Dawaa Qalbii
9.04K subscribers
2.08K photos
37 videos
39 files
2.8K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Tawhiidni Qulfii Jannataati!

Yeroo lafa kana irra jiraattu haqa Rabbiin sirraa qabu sirriitti bari. Yoo ati homaa Isatti qindeessuu dhiifte Rabbis si azzabuu dhiisuu waadaa seeneera. Carraa addaa kana argachuudhaaf amantii Rabbirraa qabdu sirreeffadhu. Aqiidaa kee ilaalcha guyyaa keessa dhufan irraa qulqulleessii karaa salafootaa qofarra deemi. Kana goonaan eeyyama Rabbiitiin ni milkoofta.

Ati kanaaf qophiidhaa?
Dawaa Qalbii
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
https://t.me/Sammaan
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳
"Itoophiyaatti namoonni dabalataa 109 vaayirasichan qabamuun isaanii mirkaana'ee; lubbuun nama 1 darbeera." Dr Liyaa Taaddasaa

@oromoto
@oromotoo
Forwarded from Ahlu Sunnaa wal-jama'aa (Allahan Qaba)
AS WR WB🤚

SADARKAA NAMA AZAANA BOODA DU'AA'II TANA KADHATEE

Dhaala Ergamaa Rabbii
S.A.W
Kutaa Sadaffaa

ASAD SH/A/QAADIR

🌟🌟🌟👇🌟🌟🌟
عن جابر بن عبدالله - رضي الله عنه - أن رسول الله ﷺ قال : « من قال حين يسمع النداء : اللهم ! رب هذه الدعوة التامة والصلاة القائمة آت محمداً الوسيلة والفضيلة ، وابعثه مقاماً محموداً الذي وعدته . حلت له شفاعتي يوم القيامة » 
ــــــــــــــــــــــــــــــــــــ
[رواه البخاري ( ٦١٤ )].

🌟🌟🌟👇🌟🌟🌟
Jaabir Bini Abdullaahii Irraa Odeeffamee Ergamaan Rabbii S.A.W Akkaan Jedhan👇

Namni Azaana Dhagahee Booda Azaanaatiin ALLAAHUMMA RABBA HAAZIHI ADDA'AWATITTAAMMAH WASSALAATIL QAA'IMAH ATI MUHAMMADN ALWASIILATA WALFADIILAH WABA'AS-HU MAQAANMAHMUUDANILLAZII WA'ATTAH Namni jedhee du'aa'ii Tana kadhate
Maanguddummaan Kiyya Isaaf Sabatte jedhan Ergamaan Rabbii S. A.w
__
[Bukaarii ( 614 )]

Waan Hadiisa Kanarraa Argannu
1, Azaanni Yoo Azaanamu Dhageeffachuudhaa Qabna
2, Yeroo Mu'azzinni Ykn Lallabaan Lallabu Waan Inni jedhe Duuba Isaatiin jedhuu Qabna HAYYALASSALAATI FI HAYYA ALALFALAAHII Malee
Kana lamaaniif
LAAHAWLA WALAAQUWWATA ILLAA BILLAH Jenna
3,Namni Azaana dhagahe Du'aa'ii Asii Olitti Dubbanne San Jedhuudhaa qabaata
4, Du'aa'iin Sun Hiikni Isii
Yaarabbi Abbaa Waamicha Guutuu kanaa Abbaa Salaata dhaabamtuu Taate tanaa Muhammadiif Kenni Sadarkaa Guddoo Beellamteef San Eddoo faarfamtuu Sanis Qubsiisi
Jechuudha
5, Nama Du'aa'ii Tana Kadhatee Ergamaan Rabbii S.A.W Maanguddummaa Isaaf Dhaabbatanii Isaaf Rabbiin Kadhataniif Guyyaa Qiyaamaa

🤲 🤲 🤲 🤲 🤲 🤲
Yaarabbi Nama Shafaa'aa Nabi Muhammad saw

@islamtub
@islamtub
@islamtub
Forwarded from Deleted Account

🌲AS WR WB Akkam jirtu fayyadamtoota Telegiram hundi keessan. Akkuma beekamu Chaanaalota Islaamaa barnoota gurguddaa qaban qabadhee isiniif dhufaa turuunkoo niyaadatama.
___________________
Ammas Chaanalota bebbeekamoo Qabadhee isiniif dhiyaadheera.

