Dawaa Qalbii
7.15K subscribers
1.28K photos
22 videos
10 files
2.01K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
AMMEE:

KFO ibsa amma baase keessatti ammas irra deebi’ee:

- Waajjiraleen KFO humna mootummaatiin cufaman akka banaman,
- Miseensoti KFO akka hiikaman,
- Sagantaan filannoo amma dhihaate akka fooyya’u,
-Dirreen siyaasaa lammilee hundaaf mijataa tahe akka banamu,

cimsee gaafatee jira!
https://t.me/ferhanabdulselam
KFO'n filannoo ala ta'uu beeksise!

Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa barana gaggeeffamuuf karoorfame irratti akka hin hirmaanne murtoo irra gahuu beeksise. Murtoo kana kan dabarse koree hoji raawwachiistuu dhaabicha ta'uus eerameera.

Hogganaa waajjira KFO Obbo Xirunah Gamtaa DW'f akka himanitti, filannoon dura wantoota guuttamuu qaban (waajjiraalee akka deebi'anii banaman, miseensota KFO hidhaarra jiran akka gad lakkifaman) waan hin raawwatamneef filannicha irratti hirmaachuun bu'aa hin akka buusne dubbatan.

Guyyaan galmee hanga bor Guraandhala 25/2013 dheereeffamuus KFO'n hanga ammaatti kaadhimamaa tokkollee kan hin galmeessifne kanumaan walqabata jedhan, Obbo Xirunah.

👇👇
@Sammaan
#Derbetsion_Gebremikael

Dura-taa'aa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT/TPLF) Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'el dhaabbata oduu 'CNN' waliin gaaffii deebii gaggeessaniin ajjeechaa, humnaan gudeeddii fi hokkara Tigraay-Maariyaam Daangilaatti dhaqqabee irratti qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafatan.
@Sammaan
Forwarded from ️JBMAR️ (Sammaan Seman)
As wr wb
Oduu ammee
Barattootni kutaa 12ffaa qormaata biyyooleessaa fudhattan hundi keessanu guyyaa 25,06,2013 sa'aati 2:30 irratti wabii keessan fiddani akka mana barumsaatti argamtan.
Mana barumsa Diida'aa Godina Arsii magaalaa Roobee
Waldhageessisaa
@arsirobej
KFOn filannoo keessaa dhiibamee bahuu itti gaafatamaan waajjira KFO obbo Xurunaa Gamtaa beeksise.

“Wajjira olaanaa irraayyuu namoota filannoo kana qindeessuuf ramadaman shan keessaa namootni afur mana hidhaa jiru. Kanaaf afaan guttadhee kanan dubbachuu danda’u, filannoo kana keessaa dhiibamnee ba’uu keenya sabni keenyas, hawaasi addunyaas akka nu beeku ibsuun fedha. Miseensonni keenya aanaalee fi godinaalee adda addaa keessa jiran kan filannoo kana qindeessuu danda’an, kan taajjabdootallee filachuu danda’an mana hidhaa keessa jiru” jedhe. Maddi BBC
@Sammaan
Forwarded from Nuuralhudaa (Nuuralhudaa)
Guyyaan jum'aa guyyaa ulfaataa fadlii guddaa ttu Keessa jira

 

Rasuulli Rabbii (ﷺ) "namni guyyaa jum'aa warra ofii dhiqachiisee ofillee dhiqate kan jum'aatti ganamffate, kan khuxbaa jum'aa caqafate kan miilaan deemee jum'aa dhaqe yaabbiin maleetti kan imaamatti dhihaate ykn saffaa duraa taa’e, kan caldhise ykn kan hin haasofne, nama kanaaf tarkaanfii tokko kan inni tarkaanfate keessatti ajrii ykn mindaa namicha waggaa tokko soomee ibaadaan, halkan dhaabbate argatu tarkaanfii tokkoon keessatti argata " jedhan

 Yaa Rabbi nu milkeessi! 🤲

NUURALHUDAA

Soora Qalbii Muslimaa
Makinaan Darasoota fe’attee imaluu ture gargaluun lubbuun nama 5 dabre
Innaalillaah wa innaa ileeyhi raajiuun
@Sammaan
Salawaata Nabirratti Heddummeessi 💫💫💫💫💫💫💫💫💫
Sallaallaahu Aleeyhi Wasallam

Sallaallaahu Aleeyhi Wasallam

Sallaallaahu Aleeyhi Wasallam
Join godhi nutti makami
🌹 @Sammaan 🌹
👆👆👆👆👆👆👆👆
Rabbiin Zaalima nurraa haa kaasu nurraa haa qabu 💫💫💫
#Breaking_news!!

President USA Joe Biden Abiyyi Ahimed Alii hatattamaan Waraana Eertiraa fi Humni addaa Poolisii Naannoo Amaaraa Tigraay keessa akka baasuuf sa'a 72 qofa Abiyyi Ahimed Aliif kennaniiru..!! USA'n sa'a 72 booda gara Tarkaanfiitti seenuun waan hin hafne..!!

