Jechoota Saayikoloojii 🧠
225 subscribers
16 photos
16 links
Download Telegram
Jechoota Saayikoloojii 🧠 pinned «Guyyaa du'a keetii dursitee hin du'in. ➡️Jireenya kee guutummaatti jiraadhu. Akkaataa jirtutti of fudhadhu. Ofii keetiif gaarummaa qabaadhu, sana booda warra kaaniif gaarummaa qabaachuu dandeessa.  Of jaalladhu jaalala sana babal'isi.  👉Gonkumaa abdii hin…»
Qajeelfamoota namoota wajjin Nagaan jiraachuuf  Gargaaran

➡️Dhiifama Gochuu

👉Hundi keenya iyyuu ni dogoggorra. Kanaan kan kaʼes, warra kaan mufachiisuu dandeenya, warri kaanis nu mufachiisuu dandaʼu. Kanaafuu, nuti warra kaaniif dhiifama gochuun keenya, warri kaanis dhiifama nuu gochuun isaanii barbaachisaa dha. Nama nu mufachiiseef dhiifama yommuu goonu haaloo isatti qabachuu ni dhiisna. ‘Hamaa hamaadhaan hin deebisnu,’ balleessaa isaa ykn dadhabina isaas yeroo hunda hin yaadannu. Haa taʼu malee, baayʼee yoo miidhamnee fi wanta nu irratti raawwatame irraanfachuun yoo nutti ulfaate hoo? Taanaan, nama sana kabajaan dhuunfaatti haasofsiisuu qabna. Kaayyoon keenya namni sun dogoggora akka raawwate mirkaneessuu utuu hin taʼin, nagaa buusuu taʼuu qaba.

➡️Gad Of Qabuu, Kabajas Argisiisuu

👉Kan gad of qabnuu fi warra kaan kan kabajnu yoo taʼe, namoonni nuu wajjin taʼuun isaan gammachiisa. Gaarummaa akka isaanitti argisiisnuu fi akka isaaniif yaannu, akkasumas taʼe jennee miira isaanii akka  hin miine ni hubatu. Haa taʼu malee, warra kaan akka caallu kan yaannu yoo taʼe ykn yeroo hundumaa yaada keenyatti kan cichinu yoo taʼe, wal morkii fi walitti buʼiinsa kakaasna. Namoonni nu irraa fagaatu; michoota horachuunis nu rakkisa.

➡️Looguu Irraa Fagaadhu

👉Uumaan keenya lammummaa, afaan, iddoo hawaasa keessatti qabaniin ykn bifa gogaa isaanii irratti hundaaʼuudhaan namootaaf hin loogu. Inni “namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume.'' Kana jechuun, ilmaan namootaa hundi obbolaa dha jechuu dha. Yeroo nama hundumaatti kabajaa fi gaarummaa argisiisnu, isaan gammachiisna, nutis ni gammanna, Uumaa keenyas ni gammachiisna.

➡️Garraamii Taʼuu

👉Yommuu garraamii taanu, namoonni kaan akka tasgabbaaʼan gargaarra. Namoota tasgabboofne akka taane waan beekaniif, nu haasofsiisuun isaanitti hin ulfaatu; dogoggora keenya nutti himuun illee isaanitti salphata. Namni tokko yommuu nutti aaru, deebii laafaa kennuun keenya isa tasgabbeessuu dandaʼa.

➡️Arjaa fi kan Galateeffatu Taʼuu

👉“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun sassatoo fi waaʼee ofii isaanii qofa kan yaadani dha. Gammachuu dhugaan kan argamu garuu arjaa taʼuudhaani.  Namoonni arjaa taʼan qabeenya caalaa nama waan jaallataniif gammadoo dha. Jaalala akkasii qabaachuun isaanii yeroo namni tokko arjummaa isaanitti argisiisu galateeffachuu fi dinqisiifachuuf isaan kakaasa.  ‘Nama doqnaa fi galata hin beekne moo, nama arjaa fi galateeffatuu wajjin taʼuutu na gammachiisa?’ jedhii of gaafadhu. Kana irraa maal baranna? Amala warri kaan akka argisiisan barbaaddu qabaadhu.

Yeroo Gaarii isiniif hawwina!

