Dawaa Qalbii
8.9K subscribers
2.18K photos
37 videos
42 files
2.91K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
🔶 #إذا_رأى_أحدكم_رؤيا .. ماذا يفعل ؟
🌊Namni yoo manaama/abjuu arge maal gochuu qaba?

🍃🌸🍃 🌹🍃🌸🍃

▫️عن أبي سعيدٍ الخُدرِيِّ - رضي الله عنه، قال:
🔄 abbaa sa'idal kidriyyii irra odeffamee, rabbii isarraa haa jaalatuu, jedhe

📝 #قال_النبي ﷺ:

📖 Nabbiyyiin jedhan (SAW)

" إِذَا رَأَى أَحَدُكُمْ رُؤْيَا يُحِبُّهَا، فَإِنَّمَا هِيَ مِنَ اللَّهِ، فَلْيَحْمَدِ اللَّهَ عَلَيْهَا، وَلْيُحَدِّثْ بِهَا،

✏️ Tokkoon keessan yoo arge manaama/abjuu jaalatu, manaamni/abjuun suni rabbi irrayyi, rabbii isaa haa galatoomfatu, manaamicha/abjuu sanas waan argeef, namattillee haa himu.

وَإِذَا رَأَى غَيْرَ ذَلِكَ مِمَّا يَكْرَهُ، فَإِنَّمَا هِيَ مِنَ الشَّيْطَانِ، فَلْيَسْتَعِذْ مِنْ شَرِّهَا، وَلَا يَذْكُرْهَا لِأَحَدٍ ؛ فَإِنَّهَا لَا تَضُرُّهُ "
❗️Yoo kan arge ta'e waan kanaan alaa waan jibbu irraa, manaamichi sheeyxaana irraayyi,Rabbitti haa maganfatu sharrii waan argee irraa, akka nama tokkottillee hin himne,manaamichis isa hin miidhu.

📕 صحيح البخاري (6985)
Forwarded from KENNAA (Abdii Biyyaa)
Abii Hureyraa Irraa Odeeffame Rabbii Irra Haa Jaalatu
Ergamaan Rabbi ﷺ Akkana Jedhan:
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
ﻣَﻦْ ﻧَﻔَّﺲَ ﻋَﻦْ ﻣُﺆْﻣِﻦٍ ﻛُﺮْﺑﺔً ﻣِﻦْ ﻛُﺮَﺏِ ﺍﻟﺪُّﻧْﻴﺎ ﻧَﻔَّﺲَ ﺍﻟﻠﻪ ﻋَﻨْﻪُ ﻛُﺮْﺑَﺔً ﻣِﻦْ ﻛُﺮَﺏِ ﻳﻮْﻡِ
ﺍﻟﻘِﻴﺎﻣَﺔِ
Namni Mu'amina Irra Cinqii Adunyaa Takka Dhaamsee Rabbiin
Cinqii Guyyaa Qiyaama Isaa Irraa Deemsisaa Takka Isaa Irra
Fura
ﻭﺍﻟﻠﻪ ﻓﻲ ﻋَﻮْﻥِ ﺍﻟﻌَﺒْﺪِ ﻣﺎ ﻛﺎﻥَ ﺍﻟﻌَﺒْﺪُ ﻓﻲ ﻋَﻮْﻥ ﺃَﺧﻴﻪِ
Rabbiin Gabricha Isaa Gargaaruu Hin Dhiisuu Waan Gabrichii
Isaa Dalagaa Obbolleessa Isaa Gargaaruu Keessaa Jiruun.
ﻭَﻣَﻦْ ﺳَﺘَﺮَ ﻣُﺴْﻠِﻤﺎً ﺳَﺘَﺮَﻩُ ﺍﻟﻠﻪ ﻓﻲ ﺍﻟﺪُّﻧْﻴﺎ ﻭﺍﻵﺧِﺮَﺓِ
Namni Addunyaa Tana Irraati Kafanaa Muslimaati Qabee Yoo
Daare Uwwisee yooka Qaanii/ Ayebii Isaa dhuksee Rabbii
Addunya fi Akerati Isaa Sattara
ﻭَﻣَﻦْ ﺳَﻠَﻚَ ﻃَﺮِﻳﻘﺎ ﻳﻠْﺘَﻤِﺲُ ﻓِﻴﻪِ ﻋِﻠْﻤﺎ ﺳَﻬَّﻞَ ﺍﻟﻠﻪ ﻟَﻪُ ﺑِﻪِ ﻃَﺮِﻳﻘﺎً ﺇﻟﻰ ﺍﻟﺠِﻨَّﺔِ
Namni Beekumsa Haqaa Tokko Barbaaduuf Karra Tokko
Seene Rabbiin Sababa Sanaan Karra Jannataa Isaaf Laaffisa
ﻭﺍﻟﻠﻪ ﻓﻲ ﻋﻮﻥ ﺍﻟﻌﺒﺪ ﻣﺎ ﻛﺎﻥ ﺍﻟﻌﺒﺪ ﻓﻲ ﻋﻮﻥ ﺃﺧﻴﻪ
Rabbiin Gabrichaa Isaa Ni Gargaara Waan Inni
Obboleessa Isaa Gargaareen.
{{ Muslimtu odeesse ﺭﻭﺍﻩ ﻣﺴﻠﻢ }}

