ℹ️mala karaa Ⓜ️ilkii
765 subscribers
70 photos
1 video
1 file
64 links
👉Walaloo
👉jechoota Hayyoota
👉Argaa_Dhageetti
👉seenaa Gootota
👉Gorsaa
For promotion contact admin
@BoruuSabbooGoonaa
YOUTUBE=-https://www.youtube.com/channel/UC200SmqhWqZtjjKp--uDD2g
FACEBOOK=-https://www.facebook.com/BoruuSabbooGoonaa
Download Telegram
WAAQOO CALLOO QOFATTI TOLCHE!
°°
Eegii waan Oromoo maqaa dhawan, sirnii Gadaa kan duraati. Qoqqoodiinsa Gadaa keessatti sadarkaa tokko irraa gara isa itti aanuutti ce'uun akka jila(ayyaana) guddaa tokkootti ilaalamee qalbii miidiyaa harkisee dhugaa Gadaan qabdu addunyaatti mullisuu male. Gara Booranaatti ji'oota sadeen(3) darban keessatti:-

1) Gadaammojjiin luba Jiloo Aagaa mataa buufattee yuubomtee jirti.
2) Dabballeen ilmaan Kuraa Jaarsoo guduruu buufattee gara Gammee-Didiqqootti ceetee jirti.
3) Ijoolleen Kuuchuu hariyyaa Booranaa Dambala-Areeroo cittee jirti. Akkasumas taateen garaa garaa ta'aa jirti.

Oromoon balloon sirna Gadaatiin beekkamtu waan kana quba hin qabdu.
Artist WAAQOO CALLOO qofatti nu bira ejjee sagalee teenna nuu dhageessise. Artist WAAQOO CALLOO Oromoo Karrayyuuti. Jaalala aadaa qabuuf jedhee Oromiyaa kaabaa irraa gara kibbaa fageenya hedduu qaxxaamuree dhufuun jaalala Booranaa qabu ibsee jira.

Waaqoo Calloo horii bulii deebanii!

@WAAQOO CALLOO QOFATTI TOLCHE!
°°
Eegii waan Oromoo maqaa dhawan, sirnii Gadaa kan duraati. Qoqqoodiinsa Gadaa keessatti sadarkaa tokko irraa gara isa itti aanuutti ce'uun akka jila(ayyaana) guddaa tokkootti ilaalamee qalbii miidiyaa harkisee dhugaa Gadaan qabdu addunyaatti mullisuu male. Gara Booranaatti ji'oota sadeen(3) darban keessatti:-

1) Gadaammojjiin luba Jiloo Aagaa mataa buufattee yuubomtee jirti.
2) Dabballeen ilmaan Kuraa Jaarsoo guduruu buufattee gara Gammee-Didiqqootti ceetee jirti.
3) Ijoolleen Kuuchuu hariyyaa Booranaa Dambala-Areeroo cittee jirti. Akkasumas taateen garaa garaa ta'aa jirti.

Oromoon balloon sirna Gadaatiin beekkamtu waan kana quba hin qabdu.
Artist WAAQOO CALLOO qofatti nu bira ejjee sagalee teenna nuu dhageessise. Artist WAAQOO CALLOO Oromoo Karrayyuuti. Jaalala aadaa qabuuf jedhee Oromiyaa kaabaa irraa gara kibbaa fageenya hedduu qaxxaamuree dhufuun jaalala Booranaa qabu ibsee jira.

Waaqoo Calloo horii bulii deebanii!

@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Forwarded from IJOOLLEE OROMOO (꧁༒ Eʙᴀ ༒꧂) via @Qualitymovbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Fuula FB Iyyaasuu Tafarraa irraa kan fudhatame.
-
"Beenjaamin P. Hardy" Barreeffamoota inni barreesse keessaa utuun dubbisuu kan natti tole kana jijjiiree isin afeereeraatii dubbisaamee bu'aa qabdiitii.