Chaanaalota kanneen irraa barnoota Amantii islaamaatii fi Oduuf odeeffannoo waytawaa niargattu #Join godhaa
___________________
Chanaala ykn Group beeksifachuuf ➡️ @ABDETUOR nu Qunnamaa.
__________
⤵️⤵️⤵️

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Forwarded from Keyralumma
@keyralumma @Ibnutemiya6
AS WR WB
obbolewwan koo kan akkiraa nagaf rahmanii rabbii isn birra ha jiratuu

NAMOOTA GAGGAARITTI HIRIYYOOMI

▪️Haalaa-amala Salafootaa keessaa inni tokko namoota gaggaarii wajjiin hiriyyoomuudha Yoo karaa deemanis yeroo mana taa’anis bakka haasawaattis namoota haalaa-amalli isaanii gaggaarii ta’e filatan Akkasumas namoota Rabbii isaanii isaan yaadachiisanii fi namoota karaa qajeelatti isaan qajeelachan filatan.
🔹Namoota gaggaarii wajjiin ooluun gaaroomina namaaf dabala Qalbiidhaafis qulqullina dabala.

🔹Namoota hamaa wajjin ta’uun ammoo hammeenya namaaf dabala Qalbiinis hamtuu akka yaaddu isii taasisa.
✍️Ahmad ibn Harb (rahimahullaah) akkana jedhe Qalbii Muslima tokkoof namoota gaggaarii wajjiin ooluu caala wanti faayidaa qabu hin jiru Akkasumas onnee muslimaatiif wanti akka namoota hammeenyaan guutamanii waliin ooluu fi dalagaa isaanii laaluu caala miidhaa qabu hin jiru.”

Yaa Obboleewwan aakhiraa
▪️Mee Eenyu wajjiin akka hiriyyoomnee jirru haa xiinxallinu Ammaan kana silaa Hiriyyoomni qaamaa hafeeti hiriyyoomni #Facebookaa daran dabalee jira Hiriyyaan kee kan Facebook irraa Waa’ee amantii keetii si yaadachiisaa jira moo Suuraa isaa maxxansee Maashaa Allaah naan jedhaa siin jedhaa jira laata? Kanaafuu Mee hiriyyoota keenya haa filannu.

🔹Guyyaa Qiyaamaa Sakandii nuti Facebook kanarratti dabarsineef itti gaafatamuun keenya hin oolamu Kanaafuu yeroo dabarsaa jirru kana namoota gaggaarii wajjiin hiriyyoomuun kheeyrii irraa haa haasofnu.
🙏 Yaa Allaah 🤲
► Hiriyyaa gaarii kan aakheraa keenyaaf tolu nuuf kenni
► Hiriyyaa hamaa kan karaa kee irraa nu jallisu nurraa qabi
► Warra Waliin ta’ee, Milkaahee jannata seenu nu taasisi.
(By Xaalibul ilm)
Forwarded from Ahlu Sunnaa wal-jama'aa (Allahan Qaba)
YOO ARRA DUUTI SITTI DHUFTE MAALTU SI SHEENEYSA ?
••••••••••••••••••••••••••••••••

