Dawaa Qalbii
9.15K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.79K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Free Education Ethiopia ︎ (π)
የ 2013 የ12ኛ ክፍል ብሄራዊ ፈተና ውጤትን እስመልክቶ ምንም የወጣ ነገር የለም!

ነገር ግን አሁን ባለን መረጃ የፈተናው ውጤት ቶሎ ቢመጣም እንኳን ተማሪዎቹ ወደ ዩኒቨርሲቲ ለመግባት ሊቆዩ ይችላሉ። ዩኒቨርሲቲዎች ከ ትግራይና ወልዲያ ዩኒቨርሲቲ የተበተኑ ተማሪዎችን ተቀብለው እያስተማሩ ስለሆነ ቦታ የላቸውም።

አሁንም በድጋሚ የ ወሎ ዩኒቨርሲቲ ና መቅደለ አምባ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች ወደ ተለያዩ ዩኒቨርሲቲዎች ይበተናሉ። ስለዚህ ሁሉም ዩኒቨርሲቲዎች የ አንደኛ አመት ተማሪዎችን ለመቀበል ቦታ አይኖራቸውም።

ሌላው ምክንያት ሁለተኛ ዙር የሚፈተኑ ተማሪዎች ገና ፈተናዎችን አልወሰዱም። ስለዚህ 12ኛ ክፍል የነበሩ ተማሪዎች ወደ ትምህርታቸው ለመመለስ ትንሽ ጊዜ ሊወስድ ይችላል።

አዲስ መረጃ ሲኖር ተከታትለን የምናሳውቅ መሆኑን እንገልፃን።

@Free_Education_Ethiopia
Stay Safe!
Jaappaanonni akka je'anitti ati fuula sadii qabda.

Fuulli inni jalqabaa, kan ati gad baatee addunyatti agarsiistu dha.

Kan lammadaa, Fuula ati hiiriyoota sitti dhihooti fi maatii keetitti agarsiistu dha.

Kan sadaffaa ammoo nama tokkottillee goonkuma hin agarsiistu. Inni kun calaqqee sirrii eenyummaa keetiti. Isa yeroo kopaa kee jirtuu sani.

@Sammaan
Forwarded from Ferhan Abdulselam
OMN qilleensarraa bu’uu hubannee jirra. Qilleensa irratti deebisuuf tattaaffii godhaa jirra. Daqiiqaa muraasa booda qilleensa irratti ni deebifna jedheen abdii qaba. Qabsoon itti fufa! t.me/FerhanAbdulselam
Forwarded from Gali Ababor Official
Haqni Rabbii maali?
👇👇👇👇
Haqni Rabbii gosa ibaadaa hundaa isaaf kennuudhaan isa tokkoomsuudha.
Rabbiin ni jedhe: “Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. [Inni] akkaan mararfataa rahmata godhaadha.” (Albaqaraa: 163).
Akkasumas hojii qalbii, arrabaafi qaamaa keessatti wanti biraa isatti qindeeffamuu dhiisuudha. Rabbiin ni jedhe: “Rabbiin gabbaraa; Isatti homaa hin qindeessinaa.” (Annisaa’i: 36).

Shirkiin guddaan toltuu namaa tokkollee namaaf hin hambisu. Rabbiin ni jedhe: “Dhugamatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbitti waa qindeessite dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera.” (Azzumar: 65). Dubbii kana Nabiyyii Isaa Muhammadiin (saw) jedhe. Kan nama biraa immoo akkam ta’a ree?

Rabbiin shirkii tawbaadhaan malee gabrichaaf hin araaramu. Rabbiin ni jedhe: “Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama.” (Annisaa’i: 48).
Rabbiin ni jedhe: “Isaan kafaranii [namoota] karaa Rabbii irraa deebisanii ergasii kaafiroota ta’anii du’an, Rabbiin isaaniif hin araaramu.” (Muhammad: 34).