Namootni addunyaa kanarraa amalootaafi ejjennaa garaagaraa qabu. Warri kaan waan hojjetan irratti mataasaaniif gaariidha, waan hojjetaa jiran irrattimmoo balaa dhokataa geessisu. Kaan immoo waan hojjetan hinbeekan warra hojjetataniif minyeessituu('qimamii') taa'anii gidduu deemu. Kaan immoo qiyyaafatanii egeree isaanii itti yaadanii jiraatu, ejjennoo dhorkamuu ykn dhaabachuu hindandeenye qabu.
Warrootni dhorkamuu hinbeekne kun warroota addunyaa mataasaanii keessa jiraataniidha. Eenyuu wajjin iyyuu dorgomuu hinfedhan, cimaa taahanii argamuuf waan haaraa ofharka galchuuf wirriiqqatu. Kompaasii jireenyasaanii nama dhuunfaatti kennanii qaama hindhiqatan, hinrafan, hin nyaatan, mataa isaaniirraan kan hafe aantii dhiigasaaniillee hinamanan. Inni warroota kaan biratti guutuu ta'ee itti mul'atu isaan biratti hir'uudha. Waan xiqqaadhaanis ta'e waan guddaadhaan dhaadachuun amalootasaanii miti. Warroota waan xiqqaa dhalootaaf gumaachee dhaadatu waliin daadoo ykn daboo hinbu'an. Wanta isaan hojjetan yoomiyyuu beekuu hindandeessu, hoji maneenkee yeroo hundumaa isaan dirqamsiisuuf wallaa'ansoo ittiin qabaa ooluu qofa yoo ta'ee isaan kana deebisuuf ykn dhorkuuf yaaluu irra gaara guddaa Evirestiin dhiibuutu miidhamni isaa irra mul'ata.
Namootni kun namoota kan biraa irraa kan ittiin adda baahan ejjennoo armaan gadii qabu.

1. Akkasumaan itti hin yaadin beekuudhaafi gochuu ykn raawwachuu irraan kan hafe
2. Yeroo hundumaa jireenya keetiif dammaqaa ykn qophaawaa ta'i, yommus bilisummaa sammuukeetii argattee hojjechuu dandeessaa
3. Qarshiidhaanis ta'e wantoota kamiin iyyuu miira ho'ee qabbanaa'u ofitti hinkakaasin
4. Waan hundaatti goonkuuma itti quufaa hinta'in!
5. Yeroo hundumaa of to'adhu, of to'achuunkee garuu bifa namootni si irratti hinbeekneen haata'u
6. Mataa keetiif amanamaa ta'i, yommus namoota biraaf amanamtaatii.
7. Gammachuukee of duraa hin maqsin, gammachuu keetiinis of hinsossobin
8. Kufaatii deddeebi'ee si mudatu hinsodaatin, baayyinni kufaatii keetii safartuu milkaa'umsaa keetiiti.
9. Namoota biraa wajjin dorgomaa of hingodhin, akka isaan si wajjin dorgoman godhi malee, mul'ata kan isaanii dursu qabaadhu
10. Goonkumaa kallattii hundaan barachuu hindhaabin
11. Milkaa'umsi yoomiyyuu gaahaa miti, Garuu gammachuu qofa dabala
12. Milkaa'umsaan mata cabsa ykn miidhama ulfaataa ofitti hinfidin (Milkaa'umsi minyeessituu kufaatiitii ....Greg McKeown)
13. Milkaa'umsas kufaatiis akka qabeenyaakeetti ofitti fudhadhu
14. Hojiikee ykn gochaakee ofiikeetiin dubbachuufii caalaa akkanni ofiif dubbatu taasisi.
15. Yeroo hundumaa cimina sammuukeetti fayyadamuu dhiiftee yeroo of duraa hingubin, deebitee hin agartuu
16. Ofitti amanamummaan jireenyakeef gatii guddaafi kisaaraa muraasa qabdi
17. Wanti hundumtuu akka darban yaadadhu, garuu goonkumaa akka hin irraanfatamnes hindagatin
18. Galma qulqulluufi abdachiisaa qabaadhu, icciitiifi wallansoo isaas itti yaadi
19. Wanta itti amantutti battalatti furmaata kenni, wanta sin hin ilaallanne keessa hinseenin, miliyoonotatu si eega yoo ta'emmoo furmaata ykn deebii tokkotti yeroo dhibba tokko itti yaadi
20. Rakkoo ulfaataa salphisiitii fala itti barbaadi.
21. Jireenya namootaa irratti hinaafaa hinta'in, jireenyakeef garuu hinaafi.
22. Yeroo gubde ykn balleessitee galmeeffachuu hindagatin, garuu hingaabbin
23. Utuu hin eegalin qophaawaa ta'i
24. Yeroo hundumaa hojjechuuf heyyama eegda yoo ta'e injifachuunis heeyyama sigaafata!
25. Bu'aa ykn oolmaa namootaaf oolte of hin yaadachiisin, isaan siin haayaadachiisaniitii!