➡️Namoota ni fayyada jettanii yaaddaniif #Share godhaa ykn ergaaf!
👇👇👇👇👇
@saayikoloojii
Jechoota Saayikoloojii 🧠 pinned «Qajeelfamoota namoota wajjin Nagaan jiraachuuf  Gargaaran ➡️Dhiifama Gochuu 👉Hundi keenya iyyuu ni dogoggorra. Kanaan kan kaʼes, warra kaan mufachiisuu dandeenya, warri kaanis nu mufachiisuu dandaʼu. Kanaafuu, nuti warra kaaniif dhiifama gochuun keenya…»
Yoo Gammachuu argachuu barbaadde:
*
1. Nama hin miidhiin!
2. Nama hundaa gammachiisuuf ammoo hin dhama'iin!
3. Namootarraa waan guddaa hin eegiin!
4. Jijjiirama/jijjiiramuu hin sodaatiin!
5. Waan darbe yaadattee itti miidhamaamiin, irraa baradhu malee!
6. "Ani namaa gadi" jettee hin yaadiin!
7. Waa'ee jiruu jireenyaa yaadi malee humnaa ol hin dhiphatiin (hin yaadda'iin)!
8. Dhiifama namaa gochuu amaleeffadhu!!!

Share godhi
@saayikoloojii
DHANGAA JIREENYAA ❤️



Jireenya kee keessati nama kamiyyuu gad buustee hin ilaalin tarii cimaa ta'uu dandeessa garuu ,yeroon si caalaa jabina akka qabu beekii !
Nama hunduma akkataata mul'ata isaattin hubadhuu kabajii sababni isaa yeroon yeroo fida wan ta'eef.

Jireenya kee keessatti gara itti tarkaafanttu ka'umsaa kee hin dagatin karaa dheera tokko yoo deemtu cal dhisteetuma hin tarkaanfatiin al tokko tokko of duubas ilaali garuu hin dhaabatii.

Barbaadama ta'uudhaf barbaachisummaan kee baramuu qaba.
Maala naan jedhu utuu hin taane maalan jedhe jechuu irratti xiyyeeffadhu.

Caallissuu kee keessatti wantoonnii ati hin dubbannee baay'ee akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru.

waan hunduma amanuudhaf hin ariifatin sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati.

Namni balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifatee hin banin sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef.

namoonni yeroo si miidhan hammeenyi sittii hin dhaga'amin sababni isaas seera uumama keessatti mukaa firii mi'aawaa ofiirra qabutii dhagaan itti darbatamu ni hedduummaata waan ta'eef .

Addunyaa kan irratti karaa milkaa'aina kee irratti dhagaa sitti ni darbatama, garuu dhagaa san irra riqicha ykn gamoo ijaarrachuun filannoo fi ga'ee keeti!

Yoo tulluuti ol bu'uu hin dandeenye lafa diriira arguu hin dandeessu , waan gaarii arguuf obsaan tulluu, rakkoo dhibdee bahuu dirqama.

Yeroo Gaarii qabaadha🙏

@saayikoloojii
Ammuma

➡️Guyyaa tokko barabaraaf ni callista.
Guyyaa tokko barabaraaf ni deemta.
Guyyaa tokko tasumaa dagatamtee yaadannoo taata.
Guyyaa tokko tasuma carraa hin argattu.
Har'uma nama yaaddeef bilbilii dubbisii akka jaalattus itti himi.
➡️Nama si miidheefi itti mufatte ykn miite dhiifama gaafadhu dhiifamas godhiif ammuma!
👇👇👇👇👇
@saayikoloojii
#ODUU_AMMEE

24/11/2016
Biiroon Barnootaa Oromiyaa #Barattoota_Kutaa_6ffaafi_8ffaa #miliyoona 1.4 ta'an Qormaata Naannoo Hanga Waxabajjii 05/2016 kennaa ture #boru 25/11/2016 #sa'aatii 2:30 booda #QABXIIN/FIRIIN/ akka ibsamu BBOtti Daayirektarri Qormaataafi Madaalli Barnootaa obbo Huseen Qaasim ibsaniiru.

Bu’aa qormaata kutaa 8ffaa naannoo Oromiyaa barattoonni karaa https://oromia.ministry.et/#/result ilaaluu ni danda’u.

➡️JOIN AND ➡️SHARE
╔════════════╗
JOIN: @saayikoloojii
JOIN: @saayikoloojii
Biiroon Barnoota Oromiyaa bu'aa qormaata naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa bara 2016 beeksise.

