Sagantaa Keenya idilee isiniif ibsaa akka hordoftan isiniin jedha sagantaan keenya torbanitti guyyaa Afur (4) 1.guyyaa wiixata:-Gorsa hadiisa Rasuulaa SAW irraa. 2 . guyyaa Roobii:-sagantaa booharsituu darbee darbee. 3 . Guyyaa Kamisaa:-gaafi fi deebii . 4 . Guyyaa Sambata:-Siiraa ykn Seenaa. Sagantaan kana fakkaata yoo as irratti yaada fi deeggarsa kan gootan ta'e anis fedhiin kiyya nama waliin taanee diin keenyaf hanguma dandeennen qarqaaru dha waan taheef wal haa gargaarru.
Deeggarsa yoo jedhu waan beektaniin jechuu barbaadeti. barbaadeti 0938113352.lakk.kanaan dogongora jirus akka ibsitan kabajaan isin gaafanna.
السلام عليكم ورحمت الله وبركاته. وعن عبدالله بن عمرو بن العاص رضي الله عنهما ان رجلا سءل رسول الله صل الله عليه وسلم اي المسلم خطر?قال"تطعم الطعام وتقرء السلام علي من عرفت ومن لم تعرف"متفق عليه. Abdallaah Ibnj
Hiikaan Abdallaah ibnu Amrii ibnul Aas R.A. akka odeessetti namichi tokko gaafate Ergamaa Rabbii S.A.W.Kamii muslimaatu caaladha? Jedhaniin:-"kan nama nyaachise,akkasumas Nama beektu fi hin beekne irrattis Salaama qara'uudha Jedhan.Irratti walii galan ulamaa'in .
Tana quba qabduu akka seera maaleezyiyaatti namni hancufa kararratti tufe yuuroo 20 (birrii Itiyoophiyaa 800) adabama.
As wr wb guyyaa har'aa sagantaa gaafif deebiti hara'aaf gaafii muraasa isiniif dhiyeessa hirmaadha. 1.Enyutu si uume? 2.Nabiyyiin kee eennu? 3.Amantiin kee maali? Kaayyon keenya walbarsiisuufi walyaadachiisudha. Yeroo deebin itti xumuramu jum'aa dura.
Deebii 1.Rabbi SW 2.Nabi muhammad S.A.W 3.Amantii Islaamati. Galatoomaa hundi keessanuu kan irratti hirmaattaniifi dubbistanis.Sagantaa kana irratti gaaffii guutuu kan deebistan har'aaf du'aa'iin badhaasa. Muussaa Muhammad fi Obsinaan Amaan
Chaanalaa kana join godhaa irraa fayyadamaa.Waliif sheer godhaa 🌙🌙🌙🌙🌟👍👍
Seenaa Abuu Bakri Assiddiiq R.A gabaabsinee laallaa dubbisaa irraa fayyadamaa. Jaahilummaa keessatti Abuu Bakri R.A nama kabajamaa,sooressa jaalatamaa gama namaatti dalagaa fi haala gaarummaatin,kamriis hin dhugne takkaa taabotaafis mataa ofii gadii hin qabne ture. Inshaa Allaah Torbaan Islaamummaa keessatti akkam akka turan waliin laalla. Obboleewwan keessaniin gahaa.
As wr wb hordoftoota keenna kabajamoo fi jaalatamoo hadiisni guyyaa har'aa isin yaadachiisuu barbaade kama beektani Rasuulaa irraa akka odeeffametti ilmi namaa dagamaadha jedhan qananii lama keeysatti isaanis Nagaya Fi Fayyaa dha. Mee marti keennayyu haa xiinxallinu Rabbii keennaf galata dachaa dachaan haa galchinu Alhamdulillaah Alhamdulillaah.