Fulbaana 28, 2017
Gimbii, Oromiyaa
Kan maxxanfamee tureedha.

Please forward forward
Please forward forward
⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Welcome to "Siif Jedhee" film crew official pages. You will get every scenes shoot and pictures. Have a good time with us.

Gara fuula maatiiwwan fiilmii "Siif Jedhee" baga nagaan dhuftan. Oolmaa guyyuu suurafi videon argachuuf join godhaa. Turtii gaarii.

@siifj
@siifj
👍JECHOOTA GOOTOTA OROMOO!!

👉Jechoota Gootota Oromoo dubbisi.

1⃣.Ufumaa dhaamatu malee Ana raasasni nan danda'u.
👆jecha Agarii Tulluu

2⃣.Garbummaa irraa dootii bilisummaadha.
👆jecha Elemoo Qilxuu

3⃣.Garbummaa hiddaan buqqifnaa dadhabnuu ilmee itti guddifna.
👆jecha Jeneraal Waaqoo Guutuu

4⃣.Boolla ykn goda tokko keessatti si'aa lama hin ciniinamin.
👆jecha Jaarraa Abbaa Gadaa

5⃣.Dootii koo du'a gootaati,dhiigni koos dhiiga tasaa dhangala'eeniti,dhiiga saba kiyya bilisoomsuuf lola'eedha.
👆jecha Maammoo Mazammir

6⃣.Akkas ta'e dubbiin keenna bofaa eegee qabnaan hin citti,gadi dhiifnaan itti lixxi.
👆jecha Haayilamaaram Gammadaa

7⃣.Garbummaarra du'aan filadhee kanaafan fincilee daggalatti galee.
👆jecha Usmaayoo Muusaa

8⃣.Kan keessa beekuuf lolli tapha.
👆jecha Abbishee Garbaa

9⃣.Jeedala ta'ee waggaa dhibbaa jiraachuurraa, nyeenca ta'ee aadee du'uu naaf wayya.
👆jecha Huseen Bunee

🔟.Namni kaayyoo isaa hin beekne bisaan gabatee irraati, gara argettii jallata.
👆jecha Eebbisaa Addunyaa

1⃣1⃣.Lubbuun gaafa dhalatte doote,du'a sodaaf jettee haqarraa hin dabin.
👆jecha Haaj Aadam Saaddoo

1⃣2⃣.Uummanni Oromoo barachuu qaba. lammiin barate ammoo mirgasaaf falmachuu danda'a.
👆jecha Jeneraal Taaddasaa Birruu

1⃣3⃣.Aggaamanii dhiisuun diina ufitti cimsuudha.
👆jecha Angaatoo Caalaa

1⃣4⃣.Bilisa ta'ee dhaladhee, bilisaan jiraachuu baadhus, bilisummaa kiyyaaf qabsaa'ee du'uurraa huubni tokko na dhowwuu hin jirus, hin jiraatus.
👆jecha Injinar Tasfaahuun Camadaa.
☆15☆Qaroon(Hayyuun)Malkaa,Dureessii Malkaa,Jannii (Goonni)Malkaa.
Jecha Shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu
🚩16.Aadaan Nafaa,Nafa ufii Abbaatti Jabeeffata.
Jecha Hayyuu Seenaa Dabbasaa Guyyoo Saffaroo

⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Forwarded from Leka Printing®️
😲😲Viidiyoolee 33😲😲

🎞Viidiyoolee nuyi FikaTech hanga har'aatti dalagne bakka tokkotti walitti isiniif qabeeraSi'a tokko cuqaasuun liinkii isiniif dhufu open jechuun ilaalaa👇

1. #TechTalk - HUAWEI P40 PRO | Waan ajaa'ibaa qabatee dhufe

2. Oromia | Akkamitti #size viidiyoo xiqqeessuu dandeenya - Moosaajiidhaan

3. Oromia | Aappiiwwan barbaachisoo 10 - kan bilbila keessanirra jiraachuu qaban

4. Akkamitti YouTube fi Google karaa Teelegraamii fayyadamuu dandeenya? waan haaraa daawwadhaa

5. Akkamitti sirba #size'n isaa guddaa ta'e xiqqeessina

6. Akkamitti Teelegiraamii saantima 16'n sa'a 2 fayyadamna - waan haaraa

7. App fuula namaa jijjiiru - app komeediyaan Toomaas itti fayyadamu

8. App haala ajaa'ibaan sagalee jijjiiru

9. kiiboordii haaraa baayyee bareedaadha ni jaallattu

10. kanaan booda bilbila koon saamama jettanii sodaachuun ni hafa - furmaata haaraa