Yaa Rabbii Muslimaa Hundaa Bakka Jiruuti Rahamata Godhiif
Dhibee hama Adunyaa yaada keessaa galache jiru kanasi nurraa fudhii yaa Allah
Ati Rahamata Godhaa dhaa

Amiiiiiiin yaa Rabbi

share Join jechun hin dagaatin
@Kennaapost
@Kennaapost

https://t.me/Kennaapost
Forwarded from Kena
🌹 Chaanaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabannee dhiyaannee jirra.
Maarree isinis join godhaa !!
Warreen chaanaalii beeksifachuu barbaaddan immoo @islamicpr qunnamaa!!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Breaking👇👇👇
Odeeffannoo march 7,2020
Dhagayaa waldhageessisaa March 15,2020 guyyaa alhadaa ulamaa'a qubsiisuudhaaf qophiin taasifamaa jira maarre nutis gammachuu kana waliin haa qoodannu sagantaa kana irratti ulamaa'ota bebekkamoo fi ustaazonni hedduunis ni argamu jedhamee eeggama. Bal'ina odeeffannoo kana yeroo itti aanutti isiniin geennaimalli keessan @dawaqalbii waliin haa ta'u
Forwarded from KENNAA (Abdii Biyyaa)
Yeroon yeroo Rabbitti iyyinudha!!
🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲

Balaan zaalimtootaaf darbatame warra nagaas balleessuun hafa hin qabu.
Dhibeen vaayrasii koroonaa erga chaayinaa irraa burqee booda biyyoota addunyaa hedduu irra faffaca'aa jira.
Sababa dhukkuba kanaa abbaa fi imaan wal dubbisuun hafaa jira.
Waltajjiin muslimoota addunyaa #Makkaan kabajamtuun manni Rabbii tan yeroo kaan lafti nama wal hin geenye kunoo haala kanaan qullaa taatee jirti!
🤲Yaa obboloota koo furmaanni waan hundaa harka Rabbii jira. Fitnaa nurra gahaa jiruuf sababni dilii nuti hojjennu waan ta'eef gama Rabbii deebinee karaatti haa jabaannuu!!
🤲Yaa Rabbii nu qajeelchii nuuf qajeelchi🤲
@Kennaapost @Kennaapost
Breaking👇👇👇
Odeeffannoo march 7,2020
Dhagayaa waldhageessisaa March 15,2020 guyyaa alhadaa ulamaa'a qubsiisuudhaaf qophiin taasifamaa jira maarre nutis gammachuu kana waliin haa qoodannu sagantaa kana irratti ulamaa'ota bebekkamoo fi ustaazonni hedduunis ni argamu jedhamee eeggama. Bal'ina odeeffannoo kana yeroo itti aanutti isiniin biraan geenna inshaa Allaa
Iddoon Arsii Bahaa Roobee diidaa'aa ykn Arsii Roobeeti
Dawaa Qalbii
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu.
https://t.me/Sammaan
Forwarded from KENNAA (Abdii Biyyaa) via @like
@Naw???:
Eessa laata kankoo
Qubsumni koo borii
Yeroon qophaa ciisu
Dukkanatti qabrii
Gaafa na dhiisee galu
Maatiin ollaan firri
Maaltu na qunnama
Kayiriidha-moo Sheerrii


Eessa laata kankoo
Gaafan awwaalamu
Guyyaa gaafa qabriitti
Gaaffii gaafatamu
Nakiirifi munkar
Nabira dhaabmu
Deebiin koo maaltaati
Maalan deebisammoo!

