Dawaa Qalbii
9.16K subscribers
2.06K photos
37 videos
31 files
2.78K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Gali Ababor Official
Oduu Ariifachiisaa
ሰበር መረጃ!

Mooraa majlisa federaalaa, mana Muslimoota Itoophiyaa hundaa hoggantoonni naannolee kudha tokkoo dhufnee amma poolisii federaalaafi waardiyyootaan dhorgamnee gara ministeera nageenyaa deemaa jirra.

ህጋዊው የጠቅላይ ምክር ቤት ጠቅላላ ጉባኤ አባላት ወደ እስልምና ጉዳዮች ጠቅላይ ምክር ቤት ቅጥር ግቢ እንዳይገባ በምክር ቤቱ ጥበቃዎች እና በፌዴራል ፖሊስ ፖሊስ እንዳይገቡ ተከልክሏል።
Forwarded from Keebor Media 1 (Asad Sh/A/qaadir GaruhiraMedia)
 Lammiileen Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaa deebi’aa jiraachuu ibsameera.

Lammiileen kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an simannaa hoo’aan taasiifamaafii jira.

Lammiilee Saa’ud Arabiyaa haala rakkisaa keessa jiran kuma dhibba 1 ol gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, har’a lammiilee marsaa jalqabaan deebi’aniif simannaan taasiifamaa jira.

Sirna simannaa kanarratti Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, Ministirri Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi hoggantoonni mootummaa biroo argamaniiru.

t.me/keborMedia
#EthioTelecom

ItiyooTeeleekoomiin barattootaaf kuufama addaa "qayyabannaaf isaan gargaara" jedhe qopheesse.

ItiyooTeeleekoomiin barattoota yuunivarsitiifi Koolleejjiif kuufama addaa qopheessuu beeksise.

Bifuma kanaan :

♦️JI'AAN

🔹Qarshii 34, sagalee daqiiqaa 180 + badhaasa daqiiqaa 90 + ergaa gabaabaa 100

🔹Qarshii 64, sagalee daqiiqaa 360 + badhaasa daqiiqaa 200 + ergaa gabaabaa 150

🔹Qarshii 42, DATA 1GB + badhaasa 512MB + ergaa gabaanaa 100

🔹Qarshii 82, DATA 2GB + badhaasa 1.1GB + ergaa gabaabaa 150

♦️TORBEEN

🔹qarshii 29, DATA 3GB

Barattoonnis waraqaa eenyummeessaa barattoota koolleejjii ykn Yuunivarsitii ta'uu isaanii mullisu qabachuun kara giddu gala gurgurtaa deemuun kuufama kana bitachuu ni danda'u.

Hubachiisa

Badhaasaafi kuufamni Torbee halkan irraa sa'a 6:00-12:00 qofa dalaga.

@Sammaan
Barnoota barachuun beekkumsa argatta beekkumsa yoo qabaatte immoo dhaloota si boodaa beekkumsa qaburraa barsiifta.
Jabaadhu barnoota yoo jedhu gosa tokko qofa miti gosa garagaraatu jira.
Bal'isii yaadi galma barbaaddu gahuuf immoo ati sababa hojjadhu Kan galmaan si gahu Rabbi waan ta'eef isa kadhadhu.
T.me/Sammaan
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan boru ni eegala.

Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan guyyaa boruu Bitootessa 24, 2014 ni eegala.

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa ibsa ergeen soommanni guyyaa boruu kan eegalu ta’uu ibseera.

Soommanni Ramadaanaa bara kanaa guyyaa boruu kan eegalu ta’uu mirkanaa’uu hogganaan sabquunnamtii mana marichaa Usmaan Adam ibsaniiru.

Hawaasni musiliimaa wayita soomu wal deeggaruu fi walgargaaruun ta’uu akka qabu manni marichaa yaadachiiseera.

Keessumaa lammiilee waraanaa fi hongeen miidhaman yaadachuu akka qaban dhaamaniiru


📡MIIDIYAA📡
@jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Forwarded from Nuuralhudaa (Abbaas)
Baga Rabbiin ittiin nuun gahe.

Addeessi Ji’a Ramadaanaa jum’aa har’aa waan argameef, Soomanni galgala har’aa kan jalqabamu tahuu beekkameera.

Warra irraa fayyadamu nu haa taasisu.
Gabaasni Fbc'n qabatee baye akkaana jedha

Mariin dambii bulchiinsa Majiliisaarratti taasiifame milkiin xumurame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC) – Mariin dambii bulchiinsa Majiliisaarratti taasiifame waliigaltee waloorra ga'uun milkiin xumuramuu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Ityoophiyaa beeksise.