Namni kufrii irratti du’e kan ibiddaati. Rabbiin ni jedhe: “Namni isin irraa amantii isaa irraa garagalee kaafira ta’ee du’e, warri sun addunyaafi Aakhiraatti dalagaaleen isaanii baddeetti. Ammas warri sun warra ibiddaati; isaan achi keessatti hafoodha.” (Albaqaraa: 217). Ammas ni jedhe: “Dhugumatti, warri kafaranii kaafirtoota ta’anii du’an, isaan abaarsi Rabbii, kan malaa’ikootaafi namoota hundaatuu isaan irra jira.” (Albaqaraa: 161).
Kaafirri yeroo addunyaa irra jiru kan nama fayyadu ta’uun isaa ni mala. Kana Rabbitu akkuma biiftuu, ji’a, qilleensaafi duumessa bu’aa buusuuf laaffise isas bu’aa buusuuf laaffise. Warra kanatu bu’aa buusuutti caalaayyu. Kufriin Rabbitti kafaruu irratti dubbatama malee uumamatti kafaruu miti. Adabbiin kan argamu immoo haqa Rabbii irratti malee kufrii uumamaa irrattii miti waan ta’eef.
📜 Sunnaawwan jaallatamoo guyyaa jum'aa...15


➊➾Jalqaba rabbumaaf jecha jum'aa kana dhaqa jedhanii niyyachuu.
➋➾Qaama dhiqachuu.

➌➾ uffata bareeda uffatuu 👖

➍➾Shittoo/urgooftuu dibachuu{dhiiraaf}

➎➾ilkaan siwaakachuu.
➏➾Gara masjidaa yeroodhaan deemuu.
➐➾saffaawwan duraa qabachuu. Garuu nama irraan tarkanfachuufi nama cinquun hin ta'u.
➑➾raka'a lamaa tahiyyaa masjida salaatuu.

➒➾suuratul kahfiin qara'uu.
➊⓿➾ fuulaan gara imaamaa garagaluu.
➊➊➾kuxbaa callisaan dhaggeeffachuu.
➊➋➾Yeroo du'aa'iin itti qeebalmtu sana niyyaan eegachuu.
➊➌➾ salawaata nabiin irratti baay'essu guyyaaf halkanis.
➊➍➾ibaadaawwan akka sadaqaa,salaata sunnaa,zikrii,wal ziyaaruu, qur'aana qara'uu baay'isuu fi k.k.f.
➊➎➾salaanni jum'aa erga xumuuramee booda rabbiin zakkara gara dalagaa deemuu.


#⃣ rabbiin hundaa walitti nuu haa qabu

@Sammaan
Forwarded from Nuuralhudaa (Mohamedamin Hussen)
Mindaan dalagaa Kheeyrii teetii nama biraatiif akka si jalaa hin kennamne tolchii eeggadhu!

Guyyaa qiyaamaa nama jaalattuuf, Abbaa kee, Haadha tee, ilmoo teetiifii eenyuufuu mindaa gaarii tee takkallee kennuu hin dandeesu. Garuu faallaa kanaa kheeyrii tantee nama jibbitu, kan ati hamatte, kan arrabsite, kan maqaa balleessitee fi kan miite hundaaf ni kannama.
Kanumaaf Ergamaan Rabbii nagayaa rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkana jechuun nuuf dhaaman: "Wal hin rakkisinaa, wal hin salphisinaa, qaanii walii jala hin deeminaa."
Hadiisa biroo keessattis Nabiin keenna nagayaa rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkana jadhan: "muslima jechuun nama muslimni arraba isaatiifii harka isaatirraa nagaya baheedha"
Yaa Rabbi warra eega kheeyrii dalagatee booda arrabaa fi harka isaatiin balleessu irraa nu hin godhin!

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
RABBIIN ISINIIF HAA TAASISUU !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••

• Boqonnaa Keessan Salaata Isiniif Haa Taasisu
• Dubbii Teessan Qur’aanaa Isiniif Haa Taasisu
• Deeminsa Keessan Gara Masjida Isiniif Haa Taasisu

• Yaanni Keessa Hunda iimaana Rabbiin Isiniif Haa Taasisu
• Jaalallee Keessan Rasuula S.A.W Isiniif Haa Taasisu
• Qabeenya Keessan Isiniif barakeeffamaa Haa Taasisu