Maaltaati carraankoo
Guyyattii qiyaamaa
Islaamummaa irratti moo
Kufriinin kaafama
Yaarabbi yaa allah
Yaa mootii aalamaa
Du'a keenya taasisi
Nuhiidhaa muslimaa
Namni arra du'e
Ta'ee muslimaa
Boru gammachuudhaan
Jennata kee deemaa
Yoo kufriidhaan due
Manni isaa jahannamaa
Namni jahannam dhaqe
salphate dhugumaan
Boowwaa jahannamatti
Qabamee darbama
Dhagaaf Ilma namaan
Ibddi qabsiifama
Hin du'u hindulloomu
Zalaalam gubama
Ibidda hin dhaamneen
Qaamni isaa waadama
Hin yaadatamu laamuu
Achitti dagama
Kan achitti wal-gae
Kaafiraaf zaalimaa
Jaazaan kaafirootaa
Kanaan mindeeffama
Rabbiin nuun haajedhu
Anaaf siniin salaamaa
Abshiraa hin gaddinaa
Keessaan gammachuma
Manni keessan Jennata
Nagaan achi deemaa
Gammachuun jiraadhaa
Qaniis dhamdhamaa
Yaa abbaa rahmataa
Abdiin keenya suma
Kayirii tokko hin qabnu
Keenya du'aaii dhuma
Arjummaa keetu caala
Nu maari yaa rahmaan
Ati nurraa dhiqii
Badii keenya hundumaa
T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (Abdii Biyyaa)
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Rakkoon dargaggoota hedduu salaata subhii dhoorku sheeyxaana kana of irraa dadhabuudha.
Furmaanni immoo as jira, daa'wwadhaa hiriyyoota keessaniif share godhaa!!
@Kennaapost
@Kennaapost
Forwarded from Kena
🌹 Chaanaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabannee dhiyaannee jirra.
Maarree isinis join godhaa !!
Warreen chaanaalii beeksifachuu barbaaddan immoo @islamicpr qunnamaa!!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Forwarded from ️JBMAR
Raajii Nabi Muhammad (SAW) kan yeroo ammaa addunyaan
guutuu hojiirra oolchaa jirtu.
@Gaaddisa_dhugaa

Nabi Muhammad (SAW) waggaa 1400 dura akka jedhanitti
"Dhibeen daddarbaa yeroo mul'atu biyya dhibeen daddarbaa sun
itti eegale keessa kan jiraattan yoo ta'e gara biyya biraatti hin
imalinaa, biyya dhibeen kun keessatti mul'ateen ala yoo jiraattan
immoo gara biyya dhibeen sun itti mul'atetti hin imalinaa
Nabi Muhammad (SAW) dubbii tokko ofirraa hin dubbatan hanga
Rabbiin isaan beeksisutti.

Share gochuun gorsa nabi muhammad (SAW) woliif dabarsaa Dawaa Qalbii
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu.
https://t.me/Sammaan
Forwarded from Kena
🌹 Chaanaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabannee dhiyaannee jirra.
Maarree isinis join godhaa !!
Warreen chaanaalii beeksifachuu barbaaddan immoo @islamicpr qunnamaa!!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Alhamdulillaah Rabbii fayyaa nuuf kenne
Forwarded from KENNAA (Abdii Biyyaa)
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Abbootii Chaanaalii hundaaf!!!!!!!!!!!!!!!!🌹
by Abdulaziz Ahmeddiin
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡

Kabajamtoota obboloota islaamaa kanneen Rabbiin isiniif laaffisee chaanaalii fi garee(group) bantanii dhimma amantii islaamummaatiin ummata tajaajilaa jirtan.

