Jechoota Saayikoloojii 🧠
225 subscribers
16 photos
16 links
Download Telegram
Gatii kee Beektaa?

Gatiin kee ilaalcha gad bu'aa namni waa'ee keef qabuun hin murtaa'u."

➡️Gatii kee fi gita kee jechuun hanga kee fi bakka siif ta'u beekuu jechuudha. Biyya lafaa kanarra yeroo jiraattu gatii kee fi gitakee beekuudhaan jireenya jiraachuuf uumamte tokko jiraatta. #Gatiin kee gita kee murteessa. Gita kee akka beektuuf gatii kee dursitee beekuun barbaachisaadha. #Ati hangam geessa yoo siin jedhan, hanga gatii ofiif kennitee geessa jechuudha. Gatiin kee eenyu wajjin akka si dhaabu ni hubatta. Ati eenyu gaaffii jedhuuf deebiin isaa, gatii ati ofii keef qabduudha. #Ati gatii keeti!
➡️Ati gatii kee osoo hin beekin, gita kee beekuun sitti ni ulfaata. Gatiin kee iyya keessoo keetii dhaggeeffachuu irraa jalqaba. Mee gurra itti kennii iyya keessoo keetii dhaggeeffadhu.  
➡️Iyyi ati gurra itti kennitee hin dhageenye si keessaa kan ganamaafi galgala iyyu jiramoo hin jiru? Mul'atni keessoo keetii osoo nyaattuu si beelessu,osoo dhugduu si dheebossu, maaliif yaadaan badda? Dhuguma lafa gahuu qabdu geesseettaa? Bakki amma jirtu kun si madaalaa? Kan siif kaffalamaa jiru dhuguma gatii keetii? Iyya keessoo keetii sitti iyyu hin tuffatin, gurra kenniifii dhaggeeffadhu. Inni immoo gaafa bahee hojiirra oolu gatii siif kennaatii.
➡️Waa'een Kee yeroo tokko tokko siifiyyuu hin galu. Waa'een Kee deebisee siif gaaffii yeroo Itti ta'u qaba. Maaliif natti gaaffii ta'e jettee hin dhiphatin. Gaaffiin maaliif jedhu gara eenyummaa keessoo keetii barbaaduutti si geessuu ni danda'aatii. Maaliif jechuun ka'umsa gatii kee fi gita kee argachuutiif si fayyadaatii.


           #Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!

           #Join #Share godhaa
       
➡️https://t.me/saayikoloojii
            
Garbummaa sammuu Jalaa ba'uuf

Kalessa keef beekamtii kenni garuu har'a Kee Itti jiraadhu.( Value yesterday but live today). Har'aan Kee garbummaa sammuu akka sitti hin taaneef mul'ata keef Itti jiraadhu. Garbummaa sammuu jalaa ba'uuf har'aan Kee baay'ee murteessaadha. Baay'een namootaa garbummaa kaleessaa keessa jiraatu. ➡️"Yesterday ended last night".(Dr. John Max Wel).
➡️"Kaleessi eda galgala xumurame" jedha. Waan hundumaa akka injifattu kan si gargaaru, mul'ata guddaa ati Jireenya keessatti qabduudha. Mul'atni xiqqoon garbummaa sammuu natti taati. Har'a tarkaanfii ofirratti fudhachuu jalqabi.
➡️Garbummaa sammuu keessaa ba'uuf wantoonni nama gargaaran sadii jedheen yaada.
1. Mul'ata Guddaa: Hanguma mul'ata kee hubattee irratti hojjette, mul'ata keef bitamta. Yeroo sana garbummaa sammuu kee jalaa baata.
2. Yaada Qajeelaa Ofiikeef Qabaachuu: Yaadni ati ofirratti yaaddu garbummaa sammuufis ta'ee birmadummaa sammuu kee labsachuufis ni murteessa. Kanaafuu yaada keef of eegannoo taasisi.
3. Kaleessatti Qabamuu fi Borii Keetti Abdii Kutachuu Keessaa Dafii Ba'i. Gonkumaa waan darbeen hin injifatamin. Borittis abdii hin kutatin. Kaleessaaf beekamtii kenni. Boriikee abdiin eegadhu. Irrattis hojjedhu. Garbummaan sammuu kee birmadummaa sammuun keetiin bakka bu'uu qaba!

  # Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!
    
#Join and Share
      👇👇👇👇
➡️https://t.me/saayikoloojii
Jireenya keessatti jechootni baay'ee barbaachisoo ta'an 4 jiru:
➡️Jaalala
➡️Amanamummaa
➡️Dhugaa fi
➡️Kabaja.

Jireenya kee keessatti kanneen yoo hin qabaanne
Homaa hin qabdu.

━━━━━━━━━━━
🖋️@saayikoloojii
Bu’aa qormaata kutaa 8ffaa naannoo Oromiyaa barattoonni karaa https://oromia.ministry.et/#/result ilaaluu ni danda’u.
JECHOOTA ajaa'ibaa.

❶Ni jiraanna jenneeti malee balleesinee baduun nun dhibu.
❷Umurii nuti qabnu jeequmsaaf miti jaallachuufuu nun geessu.
❸Qophummaan kan bareedu mana fincaanii keessatti qofa.
❹Aangoon kan ittiin uummata bulchan malee kan ittiin uummata doorsisan miti.
❺Kanan rafuuf kan hin rafne gooftaa waanan qabuufi.
❻Hangam yoo tureyyuu harmii fi mootummaan kufuunsaa hin oolu.
❼Fuula inaaffaan guraachesse dibatni hin cululksu!
❽Utuu durbi lafa qotuun argamti ta'ee dhiirri
hunduu qote bulaa ta'ee dhuma.
❾Nama hin tuffatin inni jiraanniyyuu surree nama hiikachiisti.
❿Bara re'ee ta'aamutti hoolaa hin ta'in.
⓫Utuu barnootni uleedhaan namaa gala ta'e harreen piroofeesera taati turte.
⓬Utuu baalli mukaa qarshii ta'ee dubarri qalamee jaallatti!
⓭Anaan hiyyeesa nan jette atimmoo boorsaa duwwaaf daalleekee malee maal qabda.
⓮Utuu daawitii (of ilaallee) dhaaf ni kaffalama ta'ee dubartootni meeqa kaffalu?
⓯Hangafti tooftaa jireenyaa wal
danda'uudha!!

@saayikoloojii
Jireenya siif malu jiraadhu!

👉Nama biraatiif jettee eenyummaa kee hin jijjiirin. Ati si ta'uuf lafa kana irratti uumamte. Waantota baay'ee qabattee jirta waan ta'eef itti jiraadhu.

  👉Kanaaf of hin ceepha'in, carraa tokko qabda, namni carraa biraa siif kennu hin jiru, kanaaf hin gaabbiin, har'a jiraachuu jalqabi 😊

➡️Yeroo bareedaa isiniif hawwina!
👇👇👇👇👇
https://t.me/saayikolooji
Guyyaa du'a keetii dursitee hin du'in.

➡️Jireenya kee guutummaatti jiraadhu.
Akkaataa jirtutti of fudhadhu.
Ofii keetiif gaarummaa qabaadhu, sana booda warra kaaniif gaarummaa qabaachuu dandeessa.  Of jaalladhu jaalala sana babal'isi.  👉Gonkumaa abdii hin kutin.  Gammachuun dhugaa qarshii ykn milkaa'ina ykn beekkamtii keessa hin jiru.  Gammachuun dhugaa galata keessa jira.  Kanaaf galateeffadhu.
👉Yeroo tokko tokko,wantoota hin qabne yaaduun baay'ee waan qabnuuf eebba qabnu kunuunsuu daganna.  Lubbuun jiraadhu.   Yeroo hundumaas jiraadhu. Guyyaa du'a keetii dursitee hin du'in.

Gammachuun Dhugaa eessa jira beektaa?

