Dawaa Qalbii
8.89K subscribers
2.18K photos
37 videos
42 files
2.91K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Seenaa Abuu Bakri Assiddiiq R.A gabaabsinee laallaa dubbisaa irraa fayyadamaa. Jaahilummaa keessatti Abuu Bakri R.A nama kabajamaa,sooressa jaalatamaa gama namaatti dalagaa fi haala gaarummaatin,kamriis hin dhugne takkaa taabotaafis mataa ofii gadii hin qabne ture. Inshaa Allaah Torbaan Islaamummaa keessatti akkam akka turan waliin laalla. Obboleewwan keessaniin gahaa.
As wr wb hordoftoota keenna kabajamoo fi jaalatamoo hadiisni guyyaa har'aa isin yaadachiisuu barbaade kama beektani Rasuulaa irraa akka odeeffametti ilmi namaa dagamaadha jedhan qananii lama keeysatti isaanis Nagaya Fi Fayyaa dha. Mee marti keennayyu haa xiinxallinu Rabbii keennaf galata dachaa dachaan haa galchinu Alhamdulillaah Alhamdulillaah.
As wr wb kabajamtoota hordoftoota keenya alhamdulillaah waliddeebinee jirra har'a waa'ee biyya Ardii Afrikaa keessatti argamtuu takka ilaalla. Rep.Afrikaa kibbaati. Biyyi tun wanti biyyoota biroo irraa adda taatun ni qabdi,Biyyoonni hedduun magaalaa guddoo takka yoo qabaattu Afrikaan kibbaa garuu 3 qabdi. Gama Birootin Biyyi A.K.tun afaan hojii 11 ta'an qabdi. Biyya keenya keessatti garuu isin hundinuu ni beektu. Waan dubbiftaniif galatooma.👌👌👌👌👌🖐🖐 akka waa irraa barattan abdii qaba.
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Masjiidni Al-Faaruuq kan magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo ganda 03tti argamu akka diigamu gaafatame

Odeeyfannoo #NUURALHUDAA
November 6,2016

Masjiidni Al-Faaruuq waraqaa seeraa guutuu kan qabu yoo tahu, dhiphina iddoo masjiidichaatiin wal qabatee hawaasani Muslimaa naannawa sanii dhaabbilee amantaa biroo naannawa sanitti argaman hunda dursuun, lafti qullaan ijaarsi tokkolleen irra hin jirre kan cinaa Masjiidichaatti argamu akka kennamuuf qaama dhimmi ilaallatu gaafatanii deebisaa eeggataa jiran.

Hawaasni muslimaa iyyannoo galfate kanaaf deebisaa osoo eeggachaa jiru, hordoftootni amantaa Ortoodoksii naannawa Masjida kanaa irraa fageenya meetira 100 irratti mana jireenyaa tokko kireeffachuun, Bataskaana godhanii itti fayyadamuu jalqaban. Itti aansuun lafa Masjiidaaf gaafatame kana irratti hayyama osoo hin argatin karaa seeraan alaatiin bataskaana ijaaruun, Masjidni Al-Faaruuq kan kartaa seera qabeessaa ta’e qabu akka diigamu, akkasumas sagalee guddiftuun masjiidaa waan nu jeequuf akka kaafamu jechuun kan gaafatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Haaluma kanaan hoggantoonni Bataskaanicha kunniin Onkololeessa 25/2012 kutaa bulchiinsa magaalaa irraa, qaamolee seera kabachiisan qabatanii dhufuun Masjida seera qabeessa kana diiguuf yaalii kan godhan tahus, qaamonni isaan fidan kunniin lafti Masjidaa seera qabeessa tahuu, akkasumas sagalee guddiftuun isaan jedhanis rakkoo tokkollee kan hin qabne tahuu eega hubatanii booda, Masjiidichi osoo hin diigamiin hafee jira.

Haata’u malee olola sobaa hoggantoonni Bataskaanaa facaasaa jiraniin jiraattota naannichaa jiddutti walitti gaarrifannaa uumame yeroo ammaa haala sodaachisaa irra kan gahe tahuun beekamee jira. Jiraattonni nannichaatis qaamni dhimmi ilaallatu hatattamaan dhimmicha qoratuun furmaata akka itti keennu gaafataa jiran.