• Uffata Keessan Shari’aa Isiniif Haa Taasisu
• Fakkeenya Keessan Sahaabaa Isiniif Haa Taasisu
• Hawwwii Teessan Hunda Jannata Isiniif Haa Taasisu

• Jecha Keessan Kan Dhumaa Shahaadaa Isiniif Haa Taasisu
• Yaadaa fii Muraada Keessan Hunda Rabbi Isiniif Haa Guutu
• Gufuu fii Gufaata Hunda Jalaa Najaa Isin Haa Baasu

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.
@Sammaan
Hundinuu Ni dabra!!!!!!!
Forwarded from Nuuralhudaa (Abbaas)
Rabbiin (SW) haadhaa fi abbaa keessaniif tola itti Oolaa jedhe

Nama tokkotti gama rasuula rabbii (ﷺ) dhufee “yaa ergamaa rabbii haadhaa fi abbaan kiyya dullummaa irraa kan ka’e waan gaafa ani ijoollee fincaanii fi xurii biroo kan isaan na irraa qulqulleesssuu turan hardha immoo dabareedhaan ani kan isaanii qulqulleessaa jira kanaafuu rahmataa fi tola gaafa ijoollummaa kiyyaa isaan naaf Oolan san deebisuu danddayaa ?” jedhee gaafate.

Rasuulli rabbii (ﷺ) “isaan kan finccaan sirraa dhiqan yaa rabbi naaf guddis jechaati ati immoo yaa rabbi gahee rahmata godhiif takkaa ajjeesi jechaati akkamiin walitti dhuftu osoo waan feete gootee tola isaan siif Oolan kaffaluu hin danddeessuu” jedhaniin.

“ Yaa Rabbi haadhaa fi abbaa keenyaa rahmata godhi “

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
Forwarded from ️JBMAR (Bilal Muktar)
Ejensiin Qormaata Biyyaalessaa qormaanni kutaa 12ffaa muddee 17 fi 22 /2014 gadi dhiifama oduun jedhu soba ta'uu hime.
Kanaaf nutis jala buunee hordofaa jirra waan ta'eef yeroo oduun dhugaa baatetti kan isin biraan geennu ta'a. JBMAR
@arsirobej
@arsirobej
Salaata Subhii Jama'aan Salaatuuf Maaltu Nama Gargaara

Osoo Dubbiftee...

Dura wanti ja'u:''
Namni waan tokko Rabbiif jecha dhiise...Rabbiin waan san caalu bakka buusaaf ...

Yoo ati..Hirriba mi'aawaaf firaasha lallaafaa san irraa kaatee...Dukkana san keessa gara masjidaa deemte...Wallaahi gaafa dukkanni amba dhamaaftu sin dhamaaftu...

Waa si gaafadhuu...
'' Sila salaatni subhii dandeettii namaatii ol kuttee dadhabanii..."

Afaan guutuu dhaan" Lakki ". Ja'a...
Rabbiin keenya waan nuti hin dandeenye nurran keenyee bar

(( ﻻ ﻳﻜﻠﻒ ﺍﻟﻠﻪ ﻧﻔﺴﺎ ﺇﻻ ﻭﺳﻌﻬﺎ ) ...

Rabbiin lubbuu takka dandeettii isiitii ol hin dirqu...

Rabbiin salaata shanan (5) nurratti dirqama godhe ...Shanan keeysaa salaatni ((Subhii) isii takka...!!

Obboleessoo ! Rabbii ja'ii...Osoo ani: Koottu gara salaata subhii guyyaa irraa mallaqa kuma shan (5000) siif kennaa je'ee..
.". Hin dhuftuu..

Deebiin beekkamaa dha gaa'' Eeti ni dhufta.
..Subhii dura sa'aatii lamatti dhufuun ooltu...

Maaliif beektaa..:" Yoo guyyaa irraa mallaqa (5000) siif kenne amata tokkotti...Mallaqa miliyoona tokkoo ol ni argatta... jechuu dha ...

Garuu yaa lafee kiyya ; osoo amata tokkoo san booda duutee...Qabrii tee gadi buutee...Gaafa san mallaqa (5000) san qabrii tee si duuka buusuu wayya moo...Salaata subhii (jama'aan) salaatte (360) qabrii tee keessa kaa'uu wayya..

