Jechoota Saayikoloojii 🧠
225 subscribers
16 photos
16 links
Download Telegram
Nama Cimaa Ta'i

#Namni Cimaan Ofiisaa Qofaaf hin jiraatu. Namoonni si eegan heddutu jiru, ofii kee qofaaf jiraatta taanaan garuu Biddeenni tokkoofi manni kutaan tokko gahaa ture, kana milkeessuuf aarsaa guddaa kanfaluu sin barbaachisu.
#Namni waan guddaa barbaadummoo hojii xiqqoollee boruuf hin olkaa'u.
Siree keerraa ka'i, Ispoortii hojjedhu, qaama kee dhiqadhu, Kitaaba garagalchi ykn Hojii kee eegali.
#Yaa qomoo koo dhamaatii kee har'aatu walitti qabamee boru nama guddaa si taasisa waan ta'eef Dammaqii hojjedhu!!!
Barri gaariis, hamaas qabdi
Maal abbaasheef kutu abdii...

Tokkoon bade - tokkoon tola
Kan bor fayyutu har'a hokkola

Rakkinni immoo tulluu miti
Ni godaanti - ni darbiti

Kaayyoon takkaan galma hin ga'u
Bubbulanii nama ta'u!
@saayikoloojii
👉Mee Gaaffilee armaan gadii kana of Gaafadhu

#1. Amma maalan of harkaa qabaa kanan ittiin jijjiirama ofirratti eegalu?
#2. Yoom jijjiirama ofirratti yoon jalqabe wayyaa?
#3. Eessaa yoon jalqabe wayyaa?
#4. Yaada koo eenyuuf yoon qoode wayyaa?
#5. Humnii fi kaappitaalli ani amma of harkaa qabu hangam na deemsisuu danda'aa?
#6. Tarsiimoo kan warra biroo irraa adda ta'e malaan qaba?
#7. Garee wajjin tarkaanfachuu danda'u akkamittan uumaa?
#8. Hudhaaleen karaa irratti na quunnamuu danda'an maalfa'a ta'uu danda'uu?
#9. Ofitti amanamummaa ani mul'atan qabadhee ka'eef qabu hangam olaanaadhaa?
#10. Yeroo hangamii keessattin waantan yaade galmaan gahuu danda'a?
Galateeffadhu!

"#Addunyaa kana irratti wanti ulfaataa ta'e isa jaallattu dhabuudha, wanti baay'ee ulfaataa ta'e immoo isa jaallattu argattee dhabuudha," jedha barreessaan #Joorji Bernaard Shaaw.

#Wantoota tokko tokko akka qabduyyuu erga dhabdee qofa beekta.  Mee maal faa qabda beektaa? #Ani sitti himuu mee? Fayyaa qabda, qaama guutuu qabda, Sammuu yaadu qabda Nagaa qabda...  #Kan qabdu kanaan isa hin qabu jettee yaaddu sana bituu ykn fiduu ni dandeessa; garuu isa hin qabu jettee yaaddu sanaan isa amma qabdu kana bituu hin dandeessu. #Argitee? Hiriyaa koo amma waan gaarii harka kee jiru hunda ilaalii galateeffadhu! 

#Waan si hanqate garmalee yaadda  yoo ta'e hanqina biraatu sitti dabalama!

@saayikolojii
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
𝐒𝐀𝐌𝐌𝐔𝐔𝐍 𝐆𝐎𝐒𝐀 𝐀𝐅𝐔𝐑 𝐐𝐀𝐁𝐀

Akka Ogeeyyiin Xin-sammuu jedhanitti Sammuun gosa afur qaba:

1) KutaaSammuu /Intelligence Quotient/ (IQ)
2) KutaaMiiraa /Emotional Quotient (EQ)
3) KutaaHawaasummaa /Social Quotient/ (SQ)
4) Kutaa_Rakkoo /Adversity Quotient/(AQ)

1. Kutaa sammuu (IQ): kun safartuu sadarkaa hubannoo keetii ti. Herrega furuuf, wantoota sammuutti qabachuuf, fi barnoota yaadachuuf IQ si barbaachisa.