Naannichatti qabxiin darbiinsa kutaa 8ffaa 50 fi isaa ol ta’uu waajjirichi beeksiseera.

Baadiyyaa naannichaa keessatti qabxiin darbiinsaa dhiirota 48 fi dubartoota 45 yommuu ta’u qabxiin darbiinsa barattoota qaama miidhamtootaa dhiiraaf 45, dubartootaaf 42 akka ta’e ibsameera.

Bu’aa kutaa 6ffaa ilaaluuf 👇
https://oromia6.ministry.et/#result

Bu’aa kutaa 8ffaa ilaaluuf 👇
https://oromia.ministry.et/#result

Karaa Teelegiraamaa ilaaluuf 👇
@emacs_ministry_result_qmt_bot

@saayikoloojii
Naannoo Oromiyaatti qabxiin qormaata  Kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa bara 2016 ifoome
-
Naannoo Oromiyaatti Qabxiin qormaata barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016 har'a ifoomeera.

Barattootni kutaa 8ffaa fi 6ffaa qabxii isaanii karaa Kompitara ykn bilbila isaanii irraa  'Link' asii gaditti kenname keessa galuun fuula 'Home Result' jedhu argattu.
Fuula kanarratti  bakka lakkoofsa galmeefi  maqaa keessan kan jalqabaa galchuun dhumarratti 'check result' kan jedhu tuquun qabxii keessan beekuu ni dandeessu.
Kutaa 6ffaaf
https://oromia6.ministry.et/#result
Dabalataanis; telegraamii irratti . @emacs_ministry_result_qmt_bot 
- 'start' kan jedhu tuquun, itii aansee kutaa keessan filadhaa .
- itti aansuun Naannoo keessan filaa,
- itti aansuun lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun  qabxii keessan beekuu dandeessu.

Kutaa 8ffaaf
Liinkiin asii gaditti kenname kan qabxii kutaa 8ffaa ittiin ilaalludha.
https://oromia.ministry.et/#result
Dabalataan,  Telegraamii  irratti @emacs_ministry_result_qmt_bot 
- start' kan jedhu tuquun, itii aansee kutaa keessan filadhaa .
- itti aansuun Naannoo keessan filaa,
  - itti aansuun lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun  qabxii keessan beekuu dandeessu.
#Komii_yoo_qabaattan:
Barataan Komii Qabu Yoo Jiraate; Liinkii asii gaditti kenname keessa galuun komiisaa dhiheeffachuu ni danda'a.
Komiinis kan dhihaatu danda'u har'a irraa eegalee #guyyoota_hojii 10 keessatti qofa ta'a. 
Kutaa 6ffaaf https://oromia6.ministry.et/#/complaint
yoo ta'u,
Kutaa 8ffaaf immoo https://oromia.ministry.et/#/complaint
fuula 'form' irratti gosa barnootaa komii irratti dhiheeffattan filachuun iyyannoo dhiheeffachuu ni dandeessu.
Hubachiisa: Dursitanii App. VPA cufuu qabdu.

Qabxii darbiinsaa
Kutaa 8ffaa
#Dhiiraafi dubartii 50%fi ol yoo ta'u,
#Naannawa horsiisee bulaatiif
dhiiraaf 48% , dubartiif 45%fi ol
# Qaama miidhamtootaaf immoo,
dhiiraaf 45% , dubartiif 42 % fi ol ta'ee murtaa'eera.

Qabxii Manneen Barnootaa Bultii Addaa Galchanis fuulduratti kan ibsamu ta'a. Via BBO.
Jechoota Saayikoloojii 🧠 pinned «Naannoo Oromiyaatti qabxiin qormaata  Kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa bara 2016 ifoome - Naannoo Oromiyaatti Qabxiin qormaata barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016 har'a ifoomeera. Barattootni kutaa 8ffaa fi 6ffaa qabxii isaanii karaa Kompitara ykn bilbila isaanii…»
https://t.me/major/start?startapp=1646944922

👑Help me to become best of the best in @Major and get some Stars!
150⭐️ invite bonus for you
400⭐️ if you are Premium Major
➡️1. AARIIN MAALI?

