Dawaa Qalbii
9.16K subscribers
2.06K photos
37 videos
31 files
2.78K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
#Grade_12
ከ12ኛ ክፍል የዩኒቨርሲቲ መቁረጫ ነጥብን አስመልክቶ በተደጋጋሚ ጥያቄ እየመጣ ይገኛል ።

የፈተናው ውጤት ሲመጣ ትምህርት ሚኒስቴር ተማሪዎች በቅርቡ መቁረጫ ነጥቡን አውቀው እስከ የካቲት 30 ድረስ ምደባ ይካሄዳል ማለቱ ይታወሳል።

ነገር ግን የሚነገረው ሁሉ ተግባራዊ አይሆንም። ትምህርት ሚኒስቴር በመቁረጫው ነጥብ ምንም ነገር አላለም

ስለዚህ ያላችሁ አማራጭ በትዕግስት ብቻ መጠበቅ ነው። ትምህርት ሚኒስቴር የሚነገርበትን ቀን ለተማሪዎች ብያሳውቅ መልካም ይሆናል።



@Free_Education_Ethiopia 
Let’s be the positive influence in our world!
Stay Safe
Anas ilma maalik tahee sin kaddamnee
Aliyyillee tahee dua sin oolchinee
Hedduu takkaan turee sirraa booda aanee
Garuu sirraa turuun si nan waallaalchifnee❣️

Carraa argadhee fuulaa kee hin garree
Naa fi si jidduu bara heddut dabree
An bar gaafa san duniyarran turree
Hojii fi haala kee seenaadhaaniin bare
❣️
Guyyaan arraa kun silaa gaafas tahee
Fuulli kee Ifaan sun narratti hangaee
Baraatu dheeratee naaf si jidduu dahee
Inshaa Allaah sin arka boru jannatatti gaafa guyyaan gahee
T.me/Sammaan
#NIYYAA

☞ Yeroo dubbattu niyyaa gaariin dubbadhu.

☞ Yeroo califtuus niyyaa gaariin calisi.

☞ Namni hojii isaa dura niyyaa hin dursin hunduu hojiin isaa {sirrii} hin ta'u.

☞ yoo niyyaa kee hin sirreeffatin dubbattus callistuus yakkama taata: dubbachuun keetiif callisuun keetiis sunnaa waan hin ta'iniif.

T.me/Sammaan
Forwarded from MUH£ MüH€
"ASAR" 2
"አሰር" 2

Dabareen kan Asar 2.
#Sagantaan_jama'aa_Hawaas waltajjiin lammaffaan mata duree ''tokko kumaan'' jedhu qabatee isinii dhufaa jira.

ተራዉ የአሰር 2 ነው።
#የሀዋስ_ጀመዓ_ፕሮግራም ሁለተኛዉ መድረክ "አንድን በሺህ" የሚል ርዕስ ይዞ ብቅ እያሌላቹ ነው።


Share
T.me/hpsmuslimjema
Kutaa 12ffaa

Naannoo oromiyaatti barattoota 234,433 tu qormaata seensaa yuunivarsitii fudhate

Barattoota Saayinsii uumamaa(Natural Science )
Dhiira ---75,468
Dhalaa-----52,990
Ida'ama-----128,458

Saayinsii Hawaasaa
Dhiira ---68,243
Dhalaa-----56,895
Ida'ama-----125,188

Saayinsiin uumamaa 600 keessaa qabame. saayinsiin hawaasaa 500 irraa qabame.

Barattoonni saayinsii uumamaan qabxii olaanaa gameessan 224.

Barattoonni saayinsii hawaasaan qabxii olaanaa gameessaa 3 qofa.

#Saayinsii_Uumamaatiin (Natural Science) qabxiin galmaahe daran Fooyya'aa ta'us, Gama #Saayinsii_hawaasaatiin(Social Science) qabxiin galmaahe gahaa akka hin taane ibsameera.

Haaluma wal fakkaatuun,
Barattoota #Saayinsii_Uumamaa 1,28,458 qoraman keessaa Walakkaa fi isaa ol kan fidan barattoota 91,933(71.5%)kan ta'anidha.