2. Kutaa Miiraa (EQ): kun safartuu dandeettii namoota biroo wajjin nagaa eeguu, yeroo eeguu, itti gaafatamummaa qabaachuu, amanamaa ta’uu, daangaa kabajuu, gad of qabuu, dhugaa fi namaaf yaadu ta’uudha.

3. Kutaa Hawaasummaa (SQ): kun safartuu dandeettii ati networkii hiriyoota ijaaruu fi yeroo dheeraaf kunuunsuu keeti. Namoonni EQ fi SQ ol'aanaa qaban jireenya keessatti warra IQ ol'aanaa qaban garuu EQ fi SQ gadi aanaa qaban caalaa deemuu barbaadu. Manneen barnootaa baay’een isaanii sadarkaa IQ fooyyessuu irratti kaappitaala kan fayyadaman yoo ta’u EQ fi SQ ammoo gadi taphatamu. Namni IQ ol'aanaa qabu tokko IQ giddu galeessaa qabaatus dhumarratti nama EQ fi SQ ol'aanaa qabuun qacaramuu danda'a.
EQ kee Amala kee bakka bu'a, SQ kee ammoo Kaarizimaa kee bakka bu'a. Amala Q sadan kana fooyyessuuf harka kennadhu, keessumaa EQ fi SQ kee.

4. Kutaa Rakkoo(AQ): Safartuu dandeettii jireenya kee keessatti bakka rakkisaa keessa darbuu, fi sammuu kee osoo hin dhabin keessaa bahuu. Yeroo rakkoon isaan mudatu AQ eenyu akka harka kennatu, eenyu akka maatii isaa dhiisu, eenyu akka of ajjeesuu yaadu murteessa.
Warri mee ijoollee keessan Barnoota qofa osoo hin taane naannoo jireenyaa biroof saaxilaa. Hojii harkaa (hojii gonkumaa akka bifa adabbiitti hin fayyadaminaa), Ispoortii fi Aartii waaqeffachuu qabu. IQ isaanii, akkasumas EQ, SQ fi AQ isaanii guddisuu. Nama roga hedduu qabuu fi warra isaanii irraa walaba ta’anii waan tokko hojjechuu danda’an ta’uu qabu. Dhumarratti ijoollee keessaniif karaa hin qopheessinaa. Ijoollee keessan karaadhaaf qopheessaa.

@saayikoloojii
HUBADHU


➊. Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessitti!

➋. Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo gadda waggaa tokkoo jijjiira!

➌. Nama kabajuun mallattoo sodaa osoo hin taane bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!

➍. Jireenya kee fooyyeessuu dhaaf yaalii dhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan kufaatii osoo hin taane akeektuu galma ga'iinsa yaalii keetiiti!

➎. Addunyaa kana irratti harreen akka namaatti yaadu jiraachuu baatus namni akka harreeti yaadu hin dhibamu!

➏. Akka addunyaatti yaadi akka naannootti hojjedhu!

➐. Dhalli namaa wanta haaraa argannoo dhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu ta'ee, garuu ofii isaatii uumamuu yoo irraanfatu immoo kan nama gaddisiisu dha!

➑. Kan nama qaanessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane sammuu hin yaanne baachuu dha!

➒. Yoo rakkoon si mudate rakkoo si mudate sanaaf yaadda'uu osoo hin taane akkaataa rakkoo si mudate sana keessaa itti baatu yaaduu qabda!

➓. Wal beekuu irra waliif beekuu wayya!

YEROO GAARII‼️

@saayikoloojii
GORSA XIINSAMMUU!


🤙Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta.

☑️Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu!

☑️Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu!

☑️Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata.

☑️Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi!

☑️Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa.
Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara!

☑️Yaadni namootaa garaagara.
Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba.

☑️Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama.
☑️Nyaata madaalamaa fi gahaa ta'e filachuun soorachuu!

Yeroo Gaarii qabaadha🙏

@saayikoloojii
#Rakkina kee nama hundatti hin himin!