11. woooow bilbilli keenya akkuma kompiitaraa kitaaba uumuu danda'a

12. Akkamitti Email ofii keenyaan banachuu dandeenya

13. Akkamitti hordoftoota inistaagiraamii salphaatti arganna

14. Akkamitti Teelegiraamiin keenya akka hin cabne (hack) gochuu dandeenya

15. Akkamitti geessituu (link) dheeraa ta'e gabaabsuu dandeenya

16. Akkamitti YouTube bilbila keenyarratti akka Kompiitaraatti fayyadamna

17. Akkamitti FB irratti maqaa keenya guyyaa 4'tti jijjiiruu dandeenya

18. Akkamitti FB irratti like 1000+ daqiiqaa 23 gidduutti arganna

19. Apk'n Fika Tech gadhiifameera | our Fika Tech Official apk is released 2019

20. Akkamitti Webpage salphaatti dalaguu dandeenya 2019

22. Akkamitti Excel keessatti Grade fi Comment kennuu dandeenya

23. Akkamitti bifa baayyee salphaa ta'een 'Telegram Sticker' dalaguu dandeenya App dhaan

24. Akkamitti viidiyoo dhoksaadhaan waraabuu dandeenya 2019

25. Akkamitti Moosaajiidhaan LOGO bareedaa dalaguu dandeenya

26. Firoo - Hin fuudhiin - new Afaan Oromoo funny comedy 2019

27. Akkamitti sobnee kaardii bilbila keenyaa guddisuu dandeenya

28. Akkamitti akkaawontii IMO, TG, WhatsApp, Viber fi kkf si'a lama banachuu dandeenya 2019

29. Akkamitti App'n birrii namaa hatu dalagama

30. Akkamitti kaardii namaa daqiiqaa 1'tti bara baraaf hatuu dandeenya - *999# 2019

31. Akkamitti ofii keenyaan ofitti bilbilla

32. Akkamitti qabiyyee kompiitara keenyaa sirreessuu dandeenya

33. Akkamitti xalayaa wal fakkaataa si'a 1'tti nama hedduuf barreessina

📢 @FikaTech
👥 @FikaTech_Group
🤖 @FikaKumaBot
🚮 @FikaStore_Bot
Forwarded from Fighting covid_19 (Wario waaqoo)
#DHAAMSA_GUDDAA!!
#YUNIVARSIITII_HUNDAAFI!!
Rakkoon Barattoota Oromoo Yunivarsiitii Waldiyaatti Ga'e Heddu nama gadisiissa.Shirri akkanaa Kuni maaliif akka raawwatame Xiinxalluun barbaachisaadha.Galmi Ajjeechaa Raawwatamee maaliidha?Gowwoomuu hinqabinu.Galmichi Oromiyaa keessatti ammas Hammeenya Biraattu yaadamuu isaa mudhisa.Kanaaf Dhimmaa kana Miira keessaa baanee hubachuu qabina.Gareen shiraan gulufu miira keessaa nu seenisisuuf akka ta'e beekuun nurraa eeggama.Miiraan Barattoota Naannoo Biraa irratti Gonkuma Hammeenya yaaduu hinqabinu.Tasgabiidhaan Dhimmicha Hubannee Network shiraa Kukkutuu qabina.
#Join_channel
@mhbblogger
https://www.facebook.com/945515215586399/posts/1428235067314409/?app=fbl
Channel photo updated
MAMMAASSA BOORANAA AFAAN FARANJII WALIIN!
(Borena's Proverbs With English Translation)
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
#Murnya_Lammeessoo
-------------------------------------------------
31. Itti goomtii ballaa iltii dhooxxi, jette nadheen.
English: Women’s say that it’s fairer for the blind man that his eyes are gouged out.

32. Ma qaqaari'aa deemta akka dureessa beela'ee?
English: Why are you staggering like a rich man who is hungry; they ask.

33. Wuu hin jedhinii, wuu jedhii waraabessaati.
English: Do not say woo, say woo, the hyena taught people the correct way to howl.