Manni marii dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee gama isaatiin ibsa guyyaa har’aa baase irratti, masjiidichi kaartaa seera qabeessaa qabatuu ibsuun, “lafti qullaan naannawa isaatti argamu akka kennamuuf hawaasni muslimaa gaafate jira; haata’uu malee lafa kana irratti yeroo dhiyoo as waldhabbiin wan uumameef hanga dhimmichi furmaata argatutti qaamni kamuu obsaan akka eeggatu gaafanna” jedhe.
#Finfinnee_masjida
NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa
As wr wb kabajamtoota jaalatamtoota hordoftoota keenya sagantaa gaafif deebii irra geenne jirra irratti hirmaadhaa. 1.Sahaabin iccitii(sirrii)Rasuulaa(S.A. W) tahe eennu? A.Ja'afar B. Huzeeyfaa C. Abii bakri D. Ammaar. 2.Sahaaba keessaa kan Rasuula(S.A W)bira osoo jiru rasuula hin argine eennu? A.Hamzaa B. Hanzalaa C. Sa'aad D. Abdallaah ibnu maktuum. 3. Barreessaan Rasuulaa SAW eenyu? A.Aliyyii B. Kaalid C.Usmaan D. Abu qataadaa. 4.Sahaabin abbaa nuura lamaa jedhamu kami? A.Usmaan B.Abi bakri C. Waliid D. Amri 5.gaaffii 4 irratti hundaa'uun sababaa ibsi?
Yeroo deebin itti xumuramu inshaa Allaah sa'aati 2 booda.
Maashaa Allaah galatoomaa hundi keessanuu ka dubbistaniif ka deebii deebistanis deebiin 1.B 2.D 3.A 4.A 5.durba rasuula lama fuudhe takka erga duute ta lammataa bakka buusaniif Rasuulli SAW .
Gaficha namni guutuu deebise hin jiru Muussaa muhammad gaafilee haala gariin deebiste takka qofa dongogorte. Kuunnin keessanis galatoomaa torbaan inshaa Allah badhaasas ni qopheessina.
Forwarded from Dawaa Qalbii (Sammaan Seman)
Maashaa Allaah galatoomaa hundi keessanuu ka dubbistaniif ka deebii deebistanis deebiin 1.B 2.D 3.A 4.A 5.durba rasuula lama fuudhe takka erga duute ta lammataa bakka buusaniif Rasuulli SAW .
As wr wb obboleewwan koo guyyaa jum'aati salawaata nabi irratti heddumeeysaa. Sallallaahu aleyhi wasallam
Hayyee kabajamtoota hordoftoota keenna hundi alhamdulillaah torbaan nuun gahee walitti nu deebise.🖐🖐🖐🖐🖐🖐 Seenaa Abii bakrii Assiddiiq R.A islaamummaan osoon seeniin ilaallee jirra har'a immoo Islaamummaa keessatti gabaabsinee ilaalla. Abii bakrii nama dhiirarraa amantii Islaamaa fudhateeti akkuma ergamaan Rabbii(SAW) itti himaniin jechuudha. Ammaas hedduu nama Rasuula jaalatuuti. Nama qureeyshi nabiin ajjeefna jedhanii admaa itti godhan(nama gooftan kiyya Allaah jedhe ajjeesuuf itti mari'attanii)jedheenii irraa mormaa tureedha. Achi boodas amriin itti jabaannan isaan waliin hijraa baheedha. Dubbistoota kabajamoo seenaan Abii Bakrii hangana miti ammaaf nu gaha Hanga torbaan fedha Rabbiitin walitti deebinutti Rahmata Rabbii keessa jiraadhaa milkii duniyaa aakiraa argadhaa. As wr wb. Waliif sheer godhaa. 👍👍👍👍👍👍👌👌👌👌irraa fayyadamaa.
🔱🔱🔱 ENYUUHU HIN SODATIIN 🔱🔱🔱 💨 Daangaa Namootaa Akka Hin Dabarreef Jettee Daangaa Rabbii Keetii Hin Dabrin 💫💫💫 💨 Seera Namootaa Kabajuuf Jettee Seera Rabbii Keetii Hin Diigin 💡💡💡

