SARON TUBE
195 subscribers
33 photos
129 links
Channel kana irrati waan barbadaa beksifachu dandeessa. Keessan nuu qunamaa. https://t.me/joinchat/UxcAHELvgsYzNjJk
Download Telegram
Forwarded from Deleted Account
GORSA !!!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Eenyummaa kee guutuu nama si hin fudhanne amansiisuf hin yaalin! Namni akkasii har'aaf
malee boru sin fayyaduuti.

➥ Maal naan jedhuu utuu hin taane, maalan jedhe
jechuu irratti xiyyeefadhu!
➥ Guyyaa darbuuf jettee
waan hin darbine hin dubbatin!
➥ Barsiisaan kee inni sirriin dogoggora ati kaleessa hojjatte dha. Kanaaf isa kaleessa
dogoggorteen of dhiphisuu dhiisitii irraa baradhu!

➥ Jal'innii fi sobni ati har'a sobaa jiraattu jireenya kee qofa balleessuu utuu hin taane du'a
kee iyyuu ni fokkisiisu.

➥ Mukti firii baay'ee baatuu fi beekumsan namni sammuun isaa guutame tokko dha. Lamaan isaan iyyuu gad of deebisu. Kanaaf gaafa sitti
ho'ee akka of jajjuu wayii taatu sammuu kee keessa waa jirachuu isaa mirkaneeffadhu!

➥ Waan beektu hundumaa dubbachuun si irraa hin eegamu ta'a, waan dubbattu beekun garuu dirqama kee dha.

➥ Nama haasaa keetif gatii hin kennine jalaa cal jechuun deebii sirriidha. Kanaaf nama yeroo
baay'ee haasaa keetiin barsiisuf dhamaatee garuu haasaan kee bu'aa buusuu dide, al takka takka immoo callisuun kee isa barsiisa waan ta'eef calluma
jedhii usi!

➥ Namatti iccitii kee himuu keetin dura sirritti irra deddeebi'i itti yaadi! Sababni isaas har'a inni michuu kee fakkaatu boru deebi'e diina sitti
ta'uu danda'a waan ta'eef.

➥ Onnee bareedan tokko fuula bareeda 1000 caala. Kanaaf bareedina keessa keetii irratti
xiyyeefadhu!

➥ Yoomillee sababbii namoota hamootaatiif jettee nama gaarii ta'uu kee hin dhiisin. Jal'oonni
yeroo dhaaf malee suma isa gaarii hojjatu kanatu boru ol ka'ee dagaagee mul'ata.

➥ Waa'ee wanta hin beekne tokkoo dhaga'uu dhaaf malee haasa'u dhaaf hin ariifatin!

➥ Gara duubatti deebitee jalqaba kee jijjiiruu yoo
dadhabdes amma iddoo jirtu irraa kaatee garuu
dhuma kee jijjiiruu ni dandeessa. Kanaaf kaleessa kee dhiisiti har'a kee irratti xiyyeeffadhu! Sababni isaas kaleessi seenaa ta'e darbeera.
Har'i kee garuu si harka jira.

➥ Onnee sobaa qabattee hamma namatti dhiyaattu namoota onnee dhugaa qabatanii si eegan dhabdaati of eeggadhu! Dhiisime
simiidhati. Namni baay'een si hin beeku ta'uu danda'a kan
si hubatu garuu xiqqoo dha. Kanaaf warra si hubataniif iddoo kenni!

➥ Namni hamaan milkaa'ina isaarra kufaatii nama biraatu isa gammachiisa. Kanaaf namoota akkasii irraa fagaadhu!

➥ Waan of harkaa qabu kan hin beekne fi namni waa tokko illee hin qabne tokko dha. Kanaaf waan keessa kee jiruu fi hamma kee beeki! ati sooressa dha kan ormaa hin hawwin!

➥ Kolfi kee haala kee haa jijjiiru malee haalli kee akka kolfa kee hin jijjiirre of eeggadhu!

