Dawaa Qalbii
9.15K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.78K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Odda bingo (Nesru Jr)
Ofitti amanamummaan waadaa mataa ofiitif seenan guutuu irraa dhufa.

@oroquotes
Salawaata Nabiyyi irratti buusuu heddummeessi guyyaa jum'aati.

Sallallaahu Aleeyhi wasallam
Sallallaahu Aleeyhi wasallam
Sallallaahu Aleeyhi wasallam
Sallallaahu Aleeyhi wasallam
Sallallaahu Aleeyhi wasallam
T.me/Sammaan
Osoo yaada mama biraa tuffachuu baatte fudhattee;yoo sirrii tahuu baate itti himtee amansiista ta'ee namni sun yaada Kee San Gammachuu guddaan sirraa fudhata garuu yaada kiyya qofatu sirriidha fudhadhuu yoo jetteen so harkatti ceem'uu danda'a kanaaf maalif namni sun akkana ta'e jechuun duratti Sababa qoradhu madaali.
👆👆👆👆👆👆👆
Siif dabala share 👉join godhi
@Sammaan
Forwarded from Quwwatulislaam_promotion
🕌Assalaamu Alaykum warhmatullaahi Wabarakaatuh🤝
📚Kabajamtootaaf jaalatamtoota Hawaasa Muslimaa Barnoonni Seenaa Barachuun Baay'ee Barbaachisaadha.
📓Kanaaf Warroonni seenaa Nabiyyootaa barachuu barbaaddan link/promotion Armaan gadii kana keessaa kan isinitti tole tuquudhaan chaanaala @quwwatulislaam Ammuma Join godhadhaatii irraa fayyadamaa!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Forwarded from Seenaa Jimjimoo (FREE JAWAR)
Amantaa Irratti
----
Torbee kana ummatni keenya Musilimaa mufataniiru. Kan akka isaan dallanan godhe ammoo gadhee tokko. Akkan nama tokkootti obboleeyyan koo Musiliimaatin callisaa bira darbaa jechuuf mooraliillee hin qabu. Iddoo isaan dhaabbatan dhaabbachuu (being in their shoes) gaafata.

Akka Kiristaanaatti abbaan barbaade Waaqayyo/Iyyasuus Kiristoos yoo arrabse dhiifama siif yaa godhu jenneet bira dabarra. Waan gochaa jiru hin beekuu yaa Abbaa keenya isa Samii ati dhiisiif jennaan. Ajandaa hin taasisnu. Kun barmoota warra kiristaanati. Yoo arrabsamnes (infact qeesinuu nu arrabsaa ture) yaa Waaqayyo dhiifama godhiif jenna. Kun barnoota kiristanaati. Loojikii kiristaanatillee

Wanti kun garuu amantaa Musiliimaa biratti adda. Kahumsi isaatis Quraana Qulqulluurrati. Kiristaanni akka Wangeela qulqulluutti Musiimotni ammoo akka Quraanni qulqulluun ajajetti bulu. Jiraatu. Kana maafan kaase seetan logicn warra kiristaanaa dhimma Islaamaa irratti hin hojjetu jechuufi.

Akka Islaamaatti namni tokko Waaqa/ Allaah (SWT) fi Nabii Mohammed (PBUH) arrabsamuufi xiqqeeffamuu arguu caalaa du'uu filatu. Waanuma fedheenuu wal hin dorgomsiisan. Kun ajaja, jiruudha, barnoota fi amantii isaaniti. Kana dhiisaa jechuunuu sirrii miti. Lojikii Kiristinnaatin amansiisuuf yaalunillee dogongora.

Kanaafis Oromummaafi Islaamummaa wal dorgomsiisuuf yaaluunuu sirrii miti. The very identity of human being is (self). Eenyummaa ofiituu/ lubbuu ofiituu kabaja Nabii isaanifi Waaqa isaanif dabarsanii kennu malee lubbuu tokkittii qaban hin sassatan. Amantii isaanii eeguuf gammadaa wareegamu. Kana ammoo Quraanatu isaan ajaja. Kana gochuu yoo dhiisan dogongoras cubbuudhalle.

Kanaafuu maaf aartaan maaf mufattan jechuunii caalaa isaan waliin dhimma sana balaleeffachuu qabna. Namichi sun gara mana murtiitti dhiyaatee akka adabamu warri gargaaruu dandahu obboleeyyaan keenya waliin dhaabbachuu qabdu. Abbootin amantaa garaagaraas dhimma kana balaleeffachuu qabu. Keessahuu abbootin amantaa kaaba Ameerikaa jiran gad bahanii balaleeffachuu qabu. Kana gochuun Oromummaafi tokkummaa keenya itichuu qofaaf miti. Dirqama namoomaati. Addunyaan tun wal kabajuu yoo bu'ura hin godhanne wal balleessiti waan taheef.