1. Quraana qara'uu dhabuu
2. Salaatuu Dhabuu
3. Da'waa godhuu dhabuu
4. Haadhaa abbaaaf tola oluu dhabuu
5. Islaamaaaf tumsuu dhabuu
6. Badii irraa towbachuu dhabuu
7. Obbolummaa Islaamaa jabeeysuu dhabuu
8. Bid'aa dhiisuu dhabuu
9. Rasuula s.a.w kallaafuu
10. Ammas waan ati har'a addunyaa irratti qabdu bor nama biroo harkatti arguu( sadaqachuu dhabuu) fi k.k.f
======================
« يَوْمَ تَجِدُ كُلُّ نَفْسٍ مَّا عَمِلَتْ مِنْ خَيْرٍ مُّحْضَرًا وَمَا عَمِلَتْ مِن سُوٓءٍ تَوَدُّ لَوْ أَنَّ بَيْنَهَا وَبَيْنَهُۥٓ أَمَدًۢا بَعِيدًاۗ...»
========================
«Guyyaa namuu waan Adunyaa irratti dalage if duratti argu, hamtuu taatuu toltuu taatuu, Guyyaan sun guyyaa nabseen hamtuun isiin adunyaa irratti dalagde isirraa fagaachuu jaalattu. Rabbiin qixaata isaatiin isin sodaachisaa akka isinitti hin dalanne, waan dallansuu fidu irraa fagaadhaa. Rabbiin kan gabroottan isaati rahmata godhu.»
Aal-e-Imran 3:30
====================
Forwarded from Marcador Bot
ODUU ARIIFACHIISAA

GUYYAA HAR'AA ITOOPHIYAA KEESSATTI QORANNOO LAABRAATOOTII NAMOOTA 5,891 IRRATTI GAGGEEFFAMEEN NAMOONNI 👉SEE MORE...
Forwarded from Faana beekumsaa (Ibnul Islam)
AZAABA ITTI KAFALANII SEENANI !! JANNATA IMMOO BILISAAN !!AKKA SEENAN BEEKTAA ??? ☄️
By. @gaaddisa_dhugaa


👇Seenaa Dinqisiistuu👇
Jaartii Umriin isii manguddoome tokkotu ilma isii waamtee yaa ilma koo " jannata bilisaan akka seenan beektaa azaaba immoo kafalanii akka seenan beektaa jettee gaafatte ?

Ilmi dinqisiifatee aayyoo akkamitti jedhee gaafate ?

yaa ilma koo :
1.Namni sigaaraa aarsu qarshii bitee aarsaa ,
2.Namni Farsoo dhugu bitatee dhuga ,

3.Namni qumaara garagaraa taphatuu qarshii ofiitiin taphataa ... jettee ...

itti fuftee ammas yaa ilma koo
1.Namni salaatu bilisaan salaata itti hin kaffalu ,
2.namni soomu bilisaan soomaa ,

3.namni zikrii jedhu bilisaan jedha ,

4.Namni qur'aana qara'u itti hin kaffalu ...
Ati qarshii kee karaa hin taanetti baaftee azaaba bitachuu barbaaddaa ilma koo? moo gara jannataa bilisaan deemuu barbaadda jetteen jedhama .

ergaan kun bilisaan si gahe atis bilisaan ofirraa dabarsi ..Obboleewwan kee biraan gahi ajrii isaa bilisaan herregadhu .

Subscribe our youtube👇
https://www.youtube.com/channel/UCTFiNAQOHXblA19rrpUi_8A

👇share for all ⤵️
@Gaaddisa_dhugaa
@bashashaa
@B_Islaamummaa


https://t.me/gaaddisa_dhugaa
Forwarded from Islamic (Ibnul Islam)
Oduu baayyee nama gammachiisu
Dhaabbanni fayyaa addunyaa akka ibsanitti Qorichi covid 19 argamuu ibsan kanuma hordofuun gaaffilee armaan gadii kanaaf odeeffanoo guutuu isaa dubbisuuf @gaaddisa_dhugaa irra seenuun dubbisuu dandeessu gaaffichis
👇👇👇👇👇
DHUKKUBSATTOOTA COVID 19 FAYYISUU NI DANDA'AA?

OFII QORICHI KUN MAALI?

MAALIIF OOLAA TURE?

KORONAA AKKAMIIN WAL'AANA?

MIIDHAA QABAA?