✍️Dhugaadha rakkina kee namootatti yoo himattu siif salphachuu danda'a; garuu rakkoo kee furuu caalaa si burjaajessuus ni danda'a. #Sababni isaas namoonni 70% kan ta'an rakkina namaa yoo dhaga'an ni gammadu. #Namoonni 20% immoo waa'ee waan sanaa tasuma hin yaadanu; waan si dhaggeeffatan fakkaatu garuu ati tasuma odeessita isaan quba sin qabanu; osoo deebiftee gaafattee sitti hin himanu. #Namoota10% qofatu waa'ee keessaniif dhiphata. Hamma feetanillee yoo amantan rakkoo keessaniif fala hin barbaadanu. #Kanaaf yoo dhimma fayyaa ta'e Ogeessa fayyaa yoo dhimma sammuu ta'e ogeessa xiinsammuu(ogeessa Saayikoloojii) haasofsiisuu qabdu malee rakkina keessan nama hundatti hin himinaa!

#Guyyaa Gaarii isiniif hawwina!
"Kaleessa cimaa waanan tureef Addunyaa jijjiiruu yaaden ture, har'a garuu ogeessa waanan ta'eef of jijjiiran jira"

👉Jijjiiramuun kootu addunyaa jijjiira waan ta'eef.
👉Maaf sirraa Fagaatan?

#Yeroo heddu nama tokko wajjin baay'ee wal jaalattanii waan heddu wajjin dabarsitanii icciitii heddu illee osoo wajjin qabdanii yeroo booda of biraa dhabdu ykn isinitti jijjiirama.
Yeroo jaalalaan jirtan guyyaatti yeroo heddu waliif bilbiltu ykn waliif barreessitu; Qaamaan hanga wal argitanitti dharraatu, wal beeloftu akka bishaani wal dheebottu.

#Namoonni kunniin kan isaan sirraa fagaataniif waantota Gurguddoo Afur Jiran keessaa tokko ta'uu danda'a.
#Isaanis:_

1. Haala mijataa argatanii
#Namoonni tokko tokko haalli yoo mijateef bakka ati jirtullee hin yaadatan. Kan biraa dhiisii maqaa keeyyuu ni dagatu. Kan kaleessa dirree rakkinaa keessa wajjin turte gaafa tulluu milkaa'inaa irra bahan eessaa akka dhufanis sis ni dagatu. Silaa haalli mijateefii konkolaataa wayii qabatan taanaan, Kaampaanii cimaa wayiitti qacaraman taanaa, mana kiraa keessaa bahan taanaan,  qabxiin darbinsaa dhufeefii darban taanaan ati akka waan achi keessatti hidhamteetti si ilaalu.

2. Haala rakkisaa keessa jiraatanii
#Namoonni kunniin immoo warreen haala hin taane keessatti kufanitu si saalfatanii sirraa fagaatu. Fakkeenyaaf kasaaraan yoo isaan mudate, jireenya hin taane keessatti yoo kufan, araada garaagaraan yoo qabaman, jireenya abdii kutannaa keessa warra seenanidha. Isaan kunniin maatii isaanii fi hiriyoota isaanii irraas adda bahanii gara lafa namni isaan hin beekneetti badanii dhokatanii jiraatu. Hamma barri kun darbutti eenyuttiyyuu hin mul'adhu jedhanii bilbila isaanii jijjiirratanii hidhii xuuxaa jiraatu. Isaan kun ofuu dagatanii akkamitti si yaadatuu komattaree?

3. Waan sirraa barbaadan dhabanii
#Namoonni kunniin durumaaniyyuu situ beekkachuu dide malee faayidaa wayiitiif sitti dhiyaatani. Kan isaan si wajjin turanis hamma waan barbaadan sana sirraa argatanitti qofadha. Tarii maallaqa ta'uu danda'a, carraa hojii wayii ta'uu danda'a, ykn si wajjin ciisuuf ta'uu danda'a. Kan si dhibu namoonni kun waan barbaadan sana yoo argatanis yoo dhabanis si bira hin turanu inuma deemu.

#Fakkeenyaaf ati dubartiidha haa jedhu dhiirri tokko si wajjin ciisuuf kaayyoo godhatee yoo sitti dhiyaate yoo ati shakkitee didde obsa fixatee si dhiisee deema. #Ati dhuguma na jaalate jettee wajjin waan inni si gaafate kana yoo raawwattes mana siree qabee si geesse sana balbala isaa gadi siif bin deebisu dhimmasaa xumurannaan qabattoo isaa hidhataa achumatti si gatee sokka.