@yeroopost
@beekuuf
SARON TUBE pinned «GORSA !!! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Eenyummaa kee guutuu nama si hin fudhanne amansiisuf hin yaalin! Namni akkasii har'aaf malee boru sin fayyaduuti. ➥ Maal naan jedhuu utuu hin taane, maalan jedhe jechuu irratti xiyyeefadhu! ➥ Guyyaa darbuuf jettee waan hin darbine hin…»
Duuba Koo Namoonni Hedduun Jiru! Ani Garuu Duubatti Deebi'ee Isaan ilaaludhaaf Yeroo Hin Qabu!! Suuta Jedhee Tarkaanfii Koo Fula duratti Itti Fufaan Jira.
•••°°°•••°°°•••°°°•••°°°•••°°°•••
♡♡HUBADHU!!♡♡
°°°°••••°°°°••••°°°°••••°°°°••••
☆Nama cimaa ta'i jechuun, hin kufin jechuu miti! kuftee ka'uu danda'u qabda jechuudha malee.
°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
☆Gammadaa ta'i jechuun, hunda qabaadhu jechuu miti! waan qabdutti gammadi jechuudha malee.
°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
☆Diina kee jaalladhu jechuun, diinni gaariidha jechuu miti! jibba caala jaalalatu hunda caala jechuudha malee.
°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
☆Hojii Hojjettu jaalladhu jechuun, hojiin amma ati hojjechaa jirtu gaariidha jechuu miti! boru akka hojii gaariin si eeggatu beekii, hojii har'a hojjechaa jirtu jaaladhu jechuudha malee.
°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
☆Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti! garaa keessatti haaloo kaawwachuun rakkina biraa waan qabuuf malee.
°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
☆Callisi jechuun hin dubbatin jechuu miti! kan biraa dhaggeeffachuuf gurra kenni jechuudha malee.
°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
☆Abbaa garaa hin ta'iin jechuun, hin nyaatin jechuu miti! haqa nama biraa hin nyaatin jechuudha malee.
°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
☆Hin dallaniin jechuun miira hin qabdu jechuu miti! dallansuu kee irraa dafii deebi'i jechuudha malee.
°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
☆☆GALATOOMAA☆☆
°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
SHARE & JOIN US.
°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
@jechoota_jaalalaa_fi_bashananaa
Forwarded from Jaalallee Koo (Natty Xll ★) via @like
Namichi tokko kophaasaa bosana keessa utuu adeemuu qeerransi dura isaatti dhufe

....namichi akka hin miliqne yommuu hubatu...jilbeenfatee ija isaa junuunfatee... ya waaqayyoo nabaasi jedhee kadhata...🙏
xiqqooshe erga kadhataa tureen booda ija isaa bana😳... yommuu ilaalu qeerransichis dura isaa jilbeenfateera...🐯 innis waaqa galateefacha ture

namichi baayyii gammade waan afaan qeerransaa jala baheef gammadaa... yaa waaq galatake erga jedhen booda...

Qeerransaa atis amanaadhayi jedhe gaafata....?

🐯 qeerransi...eeyyeenka yoomiyyuu nyaata nyaachun dura nangalateefadha🐯🐯jedhaan..😭😭
Like👍👍 share. ..godhi
Join
♨️ @jaalalleekoo ♨️
Forwarded from Sagalee Wangeela The Voice of Gospel (Daniel Assefa)
Barnootaa 31ffaa
Ol_Ka'umsaa_Kee_Dabalii

Olka'umsaa offii dabaluun waan heedduudhaaf nama gargaraa.
Isaan keessaa garuu amma tokkon sitti hima,Gaaf tokko Aroophilaani Biqiltuu nyaataf ta'uu fe'ee adeemuu tokko keessaattii waanti argamuu hin qabne,Kan ofiin offisaa fe'ee,iddoo isaaf hin malettii kan argamettuu keessaattii argammee,inni Maqaan isa BOFA bofti kun Kayyoo isaa malee iddo isaaf hin Maleetti argameera.
Warrii Aroophilaani sanaa keessaa hojjeetaan yeroo BOFA argaan baay'ee wacaan kan dhumaan waan isaanittii fakkateef,iyyaanii caraanin Rukkuutaani ajjeessuuf Ulee off harkaa hin qaban,balbalaa banani offiraa basuuf qilleensa irraa waan jiranif,bal'aan isa hammata ta'ee itti argamee,Qawii jiraf qawwaa seena miti. kanaanis Kaphiteenin Aroophilaani kana warerree ka'ee gara iddoo bufaatattii halloo jedhe gadii bu'uuf naannoowwaa mijataraa waan hin jireef maal gochuu akka qabu,bilbilee gafattee,Haa ta'uu malee Bofichii ammayyuu Hojjettoota jeqaa jira,isaan kan idiifu akka utallee,isaan kan jalaa akka lo'ee Birmaduuma isaan qaban jalaa nyaatee, Warrii gidduugala irraa jiraan Erga gabaabaa dabarsaaniif,innis akkas jedha "OL_KA'INSAA_KEE_DAMBALII_halii qilleensa amma atti irraa jirtu Dinnaa kee isa sirasuuf mijataa waan ta'eef,naannoo attii irraattii argamtuu Dinaa keef mijataa waan ta'eef,Sadarkaa amma irraa jirtun isaatuu si rasaa malee attii hin mo'aatuu kanaaf Kaphiteenin Aroophilaani sana akkumaa dhaga'een Ergaa isaa fudhatee warra isaa waliin jiranifis hiree Amma hin raffamiina Nuyyii Ol_K'umsaa_Keenyaa_Akka dabaluuf ergaan nuuf dhufeera,daqiiqaa marsaa booddaa Yeroo ilaalan inni :-
👉 Yeroo isaani
👉 Humnaa isaani
👉 Bekumsaa isaani
Duraa fixee sun akka Lastikii Abidaa buteettii waliitti Sunturee,goggee argaan.Kun hunduu Bu'aa Ol_Ka'umsaa_Dabalachuutti Ergaan annii ammaa siif qabus kanuma
🙈 Maaltu si rasaa jira
💥 Maaltu si dhiphisaa jira
💢 Maaltu rakkoo guddaa sitti ta'ee.....
Yaa dubbissaa koo,Waan kanaa hundummaaf furmaannii isaa Ol_Ka'umsaa offii Dabaluudha.