Aariin miira mufachuu nama kamiyyuu mudachuu dandahudha. kun ammoo nama kamuu dhibee addaa akka waan qabuu isa hin taasisu. Haata’u malee aariin dhibee kan ta’u, to’annoon ol(osoo nuti hin to’atiin yoo nu to’atedha).

➡️2.MIIDHAAN ISAA MAALI?
A.maatii diiga
B.walitti dhufeenya namoota waliin qabnu laaffisa
C.rakkoo fayyaa fida. Fakkeenyaaf kan akka:
• dhukkuba onnee
• dhukkuba dhiibbaa dhiigaa 
• dhukkuba garaachaa
• dhiphachuu
• hirriba dhabuu
D.ilaalcha namootni nuuf qaban gadi hirdhisa
E.dirree hojii irratti bu’a dhabeessa nu taasisa.
F.ofitti amanamummaa keenya gadi buusa

➡️3.AKKAMIIN TO’ACHUU DANDEENYA?
A.Osoo gara tarkaanfii kamiittuu hin deemiin gaaffii armaan gadii of gaafadhu
• Maaltu na aarsaa jira?
• Waan kun waan nama aarsudhaa?
• Aariin kun fala rakkoo kanaa ta’uu danda’aa?
• Aarii kanarraa maalan fayyadama?
• Aariin kun miidhaa narraan gahaa?
• Akkamiin furmaata itti kennuun danda’a?
B.Daqiiqaa muraasaaf gocha ykn nama si aarse sana biraa adeemi
C.Lakkofsa 1 hanga 20 tti lakkaa’i.
D.Hafuura dadhabbii baafadhu(deep breath)
E.Ofitti dubbadhu”waa’ee waan kanaa itti yaaduun qaba” ofiin jedhi.
F.Hiriyyoota kee ykn namoota naannoo sana jiran waliin mari’adhu.
G.Bakka ija badee,ija balleessuun Addunyaa keenya jaamaa akka taasisu hubadhu.

Kanaafuu dhiifama gochuun nama hubataa si taasisuu isaa beeki!

Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!
   ⤵️⤵️⤵️

⤵️⤵️⤵️
@saayikoloojii

⤵️⤵️⤵️
@saayikoloojii
Jechoota Hayyoota Addunyaa
***👇
1.👉 Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu,kanneen itti fayyadaman beektota qofa.(Thomas Takias)
2.👉 sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i. (Jecha warra Ingilizii)
3.👉 Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama.(wiiliyaam sheekispir)
4. 👉Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha. (Maaksim Troobey)
5. 👉Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.(William shekispir)

6.👉 Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru.(Jecha warra Morookoo)
7. 👉Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha.(Jecha warra Arabaa)
8.👉 Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha.(jecha warra chaayinaa)
9.👉 Daandii bakka yaadde si geessitu osuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin.(Jecha warra Ingilizii)
10.👉 Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha.Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwummoo nama ogeessadha.(Jecha warra Aayilaandii)

11.👉 Namni dogoggorsasaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti.(Maataammaa Gaandii)
12.👉 Nama tokko dogoggorasaarraa deebisuun hojii guddaadha.(Abirahaan Liinkan)
13.👉 Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu.(Abirahaam Liinkan) 14.👉 Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna.(Rey Liiman Wiilber)
15.👉 Gammachuu fi shittoon walfakkaatu.Osuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu.(Maaliif Waaltoo Imarsan)

16.👉 √ Maalaqni nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu. √ Maalaqni qoricha malee fayyaa hin bitu. √ Maalaqni hordoftoota malee hiriyaa hin bitu. √ Maalaqni Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu. (Heenriik Ibsan)
17.👉 Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii yeroo gammachuu abdiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan har’aa guyyaa hundumaarra guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan har’aa harka kee keessa seentee jirti.(Charles Koltan)
18.👉 Har’i akka ta’etti yoo qabaatti siif galte malee Boris hin amanamtu. (Toomaas Diiriyes) 19) Waanti nuti sodaachuu qabnu sodaa qaofadha.(Franklin Ruzvelt)
20.👉 Baay’inni rifeensaa,baay’inni copha bokkaas, akkuma beekamuu hin dandeenye baay’inni rakkinaas sammuu nama mul’ataa xureessuu hin danda’u. Namni akkasii madaala jireenyasaatii ni eega.(Seeneka)

