Dawaa Qalbii
9.16K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.79K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Yayaa Bashir
Dhaamsa!
Yeroo ammaa kana guutuu Oromiyattti bifa jechuun dandahamuun sabni keenya hidharraa bahuu Hayyoota keenyatti gammachuu itti dhagahame Ibsachaa Jira.
Gammachuu ibsachuun Akkuma jirutti tahee, Naamusaa fi Tasgabbii ol'aanaan Sochoo'un dirqama.
Biyya kana keessatti saba nagayaa fi jaalalaa Tahuu keenya yeroon itti agarsiifnu amma. Kanaafuu Qeerroo fi Ummatni bal'aaan Tasgabbiin Sochoo'aa Jenna.
Alhamdulillaah alhamdulillaah dhugaa nuuf taasise Rabbiin
Guyyoota keessaa guyyaa Jaalatamaa Jum'aatin
Gammachuu 👍
Mootummaan Itoophiyaa hogganoota siyaasaa KFO, Baaldaraasiifi hoggantoota TPLF dhiifamaan hiikuu beeksisuu hordofee barreessaan olaanaa UN murtee kana akka simatan himan.
Biyyi yoo waldhageeffatan,yoo walkabajan,yoo Marii hunda hammachiisaa mari'atan guddachuu fi misoomuu dandeetti.
Yoo walhin dhageenne fi yoo yaada kiyya malee yaanni nama biraa nun baasu jedhan ulfaatadha.
Garuu yaadota garagaraa walitti fidanii yaada filatamaa fi yaada bua qabeessa ta'e fudhatanii irratti walii galanii hojjannaan bayeessa.
Forwarded from Faa'izaa Iliyaas (FREE JAWAR)
Forwarded from Al Rayyaan Media (Redwan Amin)
Dhimmaa ustaaz Xaalibuutiin walqabate jiruun
Guyaan Kibxataa nuttii dhihee guyyaa Roobii Sa'aa ganamaa baasuuf qophiin xumuramu majlisaa oromiyaarraa ragaan argannee ni muldhisa
Raawwiidhaan madaallaa garu
Sh Hajjii Ibraahiim Tufaa Hoogganaa majlisa oromiyaa
Hoogganaa Majlisa Adaamaa Shekh Mahmuud Huseenaa
Itti Aanaa Muftii oromiyaa Dr. Kamaal Galatuu, Hoogganaa gamtaa ulamaa oromiyaa Sheykh Xaahir Abdulqaadir
Jamaal Aliyyiitiifii Ghaalii Abbaa Boor sochii gootaniif guddaa isin galateeffannaa
#Dhukkuboota Hamarraa Rabbitti maganfachuu.

Anas ibnu maakil nabiin [s.a.w] akkana jedhaniiti Rabbi kadhatan jedhe “Allaahumma innii a'uuzu bika minal junuuni, waljuzaami, walbarasi,
wasayyi’il asqaam”

hiikkaan “yaa Rabbi maraattummaarraa, qomaaxummaarraa, soomiirraa (barasarraa), dhukkuba fofokkataa biroorraa sitti maganfadha”

Nasaa’ii 5493 fi abuudaawud 1454 odeesse. lafziin kan nasaaiyyiiti, albaaniin sahiiha godhe.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.

1.dhukkuboota kanarraa nabiin [s.a.w] nimaganfate waan isiin hamtuu
taateef jecha.

2.fayyaan qananii Rabbii waan taateef Rabbiif galata galchuufii ufirratti jabaatanii eeguu barbaachisa.

3.sababaalee ittiin fayyaan namaa eeggamu kan Rabbiin namaa
godhe hunda eeggachuun gaariidha.

Waan rakkoo dhukkubaa namatti fidurraalle fagaachuun akkasumatti barbaachisaadha.
Forwarded from Nuuralhudaa (Mohamedamin Hussen)
Rakkoo kanarratti obsee milkaa'u na wayya moo dallanee rakkoo biraa ofitti dabaluu wayyaa?

Jireenya keessatti gubbaa irraa gara gadiitti yommuu gadi buunu Obsa hangami akka qabnu ni qoramna, dhugaan keessa keenyaa ifatti baha, rakkoolee namoota biroo sirritti hubanna, gara Rabbiitti dhiyaanna.

Rabbiin obsa, iimaanaa, jabeenya fi wanta dhokataa biroo keessa keenya jiru ifatti baasuuf rakkooleedhaan nu qora. Qur'aana keessatti:
"Hanga isin keessaa qabsaa'otaa fi obsitoota ifatti baasnutti fi oduu keessanis mul'ifnutti isin ni qorra (mokkorra)." Suuratu Muhammad 31
وَلَنَبْلُوَنَّكُمْ حَتَّىٰ نَعْلَمَ الْمُجَاهِدِينَ مِنكُمْ وَالصَّابِرِينَ وَنَبْلُوَ أَخْبَارَكُمْ (31)
(سورة محمد )
Nama meeqatu yeroo fitnaan isatti buutu obsee Islaamummaa irratti gadi dhaabbataa? Yeroo kanatti qalbiin Muslimaa gaddaa fi dhiphinnaan liqimfamu osoo hin ta'in haala kanaan yaadu dandeessi: "Rakkoo kanarratti obsee milkaa'u na wayya moo dallanee rakkoo biraa ofitti dabalu wayyaa? Yeroon rakkoo kana keessaa itti bahu fagoo miti."

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
Gaazexeessituu OMN kan turte #Leeyilaa_Jibiril magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Boolee Bulbulaa keessatti hidhamtee jiraachuun ibsame.

#Free all political prisoners and journalists
@Sammaan
Alhamdulillaah Alhamdulillaah Alhamdulillaah Alhamdulillaah
Galata Rabbii fayyaa fi nagaya nuuf kenneeti.
👍👍👍👍👍👍👍👍
👇👇👇👇👇👇👇👇
@Sammaan
Kun maalif tahe ?
ABCD... Maal tahe?
Odaan hoo maal tahe?
Alaaban Abbaa gadaa hoo??
Afaan Ingiliffaa hoo??
Anaaf gaaffii guddaadha sababni jijjiirameef naaf hin galle osoo ibsamee dansaadha.
Kana caalatti sirreessuu osoo barbaachiseeyyu Kaarikulami barnootaa irratti qormaanni kutaa 10ffa osoo jiraatee ?
Barattoota fireeshota gara yunivarsitii seenaniif yeroon osoo laallamee madaalameefi sirraayee dansaadha.
@Sammaan