Dawaa Qalbii
9.17K subscribers
2.06K photos
37 videos
31 files
2.78K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Qormaanni sivikii kan bara dabree barattoonni kutaa 12ffa qoraman waan dursee baheef seensa yunivarsiitif hin ilaallamu jedhame.
Qabxiin barattoota kutaa 12fffaa ifoome.

Karaalee armaan gadii keessaa tokko fayyadamuun ilaaluu dandeessuu.

1) marsariitii eejensii madaallii qormaataa biyyoolessaa.....
👇👇👇👇👇👇
result.neaea.gov.et

2) marsariitii ministeera barnoota fayyadamuun:
👇👇👇👇👇👇👇
result.ethernet.edu.et

3) Telegram Bot:
👇👇👇👇👇👇
@moestudentbot

4) 9444 SMS ፡- bakka message barraa'utti lakkoofsa ID keessan barreessuun gara 9444 tti erguun ilaallachuu dandeessu.

Channel keenya join akkasumas share waliif gochuun hiriyoota keessan gara kanatti affeeruu hin dagatinaa.
👇👇👇👇👇👇👇
@Sammaan
Hanga silaa hin hojjatu obsumaan haa eeggannu
Kutaa 12 +1

Hubachiisa KOMII DHIHEEFFACHUUF

Barattoonni firii keessan irratti komii qabdan karaa Marsaariitii result.neaea.gov.et jedhuun seenuun fi Complaint kan jedhu cuqaasuun komii keessan unka(form) irratti guutuun dhiheeffachuu akka dandeessan
ibsameera. Ejensichi deebii isaa karaa teessoo isin unka(form) irratti guuttaniin kan deebisu yemmuu ta'u, qaamaan gara ejensichaa dhufuun akka hin barbaachisne ibsameera.
@Sammaan

Share and Support your friend
#Rakkoo_keenya_guddaa!

➾Yeroo baay’ee waa fudhachuu yaanna malee waa kennuuf hin yaannu.
➾Yeroo baay'ee waa'ee mirga keenyaa gaafanna malee waa'ee dirqama keenyaa gaafannee hin beeknu.
➾Yeroo baay'ee maal nuuf gumaachanii malee, maal namaaf gumaachane jennee uf gaafannee hin beeknu.
➾Mirga keenya argachuuf dura dirqama keenya bahutu nurraa eeggama.
Join👉@tafak_or
Raashiyaan haleellaa misaa'elaa bu'uuraalee misoomaa humna waraanaa Yuukireen irratti gaggeessaa akka jirtu himte.

via BBC News Afaan Oromoo
Forwarded from BABA TRAVEL AGENT ✈️
#KUTAA_12FFAA
#Ramaddii

Hanga Gurraandhala 30tti Ramaddii yuunivarsitii beeksisuuf Eejensiin Madaallii Barnootaafi Qormaataa biyyaalessaa Itoophiyaa karoora akka qaban kara keessaan odeeffannee jirra.

Kanumaan walqabachuunis Qabxiin darbiinsaa, komiin barattootaa, bifa qulqullina qabuun yeroo gabaabaa gidduutti akka deebii argateen kan ifoomu ta'uu odeessi keenyaa keessoo nuuf gabaasee jira.

Haaluma wal fakkatuun barattoonni hedduun komii qaban https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSd2taZnPEhGPldTwTIx87tnYfEhYPkCWHnm3eRWjRhnD-FtTg/viewform 👆 irratti dhiheeffachaa jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1
Forwarded from BEEKUMSAA FII ART (Qilleensi Nasrii Bubbise)
Yoo Nabi Muusaaf dhakaa keessaa bishaan bahe: Nabi Muhammadiif ammoo quba foonii keessaa bishaan dhangala'eef!
Yoo Nabi Iisaan ija mataa keessatti jaamte bane:Nabi Muhammad ammoo ija mataa keessaa cittee buute bakkatti deebisee ibse!
Yoo Nabi Saalihiif dhakaan gaala dhale: Nabi Muhammadiif ammoo addeessa samiitu baqaqeef!
Yoo Nabi Iisaan samii lammaffaa irra bahe;
Nabi Muhammad ammoo samii torba qaxxaamuree arshiin jala gahe!