💨 Namoota Gammachiisuuf Jettee Rabbii Kee Hin Mufachiisiin 🔥🔥🔥

💨 Jaalala Namootaa Wajjiin Qabdu Osoo Hin Tahin Jaalala Rabbii Keetii Wajjiin Qabdu Jabeeyfadhu 💦💦💦

💨 Bakkuma Fedhettuu Yoo Tahe Dhimma Namootaa Kessatti Rabbii Kee Sodaadhu, Dhimma Rabbii Keetii Kessatti Garuu Enyuuhu Hin Sodaatin 💠💠💠

👉Yaa Rabbii Yeroo HundaJaalala Fi Sodaa kee Nuuf Kennii Nu Milkeessii!!!!

@Gaaddisaislaamaa
🌿Seenaa ergamtoota rabbii (SAW).
❇️Namni yeroo duraatiif SEENAAN isaa qura'aana keessatti dubbatame eenyu?

✔️Deebii: Nabiyyallaahi Aadam.
❇️Ummanni Nabiyyallaahi saalih maaliin beekaman?
✔️Deebii:Waa facaasuu fii dhakaa qoranii/bocanii/keessa jiraatuu.
❇️Zul-Kifli eessa jiraata ture?
✔️Deebii: Biyya Shaam jedhamtu.
❇️Maqaan Fir'ownaa (فرعون) yeroo meeqa qura'aana keessatti dubbatame?
✔️Deebii: Yeroo 74 dubbatame.
❇️Nabiyyoonni maqaan isaanii Qubee Alif irraa eegalu meeqa? Eennu?
✔️Deebii: Nabiyyota 8 isaanis:
Nabiyyallaahi Aadam, Idriis, Ibraahim, Ismaa'il, Ishaaq, Ilyaas, Ilyasa’a, Ayyuub.hundaahuu Nageenyi rabbii isaan irratti haa jiraatu.
Share godhaa
https://t.me/tafak_or
Forwarded from .
🔆🔆 @toltuu1 🔆🔆🔆🔆
Adunyaa kana irraa wanti Qaaliin Amanamummaadha.
Amanamummaa argachuuf yeroo dheera sitti fudhaachu danda'a garuu Hamma liphuu ijaati of jalaa balleessuu dandeessa.
@toltuu1
🥀🥀Dubbisaa...🥀🥀🥀.
🔰🔰🔰🔰Gaafi fi Deebii.
🌿qura'aanni waggaa meeqatti buufamee dhumate?
▶️Deebii:waggaa 23tti buufamee dhumate.
❇️Sahaabaa keessaa Kan qura'aana keessatti maqaa dhahame eenyuu?
▶️Deebii:Zeeydi binu haarisaa.
❇️Suuraan Aayanni isii hundi jecha(Allah)jedhu uf keessaa qabdu Suuraa Tami?
▶️Deebii: Suuraa Al-Mujaadalaa.
❇️Namni yeroo jalqabaaf qubee Arabaa tuqaa/ciftii/Itti godhe eenyu?
▶️Deebii:Nasri binu Aasim Alleylii jedhama.
❇️Nabiyyoota keessa Kan hedduminnaan qura'aana keessatti dubbatame eenyu?
▶️Deebii: Nabiyyallaahi Muusaan.
❇️Suuraan harfiin kaaf(كاف) keessatti hin argamne Suuraa kam?
▶️Deebii:Suuraa Qureeyshi,Al-Asrii fii Al-Falaq.
❇️Sahaabaa keessaa Turjumaana/Simaabalo/ qura'aana jechuun Kan beekkame eenyu?
▶️Deebii:Abdallah binu Abbaas.
❇️Aayanni Suuraa takka keessatti yeroo 8 deddeebite Aayaa Tami?
▶️Deebii: Suuraa Shuaraa'a keessa akkana jetti:Fattaqullaaha wa'axii'uun
(فاتقوا الله وأطيعون).
https://t.me/tafak_or
Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatu hordoftoota chanaala #dawaaqalbii sagantaa jalqaba baasne irratti hanqina yerootif haalli waan nuu hin mijatiniif addaan kutuun keenna akkuma jirutti tahee hanga sagantaa biraa isiniif maxxansinuuf ergaawwan tokko tokko waliif dabarsina inshaa Allaah
Ergaa kana dalaguuf yaali👇👇👇👇👇👇 Waan shari'aan diin #ISLAAMAA itti ajaje yeroo dhageennu itti dalaguuf haa of amansiisnu .👈👈
Forwarded from Fursaan Media (Fares Muhamed)
#Bilchina_Sammuu
🧠 🧠 🧠 🧠
Bilchinni sammuu jechuun sammuu ibidda irra kaahanii bilcheessuu osoo hin taane.