34. Hiyyeessa haadha dhalteetti jibba.
English: A poor man is detested by his own mother.

35. Hafuuraan garaachaa taphataa ufi tolcha.
English: One greedy for food makes himself playful.

36. Fardii harree kheessa oolu, dhuufuu barata.
English: A horse that grazes, in the same field with donkey, learns how to fart.

37. Kha du'aa eegani jaarsaa, kha du'u dargaggeessa, jetti Sidaamtii.
English: Those who are thought to be dying are the old, but those who actually die are the young;
said Sidama.

38. Mucaa boo'uu fedhu, yabbiin irra ejjatte.
English: The boy who wanted to cry was stepped on by a calf.

39. Dhawa malee hin horanii, faroo malee hin deegani.
English: Optimism leads to riches and pessimism leads to poverty.

40. Uleen yoo wal irraatti qaban ta abbaa muratee taati.
English: If an argument over ownership arises about stick, the person who original cut it from the
tree assumes ownership.

41. Jaarsii waan jedhee: kijibaa womaa hin ba'uu, kijibilleen womaa naa hin ba'u.
English: An old man said; I do not benefit from a lie and neither does a lie benefit from my lie.

42. Malii ijjeesee waraanii lubbuu khuta.
English: The plan kills, the weapon only does the deed.

43. Galaanii nama hin nyaatuu, waan nama nyaatatti nama geessa.
English: The river is not a predator by itself but it takes you to a predator.

44. Waliin ga'an taffiin kutachaa lama.
English: If generously shared, a flea can be bitten twice.

45. Warrii abbaa dhaabe keessummaa hin teessisu.
English: A house hold in which the owner is kept standing has no room for the guest to sit.

46. Loon adoo na hin ijjeemne aabboo natti yaamaa jedhani.
English: The cow requested to see the owner before being killed.

47. Iltii ceera hin beettuu, qullaa haadhaa-abbaallee hin laalti.
English: The eyes do not shy away from anything; they can dare to see the parents’ nakedness.

48. Abbaan ufi hin arguu, dhakhaan ufi hin darbu.
English: One cannot see oneself, a stone cannot push itself.

49. Bira ba'ani dubbiitti hafaa; dhugaa dubbatani namaatti waldhaba.
English: If facts are ignored, justice cannot be rendered yet, if one refuses to ignore the facts
enemity is created.

50. Sukhela dhabaa dhabii niitii tolfate.
English: Having not found another one she became the man’s undisputed wife.

51. Hamtuun yoo ji'ii ba'e.
English: The worst shall be revealed when the moon rises.

52. Foon fedhii tandhacha hin nyaatani.
English: One does not eat swollen glands to appease a strong desire fort meat.

53. Saffarticchii waan jedhe: malii khaan dabree, khaan ya hafe.
English: If one plan is out of hand another one remains.

55. Adoo biyyaa dunnuu ufii dunnaa Sareeti.
English: While we bark for others we also bark for ourselves; said the dog.

56. Namii waan jedhe: ulfinna mataa qaacerii hin beekkatu.
English: The neck does not recognize that the head is heavy.

57. Namii waan jedhe: dheerattullee lummeen mataa hin qolchitu.
English: However long it may grow, the neck will never surpass the head.

58. Adoo kha baatu hin dhadhamnee, kha baatani dadhabe.
English: When a person is carrying someone on his back, the one being carried gets tired before he
does.

59. Saffarticchii waan jedhe: silaa lafa jiran keessaa mullachuu malanii, yokhaan keessaa ala jiraachuu malan.
English: Where one lives it is good to be prominent if not it is better to live elsewhere.