➡️Jireenya kee keessatti maaltu boqonnaa sii kenna beektaa?
✍️Yeroo nama dhiphina ykn gadda  keessa jiru tokko fuula isaa ibsuu dandeessu ykn miirri gammachuu akka itti dhaga'amu gochuu dadeessu!
✍️Namoota naannoo kee jiraniif waan gaarii hojjechuuf yeroo yaaltu.
Yeroo dhukkubbiin nama tokkoo sitti dhaga'amu.
Cimtee hojjetta, maallaqa argatta, ofii keetiif qofa itti fayyadamta.  Sun jireenya miti.
➡️Jireenyi kee guutuu kan ta'u yoo namoota deeggarsa kee barbaadan kan naannoo kee jiran bira geessedha. Ati mana gamoo abbaa darbii 6 ykn 7 fi isaa olii ijaartee keessa teessa, iyyeessi ollaa kee agabuu bula yoo ta'e mana dhabee barandaa bulaa jira yoo ta'e jireenyi kee guutuudha jennaaree? miti. Kana hunda fuutee hin duutu bar...
👇👇👇👇
. See more
Murtoon sirrii ta’e ofitti amanamummaa dachaan dabala.
Murtoon dogoggoraa immoo muuxannoo dachaan dabala.

Kanaafuu haala lamaan irratti yaadda'uun hin barbaachisu. carraaqqii kee itti fufuu qofa.

━━━━━━━━━━━
🖋️@saayikoloojii🖌️
Waan biraa yaali!

➡️Yooman jireenya kana keessaa bahee sadarkaan barbaade irra gahuu danda'a gaaffiin jedhu keessa kee ni deddee'a. Waan tokko yaali, karaa biraa ilaaluuf yaali, yoo karaan ati deemtu sirrii hin taane namoota biroo irraa baradhu;  Jireenya ija ogummaatiin ilaaluuf yaali!

➡️Waan haaraa!
Jireenya keessatti waanuma baramaa hojjechuun nama nuffisiisa, jireenya keenya keessatti waan haaraa arguu nu barbaachisa. Kanaafuu barannee jijjiirama uumuuf of haa qopheessinu!
#Waan qabnu irra taa'uu mannaa waan addaa hojjechuuf yoo of qopheessine, gammachuu adda ta'e arganna!

➡️Hin sodaatinaa!
Eeyyee, wanti haaraan yeroo hunda nama sodaachisa, akkuma jalqabneen osoo duubatti deebinee ykn osoo hin jalqabne ta'ee hawwina!
  👉Garuu jijjiiramni kun karaa jalqaba milkaa'ina keenyaati. Gaafa waan haaraa kana fudhachuu jalqabnu jijjiiramni nuti barbaannu nutti dhiyaachaa dhufa!

#Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!
👇👇👇👇👇👇
@saayikoloojii
Jechoota Saayikoloojii 🧠 pinned «Guyyaa du'a keetii dursitee hin du'in. ➡️Jireenya kee guutummaatti jiraadhu. Akkaataa jirtutti of fudhadhu. Ofii keetiif gaarummaa qabaadhu, sana booda warra kaaniif gaarummaa qabaachuu dandeessa.  Of jaalladhu jaalala sana babal'isi.  👉Gonkumaa abdii hin…»
Qajeelfamoota namoota wajjin Nagaan jiraachuuf  Gargaaran

➡️Dhiifama Gochuu

👉Hundi keenya iyyuu ni dogoggorra. Kanaan kan kaʼes, warra kaan mufachiisuu dandeenya, warri kaanis nu mufachiisuu dandaʼu. Kanaafuu, nuti warra kaaniif dhiifama gochuun keenya, warri kaanis dhiifama nuu gochuun isaanii barbaachisaa dha. Nama nu mufachiiseef dhiifama yommuu goonu haaloo isatti qabachuu ni dhiisna. ‘Hamaa hamaadhaan hin deebisnu,’ balleessaa isaa ykn dadhabina isaas yeroo hunda hin yaadannu. Haa taʼu malee, baayʼee yoo miidhamnee fi wanta nu irratti raawwatame irraanfachuun yoo nutti ulfaate hoo? Taanaan, nama sana kabajaan dhuunfaatti haasofsiisuu qabna. Kaayyoon keenya namni sun dogoggora akka raawwate mirkaneessuu utuu hin taʼin, nagaa buusuu taʼuu qaba.