Kan jedhuuf guutuu isaa @gaaddisa_dhugaa irra seenuun dubbisuu dandeessu 👇👇
@GAADDISA_DHUGAA
Forwarded from Deleted Account
# Abshiri!!!
Rakkinni barbaree ta'ee
Gaafa si haxxiffachiisu qufaa
Harkakee olqabdee
Rabbitti iyyuu qofaa

Gaafa isatti iyyitu
Si agarsiisa daandii
Hojjechuu dandeessa
Maal ati namaa gadii?

Rabbiikeetti hirkattee
Gaafa buutu karaa
Siif salphachaa dhufa
Inni akka gaaraa

Jireenyi gaafa ulfaatu
Keessa keetti akka arbaa
Jabaattee hojjennaan
Yoomillee ni darbaa
# Abshiri. Dabalataaf👇
Breaking news from Arsi Robe muslim student.
👇👇👇👇👇👇👇👇
As wr wb kabajamtoota barattoota miseensa JBMAR kan taataan akkuma beekamu sababa dhibe koronaatif manneen barnootaa cufamuu hordofee jama'aan keenyas hojii idilee addaan kutee jira kanaaf amma dhamsii jiru Kitaabbiin Jama'aa fi akkasumas qabeenya jama'aa isin bira jiru akka ofirraa galchitan itti gaafatamtoonni mana kitaabaa yaamicha isiif godhaniiruu.
kanaaf namni kamiyyu yaamicha isiniif godhame kana awwaattani akka ofirraa galchitan akkasumas hiriyyoota keessaniinis ergaa kana geettanii akka irraa nuu fiddanii keessatti barattoonni baadiyya akkuma walbeektaniin ergaa kana waliin nuu gaha yoo jennu amaanaa isiniin jedhaati.hundi keenyaa dirqama qabnu haa bahannu
Rabbiin furmaataa nuuf haa fiduun kadhaa hunda keennati.
Odeeffannoo dabalataaf
0909920826
0949393043
0922686384
0938113352
IDDOON:-Bilbilaan nutti hima isinirraa fuuna iddoo jirtanitti haala mijeessine
@Arsirobej
#Sidaamaa

Manni Maree Naannoo Kibbaa guyyaa har'a Naannoo Sidaamaaf wal-harkaa fudhiinsa aangoo taasiseera. Sirni wal-harkaa fudhiinsa kun kan gaggeeffame yaa'ii Mana Maricha marsaa 5ffaa, bara hojii 5ffaa, yaa'ii ariifachisaa 2ffaa irratti. Haaluma kanaan Naannoon Sidaamaa Naannoo biyyatti 10ffaa ta'ee galmaa'eera.

@odeeffano
@Dawaaqalbii
Forwarded from HOJII KEE via @Feysal_bot
TOOHIDA KUTAA 1️⃣7️⃣FFAA
                 By
   Ibnu_surur
DURA KUTAA 1️⃣6️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU👇
https://t.me/ibnutemiya6/635

♻️ GOSOOTA KUFRII GUDDAA
▪️Kufrii guddaan bifa Shan of keessatti qabata.
  1. Kufrii kijibsiisuu Rabbiin Qur’aana isaa keessatti akkana jedha Nama Rabbi Irratti soba uumee odeesse yookiin dhugaan itti dhufnaan sobsiise caalaa namni miidhaa hojjete (tokkolleen) hin jiru Sila teessoon kaafirootaa Jahannam hin taanee? Suuratul Ankabuut

2. Kufrii Diddaa fi Booninsaa dhogoomsuu
waliin Ragaan jecha Rabbii ol-taheeti Yeroo nuti Malaa’ikootaan Aadamiif Sujuuda  godhaa jennees (yaadadhu) Ibliisa malee Isaan sujuuda godhan (Inni) ni dide ni boones  Kaafiroota irraayis taye Suuratu Al-Baqaraa 34

