Jechoota Saayikoloojii 🧠
225 subscribers
16 photos
16 links
Download Telegram
Yaadadhu | Dubbiilee Hayyootaa

➊. Abrahaam Liinken
β€” Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
β€” Waan feete ta'i; garuu itti cimi!
β€” Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
β€” Kufaatii keef dhimma hin qabu; kanan dhimmu ka'uu keef!

βž‹. Beenjaamiin Firaankiliin
β€” Namni obsa qabaachuu danda’u waan barbaadu argachuu danda’a.
β€” Qophaa 'uu yoo dadhabde kufaatiif qophoofta.
β€” Yookiin waan dubbifamuuf malu barreessi!
β€” Yookiin waan barreeffamuuf malu hojjedhu!
β€” Investimentiin beekumsa irratti ta'u dhala hunda caalu namaaf kaffala.
β€” Foddaan mana kee fuullee yoo qabaate, ollaa keetti dhagaa hin darbatin!

➌. Guutamaa Budihaa
β€” Kan nuti taanee jirru bu'aa wanta nuti yaadneeti.
β€” Namni ogummaadhaan jiraatu du'ayyuu hin sodaatu.
β€” Yoo waa dubbachuu feete yeroo hundumaa dubbiin sun dhugaa, barbaachisaa fi gaarii ta'uu of gaafadhu!
β€” Okkoteen copha cophaan guutti!
β€” Gammachuun keessa keetii dhufa, alaa hin eegiin!
β€” Rakkoon kee maali seete? Yeroo qaba jettee yaadda.

➍. Maatamaa Gaandii
β€” Namni dadhabaan dhiifama hin godhu. Dhiifama gochuun amala nama jabaati.
β€” Gammachuun yeroo waan ati yaaddu, waan ati dubbattuu fi waan ati hojjettu tokko ta'aniidha.
β€” Namni gaariin michuu uumama hundumaati.
β€” Namni bu'aa yaadota isaati, waan yaadu ta'a.

➎. Maartiin Luuter Kiing
β€” Umurii qofaa lakkaa'uu dhaan dheerina yeroon namaa nyaatame caalaa kan nama gaddisiisu hin jiru.
β€” Humni diina ofi irratti jijjiiruu danda’u tokkichi jaalaladha.
β€” Namni dhiifama gochuuf humna dhabe, jaalachuuf humna hin qabu.
β€” Urjoota arguu kan dandeessu dukkana keessatti qofaadha.
β€” Fincilli sagalee warra hin dhaga'amneeti.

➏. Maazar Tereezaa
β€” Namootatti kan murteessitu yoo ta'e, isaan jaalachuuf yeroo hin qabaattu.
β€” Jechoonni gaggaariin gabaaboo fi salphoo ta'uu danda’u, sagaleen isaanii garuu dhuma hin qabu.
β€” Namoota dhibba nyaachisuu yoo dadhabde tokko qofa nyaachisi!
β€” Hojiin jaalala hin qabne garbummaadha.
β€” Jireenyi namoota kaaniif hin jiraatamin jireenya miti.

  Dubbistanii osoo hiriyoota keessanif hin dabarsiin akka hin dhiisne?

sΚœα΄€Κ€α΄‡β—ˆsΚœα΄€Κ€α΄‡β—ˆsΚœα΄€Κ€α΄‡
╔══════════════════╗
β˜€οΈJOIN: @saayikoloojii
β˜€οΈJOIN: @saayikoloojii
β˜€οΈJOIN: @saayikoloojii
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
        
πŸ‘        ❀        πŸ—¨οΈ             ♂️
ˑⁱᡏᡉ       Κ³α΅‰α΅ƒαΆœα΅—     αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—     ˒ʰᡃʳᡉ
Jechoota Saayikoloojii 🧠 pinned Β«Yaadadhu | Dubbiilee Hayyootaa ➊. Abrahaam Liinken β€” Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu. β€” Waan feete ta'i; garuu itti cimi! β€” Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u. β€” Kufaatii keef dhimma hin qabu; kanan dhimmu…»
Qabxiin darbinsa sagantaa fooyya'insaa( Remedial) ifoome.

Ministeerri barnootaa akka beeksiisettii qabxiin seensa sagantaa fooyya'insaa ( Remedial)bara 2016 dhiirootaaf 204 yoo ta'u Shamarraniif ammoo 192 ta'uu Beeksiiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
https://t.me/lucky_gems_official_bot/app?startapp=27XT13KAdmnfyQsRzbD2PAFgX4wS7pwuhuBSURU7ZyHNcw5
πŸŽ‰ I've won 0.6 USDT! Click the link to help me earn more! You can also play & win money! πŸ’°
πŸ‘‡ Join now and let's earn more together! πŸ‘‡