➡️Gad Of Qabuu, Kabajas Argisiisuu

👉Kan gad of qabnuu fi warra kaan kan kabajnu yoo taʼe, namoonni nuu wajjin taʼuun isaan gammachiisa. Gaarummaa akka isaanitti argisiisnuu fi akka isaaniif yaannu, akkasumas taʼe jennee miira isaanii akka  hin miine ni hubatu. Haa taʼu malee, warra kaan akka caallu kan yaannu yoo taʼe ykn yeroo hundumaa yaada keenyatti kan cichinu yoo taʼe, wal morkii fi walitti buʼiinsa kakaasna. Namoonni nu irraa fagaatu; michoota horachuunis nu rakkisa.

➡️Looguu Irraa Fagaadhu

👉Uumaan keenya lammummaa, afaan, iddoo hawaasa keessatti qabaniin ykn bifa gogaa isaanii irratti hundaaʼuudhaan namootaaf hin loogu. Inni “namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume.'' Kana jechuun, ilmaan namootaa hundi obbolaa dha jechuu dha. Yeroo nama hundumaatti kabajaa fi gaarummaa argisiisnu, isaan gammachiisna, nutis ni gammanna, Uumaa keenyas ni gammachiisna.

➡️Garraamii Taʼuu

👉Yommuu garraamii taanu, namoonni kaan akka tasgabbaaʼan gargaarra. Namoota tasgabboofne akka taane waan beekaniif, nu haasofsiisuun isaanitti hin ulfaatu; dogoggora keenya nutti himuun illee isaanitti salphata. Namni tokko yommuu nutti aaru, deebii laafaa kennuun keenya isa tasgabbeessuu dandaʼa.

➡️Arjaa fi kan Galateeffatu Taʼuu

👉“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun sassatoo fi waaʼee ofii isaanii qofa kan yaadani dha. Gammachuu dhugaan kan argamu garuu arjaa taʼuudhaani.  Namoonni arjaa taʼan qabeenya caalaa nama waan jaallataniif gammadoo dha. Jaalala akkasii qabaachuun isaanii yeroo namni tokko arjummaa isaanitti argisiisu galateeffachuu fi dinqisiifachuuf isaan kakaasa.  ‘Nama doqnaa fi galata hin beekne moo, nama arjaa fi galateeffatuu wajjin taʼuutu na gammachiisa?’ jedhii of gaafadhu. Kana irraa maal baranna? Amala warri kaan akka argisiisan barbaaddu qabaadhu.

Yeroo Gaarii isiniif hawwina!

➡️Namoota ni fayyada jettanii yaaddaniif #Share godhaa ykn ergaaf!
👇👇👇👇👇
@saayikoloojii
Jechoota Saayikoloojii 🧠 pinned «Qajeelfamoota namoota wajjin Nagaan jiraachuuf  Gargaaran ➡️Dhiifama Gochuu 👉Hundi keenya iyyuu ni dogoggorra. Kanaan kan kaʼes, warra kaan mufachiisuu dandeenya, warri kaanis nu mufachiisuu dandaʼu. Kanaafuu, nuti warra kaaniif dhiifama gochuun keenya…»
Yoo Gammachuu argachuu barbaadde:
*
1. Nama hin miidhiin!
2. Nama hundaa gammachiisuuf ammoo hin dhama'iin!
3. Namootarraa waan guddaa hin eegiin!
4. Jijjiirama/jijjiiramuu hin sodaatiin!
5. Waan darbe yaadattee itti miidhamaamiin, irraa baradhu malee!
6. "Ani namaa gadi" jettee hin yaadiin!
7. Waa'ee jiruu jireenyaa yaadi malee humnaa ol hin dhiphatiin (hin yaadda'iin)!
8. Dhiifama namaa gochuu amaleeffadhu!!!

