Jechoota Saayikoloojii 🧠
223 subscribers
7 photos
15 links
Download Telegram
πŸ€”  #Jechuun_Jechuu_Miti πŸ€”

✍Nama jabaa ta'i jechuun tasumaa hin kufiin jechuu miti; kufanii ka'uus bartee godhadhu jechuudha malee!

✍Callisi jechuun hin dubbatiin jechuu miti; namoota biroos dhagahi jechuudha malee!

✍Garaaf kan bultu hin ta'iin jechuun hin nyaatiin jechuu miti; dhugaa namaatti hin darbiin jechuudha malee!

✍Hin dheekkamiin jechuun miira hin qabaatiin jechuu miti; dheekkamsa irraa dafii deebi'i jechuudha malee!

✍Dhiifama godhi jechuun ati hin miidhamne jechuu miti; garaatti haaloo qabachuun miidhamuu biraa waan ta'eef malee!

✍Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaariidha jechuu miti; jibba irra jaalalli waan mo'uuf malee!

✍Gammadaa ta'i jechuun hunda qabaadhu jechuu miti; kan qabdutti gammadi jechuudha malee!

✍Hojii kee jaaladhu jechuun hojiin ati hojjechaa jirtu gaariidha jechuu miti; boru hojii gaarii akka qabaattuuf hojii har'a hojjettu jaaladhu jechuudha malee!

✍Odeessituu hin ta'iin jechuun hin odeessiin jechuu miti; waa'ee dhimma hin beeknee hin odeessiin jechuudha malee!

✍Ni duuta jechuun hin hojjetiin jechuu miti; waan gaarii osoo hin hojjetiin hin du'iin jechuudha malee!

✍Qofaa hin ta'iin jechuun ariifadhuu gaa'ela keessa seeni jechuu miti; laphee kee, yeroo kee, waan qabdu hundaa dabarsitee kennuuf qophaa'i jechuudha malee!

✍Nama dhugaa  ta'i jechuun bakka namoonni jiran qofatti dhugaa dubbadhu jechuu miti; mataa keefis jireenya dhugaan guutame jiraadhu jechuudha malee!

✍Hin loliin jechuun namoota wajjin hin jiraatiin jechuu miti; haaloo qabattee hin turiin jechuudha malee!

✍Kan of tuultu hin ta'iin jechuun hin uffatiin jechuu miti; kanneen biroo hin tuffatiin jechuudha malee!

✍Ati bareedaa/dduudha jechuun warreen kaan irra kan caaltudha jechuu miti; sitti bareedeera jechuudha malee!

✍Beekaa ta'i jechuun deebi'ii mana barumsaa seeni jechuu miti; ogeessa (gamna) ta'i jechuudha malee!



sΚœα΄€Κ€α΄‡β—ˆsΚœα΄€Κ€α΄‡β—ˆsΚœα΄€Κ€α΄‡
    @saayikoloojii
Yoo Gammachuu argachuu barbaadde:
*
1. Nama hin miidhiin!
2. Nama hundaa gammachiisuuf ammoo hin dhama'iin!
3. Namootarraa waan guddaa hin eegiin!
4. Jijjiirama/jijjiiramuu hin sodaatiin!
5. Waan darbe yaadattee itti miidhamaamiin, irraa baradhu malee!
6. "Ani namaa gadi" jettee hin yaadiin!
7. Waa'ee jiruu jireenyaa yaadi malee humnaa ol hin dhiphatiin (hin yaadda'iin)!
8. Dhiifama namaa gochuu amaleeffadhu!

Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!!!!!!


Join godha
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@saayikolooji
Jechoota Saayikoloojii 🧠 pinned Β«Yoo Gammachuu argachuu barbaadde: * 1. Nama hin miidhiin! 2. Nama hundaa gammachiisuuf ammoo hin dhama'iin! 3. Namootarraa waan guddaa hin eegiin! 4. Jijjiirama/jijjiiramuu hin sodaatiin! 5. Waan darbe yaadattee itti miidhamaamiin, irraa baradhu malee! 6.…»
βœ…Waantota jireenya keenya Balleessan 7'n

1. Of shakkuu.
  ➑️Akka dandeessu amani malee of hin shakkiin. Nan danda'a jennaan waanti ati hin dandeenye tokko hin jiru. Kan ati hin dandeenye hamma hin jalqabnetti qofadha.
2. Kutannoo dhabuu.
➑️Namni kutannoo hin qabne kutatee hin nyaatu jedhama. Kutannoon humna guuddaadha itti fayyadami.
3. Guyyaa tokko akkasin godha jechuu.
➑️Teessee hin hawwin waan hojjechuu qabdu ammuma jalqabi. Namni waan har'a hojjechuu qabu boruuf kaa'u, waan tokko osoo hin hojjetin du'a.
4. Namni maal naan jedha jechuu.
➑️Waan itti amanta raawwadhu namni waa'ee kee yaadu hin jiru namni hunduu waa'eedhuma ofiisaa yaadaa jira.
5. Namoota biroo wajjin of dorgomsiisuu
.
➑️Ofta'ii jiraadhu, ati sumadha malee nama biraa miti. Ofuma taatee akka jiraattuuf dhalatte waan ta'eef ofumaan dorgomi!. Of beeki namni ofbeeku nama biraan of hin madaalutii!
6. Waan of harkaa qabdu dagachuu.
➑️Waanta baay'ee of harkaa akka qabdu beektaa garuu? fkn Fayyaa, nageenya, gammachuu, jaalala namootaa fi kkf waan qabduuf galateeffadhu!
7. Yeroo Qisaasessuu.
➑️Waantota hin taaneef yeroo kennuu:-fkn oduu hin fayyanne, siyaasa hin beekne, qaala'insa jireenyaa faa callistee nama wajjin yoo wal mormite yeroo kee gubda malee waanti jijjiirtu hin jiru. Ani namoota mormiidhumaan mataa of dhukkubsaa fi yeroo isaanii gubaa oolan baay'een beeka.

Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!

✍Share godhuun namoota jaalattan biraan gahaa!
‡️‡️‡️‡️

@saayikoloojii
#Kutaa_12ffaa

Bu'aan qormaata akkuma gadhiifameen marsariitii armaan gadii irratti ilaaluu dandeessu.

Your results will be available on the following website as soon as it is released.

Karaa Website

1. eaes.et
2. eaes.gov.et
3. eaes.edu.et
4. result.neaea.gov.et

Karaa Ergaa Gabaabaa

6284

Karaa Telegram Bot

@EAESbot

Har'a galgaala akka isinii ilallu kan barbaddan immo dursatii linkii gadiin argadhaa

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@saayikoloojii
Wooooooooooooooow keessaa seena ilaala