💫Warrii si rasaa jiraan warra iddoo isaani malee argameedha.💫
Akkamittii offii kee ilaala jirata,ilaalchii attii wa'ee keef qabduu hagaamii,isaa halii naannoo kee sin jedhu keessaa ba'ittii Abdii karaa kristoos yesus siif kennametii hirkadhu.
“Sababii Waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf kenname, garaa keenya keessatti dhangalaaseef, abdiin immoo nu hin yeellaasisu.” Roomaa 5:5
👉Waan Dubbifee Xumurteef Ebbiffaami

Share📲 Share Godhi!!!

@evangelioWorldwide

@evangelioWorldwide

@evangelioWorldwide
Forwarded from HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. (®yooyyaa©)
Jechoota babbareedoo biyyootaa


Namni xiyya ofii dhagaatti darbatu, ofuma jalaa cabsa. (Austria)



Gootni gonkumaa duubaan hin waraanamu.
(Bosnia &Herzegovina)


Haadha warraakee gonkumaa hin rukutiin;
ililliin illee yoo ta'e! (Hindi)


Yoo kanniisni manakee dhufte, bishaan kenniif. Guyyaa tokko damma barbaaduun kee
hin ooluutii. (Koongoo)


Erga dammaanuu ajjeesuu dandeessee,
maaliif summii barbaaddaa? (Bosnia Herzegovina)


JOIN

#Join-us


@baacoowwan
Forwarded from HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. (®yooyyaa©)
Obbaa abbaa Axadaa

Kan itti fufe


..Hunduu mala hime, dabaree walsaame, haasa wal¬harkaa butee
Hamma beekumsasaa waan qoricha jedhu, afaan dudubbate
Adaraa...maal godhaa. . .didee itti cimee, ittuma hammaate
Nama gaddisiisa guyyaa xinnoo boodaa
mucaaan badduu baate
Kuulleen abbaa Axadaa durbummaa dhaan duute.
Gadda guddaa ta’ee, qeyeen in goolamee
Obbo abba mucatti qabuutu dadhabame!
Isa gaddi seene garaan silaa hin obsuu
Xuruurfata booyee akka waan imimaan mucattii deebisu
Qannoo abba Axada, eenyu qabee haa teessisu?!
Manaa gadi utaale oobdii keessa ijaajjee
Galmaa Mikaa'eliitti asi achi galagale, aarii dhaan
fajajee
Battala oljedhee, koomee lafaa kaase asii ol hiixatee
Akka abbaa galfata qubasaa mirmirsaa, gaafa
afaan saaqqate,
Galma Mikaa'eliitti imimmaan facaasee, imimmaan
haqachaa
“Siyi Mikaa'eli...tarii na dhageessa...? Mikaa'elii
Waachaa!
Utuun si abdadhuu imaanaakoo gattee?
Marartuu xobbeekoo mucaakoo fudhattee?
Amanteen siif qabu maaf na shakkisiista?
Gulantaan si kaa’erra maaliif gadi of buufta ?
Yoosoo.... qumbii miti ati faandoo ulattaa !”
Jedhee itti himee, afuuraa baafatee, irraa galagale
Dhiphuu obbaafatee, akka waan oofkalee.
“Safuu….! Safuu…..!” jedhee, naasuun diilallaayee
Hammi gadda taa’e yeroo kana dhagaye
Balaa gadi bu’u, laf-jala sodaatee, qaamisaa suukayee
* * * *


...itti fufa
#Dr_Zalaalem


JOIN

#Join-us

@baacoowwan
Forwarded from HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. (®yooyyaa©)
Jechoota mimmiidhagoo


Dhugaan gaafa calliftu goota eeboo hirkifate fakkaatti. Gaafa kaatu garuu gurguddoota
hidhannoo hiikkachiifti.