Hunda dura, Yeroo, beekumsa, baasii,.....keessan wareegdanii hawaasa islaamaa tajaajilaa jiraachuu keessaniif #Jazaakumu_Allaahu_Kheeyran!!!
Rabbiin keenya ol aanaan hojii xixiqqoo nuti hojjennu kana nuuf qeebalee bor ittiin nu haa mindeessu!!!

Taajjabbii chaanaalota fi Giruuphotaa
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1, 👉Rakkoo bulchitoota ykn too'attootaa
(Administrators problem)
Namoonni nuti aangoo admn kenninuuf hedduun isaanii yeroo abbootiin chaanaalii ykn group online hin jirretti fi otuma jarri beekanuus wantoota dhimma amantiiti islaamaatiin wal faallessan gad-dhiisuu.
Kun immoo chaanaalii ykn garee keenya qofaa osoo hin taane amantii keenyas ni miidha. Ajrii barbaanna osoo jennuu dilii gurguddoo keessa seenuu dandeenya.
2, 👉Promotion sobaa (Beeksisa sobaa )
Namoonni nuti promotion itti heyyamneefis akkasumas hedduun keenyas miseensota baay'ifachuuf Jennee maqaa namoota bebbeekamoo , maqaa wantoota nama harkisanii fayyadamuun yeroo itti promotion hojjennutu jira. Kun immoo jaalannus jibbinus gowwoomsuudha. Namni nama gowwoomsu immoo nurraahii miti jedhan ergamaan Rabbii (s a w). Yeroo hedduu dhimma ergaa qulqulluu fi haqaa dabarsinee hawaasa tajaajiluu caalaa miseensa baayifachuufii beekamuuf carraaquun ni muldhata. Kun immoo kaayyoo garee ykn chaanaalii hundeessineef nu jalaa miidhee Rabbiin biraahis harka qullaa nu galcha.
3, 👉Promotion warra islaama hin ta'in wajjiin hojjechuu!!
Namoonni promotion nuuf hojjetan namoota muslima hin taane ta'uu danda'u. Isaan immoo chaanaalota fi garee hedduu kanneen ergaan isaanii islaamummaa faalleessu irratti hojjetu. Sababa kanaaf immoo miseensonni keenyas linkii chaanaalii keenya irratti gad dhiifamu hordofuun miseensa garee sanaa tahu. Kanaafis itti gaafatamuu dandeenya.
4,👉 Ergaawwan qulqulluu hin taane fi hadiisota da'iifa, akkasumas seenaawwan maddi isaanii hin beekamne raabsuu!!

🌹Furmaata 🌹
1,🤜Namoonni nuti admn kenninuuf namoota amantii isaaniitti jaboo tahan qofa ta'uu qaba. Namoota wantoota hin taane akeekkachiisa kennaafii didnaan baasuu!!
2, 🤜Islaamummaan dhugaa fi haqa qofa barbaada. Xiyyeeffannoon keenya miseensa baayifachuu caalaa miseensota qabnu haqaa fi dhugaan tajaajillee ajrii argachuuf ta'uu qaba. Promotion irratti maqaa chaanaalii ykn garee keenyaa, ykn maqaa wantoota barsiifnuutti fayyadamuutu filatamaadha.
3, 🤜 Promotion ismaamaa qofa wajjiin hojjechuu. Wantoota islaamummaa faalleessan akka garee ykn chaanaalii keenya gubbatti hin ergamne dhoorkuu. Yoo tasa gad dhiifames dafnee barreessuu.
👉Hamma dandeenyeen walii wajjiin gamtoomaan promotion hojjechuutu fala.
Ofiif wal tuffachuun warra faallaa keenyaa wajjiin hojjechuun aad-maleedha.
4, 🤜Ergaawwan hawaasaaf dabarsinu hunda jalqaba sirritti dhugummaa isii qorachuu, keessumaa hadiisa taanaan (sahiiha tahuu isaa maxxansuu), siiraawwan hadiisa fakkaatan kan maddii fi barri isaa hin beekamne hadiisatti fakkeessuu dhiisuu!!
Yoo ummata barsiisa tahe, madda isaa ibsuu fi ykn jalqabuma irratti wantichi akka hadiisa hin taane ibsuu!!