Dubbiin Ahmad Ilma Abdallaah raajii qabdi!
Maqaa isaanii ol kaasee
aduwwii isaanii firfirsee
Dubbii isaanii bareechee
Shari'aa isaanii diriirsee
Ardirraa gara Arshii affeeree
Simatee Anbiyoota hiriirseef...!!

Oolmaan kee bara baraan haarayoomee kabaja kee nu yaadachiisa!
صلى عليه الله وسلما
ما نجم زينت وجه السما
الحكم 𝙷𝙸𝙺𝙼𝙰𝙰𝚆𝚆𝙰𝙽
☾︎𝔻𝕌𝔹𝔹𝕀𝕀𝕎𝕎𝔸ℕ 𝕆𝔾𝕌𝕄𝕄𝔸𝔸 𝕐𝕂ℕ ℚ𝔸ℝ𝕌𝕄𝕄𝔸𝔸☽︎

Waa shan waa shan dura itti fayyadami:
1- Jireenya kee du'a keetiin dura
2- Fayyaa kee dhibamuu keetiin dura
3- Dargaggummaa kee dulluma keetiin dura
4- Qabeenya kee hiyyoomuu keetiin dura
5- Yeroo bilisaa kee hojiin qabamuu keetiin dura
Firii qormaata biyyoolessa kutaa 12ffaan walqabatee gaafin heddu nugaheera.

Dhimicha irratti kan dubbifne Ejensi qormaata biyyoolessatti tajaajila itti aana Daayirektara olaana Tafarra Fayyisaa " Barataan kamiyyu qormaata biyyoolessa darbuuf yoo diqqaate qabxii dhibbarra 50 (50%) fiduu akka qabu ibsaniiru.

Dhabbilee barnoota sadarkaa olaanaatti baratuuf qormaatichan qabxii g/galeessa dhibbarra 50 fi isaa ol ta'uu qaba jedhaniiru.

"Kuni murtee haarawa miti. Waggotaaf itti hojjatama kan turee dha. Barataan kamiiyyu darbuuf walakkaa ol fiduu qaba.

Komii barattoota irraa dhufaa jiru fudhataa akka jiran kan ibsan I/A Daayirektara , giddu galeessan qabxii walakkaa 300 gad kan fidan baay'inni isaani akka hin beekkamne tivah Universitif himaniiru.

Hamma qabanna yuniversitii hubannoo keessa galchuun qabxiin seensa yuniversitii fulduraatti akka murtaa'u himaniiru.
Maddi tikva
T.me/Sammaan
Guyyaa muraasa qofa
Forwarded from Gadaa Post
Kaleessa galgala dhabbanni Gamtaa mootummotaa mana maree nageenya Raashiyaan Yukreen irratti weerara gooteerti jechuun qeequuf warra bahaatiin yaanni murtee ka'us Raashiyaan mirga sagalee, sagaleetiin kuffisuu(Veto power) fayyadamuun kufaa goote.

Chayinaaanis yaada irratti sagalee osoo hin kennin irraa of qusatterti.

Biyyoonni yaadicha deeggaran.

🇺🇸 Ameerikaa
🇬🇧 Engliiz
🇫🇷 Faransaay
🇳🇴 Noorwey
🇮🇪 Ayarlaand
🇦🇱 Albaaniya
🇬🇦 Gaabon
🇲🇽 Meeksikoo
🇧🇷 Biraazil
🇬🇭 Gaana
🇰🇪 Keeniyaa

kan morman

🇷🇺 Raashiyaa

sagalee kan hin kennine

🇨🇳 Chayinaa
🇮🇳 Hindii fi
🇦🇪 Yunayitid Arab Emirate (UAE)

@Gadaapost
@Gadaapost
Badhaasaafii beekkamtii qofa ittiin argachuuf odoo hin taane; waan hojjachuu qabdu qofaaf hojii gaarii hojjadhu!
Kaayyoo keetti cimii fiinxaan baafadhu.