Marii dambii bulchiinsa Majiliisaarratti torbee tokkoof gaggeeffamaa ture ilaalchisee Preezdaantiin Mana marichaa Haajii Muftii Umar Indiriis ibsa laataniiru.

Marii kanarratti Ulaamawwan 23 hirmaachuu eeruun, dhimmicharratti marii bal'aa taasiisuun waliigaltee waloorra ga'amuu ibsaniiru.

Marichaan hojiilee yeroo itti aanaan raawwataman irratti kallattiin kaa'amuu himaniiru.

Dambicharratti bakka buutoonni Ulaamawwan naannolee fi Ulaamawwan Majiliisaa ala jiranis akka irratti mari'atan ni taasiifama jedhan.

Bakka buutoonni dargaggootaa fi dubartootas maricharratti akka hirmaatan kan taasiifamu ta'uu Preezdaantichi dubbataniiru.

Marichi Sooma Ramadaanaan booda akka gaggeeffamu irratti walii galamuu himaniiru.

Maricha hordofee koree filachiiftuu hundeessuun filannoon miseensota Majiliisaa ni gaggeeffama jedhan.

Kanaanis bakka buutoonni tokkummaa fi nageenyaaf hojjetan Majiliisa karaa nagaan akka fudhatan ni taasiifama jedhan Preezdaantiin Mana marichaa Haajii Umar Indiriis.

Hunda keenyaaf nageenyaa fi tokkummaatu wayya kan jedhan Preeezdaantichi, hawaasa Musiliimaa gidduu garaagarummaan akka hin jirre hubatamu qaba jedhaniiru
@Sammaan
በቀኑ ክፍለጊዜ 1 ሰአት ብቻ

በሌሊቱ ክፍለ ጊዜ 1 ሰአት ብቻ ቁርአን ለማንበብ መስዋእት ብታደርግ

በረመዳን 6 ጊዜ ቁርዓን ማክተም ትችላለህ።

እንሞክረው፤ እንጠቀምበት
Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ "Karaa Rabbii keessatti namni guyyaa tokko Soommane, Rabbiin isaafi ibidda(Jahannam) jidduu hallayyaa godha. Hallayyaan san akka Samii fi dachiin adda fagaattu kana fagaatti."

- Karaa Rabbii irratti Soommanuun mindaa gaarii(Rabbi malee namuu hin beyne) qabdi. Ibidda irraa bilisa nama baafti. Namni guyyaa 1 Soommane yoo badhaasa addaa kana arkate, maalayyaa nama Ramadaana guutuufi Soommana Sunnaa Soommanaa oolu. Shakkii malee boru gammaduuf jiraatta jechuudha. Yaa Rabbi nurraa Qeebali.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa
Forwarded from BBC AFAAN OROMOO
Ministirri Muummee Paakistaan Imraan Kahaan mormitootni isaanii aangoorraa isaa buqqisuuf carraaquu isaanii hordofee pireezidantiin biyyattii paarlaamaa diiganii filannoon haaraan akka gaggeefamu gaafatan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/CTaRk0j
Forwarded from BBC AFAAN OROMOO
Dargaggoo waggaa 19 kan ta'ee Emaanu'el Tolp'ii doolaara Ameerikaa kuma shan lafatti kufee argate, erga abbaa maallaqichaaf deebiiseen booda kallattiin jireenyaa isaa geeddarameera.. Attamiin kan jettan kunooti:

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/RGaOBs2
Dawaan Qalbii waa shan (5) (jedhe Hayyuun tokko)
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲

Qur’aana hubannaan qara'uudha.
Garaan qullaa ta'uudha (Soomana soomuu).
Dhaabbata halkanii ( Salaata Leylii ).
Yeroo obboroo/Suhuuraa sana Rabbitti warwaachuu.
Namoota gaggaarii wajjiin jiraachuu.

T.me/Sammaan
Forwarded from ️JBMAR️ (Su'udi Arsi Robee)
AS WR WB
Braking News
Akka Godina Arsiti Guyyaa 24/07/2014 hanga Guyyaa 16/08/2014 formii Baratooni kutaa 12ffaa akka guutaan odeeffannoon D/T Mana Barumsa Dida'aa Sad 2ffaa irra nu gahe jira .
akka isiin jala hin darbine
JBMAR dhaamsa isaa isinin gahee jira.
@Arsirobej
@Arsirobej
@Arsirobej
@Arsirobej
@Arsirobej
Shamarran Keenyaafi
★★★★★★★★★★★★★

T.me/ahmedin99

Obboleeyyan keenya shamarranii warra Soommane fursiisuuf hedduu dadhaban.
Oowwa aduu kanaan oowwa ibiddaa irra dhaabbatanii dhangaa addaa kana nuuf qopheessan.

