaa qoranii/bocanii/keessa jiraatuu.
❇️Zul-Kifli eessa jiraata ture?
✔️Deebii: Biyya Shaam jedhamtu.
❇️Maqaan Fir'ownaa (فرعون) yeroo meeqa qura'aana keessatti dubbatame?
✔️Deebii: Yeroo 74 dubbatame.
❇️Nabiyyoonni maqaan isaanii Qubee Alif irraa eegalu meeqa? Eennu?
✔️Deebii: Nabiyyota 8 isaanis:
Nabiyyallaahi Aadam, Idriis, Ibraahim, Ismaa'il, Ishaaq, Ilyaas, Ilyasa’a, Ayyuub.hundaahuu Nageenyi rabbii isaan irratti haa jiraatu.
Share godhaa
https://t.me/tafak_or
Forwarded from .
🔆🔆 @toltuu1 🔆🔆🔆🔆
Adunyaa kana irraa wanti Qaaliin Amanamummaadha.
Amanamummaa argachuuf yeroo dheera sitti fudhaachu danda'a garuu Hamma liphuu ijaati of jalaa balleessuu dandeessa.
@toltuu1
🥀🥀Dubbisaa...🥀🥀🥀.
🔰🔰🔰🔰Gaafi fi Deebii.
🌿qura'aanni waggaa meeqatti buufamee dhumate?
▶️Deebii:waggaa 23tti buufamee dhumate.
❇️Sahaabaa keessaa Kan qura'aana keessatti maqaa dhahame eenyuu?
▶️Deebii:Zeeydi binu haarisaa.
❇️Suuraan Aayanni isii hundi jecha(Allah)jedhu uf keessaa qabdu Suuraa Tami?
▶️Deebii: Suuraa Al-Mujaadalaa.
❇️Namni yeroo jalqabaaf qubee Arabaa tuqaa/ciftii/Itti godhe eenyu?
▶️Deebii:Nasri binu Aasim Alleylii jedhama.
❇️Nabiyyoota keessa Kan hedduminnaan qura'aana keessatti dubbatame eenyu?
▶️Deebii: Nabiyyallaahi Muusaan.
❇️Suuraan harfiin kaaf(كاف) keessatti hin argamne Suuraa kam?
▶️Deebii:Suuraa Qureeyshi,Al-Asrii fii Al-Falaq.
❇️Sahaabaa keessaa Turjumaana/Simaabalo/ qura'aana jechuun Kan beekkame eenyu?
▶️Deebii:Abdallah binu Abbaas.
❇️Aayanni Suuraa takka keessatti yeroo 8 deddeebite Aayaa Tami?
▶️Deebii: Suuraa Shuaraa'a keessa akkana jetti:Fattaqullaaha wa'axii'uun
(فاتقوا الله وأطيعون).
https://t.me/tafak_or
Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatu hordoftoota chanaala #dawaaqalbii sagantaa jalqaba baasne irratti hanqina yerootif haalli waan nuu hin mijatiniif addaan kutuun keenna akkuma jirutti tahee hanga sagantaa biraa isiniif maxxansinuuf ergaawwan tokko tokko waliif dabarsina inshaa Allaah
Ergaa kana dalaguuf yaali👇👇👇👇👇👇 Waan shari'aan diin #ISLAAMAA itti ajaje yeroo dhageennu itti dalaguuf haa of amansiisnu .👈👈
Forwarded from Fursaan Media (Fares Muhamed)
#Bilchina_Sammuu
🧠 🧠 🧠 🧠
Bilchinni sammuu jechuun sammuu ibidda irra kaahanii bilcheessuu osoo hin taane.

Ati Ilaalcha gaarii qabaatuudha.
Hubannoo qixa sirrii tahe qabaatuudha.
✔️ Dandeettii fageessitee yaaduu horachuudha.
✔️ Waan gaariif badaa addaan baastee beekuu dha.
👆🏼 👆🏼 👆🏼 👆🏼
Isa kanatuu #bilchina_sammuu jedhama.
#Galatoomaa
✍🏽 F.M

@Fursaan_Media
Fb.me/Fursaanmedia
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Aangoo fi Qabeenya