60. Ollaan dubra wal hin kadhatuu, kadhatu wal irraa hin dhabu.
English: Villagers do not marry one another if they do, they always meet their ob
#Jechoota Hayyoota Hedduu
⚊⚊⚊⚊⚊⚊⚊⚊⚊⚊⚋⚊
1. Namni obsa qabu ganama cirracha nyaatee
galgala aannan dhuga.
2. Bishaan guutee fi nama quufe dhaabbadhuu
dabarsi.
3. Walitti dhufeenya nama waliin qabdu irra caalatti
cimsuudhaaf cimaa, jabaataa fi namaan waliigalaa ta'i.
4. Beekaa kan si jechisiisuu dubbisuu osoo hin taane
Kan dubbifte yaadachuu keeti.
4. Yeroo hundaa ofirratti amanamummaa guddaa
qabaadhu.
5. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun
milkaa'ina keetiin Kanneen biroo jiraachuu yoo
danda'aniidha.
6 . kan koo qofa fudhu (dhagayi) kiyyattu sirriidha
kan jedhu doofaa siin jedha hubachiisii biraa
fagaadhu malee waliin hin mormin.
7. Seenaa kaleessa raawwattee fi dogongora Kan
deebisu xiiqii sammuu keetiiti.
8. Namni hundi qabaachuu kan barbaadu maqaa
gaariidha.
9. Beelarra kajeellaattu nama miidha!
10. Hiriyyummaan burqaa bishaanii maddi isaa hin
beekkamneedha.
11. Hiriyaan yeroo rakkoo fi dararaa humna.
12. Hiriyaan dhugaa yeroo dukkanaa ifaadha.
13. Hiriyaan dhugaa madda gammachuuti.
14. Hiriyaaf kan dhukkubsatuu fi ofirra nama hiriyaaf
yaadu ta'i.
15. Hiriyaan dhugaa daawwitii dha. Rakkoo kee kan
qoodatu waan ta'eef sirraa hin fagaatin.
16. Jecha caalatti kan dubbatu gochaadha.
17. Nama jalaa dheessuun salphaadha, sammuu ofii
jalaa miliquun garuu ulfaatadha.
18. Maalummaa ofii cimsanii beekun gaarummaa
loogii hin qabneedha.
19. Onnee tee qulqulluu godhi! maalif jennaan
fooddaa ala ittiin gallaaltu waan taatef jecha!
Boodas gorsa,walalo,jechaa hayyootaafu argaa dhageeti kkk argachuuf

Join👉@SabbooGoonaa
please forward forward
Forwarded from Tapha Baacoo Fi Qoosaa (⌘☞ Mudark)
Forwarded from Omni Design
"Yuunvarsiitiwwaan gara tasgabbiitti kan hingalle yoo ta’e mootummaan ejjeennoo hanga cufuutti ni fudhata" Dooktar Abiy Ahimad

M/M Dooktar Abiy Ahimad rakkinoota Yuunv. keessaatti uumaamaa jiru furuuf boordii dhaabbilee barnoota olaanoo, pireezidantoota yuunv. fi naannoolee akkasumaas hoggantoota nageenyaa olaanoo fedeeraalaa fi Finfinnee waliiin mari’ataniiru.

Marii kanaanis Barattoota dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti jeequmsa uumuun lubbuun namaa akka darbuu taasisaan irratti mootummaa ejjeenno kan fudhatu ta’uu Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Yuunvarsiitiwwaan jeequmsi itti uumaame kan hin tasgabboofne yoo ta’e, mootummaan ejjeenno hanga cufuutti fudhachuu akka danda’us marii kanaratti dubbataniiru.

#FBC

Join@iccitiigeggesuu123
Lotoriin siif ba'ee Abbaa carraa jedhamuu dandeessa
.


.
Garuu barataa Yuuniversiitii taatee yoo Naannoo kibba si ga'e

Namni akka kee Carroome hin jiruu


@SabbooGoonaa
Beekumsaaf‼️

Oromoon Odaa ja'aa Gadaa shan, Hortee shan, Bokkuu shan qaba.

♻️Odaa ja'aani(6)
1⃣. Odaa Nabee - G/Shawaa bahaa
2⃣. Odaa Bisil - G/Shawaa lixaa
3⃣. Odaa Bulluq - G/Horroo Guduruu
4⃣. Odaa Roobaa - G/Baalee
5⃣. Odaa Bultum - G/Harargee lixaa
6️⃣. Odaa Borbor -G/Booranaa

♻️Gadaa Oromoo shanan(5)
1⃣. Birmajii
2⃣. Duuloo
3⃣. Michilee
4⃣. Melba
5⃣. Roobalee

♻️Hortee Oromoo shanan(5)
1⃣. Maccaa fi Tuulama
2⃣. Ituu fi Humbana
3⃣. Raayya fi Asabo
4⃣. Sabboo fi Goona
5⃣. Sikkoo fi Mandoo

♻️Bokkuu Shanan
1⃣. Bokkuu Kallachaa
2⃣. Bokkuu Dikaa
3⃣. Bokkuu Biifaa
4⃣. Bokkuu Roobaa
5⃣. Bokkuu Horaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
🔜BARUMSAA BAATE QALAMAA🖍️ DHABUUNI WALLALUMMAA MITI, KAYOO📃DHABUUTTIi WALLALUMMAADHA MALEE.
MAMMAASSA BOORANAA AFAAN FARANJII WALIIN!
(Borena's Proverbs With English Translation)
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
#Murnya_Sadeessoo
--------------------------------------------

66. Sareettiin kophaa hin baatuu, hirkoo mukhaa malee; deegii khophaa hin godaanuu, hirkoo dureessaa malee.
English: A climbing plant with tendrils cannot grow on it’s own without the support of a tree; a poor cannot migrate on it's own without support of the rich.