Beela nurraa oofanii gammachuufi mirqaana nutti naqan. Gariin keenya ammoo waan isaan qopheesan nyaatee afaan xaragatee waa'ee siyaasaa itti haasawa. Kuun ammoo dhimma kubbaa ykn Koroonaa itti himee deebi'ee onnee isaanii guba. Kun sirrii miti!

Hojii bu'a qabeessa isaan itti jiran irratti jajjabeessuu, dhaadheesuu qabna. 'Bismillaah maashaa Allaah nyaanni kee ni mi'aawa. Harka kana hojjatteen Jannata irraa nyaadhu' jannee eebbisuu qabna. Jechi gaariin seenaa taha. Jecha qofaa miti, hojii isaan gargaaruu haa amaleeffannu. Waan gaarii isaan dalagan sababfannee Du'aa'ii haa kadhannuuf.

Obbolii! Manni ati keessa jirtu hin umnaawu. Qanxummaa teetin hangaastee halaalaa ibsita. Kan waan ati dhiheessituuf irrati si galatoomfatuu ooleef hin gaddin. Rabbii kee, kan dadhabii fi yaada kee hunda eenyu caalaa hubatu bira waan nagayaa ol kaayachaa jirta. Ilmi namaa Ni'maa(qananii) eega isiin kutte hubata! Dahaba harkaa qabu dhagaa seha. Kanaaf obboleeyyan kee gammachiisuuf jattee carraaqqii ati gootuuf Rabbi Jannata siif haa kennu. Gaarii xiqqoo daleydu dachaan baay'isee si haa milkeysu. Jaataniin ati itti jirtu tunis qaamuma Ibaadaa tahuu beeki. Nama Soommane fursiisuun galata gaarii qabdi. Osoo nama Soommana oolche san irraa Sawaabni hin irratin, atis Ajrii nama fursiiftee san guutuu badhaafamta.
★★★★★★
T.me/ahmedin99
Namtichi amantii Islaamaa arrabse hidhaa wagga 24'n adabame

Manni Murtii kutaa biyyaa Kaaba Naayijeeriyaa, Kaanoo, keessatti argamu, lammii Naayijeeriyaa faallaa amantii Islaamaa dhaabbachuun beekamu Mubaarak Baalaa, amanticha maqaa balleessuu isaatiin yakkamaa ta'uusaa erga mirkaneessee booda hidhaa wagga 24 itti mure.

Namni umrii wagga 37 kun Pireezidantii Waldaa Dhimma Namoomaa Naayijeeriyaa yoo ta'u, yakkoota 18 ittiin himatameen yakkamaa ta'ee argame, dhiifamni akka godhamuufis gaafatee ture. Namni kun erga bara 2020 mana hidhaa jira.

Gareen Muslimootaa walitti qindaa'uun isa namni kun waa'ee amantii Islaamaa waan hin taane miidiyaa hawaasummaarratti maxxansaa oolu mana murtiin ga'an.

kutaan magaala Kaanoo jedhamtu Muslima hedduu qabdi, seerri shari'aas hojiirra oola.

Mubaarak Baalaa osoo dhimmi isaa seera kanaan ilaalamee silaa du'aan adabamuu danda'a.

Qaamoleen UN kanneen mirga namaaf falmina jedhan hidhamuu nama kanaa morman, akka gadhiifamus gaafatan.

#BBC

@Sammaan
Forwarded from BBC AFAAN OROMOO
Hoogganoonni Sudaan Kibbaa Pireezidant Saalvaakiir Mayaardiitiifi itti aanaan isaanii Reek Maachaar jaarsummaa Sudaaniin ajaja waraanaa waloo ijaaruuf waliigalteerra gahan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/9jBKdkq
Forwarded from Nuuralhudaa (Abbaas)
​​Irra caalaan Zikrii halkaan Jummaa fi guyyaa Jummataa Salawaata. Nabiin ﷺ akkana jedhan:
"Nama Salawaata takka narratti buuse Rabbiin Rahmata 10 isarratti buusa, cubbuu 10 irra haqa, sadarkaa 10 isaaf ol fuudha.

Sallallaahu Aleeyhi Wassalam.


NuuralHudaa
Soora Qalbii Muslimaa