#NUURALHUDAA

Aangoofi qabeenya Rabbiin nama barbaadeef kenna. Nama barbaade ammoo ni dhoowwata. Madaallii ilma namaatiin olitti kun waan Rabbiin beekkumsaafi dandeytii isaatiin oofu. Asiin dura Rabbiin aangoo nama jaalatu ergamaa isaa Suleymaan ilma Daawuud iif kannee ture. Akksuma ammoo nama jibbu Numrud ilma Kuush harka aangoo kaayee ture. Qabeenyaas nama jaalatu Abdurahmaan ilma Owf iif kannee ture. Nama jibbu ammoo mata-jabeessa Qaaruun iif kannee ture. Abbaa barbaade harka kaayee, abbaa barbaade harkaa ammoo mulqa. Shuumaafi shaaraan isa! Aangoofi qabeenya nuti dhamaanuuf kanatti Rabbiin hin haajamu. Isa biratti humaa ulfinaafi sadarkaa hin qabdu. Osoo ulfinaafi sadarkaa qabaattee, Rabbiin warra isatti mormuuf hin laatu. Akkuma garru kana gaafa garii Rabbiin nama jaalatu dhoowwatee, nama jibbuuf ammoo laata. Iccitii waan kana keessa jirtu isuma qofaatu beeka. Haqaarriin waan kanaa tokkuma! Sunis ittiin nu qormaatuufi. Tasa fidee nu harka buusee waan nuti baanu eega. Aangoofi qabeenyi yoo kan gama Rabbi nama dhiheysu tahe milkiidha. Gaafas qormaata dabruu keenya. Yoo ammoo kan Rabbi irraa nama fageysu tahe balaadha. Qormaata kufuun asitti. Rabbiin mata-jabeeyyii qananii aangoofi qabeenyi qabuun dageeti, qaba-qabeefii kolaasa.

Yaa Rabbi warra aangoofi qabeenyaan dagamee si-irraa fagaatu nu hin taasisin.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa
Forwarded from FAAWUNDESHINI TOKKUMMA FI QORANNOO ISLAAMAA DAARGAGGOTA OROMIYAA (الفقیر عبد الغني)
💦💦
💦💦💦
💦💦💦💦
💦💦💦💦💦 #FTQI hadiis!!
💦💦💦💦💦💦


بر الوالدين
🥛🥛🥛

قال صلى الله عليه وسلم (( رغم أنفه ، رغم انفه ، ثم رغم انفه ، قيل : من يارسول الله ؛ قال : من أدرك والديه عند الكبر أحدهما أو كليهما ، ثم لم يدخل الجنة )) .

صحيح مسلم
💧
💦💦💦
💦💦💦💦
💦💦💦💦💦
💦💦💦💦💦
💦💦💦💦💦💦💦
Yu'ushai ibnu nuun A.S nabiyyii aduun haasawedha. Aduun dhiyuu kaate inni Rabbiin kadhannaan turteef hanga isaan ummata kuffaara beeytal maqdas injifatanitti qooda Rabbii hubadhu xinxali .Subhaanallaah Allaahu Akbar .
As wr wb jirra jirtuu hara'a faayidaa sharariitii(daara baaftuu) gabaabsee isiniif dhiyeessaa dubbisaa 🕷Yeroo nabi muhammad S.A.W yeroo warri makkaa jibbaa amantii islaamaa qaban Abubakriin waliin ta'uudhan yeroo biyyaa ari'amanii gaara keessatti dhokatan dhoksuuf sababa taateef 🕷manni isii qorsa ykn dawaadha. 🕷Ilbiisota miidhaa namarran gahan kan akka bookee, biinbii,tiitisa fi kkf miidhaa nurraan gahan ajjeesun dhibee nurraa ittisti........ dubbisii hiriyyaa keetif Sheer godhi 👈👈☝️
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Breaking News: Manni Murtii Idil Addunyaa-ICJ’n duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaaluu Jalqabe

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
December 10, 2019

Manni Murtii Idil Addunyaa International Court of Justice (ICJ) jedhamu, duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaalchisee, himannaa yakkaa Gaambiyaan mootummaa Miyanmaar irratti bante wixata har’a ilaaluu jalqabe. Haaluma kanaan manni murtichaa himannaa kana December 10-12/2019tti dhageefachuuf kan itti fufu yoo tahu, xalayaa waamichaa ICJ’n baase hordofuun Jilli Mootummaa Miyanmaar Aang San Suchiitiin hogganamu mana murtii The Hague duratti kan dhihaate tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Manni Murtii Haqa Idil Addunyaa ICJ’n dhimmoota biyyoota lama jiddutti ka’an kan ilaalu yoo tahu, biyyiti Lixa Afrikaa Gaambiyaan Gamtaa Biyyoota Islaamaa 57 bakka bu’uun mootummaa Miyanmar irratti himannaa kana bante.

Haaluma kanaan Ogeeyyonni seeraa mootummaa Gaambiyaa himannaa dhiheessaniin, Mootummaan Miyanmaar karooraa fi haala qindaaween muslimoota Rohingiyaa irratti bara 2017 irraa eegalee yakka duguuggaa sanyii raawwataa jiraachuu ibsuun, manni murtichaa mootummaa Miyanmaar gocha kana irraa akka dhaabsisu gaafatan. Himannaa hanga ammaatti dhihaate keessatti ragaalee Satalaayitii, qorannoo UN fi dhaabbileen mirga namoomaa idil addunyaa geggeessan, ogeeyyota seeraatiin kan dhihaataa jiru tahuun beekamee jira.