Isayyaasfi Abiyyi gidduutti yeroon lolli banamu amma.. 🙂

#itti_muddi...😊
#GuyoWariyo❗️

Gazeexesaa Guyyoo Waariyoo OMN'tti deebi'uuf murteesse.

Gazeexesaa Guyyoo Waariyoo turti baatii 10 booda; Sanbata dhufu Gurraandhala 27 bara 2013 eegalee gara OMN'tti akka deebi'uu beeksise.

Gaz. Guyyoo Waariyoo maaliif gara OMN'tti deebi'ee?
Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo hojii miidiyaa irraa soorama ba'uuf murteesseen ture, haata'uu malee yeroo murteessaa uummanni akka jabaa na barbaaduu kanatti ta'uu hin qabu jechuun midiyaatti deebi'uuf murteessuu ibseera.

Oromiyaa Midiyaa Netoork(OMN) dabalatee miidiyaalee afur(4) irraa waamichi godhamuufi kan hime Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo kan OMN jibbaachuu hin dandeenye jedheera.

@Alrisala1
@Sammaan
Ustaaz #Ahmaddiin jabal filannoo bara kanaa dorgomuufi!

Ustaz Ahmaddiin jabal filannoo Ethiopia bara 2013 irratti dhuunfaa isaaniitii Parlama (Bakka bu'oota ummata) tti makamuun dorgomuuf,

Dorgomichaafis mallattoowwan deeggartoota 2,500 sassabuun xumuraniiru jechuun #Harun median gabaaseera

Dabalataan ustaaz #Abubakaris dorgomuudhaaf qophaahuu ibsuun, Ustaz Abubakar dhuunfaa isaanii ta'uu fii paartii biraa bakka bu'anii akka dorgomuu hedan wanti adda bahe hin jiru jedha gabaasichi
👇👇👇
@Sammaan
◈Salaata jumu'aa dura woduu'a godhachuuf gara bootaa wuduu'a itti godhatanii yeroon dhufu Mucaa xiqqaa tokko kan bakka wuduu'aatii dhiqatun arge Mucaan hedduu bucuu/Xiqqaa waan ta'eef an in xabataa jiran se'e malee waan wuduu'a godhataa jiru hin seene

◈Ennan itti dhihaadhu mucaan sagalee ol fuudhee tokko lama sadii jedhee afaaniin lakkaa'ataa wuduu'a godhata ammanni wuduu'asaa fixatutti eegeetan ennanni wuduu'asaa fixatuu maashaa Allaah Wuduunkee Namatti tola bareechitee beettan jedheen

"Anaafimmaa wuduun laaftuudha wuduu'a godhachuu hin wollaalu bareecheen beeka"
Naan jedhe

◈Garuu wonni Narakkise ennan isinii wojjin salaatuuf salfii duraa qabadhu booddeetti Nadeebisu An ijoollee xiqqoo waanan ta'eef ati inxabatta naan jedhanii ofduuba nadhaabu an garuu akka hiriyoottankootii miti hin xabadhu salaatumaafin dhufa malee jedhee

◈Eega akkas ta'ee Abbaakee bira dhaabbadhukaan jedheen

◈"Lakki abbaankoo du'eera😭
Haadhakootii wojjinin dhufa isiin bakka dubartiitti salaatti animmoo bakka dhiiraattin salaatuuf dhufaa
👌Haatikoo Yoo abbaa keetiif du'aa'ii kadhattee yeroo hunda salaatakee tolchitee bareechitee salaatte abbaakeetii wojjin bakka bareedduutti wol argitu Jettee Nagorsiti naan jedhe

Jedhanii ustaazni tokko nuuf himan

Subhaanallaah

🤲Yaarabbi Nama ofiillee islaamummaa irratti jiraatee ilmaan ofiillee diinii irratti guddifatu nutaasisi
Yaa Allaah🤲
Hojii hiikuun dhiphachuu fi dhukkubootaaf nama saaxila; socho'anii hojjachuun ammoo gammachuu nama dhaalchisa.
@Sammaan
Qabeenyi kheenya guddaan salaata ; kanaafuu haa jabeeffannuu!

Rasuulli ﷺ akkana jedhan:- “Wanni gabrichi guyyaa qiyaamaa dura irraa gaafatamu Salaata isaati; yoo salaatni isaa guutuu taatee argamte guutuutu galmeeyfamaaf; yoo waa irraa hir'ate, mee salaata sunnaa tan fardii irraa irratte tana isaaf guuttu laalaafii jedhaniin; akkasitti dalagaaleen isaa haftes laalamtiif”