Gama #Saayinsii_hawaasaatiin barattoota 1,25,188 qoraman keessaa walakkaa fi isaa ol kan galmeessan barattoota 19,199(15.3%)kan ta'anidha.
#CBE

Baankiin daldala Itiyoophiyaa Akkaawuntii maamiltoota yeroodhaf ni uggura kan jedhame oduu sobaati jedhe.

Baankichi "Odeeffannoo keessan haaromsa jedhe malee herrega baankii uggura hin jenne ." Jedheera.

har'a guyyaa dhumaa maamiltoonni odeeffannoo isaani itti kennan kan jedhames soba jechuun ibseera.

Daayirektarri komnikeeshini baankicha Obbo Yaabsira Kabbada baankichi Odeeffannoo maamiltoota sassaabuuf taajajilaa yeroof dhorge malee guutumatti akka hin uggurre himeera.

Baankiin daldala Itiyoophiyaa tajaajila ATM fi moobayil baankingi dhorguun isaa wanti ugguruun barbaachiseef ittiin bulmaata baankiin biyyoolessaa hojii irra oolchuuf waan dirqamneef jechuun ibsaniiru.

Odeeffannoo haaromsuun hanga guyya har'a (Bitooteessa 2) kan jedhame soba ta'uu ibseera.

Maamiltoonni oduu sobaa qabatanii aduu keessatti hiriiru, burjaaja'un yeroo isaani gubuuu akka hin qabnee fi yeroo barbaadanitti odeeffannoo isaani haaromsu akka danda'an ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo
Kutaa 12ffaa

🥇Rank ykn sadarkaa keessan Akka biyyaatti ilaalachuu namoonni barbaadan jalqabaa

1 Group kana @QarooOnlineLearnGroup kan jechuu kanatii nam 30 add gootuu
2 ergaa add gootanii booda karaa @QarooOnlineLearnGroup id keessan ergitu
3 barreeffama kan share gootuu

rank keessan bartuu

✤Join more info
@Sammaan
Forwarded from Free Education Ethiopia ️︎ (RBST)
#MoE

ወደመንግስት ዩኒቨርሲቲዎች የመግቢያ የመቁረጫ ነጥብን በተመለከተ በርካታ ጥያቄዎችን ልካችኃል።

እኛም ጉዳዩን ችላ አላልነውም።

በዛሬ ዕለት ከመቁረጫ ነጥብ ጋር በተያያዘ ለትምህርት ሚኒስቴር ጥያቄ ያቀረብን ሲሆን እስካሁን የመቁረጫ ነጥብ እንዳልታወቀና የትንተናው ስራ እየተሰራ መሆኑን አሳውቆናል።

መቼ ይፋ ይሆናል ? ለሚለውን የቲክቫህ ቤተሰብ አባላት ጥያቄም ሚኒስቴሩ በዚህ ቀን የሚል የተቆረጠ ቀን ባይገልፅም ፤ የትንተና ስራው እየተሰራ በመሆኑ ሲጠናቀቅ እንደሚገለፅ አሳውቋል።



@Free_Education_Ethiopia 
Let’s be the positive influence in our world!
Stay Safe
Raayyaa Abbaa maccaa
Audio
Addunyaa kana irraa namoonni bu'aa gurguddaa buusan gosa lamatu jira.

Isaanis™️

➀. Namoota yaada (qalbii) tasgabba'aa ta'e qabanii fi
➁. Kanneen galata galchuu beekanidha.

➶ Namoonni yaada tasgabbaa'aa qaban waan yaadan qajeeltotti hubatu.
➶ Karoora isaanii ni beeku.
➶ Ogummaadhaan socho'u.

➬ Namoonni waan isaaniif ta'e hundumaaf galateeffatan balbala milkaa'insaa isa itti aanutti darbuuf akeeku. Isaan warra gammadaniidha. Gammachuun isaanii kaka'uumsa hojiif bu'uura.
➬ Wanti itti gammadaa hojjetan yoo dadhabanillee nama hin nuffisiisu.
➬ Namni fedha yoo dhabe malee waan tokko fiixan baasuu hin dadhabu.