3. Kufrii Shakkii ykn Mamii innis sehuu dha: Ragaan jecha Rabbii ol-taheeti Haala lubbuu isaa miidhaa ta’een ooyruu isaa seenee ni jedhe Isiin kun gonkumaa ni baddii hin yaadu (35) Qiyaamaanis ni dhaabattii hin yaadu Dhugumatti yoon gara gooftaa kiyyaa deebifameef iddoo deebii kan isa caalun argadha (36) Hiriyaan  isaas kan isaan haasa’u ta’ee ni jedhe sila ati Isa  biyyee irraa ergasii bishaan saalaa irraa si uumee ergasii nama guutuu si godhetti kafartee? (37) Ani  garuu Inni Gooftaa kiyyatti tokkollee hin dabalu   Suuraa Kahfii 35-38

4. KUFRII GARAGALIINSAA:
Ragaan jecha Rabbii ol-taheeti Isaan kafaran waan ittiin sodaachifaman irraa garagaloo dha Suuraa Al- Ahqaaf 3

5. KUFRII NIFAAQAA:
Ragaan jecha Rabbii ol-taheeti Kunis sababa isaan amananii ergasii kafaraniifi Waan onnee isaanii irratti cufameef isaan hin hubatanu

KUFRII  XIQQAA
Kufrii xiqqaa jechuun dilii (ma’asiyaa) hunda kan
hadiisaa fi qur’aana keessatti dubbatame kan kufrii guddaa hin geenye jechuu dha.
Murtiin isaa Haraama dilii gurguddaa irraayi Garuu Islaamummarraa Nama hin baasu Fakkeenyi isaas Ni’amatti ykn qananitti kafaruu
Tan tola Rabbiitti kafarte Suuraa An-Nahlii 112
Muslimni tokko obboleessa Muslimaa isaatin
loluu (waraanuu) Muslima arrabsuun fusuuqa
(jallina) isa waraanun (loluun) kufrii dha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase Gosa nama tokkoo arrabsuu ykn dubbii badaan waraanuu Nama du’e irratti iyyuu wantooni lama kufritti nama geessu nama kessa jiru gosa nama tokkoo arrabsuu fi nama du’e irratti iyyuu Bukhaarii fi Muslimtu gabaase.

ANNIFAAQ (MUNAAFIQUMMAA)
Akka lugaatti (Nifaaqa) jechuun waa dhoksuu ifa
baasuu dhabuu jechuu dha Akka shari’aatti ammoo nifaaqa jechuun Islaamummaa mul’isuun kufrii fi shirkii dhoksuu jechuu dha.
Gosoota ‘Munaafiqummaa’:
1. Nifaaqa yaadaa guddaa
2. Nifaaqa dalagaa xiqqaa
Nifaaqa yaadaa guddaa Jechuun munaafiqummaa isa guddaa kan jedhamu kan nama san Islaamummaa mul’isee kan garaa isaatti kufrii qabatu jechuu dha Akka islaamummaatti Murtiin isaa kan gonkummaa
Islaamummaa keessaa baasu akkasumas kan ibidda jahannam keessatti sadarkaa gadii isa teessisu dha.
Gosoota Isaa Bifni munaafiqummaa kun gosoota jaha of keessatti qabata.
1. Rasuula صلى الله عليه وسلمsobsiisuu.
2. Garii (cinaa) waan Rasulli صلى الله عليه وسلم ittiin
ergamanii sobsiisuu.
3. Rasuula صلى الله عليه وسلمJibbuu.
4. Waan Rasuulli صلى الله عليه وسلم ittiin ergaman hamma tokko garii jibbuu.
5. Namoonni diin Islaamummaa yeroo
xiqqeessan (gadi qaban) gammaduu
6. Tumsama Diinii (Amantii) Rasuulaatiif jibbuu.. ✍️ Itti fufa insha'allaah

Yaada Qabdanuuf 👉 @ibnu_surur
​​​​Aalimni guddaan biyya Keenyaa Sheekh Dr, Abdulshakuur Muhammad gara ganda Aakiratti godaanan

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN!


Odeeyfannoo #NUURALHUDAA
JUNE 19,2020


Ardii Afrikaatti yeroo jalqabaatiif beekumsa Shari’aatiin sadarkaa Doktorummaa kan argatan, Aalimni guddaan biyya Keenyaa Dr Abdulshakuur Muhammad, dhukkubsatanii kan walaanamaa turan yoo tahu, guyyaa har’aa magaalaa Kabajamtuu Makkaatti gara ganda Aakhiraatti godaanuu dhagahame.