Ati Ilaalcha gaarii qabaatuudha.
Hubannoo qixa sirrii tahe qabaatuudha.
✔️ Dandeettii fageessitee yaaduu horachuudha.
✔️ Waan gaariif badaa addaan baastee beekuu dha.
👆🏼 👆🏼 👆🏼 👆🏼
Isa kanatuu #bilchina_sammuu jedhama.
#Galatoomaa
✍🏽 F.M

@Fursaan_Media
Fb.me/Fursaanmedia
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Aangoo fi Qabeenya

#NUURALHUDAA

Aangoofi qabeenya Rabbiin nama barbaadeef kenna. Nama barbaade ammoo ni dhoowwata. Madaallii ilma namaatiin olitti kun waan Rabbiin beekkumsaafi dandeytii isaatiin oofu. Asiin dura Rabbiin aangoo nama jaalatu ergamaa isaa Suleymaan ilma Daawuud iif kannee ture. Akksuma ammoo nama jibbu Numrud ilma Kuush harka aangoo kaayee ture. Qabeenyaas nama jaalatu Abdurahmaan ilma Owf iif kannee ture. Nama jibbu ammoo mata-jabeessa Qaaruun iif kannee ture. Abbaa barbaade harka kaayee, abbaa barbaade harkaa ammoo mulqa. Shuumaafi shaaraan isa! Aangoofi qabeenya nuti dhamaanuuf kanatti Rabbiin hin haajamu. Isa biratti humaa ulfinaafi sadarkaa hin qabdu. Osoo ulfinaafi sadarkaa qabaattee, Rabbiin warra isatti mormuuf hin laatu. Akkuma garru kana gaafa garii Rabbiin nama jaalatu dhoowwatee, nama jibbuuf ammoo laata. Iccitii waan kana keessa jirtu isuma qofaatu beeka. Haqaarriin waan kanaa tokkuma! Sunis ittiin nu qormaatuufi. Tasa fidee nu harka buusee waan nuti baanu eega. Aangoofi qabeenyi yoo kan gama Rabbi nama dhiheysu tahe milkiidha. Gaafas qormaata dabruu keenya. Yoo ammoo kan Rabbi irraa nama fageysu tahe balaadha. Qormaata kufuun asitti. Rabbiin mata-jabeeyyii qananii aangoofi qabeenyi qabuun dageeti, qaba-qabeefii kolaasa.

Yaa Rabbi warra aangoofi qabeenyaan dagamee si-irraa fagaatu nu hin taasisin.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa
Forwarded from FAAWUNDESHINI TOKKUMMA FI QORANNOO ISLAAMAA DAARGAGGOTA OROMIYAA (الفقیر عبد الغني)
💦💦
💦💦💦
💦💦💦💦
💦💦💦💦💦 #FTQI hadiis!!
💦💦💦💦💦💦


بر الوالدين
🥛🥛🥛

قال صلى الله عليه وسلم (( رغم أنفه ، رغم انفه ، ثم رغم انفه ، قيل : من يارسول الله ؛ قال : من أدرك والديه عند الكبر أحدهما أو كليهما ، ثم لم يدخل الجنة )) .

صحيح مسلم
💧
💦💦💦
💦💦💦💦
💦💦💦💦💦
💦💦💦💦💦
💦💦💦💦💦💦💦