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@faazakirdaawa
@Sammaan
Forwarded from TIKVAH AFAAN OROMOO
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa Naannoo Benishaangul, Godina Matakkal, Aanaa Gubaatti torban tokko dura raawwate humnoonni nageenyaa mootummaa raawwachuu hime.

Ibsa komishinichi gaafa Dilbataa bahe ajjeechaan sukaneessaa namoonni nagaa itti gubaman dafee qoratamee itti gaafatamummaan akka jiraatu gaafateera.

''Taateen reeffa gubuu, akkasumas nama tokko jiraa isaa gubuun kan raawwate humnoota nageenya mootummaafi hirmaanna namoota kaaniin ta'u mirkanesseera,'' jechuun ibsa baasen beeksise.

''Ajjeechaa kanaaf ka'umsa kan ta'e guyyaa tokko dura haleellaa hidhattoonni raawwataniin yoo xiqqaate humnoonni nageenyaa fi namoonni nagaa 20 ta'an ajjeefamu ta'uus mirkanesseera,'' jedhe.

Kana dura qondaala olaanaa naannichaa gaafachuun ajjeechaa A L I Guraandhala 23, 2014 raawwaten namoonni 20 ajjeefamuu BBCn gabaasee ture.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa ajjeechaa raawwate balaaleeffachuun qaamolee kana raawwatan seeratti akka dhiheessu ibsa gaafa Sambataa baasen ibseera.

Komishinchi ajjeechaa kana murtee seeraa malee ajjeesuu (extra-judicial killing) akka ta'e ibse.

Viidiyoon ajjeechaa lammiilee nagaa kuni miidiyaa hawaasummaa gubbaa naanna'aa ture, rifaatuu kan uumeefi namoonnis balaaleeffataa turani.

Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'el Baqqalaa humnoonni nageenyaa seera cabsaa mul'achuun isaanii namni seerarraa amantee akka dhabu taasisa jedhan.

Mootummaan ajjeechaan kuni Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal, Aanaa Gubaa ganda Ayisiid jedhamtutti tibbana akka raawwate hime.

Ibsi mootummaa garuu akkaataa ajjeechaan raawwateefi qaamolee kana raawwatan ifatti hin ibsine.

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay ibsa baasen ajjeechaa kana balaaleeffateera. Dhaabi kuni gama Lixa biyyattii hidhattoota Gumuuz deeggaru jechuun mootummaan ni himata.

@tikvahethafaanoromoo
Forwarded from BBC AFAAN OROMOO
Tibbana dorgommii barreefama gabaabaa Koreen Idil-Aunyaa Waldaa Qaxxaamura Diimaa Afrikaa Bahaa qopheesse irratti barattuun yuunvarsiitii Dambi Doolloo Madinaa Gammachuu dorgomtoota yuunvarsiitota Afrikaa Bahaa 38 keessaa mo'achuu himte.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/lfdUHi0
Qabxii Seensaa

Barattoota marsaa 2ffaa qoramaniif 700 irraa

Saayinsii Uumamaa(Natural Science)
👉Dhiira 423
👉Dhalaa 409

Naannolee guddinarra jiraniifi horsiisee bultootaa barattoota idileef
👉Dhiira 410
👉Dhalaa 396

Barattoota qaroo dhaggeettii hinqabneef
👉Dhiira 350
👉Dhalaa 350

Irra deebii warra qoraman
👉Dhiira 443
👉Dhalaa 443

Dhuunfaan barachuuf 350

Saayinsii Hawaasaa(Social Science) 600 irraa.