Dr Abdulshakuur Muhammad waggaa 20 oliif Yuunivarsitii Umul Quraatti barsiisanii turan, Akkasumas Dhaabilee qorannoo Islaamaa garagaraatis beekumsa isaaniin tajajilaa turaniiru.

Sheekh keenya Rabbiin Jannataan haa qananiisu. Maatii fi Ahlii isaanii, akkasumas hawaasa muslimaa isaan dhabe hundaaf jajjabina hawwina.
@Dawaaqalbii
Forwarded from Keyralumma
🌷Gaaffiif deebiin keenya arraa
Kana fakkaata👇
        
           @ibnu_surur ✍️

Islaamummaa keessatti kan Dura dhiirarraa shahiide ykn woreegame eenyu?

1.Hamzaa ibnu Abdul muxxalib
2.Musaab ibnu umeyirii
3.Yaasir Abuu ammaar
4.Saad ibnu abii woqqaas

🙋‍♂️Yaada Qabdanuuf 👇asiin
nuun gahaa👉 @ibnu_surur ✍️
#OduuGaarii❗️

Hospitaala Eekkaatti dhukkubsattoonni vaayrasii koroonaan qabamuun ciisanii yaalamaa turan 526 dandamachuun bahaaniru jedhame.

Kunis akka biyyatiitti lakkoofsa namoota bayyanatanii 10,27 keessa %51 Hospitaala Eekkaa Kotobeetti ta'uu mul'isaa jedhan hojii gaggeessan Hospitaala Eekkaa Kotobee Dr. Yaareed.

Bu'aa gaarii kanaaf kan duraa hiriiran ogeeyyiin fayyaa fi hojjattoonni deeggarsaa oolmaa guddaa oolaniiru jedhaniiru.

Bu'aan kun akka dhaabbatatti qofa osoo hin taane akka biyyatti bu'aa boonsaadha jechuun hawaasni vaayrasii koroonaa irraa of eeguun bu'aa caaluuf dammaquu akka qabu Dr. Yaareed dhaamaniru.
@Sammaan
maddi
Hawi Timese
Forwarded from Ahlu Sunnaa wal-jama'aa (Allahan Qaba)
Gorsa Hayyoota Islaamaa kan Barnoota Qabu
=====================================
☞Sodaa Rabbii keetii uffata godhadhu.
☞Waan balleessite toowbatuuf jarjarfadhu.
☞Zikrii baay'isuun fedhii lubbuu keetii injifadhu.
☞An maaliifiin uumame jedhii of gaafadhu.
☞Naamusaa fi kabajaa kee tikfadhu.
☞Uzriin maletti salaata dabarsuu fi dhiisuu irraa of qusadhu.
☞Yeroo baay'ee Rabbii kadhatuu amala taasifadhu.
☞Rizqii yoo argatuu barbaadde, fira kee maxxanfadhu.
☞Umrii dheeratuu yoo barbaadde, toltuu dalagadhu.
☞Obbolewwan keetiif yaada gaarii qabaadhu.
☞Haqaa fi baaxil ragaan adda baafadhu.
☞Barnoota amantii keetii xiqqollee ta'u baradhu.
☞Shari'aa diin keetii sirritti akeekkadhu.
☞Kheeyrii keessatti umrii dheertuu kadhadhu.
☞Waan qabdu irraa sadaqaa kennadhu.
☞Kan dhukkubsate bira deemii gaafadhu.
☞Kan kheeyritti si waame jalaa owwaadhu,
☞Ilma namaa hundaaf kabajaa qabaadhu.
☞Haadhaa fi Abbaa kee tola itti ooluun gammachiifadhu.
☞Kan tola sitti oole hunda galateeffadhu.
☞Jannata argatuu yoo feete amala kee bareeffadhu.
☞Ejjannoo gaarii mataa keetiif qabaadhu.
☞Kaayoo kee irratti kutannoo fi abdii godhadhu.
☞Odoo rakkoon hin dhufne Rabbii kee baradhu.
☞Waan hundafuu filannaa qabaadhu.
☞Namummaa keetiin of tahii mulladhu.
☞Waan kennattu yoo dhabde sharrii tee namarraa qabadhu.
☞Hamiidhaan foon namaa nyaatuu irraa fagaadhu.
☞Yooo ati of qabde Rasuulli(saw) Jannata siif of qabee akka
jiru hubadhu.
☞Atiis arraba fi waan miila jidduu jiru san haraam irraa qabutti
jabaadhu.
☞Nama bultii waliin ijaartu diiniin madaalii filadhu.
☞Rabbiin si hin dhoorkinee, mirga keetiif falmadhu.
☞Biyya fi lammii keetiif bilisummaa barbaadadhu.
☞Dhaamsi koo xiqqaatus, hanganuma guddifadhu.
☞Gorsi koo kun yoo siif tahe fudhadhu.
☞Yoo dogoggora qabaate naaf sirreeffadhu.
☞Zannii wal balleessuu irraa Rabbi sodaadhu.
Eessaa akka dhufte, eessa akka jirtu fi eessatti akka deemaa
jirtu beekuuf of qoradhu
~Dogongora jiruuf dhifaama.
Share waliif Godhaa Jazaakumullaahu kheeyran !!!
@ISLAMTUB
@ISLAMTUB
@ISLAMTUB
Forwarded from Deleted Account
Barnoota Akkaan Murteessaadha.

