Dawaa Qalbii
9.15K subscribers
2.06K photos
37 videos
32 files
2.78K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
#Adeemsa kee hundaa Islaamummaan sirreessi. kaayyoon dhufaatii keetii gabbartii Rabbii akka ta'es beeki!. jireenyi biyya lafaa tuni dhumtuudha. Kan hin dhumanne jireenya du'aan boodaati. Sunis Jannata (Jireenya bara baraati). Kana argachuudhaaf Islaamummaa fudhachuudha. ISlaamummaan immoo, badhaasa Rabbiiti. qabachuudhaan ittiin badhaafami.
@Sammaan
Hundeessaa fi hogganaa Tiwiitarii kan ta'e Jaak Doorsii hogganummaa dhaabbatichaa gadi dhiise.

via BBC
@Sammaan
👉 Jalqabni Nama #islaamummaa fudhatee:-
1. Khadiijaa,
2. Abuu bakri,
3. Aliyyi binu Abii Xaalib,
4. Zayid binul Haarisaa dha.

👉 Rabbiin(S.A.W) Maqaa Afuriin Qur'aana Yaame.
1. Al_kitaab,
2. Al_furqaan,
3. Az_zikri fi
4. Al_qur'aani.

👉 Kitaabni Gurguddaan Rabbiin Buuse Afuri.
1. Zabuur:- Daawud irratti,
2. Tawraat:- Muusaa irratti,
3. Injiil:- iisaa irratti,
4. Furqaan:- Nabi Muhammad(S.A.W) irratti.

👉 Jannata keeysa Madda Afurtu jira.
1. Madda Bishaan burqu,
2. Madda Aannan burqu,
3. Madda Farshoo,
4. Madda Dammaa ti.

Anaa fi isiniis Nama #Jannatul_Firdawsiin seenu Rabbiin nuhaa godhu.
T.me/Sammaan
Obbo Jawaar Muhammad
Forwarded from Quwwatulislaam_promotion
🕌Assalaamu Alaykum warhmatullaahi Wabarakaatuh🤝
📚Kabajamtootaaf jaalatamtoota Hawaasa Muslimaa Barnoonni Seenaa Barachuun Baay'ee Barbaachisaadha.
📓Kanaaf Warroonni seenaa Nabiyyootaa barachuu barbaaddan link/promotion Armaan gadii kana keessaa kan isinitti tole tuquudhaan chaanaala @quwwatulislaam Ammuma Join godhadhaatii irraa fayyadamaa!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
"Yaa Mu'aaz, Wallaahi siin jaaladha. Wallaahi siin jaaladha. Waa siif dhaama yaa Mu'aaz. Salaata Fardii hunda booda •Allaahumma a'innii alaa zikrika wa shukrika wa husni ibaadatika• jechuu hin dhiisin."
Nabi Muhammadﷺ
[Abu Daawuud : 1522]

- Hiikkaan:- Yaa Rabbii kiyya! Si yaadatuurratti, galata siif galchuurratti, dalaga gaggaarii akkaan hojjedhuufis na gargaari.

*أنَّ رسولَ اللَّه صلَّى اللَّه علَيهِ وسلَّمَ أخذَ بيدِهِ، وقالَ: يا مُعاذُ، واللَّهِ إنِّي لأحبُّكَ، واللَّهِ إنِّي لأحبُّك، فقالَ: أوصيكَ يا معاذُ لا تدَعنَّ في دُبُرَ كلِّ صلاةٍ تقولُ: اللَّهمَّ أعنِّي على ذِكْرِكَ، وشُكْرِكَ، وحُسنِ عبادتِكَ.*
الراوي : معاذ بن جبل.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa
Forwarded from Ezekiel Gebissa
Warra Kaabaa dabalatee namoonni hedduun "Jawaar hidhamuu qaba!" jechaa turan, Haasawa Jawaar duraanii qalbiidhaan caqasuudhaan gaabbii cimaa keessa seenan.

Otuun lubbuun jiruu kana arguu kootiif Galanni Rabbiin haa gahu!
Namni nama miidhu kamiiyyu yeroo San qofaaf waan guddaa itti fakkaachuu danda'a malee yeroo kamiiyyuu miidhamaadha.
Of hin dagatin
Ana qofatu beekas hin jedhin beeka hundaa olitti beekkumsa Rabbiitu jira isumatu beekkumsa siif kenne.
@Sammaan
Forwarded from Odda bingo (Nesru Jr)
Ofitti amanamummaan waadaa mataa ofiitif seenan guutuu irraa dhufa.

@oroquotes
Salawaata Nabiyyi irratti buusuu heddummeessi guyyaa jum'aati.