👉Dhiira 317
👉Dhalaa 305

Naannolee guddinarra jiraniifi horsiisee bultootaa barattoota idileef
👉Dhiira 305
👉Dhalaa 300

Barattoota qaroo dhaggeettii hinqabneef
👉Dhiira 300
👉Dhalaa 300

Irra deebiin warra qoraman
👉Dhiira 335
👉Dhalaa 335

Dhuunfaan barachuuf 300 oli

https://t.me/Sammaan
في صوم شهر رمضان

Maalummaa Soomana Ramadaanaa


صوم شهر رمضان ركن من أركان الإسلام، وفرض من فروض الله، معلوم من الدين بالضرورة، يدل عليه الكتاب والسنة والإجماع

Soomanni baatii ramadaanaa, utubaa tokko kan utubaalee islaamaa irraa taheedha, dirqama islaamaa kan quraanaa, hadiisaa fii ijmaa'aan mirkanaayee jiru.

فأما الكتاب: فقوله تعالى: يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُتِبَ عَلَيْكُمُ الصِّيَامُ كَمَا كُتِبَ عَلَى الَّذِينَ مِن قَبْلِكُمْ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ. البقرة:183

Qur'aana irraa jecha Rabbii oltaheeti ''isin yaa warri amantan soomanni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti isin irrattiis barreefamee jira. akka Rabbi sodaattaniif jecha.'' Suuraa baqaraa 183

إلى قوله: شَهْرُ رَمَضَانَ الَّذِي أُنْزِلَ فِيهِ الْقُرْآنُ هُدىً لِلنَّاسِ وَبَيِّنَاتٍ مِنَ الْهُدَى وَالْفُرْقَانِ فَمَنْ شَهِدَ مِنْكُمُ الشَّهْرَ فَلْيَصُمْهُ. البقرة: 185
Hanga jecha Rabbii ol taheetti ''baatii Ramadaanaati kan isa keessaa Qur'aanni qajeelchaa ilmaan namaatii fii ibsaa qajeelloofii haqarraa kan tahe buufame. Namni baatii kana biyya jiru haa soomanuu, isinirraa namni dhukkubsataa yookaan karaa deemsarraa jiru (soomana haa furuu) guyyaalee biro irraa lakkaawwachuutu (qadaa kafaluutu) isarratti jira..." Suuraa baqaraa 185

وأما السنة: فقد قال النبي ﷺ: «بني الإسلام على خمس...»وذكر منها: «صوم رمضان» متفق عليه. والأحاديث في ذلك كثيرة
Hadiisarraayis jecha nabii keenyaati s.a.w "islaamummaan waa shanirratti ijaaramte... jedheeti hadiisa oofee achi keessatti "soomana ramadaanaati" jedhe, (Bukhaariif muslimtu odeesse). Hadiisowwan waayee kanaarratti hedduutu jira.

وأجمع المسلمون على وجوب صوم رمضان،  فمن أنكر وجوب صومه كفر
Muslimtoonnis soomanni Ramadaanaa dirqama tahurratti waliif galan, namni waajibummaa isaa morme kaafira tahurrattis waliif galan.


متى فرض صيام رمضان؟
Soomanni Ramadaanaa yoom fardii godhame?

فرض صيام شهر رمضان في السنة الثانية من الهجرة، وصام رسول الله ﷺ: تسع رمضانات
Soomanni ramadaanaa waggaa lammeessaa hijraatti fardii godhame, Nabiin s.a.w ramadaana sagal soomane.

https://t.me/Sammaan
Hayyu-dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa erga waggaa tokkoo oliif manaa akka hin baane taasifamanii booda, yeroo jalqabaaf manasaanii alatti mul'achuu BBC afaan oromo gabaasee.

Obbo Daawud har'a ganama keessa Boordii Filannootti walgahii gochuuf garas imaluusaanii BBCn mirkanesseera
@Sammaan
#Dargageessaafi_gorsa_jaarsa_tokko!
Obsaan dubbisi👇👇👇
Dargaggeessa tokkotu ture. Fuudhee akkuma waliin jireenya eegalaniin, jireenyi baay'ee itti ulfaate. Kanaaf sababni, duwwummaa golasaanii ture. Furmaata barbaaduuf mana gadhiisee deemuun dirqama itti ta'e. Manaafi haadha warraasaa gatee, bakka biraa deemee hojii humnaa hojjetee waa qabatee dhufuuf deeme. Waggaan tokko yeroo dhumu galuuf jedhe, garuu homaayyuu walitti qabatee hinjiru. Galmasaa bara itti aanutti qabate. Bara sanas hinmilkoofne. "Har'a...bor...waggaa har'aa...bara dhufu...." osoo jedhuu waggaa 15 mana irraa fagaatee ture.