Haaluma wal fakkaatuun Manni Murtii Yakka Idil Addunyaa ICC jedhamu kan achuma Netherlands magaalaa The Hague ’tti argamu, qondaaltota mootummaa Miyanmaar duguuggaa sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame keessaa harka qaban irratti himannaa banuuf, kan qophaayaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Muslimoota Rohingiyaa ajjeechaa fi dararaa hamaa mootummaan Miyanmaar isaan irratti raawwataa ture jalaa lubbuun hafan jidduu, ummanni 700,000 ol gara biyyoota ollaatti kan baqate tahuu UN dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa gabaasaa turuun ni yaadatama.
#Miyanmaar #Muslimoota_Rohingiyaa #ICJ
Forwarded from ️JBMAR
As wr wb breaking 👇👇👇👇👇👇 kabajamtoota fi jaalatamtoota ummata muslimaa hundi keessanuu guyyaa hara'aa sirna awwaalcha Barata oromoo yunivaristii naannoo amaaraatti shira diinaatin balleessaa tokko malee oromoo tauu isaatif osoo subhii salaatee deebi'u ajjeefame barataa #maashoo umar miseensa fi nama gahe guddaa #JBMAR kan tahe godina Arsii aanaa #diksiisitti geggeefamee jira.😭😭😭😭😭innaa lillaahi wa innaa ileeyhi raaji'uun Rabbiin jannatul @Firdowsiin haa qaniniisu maatiifi ummata muslimaa hundaaf sabrii haa kennu.sirna awwaalcha kana irrattis ummanni magaalaa Roobee hedduun irratti argamaniiru ustaaza keenya Sh. Abdulmannaanin waliin ta'uudhan 😭😭😭😭
👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍Udkuluu fissilmi kaaffatan jechuun kana. 🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
Forwarded from Al-risala-tube
Simannaa Guyyaa Har'aa Buufata Xiyyaaraa Booleetti Guyyaa Har'aa Geggeeffamaa Oole Irraa Kan Qooda Fudhatan Ustaaz Ahmedin Jabal, Giifti Duree Zinnaash Taayyachoo Yeroo Isheen Harka Itti Qabdu, Harka Fuudhuu Diduun Amantaa Isaaf Bakka Guddaa Kennee Jira
#MaashaaAllah

Yoo Si Gammachiise Share Godhi

Maxxansi Keenya Saffisaan Akka Isin Qaqqabuuf Page Keenya join Share Godhaa

Ibrahim Rashed
AL HAMDULLILAH
ALL THANKS TO ALLAH
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa Kora Walii Galaa geggeessaa ture xumuruu beeksise

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
December 16, 2019

Manni Marichaa ibsa har’a waaree booda baaseen, miseensonni mana maree dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa, kora walii galaa kan jalqabaa Muddee 1-4/2012tti kan geggeessan tahuu beeksise. Manni marichaa kora isaa kanaan dhimmoota tokkummaa hawaasa muslimaa cimsan, akkasumas nageenya biyya keennaa ilaalchisee gahee mana marichaa irraa eeggamu bahuu irratti, hawaasa muslimaa hunda wal qixa tajaajiluudhaaf, miseensonni mana marichaa hundi waadaa kan galan tahuu ibsame.

Haaluma kanaan miseensonni mana marichaa xumura kora isaanii irratti, dhimmoota akka karooraatti fuulduratti raawwataman qabxiilee 17 baasuun kan walii mallatteessan tahuu ibsame.

Qabxiilee kanneen jidduu:-Manni marichaa, muurtiiwwan kora koreen muummicha ministeeraatiin hundaaye Ebla 23/2011 dabarse hunda irra deebi’ee raggaasisuun, murtiiwwan kora sanii raawwachiisuun wal qabatee, hanqinoota Majliisa Federaalaa fi Naannolee keessatti mul’atan hunda foyyeessuuf kan socho’u tahuu; Sanadiin Tokkummaa Ulamootaa mana maree ulamaa’otaatiin ragga’ee hojii irra akka ooluuf, ulamoota, Imaamota fi Du’aatota guutuu biyyattii keessa jiran akka dhaqqabu kan hojjatamu tahuu; akkasumas Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa labsii paarlaamaatiin akka hundaayuuf hordoffii cimaa godhuuf kan murteesse tahuu ibse.


Dabalataanis, Sanadiin Caasaa fi Danbii ittiin bulmaata Majlisaa kanaan dura qophaayee ture, ammas mariin irratti geggeeffamee ragga’e hojii irra akka oolu kan hojjatamu tahuu; Naannolee hunda keessatti caasaa majlisaa haaraya hojiin hundeessuu, akkaataa karoora kanaan dura baheetiin ji’a jaha keessatti xumuramuu dhabuun wal qabatee, akkasumas hojiin mana marichaa labsii paarlaamaatiin hundeessuu wanta hin xumuraminiif, itti gaafatamummaan mana marichaa yeroo ce’umsaatiif kenname dheeressu ilaalchisee, wal tajjiin marii ummataa kan qophaahu tahuu ibsame.

Kana malees manni marichaa ibsa isaa kanaan, gareewwan mana mariitiin alatti gurmaayanii adeemsa Majlisaa jeeqan kan balaaleffatu tahuu beeksise.

#Majliisa_Federaalaa