Sallallaahu Aleeyhi wasallam
Sallallaahu Aleeyhi wasallam
Sallallaahu Aleeyhi wasallam
Sallallaahu Aleeyhi wasallam
Sallallaahu Aleeyhi wasallam
T.me/Sammaan
Osoo yaada mama biraa tuffachuu baatte fudhattee;yoo sirrii tahuu baate itti himtee amansiista ta'ee namni sun yaada Kee San Gammachuu guddaan sirraa fudhata garuu yaada kiyya qofatu sirriidha fudhadhuu yoo jetteen so harkatti ceem'uu danda'a kanaaf maalif namni sun akkana ta'e jechuun duratti Sababa qoradhu madaali.
👆👆👆👆👆👆👆
Siif dabala share 👉join godhi
@Sammaan
Forwarded from Quwwatulislaam_promotion
🕌Assalaamu Alaykum warhmatullaahi Wabarakaatuh🤝
📚Kabajamtootaaf jaalatamtoota Hawaasa Muslimaa Barnoonni Seenaa Barachuun Baay'ee Barbaachisaadha.
📓Kanaaf Warroonni seenaa Nabiyyootaa barachuu barbaaddan link/promotion Armaan gadii kana keessaa kan isinitti tole tuquudhaan chaanaala @quwwatulislaam Ammuma Join godhadhaatii irraa fayyadamaa!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Forwarded from Seenaa Jimjimoo (FREE JAWAR)
Amantaa Irratti
----
Torbee kana ummatni keenya Musilimaa mufataniiru. Kan akka isaan dallanan godhe ammoo gadhee tokko. Akkan nama tokkootti obboleeyyan koo Musiliimaatin callisaa bira darbaa jechuuf mooraliillee hin qabu. Iddoo isaan dhaabbatan dhaabbachuu (being in their shoes) gaafata.

Akka Kiristaanaatti abbaan barbaade Waaqayyo/Iyyasuus Kiristoos yoo arrabse dhiifama siif yaa godhu jenneet bira dabarra. Waan gochaa jiru hin beekuu yaa Abbaa keenya isa Samii ati dhiisiif jennaan. Ajandaa hin taasisnu. Kun barmoota warra kiristaanati. Yoo arrabsamnes (infact qeesinuu nu arrabsaa ture) yaa Waaqayyo dhiifama godhiif jenna. Kun barnoota kiristanaati. Loojikii kiristaanatillee

Wanti kun garuu amantaa Musiliimaa biratti adda. Kahumsi isaatis Quraana Qulqulluurrati. Kiristaanni akka Wangeela qulqulluutti Musiimotni ammoo akka Quraanni qulqulluun ajajetti bulu. Jiraatu. Kana maafan kaase seetan logicn warra kiristaanaa dhimma Islaamaa irratti hin hojjetu jechuufi.

Akka Islaamaatti namni tokko Waaqa/ Allaah (SWT) fi Nabii Mohammed (PBUH) arrabsamuufi xiqqeeffamuu arguu caalaa du'uu filatu. Waanuma fedheenuu wal hin dorgomsiisan. Kun ajaja, jiruudha, barnoota fi amantii isaaniti. Kana dhiisaa jechuunuu sirrii miti. Lojikii Kiristinnaatin amansiisuuf yaalunillee dogongora.

Kanaafis Oromummaafi Islaamummaa wal dorgomsiisuuf yaaluunuu sirrii miti. The very identity of human being is (self). Eenyummaa ofiituu/ lubbuu ofiituu kabaja Nabii isaanifi Waaqa isaanif dabarsanii kennu malee lubbuu tokkittii qaban hin sassatan. Amantii isaanii eeguuf gammadaa wareegamu. Kana ammoo Quraanatu isaan ajaja. Kana gochuu yoo dhiisan dogongoras cubbuudhalle.

Kanaafuu maaf aartaan maaf mufattan jechuunii caalaa isaan waliin dhimma sana balaleeffachuu qabna. Namichi sun gara mana murtiitti dhiyaatee akka adabamu warri gargaaruu dandahu obboleeyyaan keenya waliin dhaabbachuu qabdu. Abbootin amantaa garaagaraas dhimma kana balaleeffachuu qabu. Keessahuu abbootin amantaa kaaba Ameerikaa jiran gad bahanii balaleeffachuu qabu. Kana gochuun Oromummaafi tokkummaa keenya itichuu qofaaf miti. Dirqama namoomaati. Addunyaan tun wal kabajuu yoo bu'ura hin godhanne wal balleessiti waan taheef.

Dhumarratti ummata keenya Musiliimaaf sin waliin jiraachuu keenya nuuf beeka. Sin waliin dhaabbanna. Wanti sin gaddisiise nu gaddisiiseera. Dhimmi namichaa akkuma Sheeik Hajji Dr Jeeylan jedhan seeran yaa qabamu. Du'aawiin keessanis siniif yaa qeebalamtu.

Obboleessa keessan Ortodoksii
Warra Igguu Aabbutirraa
~Mared Tullu