As wr wb kabajamtoota hordoftoota keenya alhamdulillaah waliddeebinee jirra har'a waa'ee biyya Ardii Afrikaa keessatti argamtuu takka ilaalla. Rep.Afrikaa kibbaati. Biyyi tun wanti biyyoota biroo irraa adda taatun ni qabdi,Biyyoonni hedduun magaalaa guddoo takka yoo qabaattu Afrikaan kibbaa garuu 3 qabdi. Gama Birootin Biyyi A.K.tun afaan hojii 11 ta'an qabdi. Biyya keenya keessatti garuu isin hundinuu ni beektu. Waan dubbiftaniif galatooma.👌👌👌👌👌🖐🖐 akka waa irraa barattan abdii qaba.
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
Masjiidni Al-Faaruuq kan magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo ganda 03tti argamu akka diigamu gaafatame
Odeeyfannoo #NUURALHUDAA
November 6,2016
Masjiidni Al-Faaruuq waraqaa seeraa guutuu kan qabu yoo tahu, dhiphina iddoo masjiidichaatiin wal qabatee hawaasani Muslimaa naannawa sanii dhaabbilee amantaa biroo naannawa sanitti argaman hunda dursuun, lafti qullaan ijaarsi tokkolleen irra hin jirre kan cinaa Masjiidichaatti argamu akka kennamuuf qaama dhimmi ilaallatu gaafatanii deebisaa eeggataa jiran.
Hawaasni muslimaa iyyannoo galfate kanaaf deebisaa osoo eeggachaa jiru, hordoftootni amantaa Ortoodoksii naannawa Masjida kanaa irraa fageenya meetira 100 irratti mana jireenyaa tokko kireeffachuun, Bataskaana godhanii itti fayyadamuu jalqaban. Itti aansuun lafa Masjiidaaf gaafatame kana irratti hayyama osoo hin argatin karaa seeraan alaatiin bataskaana ijaaruun, Masjidni Al-Faaruuq kan kartaa seera qabeessaa ta’e qabu akka diigamu, akkasumas sagalee guddiftuun masjiidaa waan nu jeequuf akka kaafamu jechuun kan gaafatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Haaluma kanaan hoggantoonni Bataskaanicha kunniin Onkololeessa 25/2012 kutaa bulchiinsa magaalaa irraa, qaamolee seera kabachiisan qabatanii dhufuun Masjida seera qabeessa kana diiguuf yaalii kan godhan tahus, qaamonni isaan fidan kunniin lafti Masjidaa seera qabeessa tahuu, akkasumas sagalee guddiftuun isaan jedhanis rakkoo tokkollee kan hin qabne tahuu eega hubatanii booda, Masjiidichi osoo hin diigamiin hafee jira.
Haata’u malee olola sobaa hoggantoonni Bataskaanaa facaasaa jiraniin jiraattota naannichaa jiddutti walitti gaarrifannaa uumame yeroo ammaa haala sodaachisaa irra kan gahe tahuun beekamee jira. Jiraattonni nannichaatis qaamni dhimmi ilaallatu hatattamaan dhimmicha qoratuun furmaata akka itti keennu gaafataa jiran.
Manni marii dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee gama isaatiin ibsa guyyaa har’aa baase irratti, masjiidichi kaartaa seera qabeessaa qabatuu ibsuun, “lafti qullaan naannawa isaatti argamu akka kennamuuf hawaasni muslimaa gaafate jira; haata’uu malee lafa kana irratti yeroo dhiyoo as waldhabbiin wan uumameef hanga dhimmichi furmaata argatutti qaamni kamuu obsaan akka eeggatu gaafanna” jedhe.