67. Onaatti mana himaa, onaatti ufi hima.
English: Those who know you speak well about you; but one who is not liked or respected has to
brag about himself.

68. Yokhaan tulluu ta'anii, yokhaan tulluutti hirkatani.
English: One should either become a pillar or lean against one.

69. Fartii-Fartii, jedhe Qaamphisoo Gumii.
English: There is different hand writings, said Kampiso Gumi.

70. Hiyyeessii dhiiraa, hiyyeessa ollaati.
English: A poor man is like an orphaned ram.

71. Namii yo malee deeme, yo dansaa gale.
English: One who travels at an unfavorable time comes home at a favorable time.

72. Sidaamtichii waan jedhe, Tabaqaan ijoollee ta diirama waaqa laaltee, galgala lafa laaltu.
English: A clever child is one who looks up in morning (rude) and down in the afternoon.

73. Waan bira hin jirre, waan bira jirtuun beekhi.
English: One should understand what happens in one’s absence by relating to what used to happen
in one’s presence.

74. Qorqooroon yo gubani, gara foonii gula rifatti.
English: When put in fire, a hide of skin crumples toward the fleshy side.

75. Dhugaa waa'elii Waaqa.
English: God is the companion of truth.

76. Ta halkan galte itti bariisifatani.
English: That which occurs at night will await down.

77. Galgalii shona hin qabu.
English: Evening has no supplement.

78. Si gubee hin arginii ibiddaan taphatta.
English: You play with fire because you have not seen it burn.

79. Ta biraa baate, haatii boo'a hin dhageettu.
English: A mother will not hear the cry of her married daughter who is now living far away.

80. Firoomii warra Haassan Gabaabaa, qallatee nama seenee, furdatee nama keessaa ba'a.
English: When befriending people, the family of Hassan Gababa enters narrowly and leaves
broadly.
*****************
Horaa Bulaa Deebanaa
@SabbooGoonaa
#Mammaaksota_Addunyaa

Harki abaaboo namaa kennu ni urgaa'a.(Chinese)

Namoota baay'atanii laga ce'an naachi hin-nyaatu. (African)

Kufaatii diina keetti hin gammadiin; lafaa isa kaasuufis hin ariifatiin. (Jewish)

Hanga laga ceetutti naacha hin arrabsiin.
(Haitian)

Waan qalbiin (onneen) argite, ijji hin irraanfattu. (African)

Yoo kolfuu hin jaalattu ta'e Suuqii hin banatiin.
(Chinese)

Nama fuudhaaf deemuu fi nama waraanaaf deemu hin gorsani. (Spanish)

Dhugaa dubbachuu hin sodaatiin; garuu dafii
achii deemi. (Slovenian)

Yoo daddaftee deemuu barbaadde kophaa kee
deemi; yoo fagaattee deemuu feete immoo nama waliin deemi. (African)

Mala Jaalalaa: suuta qabi; suuta gadi dhiisi.
(Spanish)

Lagni hangam fagaatee deemus, madda isaa hin dagatu. (Nigerian)

Maalummaa nama tokkoo isa dhugaa baruuf, hanga inni taayitaa argatutti eegi. (Yugoslav)

Bakkuma amma jirtu sanatti yoo dhugaa arguu dadhabde, eessumattuu arguuf hin jirtu.
(Zen)

Saree hin dunnee fi bishaan ciisu amantee itti hin deemiin. (German)

Bakka itti kufte caalaa bakka itti mucucaatte yaadadhu. (African)

Gorsaa fi soogidda osoo hin gaafatamiin hin kenniin. (Italian)

Sooressa, namni gowwaa hin se'u. (Spanish)

Mana keessatti dhalatte, muka gaaddisa isaa jala teessee fi ganda keessatti guddatte kabaji.
(Swedish)

Hiriyaakee dhugaa harka lamaaniin qabadhu.
(Nigerian)