4. Waa siif gochuu dadhabanii
#Namoonni kunniin immoo namoota baay'ee si jaalataniidha; garuu waa siif gochuu yaadanii yeroo milkaa'uu dadhaban ykn jaalala siif qaban irraan kan ka'e waan guddaa siif gochuuf karoorsanii yeroo hafan saalfatanii achumaan badu. #Kanarratti Fakkeenya tokko mee haa ilaallu Hiriyaa ykn nama ati baay'ee jaalattu tokko jalaa Firri boqotee(du'ee) osoo bira hin gahin yoo turte har'a boru osoo jettuu achumaan hafta. Erga yeroon turee hamma kana tureemmoo waanuma cimaa tokko qopheeffadheen deema osuma jettuu siif mijachuu didee gargar fagaattee hafta.

#Walumaa galatti namoonni maaliif sirraa Akka Fagaatan osoo adda hin baafatin Itti hin murteessin hin komatinillee atis yoona namoonni ati haalota armaan olii kana keessaa tokkoon irraa fagaatte jiru waan ta'eef.
🔷Jireenya keessatti wantoota beekuu qabdan 3

     1⃣ Waan barbaadde osoo hin taane waan siif malu argatta.
     2⃣ Waan namoonni baay'een barbaadan yommuu hojjettu waan barbaadde hunda argatta.
     3⃣ Gaafa isa barbaaddu kan dhabde gaafa inni si barbaadu ni argatta.
      
♠️Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina
Namoota Gosa 5 tu jiru

1. Namoota si miidhanii of fayyadan.

2. Namoota si fayyadanii of miidhan.

3. Namoota si miidhanii ofis miidhan.

4. Namoota si fayyadanii ofiis fayyadaman.

5. Namoota sin fayyanne ofis hin fayyanne.



🙏@Saayikoloojii🙏
WANTOOTA 5 ABJUU KEE AJJEESSUU DANDA'U

1. Sodaa: Sodaan gufuulee gurguddoo namoonni abjuu isaanii akka hin hordofne dhorkuu danda’an keessaa isa tokkodha. Sodaa kufaatii, sodaa waan hin beekamne, sodaa diduu, sodaa waan namoonni biroo yaaduu danda'an - sodaan kun hundi si duubatti deebisuu fi balaa akka hin fudhanne ykn naannoo mijataa kee keessaa akka hin baane si dhorkuu danda'a.

2. Xiyyeeffannoo dhabuu: Waan galmaan gahuu barbaaddu irratti yaada ifa ta'e yoo hin qabaanne, galma sanaaf hojjechuun rakkisaadha. Galma murtaaʼe tokko sammuutti utuu hin qabaatin, kaayyoo tokko malee akka naannaʼuu fi tarkaanfii fudhachuuf kakaʼumsa kan hin qabne taʼuu dandaʼa.

3. Ilaacha gadhee ofiif qabaachuu: Akkaataan ati ofitti haasoftu dandeettii abjuu kee hordofuu kee irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a. Yoo yeroo hunda akka ati gaarii hin taane, ykn gonkumaa akka hin arganne ofitti himte, kaka'umsa dhabuu fi hawwii kee dhiisuun kee hin oolu.

4. Cimina dhabuu: Abjuu kee galmaan ga’uuf yeroo baay’ee hojii cimaa, of kennuu fi cimina gaafata. Yeroo duubatti deebi’iinsi ykn gufuun si mudatu salphaatti harka yoo kennite, galma kee bira ga’uuf tarkaanfii fudhachuuf rakkachuu dandeessa.

5. Deeggarsa dhabuu: Sirna deeggarsa cimaa qabaachuun dandeettii abjuu kee galmaan gahuu irratti jijjiirama guddaa fiduu danda’a. Namoota si jajjabeessanii fi sitti amananiin of marsuun, yeroo wanti si jabaatullee, galma kee galmaan ga’uuf hojjechuu akka itti fuftu ofitti amanamummaa fi kaka’umsa siif kennuu danda’a.

━━━━━━━━━━━
🖋️@saayikoloojii