#Finfinnee_masjida
NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa

As wr wb kabajamtoota jaalatamtoota hordoftoota keenya sagantaa gaafif deebii irra geenne jirra irratti hirmaadhaa. 1.Sahaabin iccitii(sirrii)Rasuulaa(S.A. W) tahe eennu? A.Ja'afar B. Huzeeyfaa C. Abii bakri D. Ammaar. 2.Sahaaba keessaa kan Rasuula(S.A W)bira osoo jiru rasuula hin argine eennu? A.Hamzaa B. Hanzalaa C. Sa'aad D. Abdallaah ibnu maktuum. 3. Barreessaan Rasuulaa SAW eenyu? A.Aliyyii B. Kaalid C.Usmaan D. Abu qataadaa. 4.Sahaabin abbaa nuura lamaa jedhamu kami? A.Usmaan B.Abi bakri C. Waliid D. Amri 5.gaaffii 4 irratti hundaa'uun sababaa ibsi?
Maashaa Allaah galatoomaa hundi keessanuu ka dubbistaniif ka deebii deebistanis deebiin 1.B 2.D 3.A 4.A 5.durba rasuula lama fuudhe takka erga duute ta lammataa bakka buusaniif Rasuulli SAW .
Gaficha namni guutuu deebise hin jiru Muussaa muhammad gaafilee haala gariin deebiste takka qofa dongogorte. Kuunnin keessanis galatoomaa torbaan inshaa Allah badhaasas ni qopheessina.
Forwarded from Dawaa Qalbii (Sammaan Seman)
Maashaa Allaah galatoomaa hundi keessanuu ka dubbistaniif ka deebii deebistanis deebiin 1.B 2.D 3.A 4.A 5.durba rasuula lama fuudhe takka erga duute ta lammataa bakka buusaniif Rasuulli SAW .
As wr wb obboleewwan koo guyyaa jum'aati salawaata nabi irratti heddumeeysaa. Sallallaahu aleyhi wasallam
Hayyee kabajamtoota hordoftoota keenna hundi alhamdulillaah torbaan nuun gahee walitti nu deebise.🖐🖐🖐🖐🖐🖐 Seenaa Abii bakrii Assiddiiq R.A islaamummaan osoon seeniin ilaallee jirra har'a immoo Islaamummaa keessatti gabaabsinee ilaalla. Abii bakrii nama dhiirarraa amantii Islaamaa fudhateeti akkuma ergamaan Rabbii(SAW) itti himaniin jechuudha. Ammaas hedduu nama Rasuula jaalatuuti. Nama qureeyshi nabiin ajjeefna jedhanii admaa itti godhan(nama gooftan kiyya Allaah jedhe ajjeesuuf itti mari'attanii)jedheenii irraa mormaa tureedha. Achi boodas amriin itti jabaannan isaan waliin hijraa baheedha. Dubbistoota kabajamoo☪☪☪☪☪☪☪ seenaan Abii Bakrii hangana miti ammaaf nu gaha Hanga torbaan fedha Rabbiitin walitti deebinutti Rahmata Rabbii keessa jiraadhaa milkii duniyaa aakiraa argadhaa. As wr wb. Waliif sheer godhaa. 👍👍👍👍👍👍👌👌👌👌irraa fayyadamaa.
Forwarded from 🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍
🔱🔱🔱 ENYUUHU HIN SODATIIN 🔱🔱🔱 💨 Daangaa Namootaa Akka Hin Dabarreef Jettee Daangaa Rabbii Keetii Hin Dabrin 💫💫💫 💨 Seera Namootaa Kabajuuf Jettee Seera Rabbii Keetii Hin Diigin 💡💡💡
💨 Namoota Gammachiisuuf Jettee Rabbii Kee Hin Mufachiisiin 🔥🔥🔥
💨 Jaalala Namootaa Wajjiin Qabdu Osoo Hin Tahin Jaalala Rabbii Keetii Wajjiin Qabdu Jabeeyfadhu 💦💦💦
💨 Bakkuma Fedhettuu Yoo Tahe Dhimma Namootaa Kessatti Rabbii Kee Sodaadhu, Dhimma Rabbii Keetii Kessatti Garuu Enyuuhu Hin Sodaatin 💠💠💠
👉Yaa Rabbii Yeroo HundaJaalala Fi Sodaa kee Nuuf Kennii Nu Milkeessii!!!!
@Gaaddisaislaamaa