Maallaqni inni walitti qabatee jiru qarshiii 3000 qofaadha. Amma galuun hin oolumaaf, kanuma qabatee galuuf qajeele. Namoota muraasa ta'anii osoo daandii dheeraa deemaa jiranii, jaarsa tokkotti dhufani. Haasawaa keessa, dargageessichi haala keessa ture itti haasahuu hindhiifne. Kanaan wal qabsiisee jaarsichi waan tokko jedheenii. "Qarshii qabattee jirtu kana naaf kenni, animmoo gorsan si gorsa. Gorsi ani si gorsu kun, furtuu jireenyakee ta'a" jedheen. Akka godhu dhabe. Kan qabuu kanuma, kanuma kennuuf jira. Kennes! Jaarsis, qarshii 3000 kanaan gorsa sadii kenneef. "1. Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hindeemiin. 2. Waan si hin ilaallanne keessa hinseeniin. 3. Ariifattee murtoo hinkenniin" kan jedhu ture.

Dargageessichi gorsa isaa fudhatee harka duwwaa isaa yommuu qajeelu, warreen kaan gorsicha tuffachuun itti qoosaa turani. Akkanumaan osoo deemanii, bakka wayii gahani. Karaa bosona tokko keessa nama baasu deemuuf yeroo qajeelan, dargageessichi gorsa jaarsaa yaadatee deebi'e. "Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hindeemiin!" jedheera jaarsi. Kanaaf warreen kaan dhiisee karaa biraa qabate. Osooma deemuu, karaatti itti dhiyee mana namaatti gore, buluuf. Osoon turiin oduu tokkootu gurra isa bu'e. Saamtonni jarreen bosona keessa bahuuf deeman sana saamanii boodarra akka isaanuu ajeessan, oduu gaddaa dhagahe. Gorsa jaarsaattis baay'ee gammade.

Mooraa mana bulee sana keessatti awwala arge, dargaggeessichi. Maal akka ta'e gaafata. Abbaan manaa akkana jedha; "Mannikoo karaarra waan ta'eef, namoonni goranii bulu. Yeroo kana haati manaakoo maaliif akka akkas fokkiftu na gaafatu. Yeroo kana, ani aareen isaan ajjeessa. Ajjeeseen isaan awwaala. Kun awwaala isaaniiti. Ati akkana naan jechuu dhabuukeetiin badhaasa qabda" jedheenii qarshii 10,000 badhaase. Yeroo kana dargageessichi naasuu guddaa keessa taa'ee waa tokko yaadate. "Waan sin galchine keessa hingaliin" jedhee ture jaarsi.
Guyyaa itti aanu gara mana isaa duraa, gara haadha manaa isaa deemuuf imala eegale. Halkan keessaa sa'aa 6tti gahe. Raftee jirti. Hirriba keessaa hinkaasu jechuun, suuta jedhee harka loofatee banatee olseene. Ajaa'iba arge. Haati warraasaa dargaggeessota lama jidduu rafaa jirti. Aaree waraanuuf jedhee, gorsa jaarsaa yaadate. "Ariifattee hinmurteessiin!" kan jedhutu isa dhorke. Aariima guddaa keessatti of qabeetu, gadi bahee galbii bule. Ganama haati warraasaa yeroo kaatu, isa argitee naatee boo'uu eegalte. Itti marmitees akkana jetteen; "Baga nagaan naaf dhufte. Anis waggaa hedduuf obsaan si eegaan ture. Yeroo ati deemte kan garaatti na hafanii turan, kunoo amma dargaggoota ta'anii si eegani." Jarri isheen jidduu raftu ijoolleemasaa turani. Galgala badii gochuu dhiisuusaaf baay'ee galateeffate. Gorsa jaarsaan akkasitti nama ta'e. Jireenya gammachuus maatiisaa waliin jiraachuu eegale. Qarshii 3000'n waan qarshiin hinbitne argate.
~
👉Gorsis ta'e muuxannoon dhala namaaf daandiidha. Jiruufi jireenya guyyuu keessatti galaa ta'uun nama sooru. Ogeessi isa gorsa fudhatuufi hojiirra oolchudha. Fudhachuu dhiisuun garuu, aarsaa hintaane nama kanfalchiisa. Yeroo tokko tokko, waan xiqqo barbaachisuuf jecha isa hundumarra barbaachisutti dugda gannee argamna. Akkanaan dhabaa jiraanna. Kanaaf hubannaatu fala. Yeroo kamuu haabarannu, muuxannoofi gorsa ofitti haa aanfannu!
~