Dhumarratti ummata keenya Musiliimaaf sin waliin jiraachuu keenya nuuf beeka. Sin waliin dhaabbanna. Wanti sin gaddisiise nu gaddisiiseera. Dhimmi namichaa akkuma Sheeik Hajji Dr Jeeylan jedhan seeran yaa qabamu. Du'aawiin keessanis siniif yaa qeebalamtu.

Obboleessa keessan Ortodoksii
Warra Igguu Aabbutirraa
~Mared Tullu
Forwarded from Zak Dube
Koottaa Akkas goonaa!
==============
Amantaa kiyyaa mitii bineensi bosonaayyuu akka arrabsamu, akka xiiqeefamu, akka tuqamu hin fedhu. Xiqqeenya wonta ta’ee osoo hin taane xiqqeenya namoota sanaaf jecha tasuma dubbii tana hin tuqu jedhee ture. Akka Ilaalaa jirutti immoo dubbiin bakka hin tuquu irra darbitee Jirti. Worra Ajandaa kana bocee fide bareechee beeka. Sanaaf isaan wajjiin hin xiqqaadhu, attention isaan barbaadaan hin kennuuf jedhee of-waliin guyyoota muraasa wol-mormaa ture. Waan hunda namni hundi akka kiyyatti haa hubatu jechuutti hin danda’amu.

Gurbaan Ajandaa kana bocee dhufe kana yeroo lama qaamaan argee dubbiseen jira. Bara 2016 fi 2018 keessa. Maddi tuffii kiyya tokko achi irraa madda. Beekatuma Sammuudhuma isaa hangam akka yaada ilaaluuf dubbise irraa Baheen dhiise. Yeroo adda Addaatti akka Meeshaa siyaasaatti qaamni adda Addaa akka dhimma itti bahataa ture ammas itti jiru takka shakkii hin qabu. Ajandaa tibba kanaa kuniis kana jara lamaanii kana qofa miti. Akteera heddu of-duubaa qaba.
Mee dubbiin Kuni yeroo kanatti maaf ka’e jedhaa of-gaafadhaa Xinxilaa:

1) Yeroo Walloon Bombiin lafarraa Fixaa jiranitti
2) Wollagga fi Gujiin haala wol fakkataa keessa jirutti
3) Karrayyuu irratti aggaammiin baay’atee nama akka beeyladaa qalanii garaa jiran kanatti ….
4) Shawaa Bombii fi Woraana Finxaalleeyyii Amaaraan fixaa jiran kanatti
5) yeroo Beelaa fi Balaa uumamaan Oromiyaan raafamaa jirtu kanatti waan kana maaf fidan jedhaa of-gaafadhaa!- deebii quubsaa argattu!
Maaltu fala?
- Miidiyaa irratti amantii fi Nabiyyiin keenya ( S.A.W) tuqaman jennee boo’aa fi miiraa keessa galaa ooluun wonti fidnu hin jiru. Maal goonuuree?
1) Miidiyaalee Hawaasa Jarri Kuni fayyadaman report gochuun cufsiisuu.
2) Hawaasa keenya Naannoo isaan Jiraataan jiru wajjiin ta’uu qaama seeratti waan kana geessuu
3) worri dubbii kana da’oo godhatanii ajandaa Siyaasaa ofiitiif oolchuuf Caarraqaa jiran ofirraa eeggachuu
4) Jidduu kanatti Ummanni keenya dararaa hamaa keessa jiru ajandaa kanaan ugguramee akka sagalee hin dhabne of-eeggannoo gochuu fi kkf…

Gama kootiin guyya guyyaan Ajandaa kanaan nu qabanii dararaa Oromoo irra geessa jiran dhoksuuf akka dhimma kana qofa irratti xiyyeefannee wol-qocolaa oollu waan bocamee tolfamee nutti darbameedha jedheen yaada. Kanaaf waan hunda daddafee fuudhee yaada itti keennuu wonti of-qosadhuuf. Malee dubbichi xiqqaa ta’ee miti. Kan Amantaa fi Nabii keenya ( S.A .W) xiqqeessuuf, arrabsuuf yaale hundi xiqqaatee, Salphaatee akka keessa bahe ragaan yeroo dhihoo President France. Ammaaf kanuma jedha!

Kan Rabbi Ol-kaase namni gadi hin buusu, Kan Rabbi guddise namni hin xiqqeessu, Ofii Xiqqaata malee!
Forwarded from BBC AFAAN OROMOO
Himannaawwan 11 kan irratti dhiyaate hoggantuun duraanii Mayaanmaar, himannaa jalqabaatiin hidhaa waggaa afuriin akka adabamtu itti murtaa'e.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3lB2RzW
Forwarded from Seman Abdurehman
Hanqina maal irratti arge ka Amantii islaama jibbuu fi qeequ akkasuma tuttuquuf yaalu
Hubadhu Rabbiin qabaa jabaa si qaba Sana dhiisii bookema osoo sitti gadi dhiise ofirraa deebisuu hin dandeettu.
Waa hedduu dhageenne cunqursaa fi miidhaa gurguddaa
Ka biraa dhiisatii dhiheenyuma kana Masjidota hedduu gubamuu Ni beekna
........
Waaaaaaa??????????
T.me/Sammaan
Forwarded from Dhugaa Miidiyaa DM
"Rifeensa akka barbaadetti murachuuf hidhii akka feetetti dibachuu, handhuura bakkee keessee qullaa deemuu faranjoota irraa dhaalte. Beekumsa ammoo maa irraa hin dhaalin? Moobayila irraa waan hedduu ilaaluu irraa dhaalte, moobayila tolchuu ammoo maa irraa hin dhaalin?" Jaal Marroo.