Kabajamtootaa obboloota koo
Yaadota kanneen taajjabbii dhunfaa fi yaada obboloonni hedduun nabiraan gahan irraa ka'een barreesse!!
Yoon dogoggore nabsiyyaa fi sheeyxaanaa irraahi, yoon haqa qunname Rabbii tokkicha irraahi. Ergaa kana waliif dabarsaa!. Yaada fi qeeqa keessan na biraan gahaa!!

Rabbiin warra isaaf jecha karaa inni jedhuun hojjetee isarraa mindaa argatu nu haa taasisu!!
@Kennaapost
T.me/Kennaapost
🅰s wr wb
Kabajamtoota jaalatamtoota hordoftoota keenna kabajaa fi jaalala isiniif qabnu isiniif ibsaa inshaa Allaah hanga beeknu karaa 'technology' kana fayyadamuun wantoota barnoota irraa arganna jennee yaannu isin biraan geenna inshaa Allaah fedha rabbiitiin isin immoo channaali kana hiriyyoota keessaniif eerga irraa akka fayyadaman barsiisaa hawaasa keenna waan dandeennun tajaajiluuuf qophiidha.
Dawaa Qalbii
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu.
https://t.me/Sammaan
Forwarded from KENNAA (Abdii Biyyaa)
🍒AZIIZAA
Seenaa Jireenyaa Ajaa'ibaa
#Kutaa_1ffaa
Barreessaan
Abdulaziz Ahmeddiin