Dur durii irraan qindeesse!

Horaa Bulaa!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
~~~~

@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Jum'aa

* Nama meeqatu guyyaa jum'aa rasuularatti salawaata buusa?maalif hojii guddaa kanarraa duubatti hafna?

Mee waan Rabbii fi Nabiyyiin keenya nuun jedhan haa ilaallu

Suuraa Al-Ahzab (الْأحزاب), Keeyyata: 56

إِنَّ ٱللَّهَ وَمَلَٰٓئِكَتَهُۥ يُصَلُّونَ عَلَى ٱلنَّبِىِّ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ صَلُّوا۟ عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا۟ تَسْلِيمًا
[Dhugumatti ,Rabbii fi maleeykonni isaas nabiyyii irratti rahmata buusu Yaa warra amantan! (isinis) rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusinsa buusaa]

Suuraa Jum'aa
{ يا أيها الذين آمنوا إذا نودي للصلاة من يوم الجمعة فاسعوا إلى ذكر الله وذروا البيع ذلكم خير لكم إن كنتم تعلمون }
"Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; daldalas dhiisaa yoo kan beektan taataniif kanatu isiniif caala"

#Hadiisa

#ﻓﻲ ﺻﺤﻴﺢ ﺳﻨﻦ ﺍﻟﻨﺴﺎﺋﻲ ﻣﻦ ﺣﺪﻳﺚ ﺃﻧﺲ - ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ - ﺃﻥ ﺍﻟﻨﺒﻲ - ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ - ﻗﺎﻝ : ﻣﻦ ﺻﻠﻰ ﻋﻠﻲَّ ﺻﻼﺓ ﻭﺍﺣﺪﺓ، ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠَّﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻋﺸﺮ ﺻﻠﻮﺍﺕ، ﻭﺣُﻄﺖ ﻋﻨﻪ ﻋﺸﺮ ﺧﻄﻴﺌﺎﺕ، ﻭﺭُﻓﻌﺖ ﻟﻪ ﻋﺸﺮ ﺩﺭﺟﺎﺕ

Nabiin sallallaahu aleeyhi wa sallam Akki Jedhe : Nama salawaata takka narratti buuse, Rabbiin:- Rahmata 10 isarratti buusa,Cubbuu 10 isarraa haqa,Sadarkaa 10 isaaf ol fuudha.

🌹اللهم صلي وسلم على نبينا و حبيبينا محمد وعلى آله وصحبه وسلم 🌹

T.me/Sammaan
#ETHIOPIA 🛫 #SAUDI_ARABIA

Balalliin Xiyyaara Itiyoophiyaa gara Sa'udi Arabiyaa ( Jiddaa fi Riyaad) ji'oota hedduuf addaan citee ture eegalamun ibsameera.

Balalliin gara Sa'udi Arabiyaa addaan citee ture Bitooteessa 6, 2014 eegalee kan itti fufe ta'uu daandiin qilleensa Itiyoophiyaa ibseera.

@Sammaan