Share godhi
@saayikoloojii
DHANGAA JIREENYAA ❤️



Jireenya kee keessati nama kamiyyuu gad buustee hin ilaalin tarii cimaa ta'uu dandeessa garuu ,yeroon si caalaa jabina akka qabu beekii !
Nama hunduma akkataata mul'ata isaattin hubadhuu kabajii sababni isaa yeroon yeroo fida wan ta'eef.

Jireenya kee keessatti gara itti tarkaafanttu ka'umsaa kee hin dagatin karaa dheera tokko yoo deemtu cal dhisteetuma hin tarkaanfatiin al tokko tokko of duubas ilaali garuu hin dhaabatii.

Barbaadama ta'uudhaf barbaachisummaan kee baramuu qaba.
Maala naan jedhu utuu hin taane maalan jedhe jechuu irratti xiyyeeffadhu.

Caallissuu kee keessatti wantoonnii ati hin dubbannee baay'ee akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru.

waan hunduma amanuudhaf hin ariifatin sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati.

Namni balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifatee hin banin sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef.

namoonni yeroo si miidhan hammeenyi sittii hin dhaga'amin sababni isaas seera uumama keessatti mukaa firii mi'aawaa ofiirra qabutii dhagaan itti darbatamu ni hedduummaata waan ta'eef .

Addunyaa kan irratti karaa milkaa'aina kee irratti dhagaa sitti ni darbatama, garuu dhagaa san irra riqicha ykn gamoo ijaarrachuun filannoo fi ga'ee keeti!

Yoo tulluuti ol bu'uu hin dandeenye lafa diriira arguu hin dandeessu , waan gaarii arguuf obsaan tulluu, rakkoo dhibdee bahuu dirqama.

Yeroo Gaarii qabaadha🙏

@saayikoloojii
Ammuma

➡️Guyyaa tokko barabaraaf ni callista.
Guyyaa tokko barabaraaf ni deemta.
Guyyaa tokko tasumaa dagatamtee yaadannoo taata.
Guyyaa tokko tasuma carraa hin argattu.
Har'uma nama yaaddeef bilbilii dubbisii akka jaalattus itti himi.
➡️Nama si miidheefi itti mufatte ykn miite dhiifama gaafadhu dhiifamas godhiif ammuma!
👇👇👇👇👇
@saayikoloojii
#ODUU_AMMEE

24/11/2016
Biiroon Barnootaa Oromiyaa #Barattoota_Kutaa_6ffaafi_8ffaa #miliyoona 1.4 ta'an Qormaata Naannoo Hanga Waxabajjii 05/2016 kennaa ture #boru 25/11/2016 #sa'aatii 2:30 booda #QABXIIN/FIRIIN/ akka ibsamu BBOtti Daayirektarri Qormaataafi Madaalli Barnootaa obbo Huseen Qaasim ibsaniiru.

Bu’aa qormaata kutaa 8ffaa naannoo Oromiyaa barattoonni karaa https://oromia.ministry.et/#/result ilaaluu ni danda’u.

➡️JOIN AND ➡️SHARE
╔════════════╗
JOIN: @saayikoloojii
JOIN: @saayikoloojii
Biiroon Barnoota Oromiyaa bu'aa qormaata naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa bara 2016 beeksise.

Naannichatti qabxiin darbiinsa kutaa 8ffaa 50 fi isaa ol ta’uu waajjirichi beeksiseera.

Baadiyyaa naannichaa keessatti qabxiin darbiinsaa dhiirota 48 fi dubartoota 45 yommuu ta’u qabxiin darbiinsa barattoota qaama miidhamtootaa dhiiraaf 45, dubartootaaf 42 akka ta’e ibsameera.

Bu’aa kutaa 6ffaa ilaaluuf 👇
https://oromia6.ministry.et/#result

Bu’aa kutaa 8ffaa ilaaluuf 👇
https://oromia.ministry.et/#result

Karaa Teelegiraamaa ilaaluuf 👇
@emacs_ministry_result_qmt_bot

@saayikoloojii