👇👇👇👇👇
@Sammaan
Pireezidantiin Chaayinaa Xi Jiping Raashiyaan walitti bu’iinsa Yuukireen waliin qabdu mariin akka hiiktu waamicha dhiyeessan.

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin mariin sadarkaa olaanaatti akka gaggeeffamu kan deeggaran ta’u Chaayinaaf ibsaniru.

Pireezidaantiin Chaayinaa Xi Jinpiing akka jedhanitti Putiin dhimma Yuukireen mareen hiikuun barbaada jedhaniiru.
@Sammaan
Dilbata Boruu Ganama sa'aatii 02:30 irraa Adaamaa Galma Olyaaditti wal agarra!


#Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa
#Ustaaz Sufiyaan Usmaan
#Sheek Jamaal Aliyyii
#Dr. Qamar Hussein
#Ustaaz Abdulfattah Musxafaa
#Dr. Jibril Qamar
#Eng. Gaalii Abbaa Boor
#Dargaggoo/Walaleessaa #Yamiin Badrii
#Ustaaz Muhaammad saalih

#TV-Hamiltan waliin ta'uudhaan Muhadaraa Calaqqii Ramadaanaa akkasumas #Eebba Nashiidaa Dargaggoo #Yamiin Badrii

Hafuu mitii barfachuun nama seenessa !

#Odeeffannoo dabalataa fi tikkeettii seensaa yoo barbaaddan Asiin nu qunnamaa!
+251960234041
+251941723772
+251924072703
+251921083552
+251922685909


Dabalataan immoo Ganama sa'aatii sagantaa balbalarratti bitachuun ni danda'ama!
#Astu #Aastu

Yuniversitoonni Saayinsi fi Teeknolojii Itiyoophiyaa bara 2014 qormaata seensaf waamicha galmee taasisan.

Qormaata fudhachuufis, firii barnoota siiviksii oss hin dabalatin.

• Nannoole guddataa jiraniif( Affaar, Sumaalee, B/gumuuz fu Gambella.)

√ Injineeringi ( Dhi 395 fi Du 390)
√ Appilaayidi Saayinsi ( 385 Dhi fi 380 Du)

•Naannolee biroof

√ Injineeringi ( 400 Dhi fi 395 Du)
√ Appilaayidi Saayinsi ( 390 Dhi fi 385 Du)

Guyyaan galmee Gurrandhala 21/2014 hanga Gurrandhala 30/2014 yoo ta'u galmeenis Gurrandhala 30/2014 halkan keessa sa'aati 6 tti xumurama.

Warri ulaaga galmee guuttan bakka interneetin jiru hundattuu www.aastu.edu.et fi www.astu.edu.et irra seenun galmaa'u dandeettu.

Qormaatichi Bitooteessa 7, 2014 kennama.

@tikvahethafaanoromoo
@Sammaan
Forwarded from TIKVAH AFAAN OROMOO
#Komii

Barattoonni bara 2013 qormaata biyyoolessa kutaa 12ffaa fudhatan hundi firii qormaata waliin wal qabatee kamisa 17/2014 irraa eegale "online" fi qaaman argamuun #komii dhiyeeffataa jiru.

Adeemsi komii dhiyeeffatu hanga Kibxata, Gurrandhala 22/2014 sa'aati 11:30 qofa ta'uu beektanii komii keessan yeroon akka dhiyeeffattan jedhameera.

Barattoota guyyaa kanaan booda dhufan komii isaani hin keessummeessinu jechuun ministeerri barnoota midiyaa hawaasumma irratti ibseera.

@tikvahethafaanoromoo