Maqaan koo Aziizaa Ahmed jedhama. Dhalattuu godina shawaa bahaa magaalaa Adaamaati. Abbaan koo Ahmed sa'id jedhama. Kan dhalatee guddate harargee lixaa magaalaa Hirnaatti. Barnoota hamma kutaa saddeetiitti baratee gidduun gargarar kutee hojii daldalaa hojjechuuf gara magaalaa Adaamaa dhufe. Harmeen too Asiyaa Waaqoo jedhamti. Isiin immoo kan dhalatte godina Arsii aanaa gololchaatti. Ummaan too barnoota hamma shanittii baratte. Sababa maatiin isii si heerumsiifna jedhaniiniif jecha barnoota ishiitis dhiiftee baduun gara magaalaa Adaamaa dhufte. Egaa hireen ganama Rabbiin waliif qoode haala kanaan waliin isaan barbaaddee Adaamatti walitti isaan fidde. Yeroo wal fuudhanitti qabeenyis hin jiru. Garuu jireenyi kophummaa magaalattii jaratti ulfaannaan walitti dabalamanii jireenya moo'achuuf akka wal fuudhan nuuf himu. Baayyee nama dhiba, Nuti kan beeknu bultii ijaarrachuuf jalqaba qabeenyatu barbaachisa, qabeenya guddaas ta'uu baatu garuu waan ittiin jireenya jalqaban qabaachuu murteessaadha. Kan maatii kootii garuu faallaa kanaati. Abbaan koo daldalaaf jedhee barnoota dhiisee Adaamaa dhufus garuu hojiin isaa kontrobandii waan tureef qabeenya isaa guutuu kan silaa isaa fi biyyaafiyyuu gahu murtee Rabbii tahee otuu inni makiinaa ISUZU kanaan uffata fe'ee halkan Dirre dhawaa irraa gara adaamaa dhufaa jiruu guyyaadhuma tokkotti jalaa gubaanii barbadeessan. Kana booda jireenya seera-malee kanatti deebi'uu hin barbaanne waan ta'eef hojii guyyaa hojjetee jiraachuun jireenya bifa haaratti jalqabe, harmeen immoo ofiifuu magaalattii erga dhuftee haboo(obboleettii haadhaa) bira dhufte malee nama biraa hin beektu. Isii wajjiinis waan waliif hin galiniif hojii humnaa hojjechuuf murteeffatte. Achitti kan abbaa kiyya wajjiin wal baran. Jireenya kophaa kophaa itti ulfaate moo'achuuf waan guyyaa dafqa dhangalaasanii argatan walitti fidatanii barakeeffatanii nyaachuuf , achumaan wal kaadhimatanii , bultii ijaarratan. Yeroo isin jalaa hin fixuufan gabaabse malee seenaan isaaniituu kitaaba numa taha. Amma Alhamdulillaah jireenya bareedaa jiraachaa jiru. Hirkannoon isaan Rabbii isaanii irraa qaban gahaa waan tureef Rabbiinis haala mijeesseefii harra kunoo mana Jireenyaa mataa isaanii, konkolaataa manaa, .... Alhamdulillah, jireenya giddu-galeessaa jiraatu. Namni wal jaalatee hiyyummaa walii ilaaluun wal irraa fagaata. Isaan garuu harka qullaa walitti dhufanii waliin daraaranii as gahanii jiru. Hiddi Afran Qalloo fi Sikkoo fi Mando giddutti lafa warra Tuulamaa shawaa irratti qabate lalisee ana dabalatee durba sadii fi dhiira shan walumattuu saddeet tahanii jiru.
Maryam hangafa teenya, harmee teenya gargaaraa nu guddifte. Iftuun immoo quxusuu teenya. An maatii kootiif sadaffaadha. Dhiira keessaa Abdii qofatu na duursa. Afran isaanii na duubaan dhalatan. An qaamaan dheertuus ta'uu baadhu giddu-galeeytiidha, bifaanis diimtuudha. Abbaa kiyyattin bahe, Saaliyaan immoo qaamaan wal fakkaanna, garuu bifti isii magaala ,isaan haadha teenya fakkaatti. Obboloonni dhiiraatis biftii fi hojjaanis garagara. An yeroo hedduu ifa haasa'uun fedha. Waaniin yaade dubbachuutu natti tola. Dhoksaa waan jedhamu hin beeku. Ummaa tiyya wajjiin yeroo hedduu waliif hin gallu. Isiin waan hunda hin dubbatan jettee na gorsiti.
An immoo iftoomina jaaladha. Abbaan keenya waan mana keessatti hojjetamaa jiru hubachuuf galgala galgala ana irraa report fudhata.......
#Kutaan_2ffaan itti fufa...
Yaadaaf@AbdiiBiyyaa
@Kennaapost
T.me/Kennaapost
والله يدعوا الي دار السلام ويهدي من يشاء الي صراط مستقيم. ☝️☝️☝️ 🅰s wr wb
Kabajamtoota jaalatamtoota hordoftoota keenna kabajaa fi jaalala isiniif qabnu isiniif ibsaa inshaa Allaah hanga beeknu karaa 'technology' kana fayyadamuun wantoota barnoota irraa arganna jennee yaannu isin biraan geenna inshaa Allaah fedha rabbiitiin isin immoo channaali kana hiriyyoota keessaniif eerga irraa akka fayyadaman barsiisaa hawaasa keenna waan dandeennun tajaajiluuuf qophiidha.
Dawaa Qalbii
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu.
https://t.me/Sammaan
Forwarded from Kena
🌹 Chaanaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabannee dhiyaannee jirra.
Maarree isinis join godhaa !!
Warreen chaanaalii beeksifachuu barbaaddan immoo @islamicpr qunnamaa!!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Forwarded from KENNAA (Abdii Biyyaa) via @like
‼️‼️ATTENTION‼️‼️

!!!KOROONAA VAAYRAS!!!
■■■■■■■■■■■■

Dhukkubni koroonaa vaayrasii fiinfinnee keessatti ergamee jira. Hima didduun du'a hin diddu akkuma jedhamu, hanguma daangaan Rabbii guyyaa guyyaan cabuun hammaatutti Rabbiinis fitnaa isaa nutti jabeessa!
وَمَا تاَؑتِیهِم مِن ءَایَةٍ مِن ءَایَٰتِ رَبِّهِم اِلاَّ کاَنُو عَنھَا مُعرِضِینَ (الانعام ٤)

Mallattooleen yeroo ammaa addunyaa keessatti ergamaa jiran, hedduun isaa dallansuu Rabbiiti. Kana jechuun balleessaa harka fi qaamota keenyaan hojjennuun balaa ofiitti buusaa jirra jechuudha.
ظَهَرَ الفَسَادٗ فِی اَلبَرِّ وَالبَحرِ بِماَ کَسَبَت اَیدِی اانَّاس(ارّؐوم ٤١)

"Badiin lafa irraa fi garboota keessas heddummaattee(faffacaatee) jirti, Waanuma harki namaa hojjetteen " (suuratu Arruum 41)

Balaan jalaa tokkoof manaa baate qaceelaas balleessuu malti. Sababni isaa yeroo jallaan namaa waa balleessu inni silaa beekaadha jedhamus irraa dhoorkuu irra callisa waan filatuuf!!