Haasaa taasisaniin Oromoon yoo sirnatti deebi'uu baate waggaa 20 booda safuu fi aadaa isaa har'aatti jiraachuu hin danda'u
Namni manaama keessa na arge dhugaa na arge sheyxaanni natti hin fakkaatu Jedhan Rasuulli Rabbii (S A W)

FIDAAKA ABII WO UMMII yaa Rasuulallaah
فداك أبي وأمي يا رسول الله صلى الله عليه وسلم
عليه افضل الصلاة واتم التسليم
Sallalaahu Alayhi wosallam

irraa caalaa namaa
irra garaa laafaa namaa
irra bareedaa namaa
yaa Rabbi nama Shafa'aa isaa argatu nu taasisi
T.me/Sammaan
📜 Sunnaawwan jaallatamoo guyyaa jum'aa...15


➊➾Jalqaba rabbumaaf jecha jum'aa kana dhaqa jedhanii niyyachuu.
➋➾Qaama dhiqachuu.

➌➾ uffata bareeda uffatuu 👖

➍➾Shittoo/urgooftuu dibachuu{dhiiraaf}

➎➾ilkaan siwaakachuu.
➏➾Gara masjidaa yeroodhaan deemuu.
➐➾saffaawwan duraa qabachuu. Garuu nama irraan tarkanfachuufi nama cinquun hin ta'u.
➑➾raka'a lamaa tahiyyaa masjida salaatuu.

➒➾suuratul kahfiin qara'uu.
➊⓿➾ fuulaan gara imaamaa garagaluu.
➊➊➾kuxbaa callisaan dhaggeeffachuu.
➊➋➾Yeroo du'aa'iin itti qeebalmtu sana niyyaan eegachuu.
➊➌➾ salawaata nabiin irratti baay'essu guyyaaf halkanis.
➊➍➾ibaadaawwan akka sadaqaa,salaata sunnaa,zikrii,wal ziyaaruu, qur'aana qara'uu baay'isuu fi k.k.f.
➊➎➾salaanni jum'aa erga xumuuramee booda rabbiin zakkara gara dalagaa deemuu.


#⃣ rabbiin hundaa walitti nuu haa qabu

@Sammaan
«ማንኛውም ሰው ሙስሊም የሚለውን ስም ትቶ ሌላ ቅጥያ ይዞ ከመጣ ሽሹት።እርሱ ለኢስላም አደጋ ነውና።»(ሼህ ሰዒድ ሁሴን ዛሬ ያጣናቸው የቀድሞ የሱመያ መስጊድ ኢማም)

ሼህ ሰኢድ በአዲስ አበባ ከሌሎች ኢማሞች በተለየ ሀሳባቸውን ሳይሸፋፍኑ በግልጽ የሚናገሩ፣ ደፋርና ለህዝበ ሙስሊሙ ጉዳይና አንድነት ተቆርቋሪ ነበሩ።አላህ መልካም ሥራቸውን ይቀበላቸውና ለዓመታት ባሰገዱበት በአዲስ አበባ በሚገኘው የሱመያ መስጊድ በአስክሬናቸው ላይ ተሰግዶ ተሸኝተዋል።

"Namni kamu maqaa Muslima jedhu dhisee maqaa bira fudhee yoo dhufee irraa baqadhaa. Inni Islaamaaf hamaadha. "(sheh Saiid Husein Imaama Masjida Sumayya duraani)
✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✸✹✹✸
Sheh Saiid Imaamota finfinnee kessa jiran huddu irra adda ta'un yaada isaani fulduratti kan dhibsa, waa'ee Muslimootaa fi tokkumma muslimootaatif nama quuqaman turani. Masjida sumayaa bakka itti salaachisaa turanitti itti salaatamee gageeffamaniru. Rabbiim irra haqeebalu.
Namni manaama keessa na arge dhugaa na arge sheyxaanni natti hin fakkaatu Jedhan Rasuulli Rabbii (S A W)

FIDAAKA ABII WO UMMII yaa Rasuulallaah
فداك أبي وأمي يا رسول الله صلى الله عليه وسلم
عليه افضل الصلاة واتم التسليم
Sallalaahu Alayhi wosallam

irraa caalaa namaa
irra garaa laafaa namaa
irra bareedaa namaa
yaa Rabbi nama Shafa'aa isaa argatu nu taasisi
🤲🤲🤲Aamiin
T.me/Sammaan