Qophii Shekh Jamaal Baddeysaa Abuuraafii

Wantoota Itti Ajajamne Tan Sawaaba Gurgudda Qabdu Waa 41 Kunoo Qabadhaa jzk

Waan itti ajajmne gosa ibaadaa 41.

1. laa ilaaha illallaahu wahdahuu laashariika lahuu } jechuu.

2 Subhaanallaahi walhamdu lillaahi wa laa ilaaha illallaahu wallaahu akbar} jechuu.

3. Subhaanallaahi wabi hamdihii } jechuu.

4. Laa hawla walaa quwwata illaa billaahi} jechuu.

5. Jannata Rabbi kadhatanii ibiddarraa isatti maganfachuu.

6. Subhaanakallaahu wabihamdihii, Ashhadu an laa ilaaha illaa anta astagfiruka wa atuubu ileyka} jechuu.

7. Suuraa kahfirraa aayatoota haffazuu.

8. Salawaata nabirratti buusuu.

9. Aayatoowwan qur’aanaarraa garii qarauun sadarkaa isiin qabdu.

10. Sadarkaa suuraa ikhlaas qara’uun qabdu.

11. Galata warren azaanuu.

12. Yeroo mu’azzinni azaanee isa jala qabanii waan inni jedhu jechuu fii boodarra du’aa’ii godhuu.

13-qullaadha.