Furmaanni
👇👇👇👇👇

1, Bakka jirruu dogoggoroota hanga ammaa hojjenneef onnee irraa gaabbinee gama Rabbii keenyaa haa deebinuu!!!
Rabbiin keenya araaramaa waan ta'eef araarama haa kadhannuu!!

2, Kophaattis ta'ee jama'aadhaan, yeroo fi bakka kamittuu kadhaa Rabbii (du'aa'ii) haa jabeessinuu. Furtuun waan hundaa harka Rabbii jira, balaas kan fide isa waan ta'eef isumatti haa imimmaan dhangalaafnuu!!

3, Ofii keenyaafis ta'u maatiin, hiriyyoonni keenyas akka wantoota haraam ta'an irraa of eegnuu fi eegsifnu!!

●wal jibbaa , hamii, ..........hunda irraa fagaachuu!!

👉Wanti fagoo jiru hundi dhiyoo jira, Jan kaleessa kuunnoo jennee chaayinaatti quba ergaa turre kunoo dhufee nu biras gahee jira, wanti fagootti arginee barnoota nuuf hin ta'in rakkisaadha waan ta'eef akka waan ofii qabamnee jirruutti ilaallee ofiifi obboloota addunyaa irra jiran maraaf du'aa'ii haa goonuu!!!!

4, Wantoota dhukkubicha daddabarsuu danda'u jedhaman irraa of eeggachaa wantoota furmaata jedhaman fkn
●Yeroo yeroon harka keenya saamunaan dhiqachuu
●Nyaata keenya sirritti bilcheessuun nyaachuu
●Mallattooleen akka qufaa , ho'i qaamaa, bowwuu, haxxishoo,.....yoo nurratti argaman hatattamaan mana yaalaa deemuu ykn lakkoofsa bilbilaa tolaa (8335) bilbiluu.
●Yeroo qufaanu akka namatti hin darbineefii nuttis hin darbineef afaanii fi funyaan keenya haguuggachuu!!
●Qulqullina keenya eeggachuu, harkaan nagaa wal gaafachuu xiqqeeysuu,


Hundaa ol hundaa ol
👇👇👇👇👇👇👇👇
ادُعاَءُ صِلاَحُ المُسلِم
Meeshaan waraanaa guddichi kadhaa Rabbiiti.

اِنّ اللَّه لایُغَیِّرُ ماَبِقُومٍ حَتَّی یُغَیِّرُو ماَبِ اَنفُسِهِم
●Ustaazonni, Aalimman, daa'iiwwan sheekkan, darasoonni qaamman hawaasaa marti keenyayyuu masjidootatti, Lafa jama'aa hundatti du'aa'ii, kadhaa haa jabeessinuu!!
Rabbiin ummata irraa waan tokko hin jijjiirru hamma isaan ofiif lubbuu isaaniitiif jedhanii of jijjiiran malee"

Maarree hundi keenyayyuu haraama irraa of eeggannee ajaja Rabbii guutuuf tattaafannee of haa jijjiirruu, Rabbiinis akkuma waadaa nuuf galee jirutti yeroo dhiyootti hamtuu nurraa jijjiira.