Kamtu qabritti si fayyada...Salaata subhiiti moo...Mallaqa sani...

Garuu mee (Subhii) san salaatuuf maaltu nama gargaara...

Dura wanti godhuu qabdu...

1. Rabbii kee san irratti ekattee isaan gargaarsifatuu qabda...Namni gargaarsa Rahmaaniin malee waan keeyrii takka hojjatuun abadan hin danda'u...

2. Iklaasa qabaatuu...Yoo Rabbiif hin hojjatin...yoo Rabbiif hin ta'in...Mi'aan ibaadaa tokko sittin dhagahamu...

3. Murannoo dhugaa taate qabaatuu dha !!
Salaata subhii ni salaata jettee osoo murattee sabbata jabeeffattee ..Wallaahi ni salaatta...!!

Kan har'a deemee bor hafu..San murannootu isa bira hin jirre...!!

4. Waan Rabbiin gabroota isaa warreen salaata subhii jama'aan salaateef qoopheesse qoratuu dha...

5. Waan warri salaata subhiin hin salaanne kasaaruuf hoongayu hubatuu dha..!!

6. Badiifii dilii hojjatuu irraa baqatuu...
Wanti salaata subhii namatti ulfeessu...badii guyyaa irra oolani...Hirrib
aaf dadhabbii sittin fakkaatin...Dilitu biyyee si nyaachise...

7. Hiriyyaa bareedatti saahiboomuu...
Fakkiif: hiriyyaa salaata subhii salaatuuf lakkoofsa bilbilaa kee kenniif...sitti haa bilbiluu...ykn message sitti haa erguu...ykn dhufee si haa kaasuu...

8. Akka Rasuula keenyaatti ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ rafuu dha...
Suni...

√√. Yeroo dhaan dafanii rafuu...
√√. Hirriba dura Wadda'atuu ...
√√. Osoon rafin dura...Zikriiwwan hirribaa gungumuu....
√√. Wayta ciiftu dirra mirgaa irratti deebitee rafuu...dha...

9. Nyaataaf dhugaatii xiqqeeffatuu...

Maaliif..;"
Namni hedduu yoo nyaate..
Hedduu dhuguu fedha...
Kan hedduu nyaatee dhuge...
Hedduu rafuu fedha...

Kan hedduu rafuu guddatu keeyrii hedduu dhaba

Kanaafuu irbaata kee xiqqeessitee sooratuu qabda ! Yoo Rabbi ja'e ganamaa itti deebitaa...!!

Sababa tokkoo lamaan gargaarsifachuu..
Waan akka Alarmii ykn sa'aatii sagalee qabdu of bira bulchuuti...

Gabaabinaan kana fakkaata..

Osoo akkanatti dhageessu...Yoo salaatuu dadhabde yaa ajaa'iba kee

Hedduun namaa subhii kana laaffiseetiin jiraa...Osoo barreeffama kana...sanduuqa mobaayila teetii qofa keessatti hambisuu baattee...

Share
T.me/Sammaan
Forwarded from ️JBMAR (Bilal Muktar)
Ejensiin Qormaata Biyyaalessaa qormaanni kutaa 12ffaa muddee 17 fi 22 /2014 gadi dhiifama oduun jedhu soba ta'uu hime.
Kanaaf nutis jala buunee hordofaa jirra waan ta'eef yeroo oduun dhugaa baatetti kan isin biraan geennu ta'a. JBMAR
@arsirobej
@arsirobej
Forwarded from BBC AFAAN OROMOO
Qorannoon BBC Adoolessa darbe waraanni Mayaanmaar namoota 40 ajjeesuu ragaan saaxile, namoonni gariin dararamanii ajjeefaman.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3e8p6cI
Forwarded from Nuuralhudaa (Abbaas)
Rasuulli rabbii (ﷺ) Irra caalaan zikriidha “Laailaaha illallaah” yoo ta’u irra caalaan du’aayii immoo “Alhamdu lillaah” jechuudha jedhan.

     “ yaa rabbi nuu laaffisi “

“ Tirmiizittu gabaase “

   Nuuralhudaa

Soora Qalbii Muslimaa