Waan booddee keetii sagalee dhageessisu dhaggeeffachuuf karaa yoo dhaabatte, miidhamni kee waa lama. Gufachuu kaayyoo
dura keetii fi diina booddee keen dhufee sidhaanu.

Nyaatni yoo mul'ata dhaale, mul'atichi isa siluma iyyuu ka'umsa bade dha.

Diina gola kee daawwatu irra, fira balbala kee hin beekne siif wayya.

Hiikkaa abjuu keetii beekuun hamma kana masaanuu kee kan hinaafsise, raawwii isaa
arguun immoo farda siif harkisiisuuf ta'uu beekiitii obsaan deemsa kee itti fufi.



Kanan dubbiserraa


JOIN


#Join-us

@baacoowwan
Forwarded from HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. (®yooyyaa©)
Bara Buuqqee duudaan
Dhagaa kattaa cabsu,
Bara 'qurciif dooluun'
Qubaaf wal arrabsu,
Bara Gaangee maseenni
Abbaa'shee tuffattu,
Bara Re'een qullaa'shee
Dhoksuuf eegee uffattu,
Bara Booyyeen okaa
Qusachuuf tursitu,
Bara Qocaan Illeettii
Tirattee ...dursitu,
Bara hunduu gaaffii
Bara hunduu faallaa,
Aannan adii jennee
Amansiisuu yaallaa ?
Faana hin dhiphatinaa
Teenyee'tuma ilaallaa!


Lati Chali Likasa tiin.


JOIN


#Join-us

@baacoowwan
Forwarded from Kaayyoo koo
JECHOOTA BEEKTOTAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ "Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balleessaa keeti."
— (Biilii Giraam)

■ "Maatii irraa dhalatte filachuu hin dandeessu ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa."
— (Biilii Giraam)

■ "Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii kufan, warra homaa utuu hin hojjetin milkaa'an irra ni caalu."
— (Looyid Joonsi)

■ "Muka ija qabutti dhagaan baay'ata."
— (Shiikeeraa)

■ "Karaa si baasu hin beektu taanaan deemsa hin eegalin."
— (Ingilizoota)

■ "Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu."
— (Giriikota)

■ "Rabbi gurra lamaa fi afaan tokko nuuf kennuun isaa baayyee dhaggeeffachuu fi xiqqoo dubbachuu akka qabnu nu hubachiisuu dhaafi."
— (Araboota)

■ "Beekumsi nyaata lubbuuti."
— (Pilaatoo)

■ "Amala nama tokkoo yoo baruu feete aangoo yookiin taayitaa kenniif."
— (Abrahaam Liinkan)
Join join share
@kaayyookoo
@kaayyookoo
@kaayyookoo
Forwarded from Deleted Account
JECHOOTA FILATAMOO


1. Hammam dheeraa taatus boru
arguu hin dandeessu.
2- Konkolaataa kumaatama
qabaattus, kutaa siree lukaan
deemuun kee dirqama.
3-Daaktuu beekamaa taatus
Qurxummii ta'uu hin dandeessu.
4- Nama jabaa beekamaa biyyaa
taatus gaara sochoosuu hin
dandeessu.
5- Poolisii beekamaa taatus
lubbuu qabuu hin dandeessu.
6- Diimaas ta'i keetii adiis ta'i,
Garuu gaaddidduun kee gurraachuma.
7- Kan arge hunda qabuuf kan
yaale, guyyaa tokko bofa qabee
hiddama.
8- Booji'ameera jettee nama
abaarame waliin hin oolin.
9- Hiriyyaa gaarii salphaatti bituu hin dandeessu, haa ta'uuti garuu salphumatti gurguruu dandeessa.
10- Birriin damee mukaa irratti kan hin biqillee erga ta'ee,
manneen baankii maalif damee banuu?
11- Biyya keenyatti bilisummaan
dubbachuu jira jechaa, maalif
bilbilaan dubbannee teeledhaaf
kaffallaa?
12- Adurreen gadaamii seentus,
adurrummaa ishee hin jijjiirtu.
13. Gorsii fi Booksiin kan

14- Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoo hin taane, nama
sammuu hiyyoomeedha!
15- Beekaa jechuun nama dogoggora ufii ufitti beekee, irraa sirraa’eedha!
~ Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka
hin muran!
16- Moo’uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane,jijjiiramas agarsiisuudha!
17- Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi
nama keessa darbuudha!
18- Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!
19- Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti hinu
wajjiin gadditee boohuu si wayya!
20- Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbanii
yyuu, Qurxummii afaanitti qabatee keessaa baha!
21- Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti!
22- Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda waggaa
tokkootti jijjiirama!
23- Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane,
bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
24- Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan kufaatii osoo hin taane,
akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti!
25- Addunyaa tan irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus,
namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!
26- Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu!
27- Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan yoo uumu
(kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta’u, garuu ufii isaatii uumamuu
(kalaqamuu)yoo irraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha!.
@LagaJireenyaa @LagaJireenyaa @LagaJireenyaa @LagaJireenyaa
BAKKA HIN BARBAADAMNETTI YEROOKEE HIN GUBIN👇
===
Bishaan barteen highland jennuun kun suppar-maarkeetiitti birrii 10n gurgurama, mana nyaataatti immoo hamma birrii 15tti, hoteelatti immoo hamma birrii 20tti...naannoo buufata xiyyaaraattii fi hoteela sadarkaa gurguddaatti hamma birrii 50tti gurgurama. Argitee, bishaanichi hin jirjiiramne, kan jirjiirame bakka ykn iddoo bishaanichi itti dhiyaatedha.

Hubadhugaa, bakka amma jirtutti hin barbaadamtu jechuun ati bu'aa hin qabdu jechuu miti, ati bu'aa qabeessa...kan gochuu qabdu tarkaanfii fudhachuudha.
👉Bakka amma jirtutti bu'aa buusuu hin dandeenye taanaan, gara bakka bu'aa buusuu dandeessutti socho'i!
👉Bakka amma jirtutti namootni sidhiibu, sijibbu, situffatu , bakka siif hin qaban taanan gara bakka itti kabajaa fi jaalalaan simatamtee hojjachuu fi bu'aa buusuu dandeessutti socho'i!

Barri kun gara bakka barbaadamuu keetti, gara iddoo eebbaa fi milkaayinaatti bara socho'uu siif haa ta'u!
Horii Buli
Forwarded from HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. (®yooyyaa©)
S i n b i r r o o F i n f i n n e e !

Yaa sinbo-qabeetti
Sinbirroo Tuulamaa,
Kan Qiliinxoo jirtu
Qaalluu Qaallittii gama,
Haayyoota Oromoof
Galaa ni geessitaa,
Moo atis sodaattee
Fagootti dheessita ?
Sagaleen isaanii
Akkam sin qaqqabuu,
Warri dhugaa dhaban
Waan siin jedhan qabuu ?
Qilleensa in-argatuu
Hafuura in-baafatuu,
Waa'ee jajjabee hoo
Akkam si gaafatuu ?
Mooraan Qiliinxoo sun
Shiboo moo dhagaadha,
Juwaar nagaa isaatii
Baqqalaan nagaadhaa ?
'Utuun' quba nyaachaa
Waan gaabban hoo qabuu,
Moo..abdii kutatanii
Waan dubbatan dhabu ?
Akka kee kochoo baasuu
Qalbiin koo hawwitii,
Kan namni hin argine
Ati argiteettaa-maaloo jaal Daawwitii ?
Adaraa kee Simboo
Simboo koo Makoodi,
Warra shirri miite-warra barri hiite
Waan isaan sittiman
Kottuuti nuuf qoodi !
Boqonnaa fudhadhu
Akka imalli kee-tasa addaan hin cinne,
Dhaamsa keenya geessii
Achis dhaamsa fidi-Sinbirroo Finfinnee!

Lati Chali Likasa tiin.

JOIN

#Join-us

@baacoowwan
Nama jaalattu Yeroo argitu Seeqii akka si jaalatuuf si gargaara.

Diina kee yeroo argituus Seeqi cimina kee itti Mul'isa.

Nama sii dhiise deeme gaafa argitus seeqi Sheena ykn gaabbiitu itti dhagahama.

Nama hin beekne yeroo aegituus Seeqi Nagiyaatu siif bu'aa.

Wantoota Channali kana irratti manxanfaman yeroo argituus seeqi bar Siin kaffalchiisu.😁😁😁

😁Yeroo hunda haa seeqnu😁
https://t.me/joinchat/UxcAHELvgsYzNjJk