14. Yeroo mu’azzinni azaanee isa jala qabanii waan inni jedhu jechuu fii boodarra du’aa’ii godhuu.

15. Wuduu’a tolfachuu.

16. Wuduu’a booda du’aa’ii godhuu.

17. Wuduua booda raka’aa lama salaatuu.

18. Gara masgiidaa tarkaanfii heddummeessuu.

19. Gara masgiidaa deemuu.

20. Qophaawuufii masgiidatti ganamuu guyyaa jum’aa.

21. Takbiiraa hidhannaa dhaqqabachuu.

22. Nama ishaa’iifii fajrii jamaa’aan salaate.

23. Saffii duraatti salaatuu.

24. Saunnaalee Raatibaa (tan fardii jala deemtu).

25. Salaata sunnaa heddummeessanii salaatuu.

26. Raka’aa lameen fajrii salaatuu.

27. Salata salaata raka’aa lameen duhaadhaa.

28. Sadarkaa salaata eeggachuudhaa.

29. Fadlii fii galata zikrii Rabbii godhuudhaa salaata fajrii booda.

30. Nama halkan dammaqee warra isaatis dammaqsee salaatu.

31. Nama halkan salaatuu niyyatee hirribni isarra injifate.

32. Du’aa’ii yeroo gabayaa seenanii.

33. Subhaanallaahi walhamdu lillaahi wallaahu akbar-yoggu soddomii sadi jechuu fii laa’ilaaha illallaahuu…dhibba guutuu.

34. Kursiyyii salaata fardii hunda boodarra qara’uu.

35. Dhukkubsataa gaafachuu.

36. Nama mokkorameef Rabbi kadhachuu.

37. Namni nama musiibaan tuuyxe jajjabeesse.

38. Janaazarratti salaatanii hanga awwaalamtutti jaladeemanii geggeessuu.

39. Nama masgiida jaaree, yookaan kan jaarmayatti hirmaate.

40. Kennuu qabeenyarraa.

41. Sadaqachuu.

Shekh Jamaal Baddeysaa AbuuRaafii
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
Daqiiqaa 1 Keessatti Wantoota Kanneen Gochuu Dandeenya
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
By.👇 https://www.youtube.com/channel/UCTFiNAQOHXblA19rrpUi_8A

Daqiiqaa 1 keessatti maal gochuu akka dandeenyu beektuu?

1. Daqiiqaa 1 keessatti suuraa Faatihaa yeroo 5 qara'uu ni dandeenya. Kanaanis mindaa 7000 argachuu dandeenya jechuu dha.

2. Daqiiqaa 1 keessatti suuraa Iklaasii (QUL HUWA ALLAH ) yeroo 15 dubbisuu ni dandeenya. Kunis Qur'aana Juuzaa 30 harka 5 akka kattamutti nuuf qabama.

3. Daqiiqaa 1 keessatti Nabiyyii jaalatamaa keenya (s.a.w) irratti yeroo 20 salawaata buusuu ni dandeenya. Kanaanis Rabbiin nurratti salawaata 200 buusa jechuu dha.

4. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 25 "Subhanallah, walhamdulillah walaa ilaaha illallah wallahu Akbar" jechuu ni dandeenya. Jechotni kunneen immoo jechoota Rabbiin biratti irra jaalatamoo ta'anii dha.

5. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 50 "Subhaanallah wabihamdihii, subhaanallah Al-aziim" jechuu dandeenya. Jechootni lameen kunneen jechoota arrabarratti jechuudhaaf salphoo tahanii dha kan garuu madaala Rabbii irratti ulfaatoo fii Rabbiin biratti jaalatamoo tahanii dha.

6. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 100 "Astegfurullah" jechuu dandeenya. Istigfaara gochuun immoo jaalalaa fii araarama Rabbii argachuuf akkasumas Jannata aseenuuf sababa nuuf tahuu danda'a.

7. Daqiiqaa 1 keessatti harka keenya gara gubbatti olqabnee "Yaa Allah!" jechuudhaan waan meeqaa-meeqa Rabbii keenya kadhachuu dandeenya yaa obboleeyyan Islaamaa.

Obboleewwan Muslimaa, haa hubannuu! Umriin keenya jechuun bu'aa ida'ama sekondiiwwaniitii fii daqiiqaawwanii tahuu isaa yoomuu irraanfachuu hin qabnu. Kanaaf yeroo keenya qaalii tahe kana seeraan itti haa fayyadamnuu!

Rabbiin guyyaa tokko keessatti sekondiiwwan 86,400 nuuf kennee jira. Mee qananii laakkawamee hin dhumne kan Rabbiin nurratti ooleef sekondii tokko fudhannee "ALHAMDULILLAH" jechuun Rabbii keenyaaf galata haa galchinuu!

ALHAMDULLILLAH!!!

Karaa youtube tiin nu hordofaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.youtube.com/channel/UCTFiNAQOHXblA19rrpUi_8A

Join our telegram👇
@gaaddisa_dhugaa
@bashashaa
@b_islaamummaa