Mukti jallaan, gaaddidduun isaatis jallaa dha.
(French)

Osoo hin ilaaliin hin dhugiin; osoo hin dubbisiin hin mallatteessiin. (Spanish)

Onneekee oftuulummaan hinguutiin; ogummaadhaaf bakka dhabdaa. (African)

Waaqni simbirrootaaf nyaata ni kennaaf; garuu baatee manatti isaan hin galchu.
(Danish)

Jireenyi riqicha. Ittiin ce'i malee mana irratti hinijaariin. (Indian)

Bineensi bosonaa qaama kee madeessa; hiriyaa gadheen garuu sammuu kee madeessa.
(Zen)

Maallaqni hin dubbatu; garuu soba dhugaa fakkeessa. (South African)

Yeroo arfaasaa ooruu(maasaa) kee, yeroo gannaa immoo mana kee gadi hindhiisiin.
(Chinese)

Namni akka itti jiraatu beeku, beekumsa ga'aa qaba. (Swedish)

Iccitiin akkuma Simbirroo ogguma nama harkaa baatu balali'uu eegalti. (Saudi)

Waa'ee Qilxuu, Qilxuu irraa baradhu; waa'ee Birbirsaa immoo Birbirsa irraa baradhu. (Zen)

Beekumsa (ogummaa) kee guyyaa tokkoof yoo dagatte, inni immoo guyyaa lamaaf si dagata.
(Chinese)

Yoo manni kee laga qarqara ta'e, naacha fira godhadhu. (Indian)

Duuti maqaan isaa hintolu. Ykn ni ture jedhu; ykn immoo ni ariifate jedhu. (English)

Nama Giriikii tokko erga harka fuutee booda, quboota kee lakkaawwadhu. (Albanian)

Keessummummaa ganda harree dhaqxee waa'ee gurraa hin haasa'iin. (Jamaican)

Simbirroon Allaattii duuba fiigdu, waan inni baqatu seeti. (Japanese)

Jabanaan kee inni haaraan akka bishaan baatu hanga mirkaneeffattutti, isa moofaa hin gatiin. (Swedish)

Qabsoo/Lola bishaanii fi dhagaa gidduutti godhamu keessatti, turee bulee kan mo'atu bishaanuma. (Japanese)

Yommuu qe'een abbaakee saamamu, atis wajjin saami. (Abyssinian)

Gowwaan mammaaksa tuffata, abshaalli immoo irraa barata. (Chinese)

#Horaa_Bulaa

@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
#Anis_barataadha!
Gaafan manaa bahu
Boorsaa koo qabadhee
Sammuu koo jijjiiruuf
Barumsa baradhee
Galma koo gahuudhaaf
Mudhii koo hidhadhee

Akkas jedheen deeme
Namaan wal hin gahu
Kaayyoon mana baheef
Yoomuu lafa hin kaahu
Mul'ata koo dhugoomsee
Akkan namas tahu

Manaa bahee dhufee
Yeroon ani as gahu
Waaniin jedhe godhuuf
Oggaan ani lafaa ka'u
Kun dhuftee eegalte
Wanti bitaa sitti tahu

Hin taane kaa kunoo
Kaniin keessootti yaade
dhugoomuu hin dandeenye
Wanniin ani barbaade
Kaayyoo kiyya hundahuu
Bishaan fuudhee badee

Osoon hin jaalatinis tahu
Dirqameera kaa ammaa
Bineensota gaaraalleetu
Namummaa ko morma
Akkamiinan callisaree
Eenyumma koon falmaa
Kana Quba Qabduu!
Abbootii Gadaa Booranaa 72fffaa, 73ffaa fi 74ffaan walduraa
duubaan baallii fuutu eennu faa akka ta’ani beettuu? Kunoo
Abbaa Gadaa Booranaa
72ffaa: Guyyoo Boruu Guyyoo
73ffaa: Madha Boruu
74ffaa: Halakee Mallichaa
DId YOU KNOW IT!
Did you know the upcoming three Borena Oromo’s Abba
Gada? Here they are!
72nd, Guyo Boru Guyo
73rd, Madha Boru
74th, Halake Mallicha
Ga’aa Baallii fuudhaa
Jennaan
Horaa Bulaa deebanaa
🌍
🌍🌍
🌍🌍🌍
👉 @SabbooGoonaa
👉 @SabbooGoonaa
👉 @SabbooGoonaa