أَخْبَرَنَا أَبُو دَاوُدَ، قَالَ حَدَّثَنَا شُعَيْبٌ، - يَعْنِي ابْنَ زِيَادِ بْنِ مَيْمُونٍ - قَالَ كَتَبَ عَلِيُّ بْنُ الْمَدِينِيِّ عَنْهُ - أَخْبَرَنَا أَبُو الْعَوَّامِ، عَنْ قَتَادَةَ، عَنِ الْحَسَنِ، عَنْ أَبِي رَافِعٍ، عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ، أَنَّ النَّبِيَّ صلى الله عليه وسلم قَالَ ‏ "‏ إِنَّ أَوَّلَ مَا يُحَاسَبُ بِهِ الْعَبْدُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ صَلاَتُهُ فَإِنْ وُجِدَتْ تَامَّةً كُتِبَتْ تَامَّةً وَإِنْ كَانَ انْتَقَصَ مِنْهَا شَىْءٌ قَالَ انْظُرُوا هَلْ تَجِدُونَ لَهُ مِنْ تَطَوُّعٍ يُكَمِّلُ لَهُ مَا ضَيَّعَ مِنْ فَرِيضَةٍ مِنْ تَطَوُّعِهِ ثُمَّ سَائِرُ الأَعْمَالِ تَجْرِي عَلَى حَسَبِ ذَلِكَ ‏"‏ ‏.‏

Yaa Rabbi warra salaata tiyfatee guyyaa qiyaamaa guutuu taatee isa eegdurraa nu godhi!


Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
Har'a, HD-ABO J/Daawud Ibsaa, Hogganootni Waldaa Maccaafi Tuulamaa, Abbootin Amantaa fi Atileetotni Oromoo bebbeekamoon, Hospitaala Land Markitti argamuun hogganoota Siyaasaa laguu nyaata irra jiran( Obbo Baqqalaa Garbaa faa) lagannaa itti jiran dhiisanii, akka nyaata jalqaban dhiibbaa uumuf yaalanii jiru. Haa ta'u malee, Tikni mootummaa garee maanguddootaa kana sa'aa lamaa ol erga ala dhaabeen booda, seenanii dubbosuu akka hindandeenye itti hima. Garee manguddootaa kun hoteela naannoo sanatti argamutti marii godhanii dhaamsa hidhamtoota siyaasaa lagannaa nyaataa irra jiraniif dabarsanii jiru. Dhaamsa isaanitiinis, hogganootni kun lagannaa dhiisanii nyaata akka jalqaban maqaa Uummata Oromootin kadhatanii jiru. 👇👇👇👇👇
http://telegram.me/FaaizaaIliyaas
#HAYYA_ALAL_FALAAH

Guyyatti yeroo shan gara milkii koottaa jedhamnee waamamaa jirra. Nuti hoo deebisaa kennaa jirraa laata?

Nama waamicha isaa awwaatee masjidatti gugatu nu haa taasisu.

#HAYYA_ALAL_FALAAH

We are called to success five times a day. Are we giving back?

May God make us the one who berries his call and sells at the mosque
👇👇👇
t.me/waislaama1
t.me/Sammaan
As wr wb hordoftoota fi jaalatamtoota keenna rakkoo teeknikaa nu mudateef sagantaa torbee dabre isiniif hin dhiyeessine nu ofkalchaa isiniin jedhaa deebinee jirra inshaa Allaa
Qabeenyi kheenya guddaan salaata ; kanaafuu haa jabeeffannuu!

Rasuulli ﷺ akkana jedhan:- “Wanni gabrichi guyyaa qiyaamaa dura irraa gaafatamu Salaata isaati; yoo salaatni isaa guutuu taatee argamte guutuutu galmeeyfamaaf; yoo waa irraa hir'ate, mee salaata sunnaa tan fardii irraa irratte tana isaaf guuttu laalaafii jedhaniin; akkasitti dalagaaleen isaa haftes laalamtiif”

أَخْبَرَنَا أَبُو دَاوُدَ، قَالَ حَدَّثَنَا شُعَيْبٌ، - يَعْنِي ابْنَ زِيَادِ بْنِ مَيْمُونٍ - قَالَ كَتَبَ عَلِيُّ بْنُ الْمَدِينِيِّ عَنْهُ - أَخْبَرَنَا أَبُو الْعَوَّامِ، عَنْ قَتَادَةَ، عَنِ الْحَسَنِ، عَنْ أَبِي رَافِعٍ، عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ، أَنَّ النَّبِيَّ صلى الله عليه وسلم قَالَ ‏ "‏ إِنَّ أَوَّلَ مَا يُحَاسَبُ بِهِ الْعَبْدُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ صَلاَتُهُ فَإِنْ وُجِدَتْ تَامَّةً كُتِبَتْ تَامَّةً وَإِنْ كَانَ انْتَقَصَ مِنْهَا شَىْءٌ قَالَ انْظُرُوا هَلْ تَجِدُونَ لَهُ مِنْ تَطَوُّعٍ يُكَمِّلُ لَهُ مَا ضَيَّعَ مِنْ فَرِيضَةٍ مِنْ تَطَوُّعِهِ ثُمَّ سَائِرُ الأَعْمَالِ تَجْرِي عَلَى حَسَبِ ذَلِكَ ‏"‏ ‏.‏

Yaa Rabbi warra salaata tiyfatee guyyaa qiyaamaa guutuu taatee isa eegdurraa nu godhi!

Share godha👇👇

@ https://t.me/Sammaan