21.👉 Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul’achuu hin danda’u.(Konfiishiyees)
22.👉 Sodaa kee of keessa dhokfadhu. Dhimma biraa garuu hiriyoota keetiin mari’adhu.(Robert Luis Stevens)
23.👉 Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qaba.(Andire Morwa) 24.👉 Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala.(Laawoo 8ffaa)
25.👉 Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.(Kanan Frederik Furar)

26.👉 Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osuu hin taane,yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama.(Oliver Gold Smiz)
27.👉 Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii ta’uusaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas)
28.👉 Waanti nama beekamaa si taasisu waanta ta’uu barbaaddu taatee argamuudha.(Sokirates)
29.👉 Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan ta’eef yeroo hundumaa banaa taasisi.(George Barnaad show)
30.👉 Namoonni dhukkubaan hin du’an, dhiphina keessa isaaniitiin malee… (wiiliyaam Muuldan)

31.👉 Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yommuu yaaddu,gufuu tarkaanfii tokko si ittisuu danda’utu si dura dhaabbata.(Antuwan Tekov)
32.👉 Karaan ittiin gammachuu argatan tokkicha.Innis muddamaa fi sodaa human keenyaa olitti nutti dhufan jalaa miliquudha.(Monten)
33.👉 Namni tokko amaloota sadii(3) qaba. isaanis: √ Amala inni agarsiisu √ Amala inni qabuu fi √ Amala inni qaba jedhee yaadu. (Alfans Kar)

Yoo sinitti tolee share godha!

@saayikoloojii
Jechoota Saayikoloojii 🧠 pinned «Jechoota Hayyoota Addunyaa ***👇 1.👉 Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu,kanneen itti fayyadaman beektota qofa.(Thomas Takias) 2.👉 sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i. (Jecha warra Ingilizii) 3.👉 Ifa arguuf dukkana…»
🤔  #Jechuun_Jechuu_Miti 🤔

Nama jabaa ta'i jechuun tasumaa hin kufiin jechuu miti; kufanii ka'uus bartee godhadhu jechuudha malee!

Callisi jechuun hin dubbatiin jechuu miti; namoota biroos dhagahi jechuudha malee!

Garaaf kan bultu hin ta'iin jechuun hin nyaatiin jechuu miti; dhugaa namaatti hin darbiin jechuudha malee!

Hin dheekkamiin jechuun miira hin qabaatiin jechuu miti; dheekkamsa irraa dafii deebi'i jechuudha malee!

Dhiifama godhi jechuun ati hin miidhamne jechuu miti; garaatti haaloo qabachuun miidhamuu biraa waan ta'eef malee!

Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaariidha jechuu miti; jibba irra jaalalli waan mo'uuf malee!

Gammadaa ta'i jechuun hunda qabaadhu jechuu miti; kan qabdutti gammadi jechuudha malee!

Hojii kee jaaladhu jechuun hojiin ati hojjechaa jirtu gaariidha jechuu miti; boru hojii gaarii akka qabaattuuf hojii har'a hojjettu jaaladhu jechuudha malee!

Odeessituu hin ta'iin jechuun hin odeessiin jechuu miti; waa'ee dhimma hin beeknee hin odeessiin jechuudha malee!

Ni duuta jechuun hin hojjetiin jechuu miti; waan gaarii osoo hin hojjetiin hin du'iin jechuudha malee!

Qofaa hin ta'iin jechuun ariifadhuu gaa'ela keessa seeni jechuu miti; laphee kee, yeroo kee, waan qabdu hundaa dabarsitee kennuuf qophaa'i jechuudha malee!

Nama dhugaa  ta'i jechuun bakka namoonni jiran qofatti dhugaa dubbadhu jechuu miti; mataa keefis jireenya dhugaan guutame jiraadhu jechuudha malee!

Hin loliin jechuun namoota wajjin hin jiraatiin jechuu miti; haaloo qabattee hin turiin jechuudha malee!

Kan of tuultu hin ta'iin jechuun hin uffatiin jechuu miti; kanneen biroo hin tuffatiin jechuudha malee!

Ati bareedaa/dduudha jechuun warreen kaan irra kan caaltudha jechuu miti; sitti bareedeera jechuudha malee!

Beekaa ta'i jechuun deebi'ii mana barumsaa seeni jechuu miti; ogeessa (gamna) ta'i jechuudha malee!



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
    @saayikoloojii