🤲😭Yaa Rabbii keenya, haala keenya ilaaltee dallansuu keetiin nu hin halaakinii gama keetti nu deebisi, balaa kanas nurraa deebisi 😭😭🤲🤲

Yaa Rabbii keenya simalee malaa fi tooftaa hin qabnuu nuuf birmadhu🤲🤲🤲🤲

@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (Abdii Biyyaa)
🍒AZIIZAA
Seenaa Jireenyaa ajaa'ibaa
#Kutaa_3ffaa
Barreessaan
Abdulaziz Ahmeddiin

Caaltuun immoo Haadhaa fi abbaa hin qabdu. Adaadaa(obboleettii abbaa) bira teeysee baratti. Caaltuun bifaan hunda keenya caalaa bareeddi. Uffatas gurdii fi shamizii uffatti, mataattis waanuma xiqqoo marattee deemti. Yeroo hedduu of babbareechuu jaalatti. Yeroo hedduu dhiirotattis ni dhiyaatti. Sa'aadaanis hin gorsitu. Yeroo hunda ana gorsuu malee isinitti hin dubbattu. Kutaa 7ffaa walakkeessinee jirra. Seemisteerri dhumatuuf qormaata faayinaalii(xumura semisteeraa) qoramnee qabxiinis nuuf himame. Abdiin qabxii hedduun na caalee 1ffaa bahe. An immoo sadaffaan bahe. Baayyeen aare, hinaaffaanis natti dhagahame. Sa'aadaan baayyee hin qu'attu garuu daftee hubatti. Caaltuun tasuma waan qu'annaa jedhamu dhagahuu hin feetu. Jara wajjiin tahuun koo na miidhee jira. Abdiin garuu anarraa fagaatee Jamaal wajjiin qu'annaa isaa jabeeyfachaa jira. Qabxiin inni semisteeraa kanatti galmeesse qabxii olaanaadha. An qabxii isaatti hinaafus inni gad bu'uu qabxii kootti baayyee aare, naan lolee, anis tole jedheen semisteeraa itti aanutti akkan isayyuu caalu qabu of keessatti guungumaa biraa deeme. Harra guyyaa gargar bahinsaati. Manni barumsaa keenya torban lamaaf boqonnaa nuuf kennee jira. Nutis walitti nagaa dhaammannee gargar bahuufi. Abdiinis ijoollee hundatti nagaa dhaammachaa jira. Anis warra fuulaan wal beeknu hundaan Nagaatti jechaan gara balbalaa qajeelle. Fuulduruma balbalaa irratti Caaltuu fi Sa'aadaati nagaa dhaammadhe. Sa'aadaan baayyee gadditee jirti. Hamma kana hiriyyummaan keenya waan cimeyyuu hin seenen ture.
Caaltuunis kokkolfaatuma nagaatti naan jettee "hoodhu hanga walitti deebinutti xalayaa tana qu'adhu, yaadannoo kooti" naan jettee xalayaa takka natti kennite.
Sa'aadaan takkumaan fuulli ishii jijjiirame.
Anis lamaan isaaniittuu nagaa dhaammadheen geggeessee abdii eeguu jalqabe. Abdiin fageenya irraa dhufaa jira. Gidduun sagaleen wayii dhuba kiyyaa "Azu nagaatti boqonnaa gaarii" jettu dhagahe. Rifadheen dhaabbadhe, sagalee dhiiraati. Azu namni naan jedhu abdii fi aabboo malee hin jiru. suuta jedheen of irra garagalee ilaale fuula isaa achi garagalchee jira, hin muldhatu. Garuu duubaa yeroon ija sodaatiin ilaalu haaraa miti. Shamizii tuuttaa uffatee jiruun of haguugee jira. Waan tokkoyyuu hin deebifneef Abdiin waan dhufeef innis dafee miila fuudhaa deeme, xiqqoo nurraa fagaachuuf fiiguu jalqabe ,
Anaafi abdiinis wal qabannee gara manaa qajeellle. Gad bu'uu qabxii kootti aaraan mana gahe. Dabtaroota kiyyas torbee tokkoof hin ilaalle, sagantaa qaraatii haaraa baasnee kitaaba buluughaa qara'uu jalqabne. Torbee booda xalayaa Caaltuun natti kennite yaadadhee fuudhee ilaale.
#Kutaan_4ffaan itti fufa.
@Kennaapost
@Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from Kena
🌹 Chaanaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabannee dhiyaannee jirra.
Maarree isinis join godhaa !!
Warreen chaanaalii beeksifachuu barbaaddan immoo @islamicpr qunnamaa!!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