Qeerroo Bilisummaa Oromoo
18.8K subscribers
930 photos
287 videos
32 files
245 links
"Ka'i Qeerro!"

Follow Us!!

Twitter: twitter.com/Qeerroo2011/
Facebook: facebook.com/SQeerroo/
Instagram: instagram.com/Qeerroo2011/
Telegram: t.me/Qeerroo2011/
Download Telegram
Toora Miidiyaa Hawaasaatti gargaaramuun sirni biyya bulchu odeeffannoo Kijibaa tamsaasuu Qorannoon BBC mirkaneesse!

(SQ-Ebla 19, 2024)

Sirni Impaayerattii (Xooppiyaa) bitee jiru Bilxiginnaan Miidiyaalee Hawaasaa kan akka Facebook fi Telegram tti dhimma bahuun odeeffannoo burjaajessoo, maqa-balleessiifi jibbiinsaa heddumminaan maxxansuu, Maqaa “Raayyaa Miidiyaa” jedhuun Maqaa Gaarii Mootummaa fi Paartii biyya bulchuu uumuuf kana gochuu Qorannoon BBC’n har’a baase ifoomseera.

BBC’n qorannoo isaa kana Namoota Garee sana (Raayyaa Miidiyaa) keessa jiraniif dhaabbata Meettaa ykn Facebook irraa argadhe jedheen qorannoon ifoomse Screenshot hedduu yeroo odeeffannoon toorota akka WhatsApp fi Telegram’n walii qoodamuufi ‛Campaign’ qabna qophaa'a” odeessawwan jedhan heddumminaan argamaa turani.

Paartiin Bilxiginnaa bakkoota garaagaraatti namoota dhuunfaa fi garee ijaaruun maalaqa bifa durgoon kafaluun wantooti qabatamoon lafarra hin jirre uwwisa Miidiyaa akka argataniif tattaaffiin inni godhu kan laayyootti ilaalamus miti.

Oromiyaa keessatti haqi akka dhokatu, wanti lafarra hin jirre, maqaa Mootummaa dhaadhessan akka facaafaman, Maqaan Garee ykn nama dhuunfaa akka gurraacheffamu godhuun akka hojjetan beekamaadha.

Kanaafis ololli kijibaa Waraana Bilisummaa Oromoo irratti guyyuu oofamu agarsiiftuu guddaadha!
Jaal Jiksaa Diinaa
Wallee "Oromiyaa" jedhu qabatee dhufaa jira.

Karaa Tooraa You tube :- https://youtube.com/@WaariiEntertainment-gv1pm?feature=shared kana ni argattu.
Waraanni Mootummaan Bobbaafame Lammilee Nagaa Gaaga'uu ammas itti fufe.



Lixa Oromiyaa Araddaa Gidaami Qellem bakka mana Hamo jedhamuti dargaggoo Gabru Lamma yakka tokko malee, mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesun bakkeetti gatan.
#DUULA_GUYYOOTA_40tin Sabboontota Oromoo lafarraa duguguuf karoorfame akkuma itti fufeetti jira.

(SQ-Ebla 29, 2024)
Dargaggoo Milkii Wanduu Abbabaa Jedhama. Godiina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoo Ganda Baadiyyaa Wallu Wadalaa (Wallu Sooma) Jedhamutti dhalatee guddaate. Baraata Sadaarkaa 2ffaa ture. Barnoota isaa irraa yeroo hedduu sababa Oromummaa fi Sabboonummaa isaa hidhamaa waan tureef garaa matii isaa biraatti deebi'ee bultii horate. Dhiheenyuma kana Maatii horate irraa hidhamuudhan Mana Hidhaa Baatii 9 ture . Erga Mana Hidhaa Bahee ammaa Baatii 5 ture. Manaa hidhaa magaala Walisooti argamu keessatti dararaama ture.
Dheengadda Halkan jechuun 27/04/2024 sa'aatii 9tti bilbilanii Manaa Gadi Waamanii fuudhanii ittiin deeman. Maatiin akkuma durii mana hidhaa sanatti deebisan jedhee mana hidhaa magaala walisoo fi mana hidhaa kan Aanaa keessa gaafacha turan. Dubbiin Garuu akkas hin turre dargageessa ol adeema kana ati deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun Qe'ee irraa, maatii irraa yoo xiqqaate Kiloometra 15 fageessudhan Magaala Walisoo irraa gara Kibbaatti Gandaa Foduu Goraa jedhamutti Rasaasa itti roobsanii erga Ajjeesanii booda, ganda itti ajjeesanii baasanii Ganda biraatti geessanii karaa gubbaatti gatani Reenfi isaa halkan Kan Gatame guyyaa guutu Karaa Gubbaa Oole, Booda Maatiin Iyyaafannoo Hedduun Dhagahanii Dhufanii kaafatan. Eebla 28, 2024 gaggeessan isaa raawwate. Hireen Sabbontota Oromoo sirnaa faashistii Nazii kana keessatti ajjeefamuu, dhiigni qulqulluun dhangala’uu qofa.
Sirni nama nyaataan Abiyyi Oromoo lafarraa daguuguu jabeessee itti fufee jira.

(SQ-Caamsaa 04, 2024)

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Magaalaa Maqii Ganda Odaa iddoo addaa dhaaba loonii jedhamuun beekkamutti darggaggoota lama ammaaf maqaa isaanii hin argatin, waajjira poolisiitii baasuun haala sukaneessaadhaan ajjeesanii maddeen SQf himani.
Dargaggoota Waraanni Abiyyi Maqiitti mana hidhaatii baasee rashane!
Murni gidirsaan PP Mirga namummaa dhala namaa sarbuun rakkoo ulfaataa ilma namaarraan gahaa jira!

(SQ-Caamsaa13, 2024)

Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsoo Araddaa Gaara Abdullaatitti Abbaa Maatii Obbo Iisaa Abdii Ussoo jedhaman dirqamaan Mooraa Leenjii Waraanaa deemuu qabdu jechuun reebicha jajjabaa irratti raawwachuun bifa suuraan mul’atu kanaan miidhaa ulfaataa irraan gahanii jiru.

Duulli ilmaan Oromoo Mooraa Leenjii Waraanaatti guuruu kun kan duraa olitti jabaachuudhaan Oromiyaa cufa keessaa Saala, Umurii fi fayyummaa osoo adda hin baasne kan guuraa jiran ta'uu Maddeen SQ bakkoota hedduurraa nuuf mirkaneessaniiru.
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Qophii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Caamsaa 14, 2024 galgalaatitti dhiyaadha!
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa kaadhimamtoota haaraa eebbisuun Dirqama itti aanuuf bobbaase.

(SQ-Caamsaa 15, 2024)

Jaarmiyaan ABO-WBO kaadhimaamtoota leenjii Siyaasaafi Loltummaa Leenjisuun bobbaasaa turuun beekamaadha.

Jaarmiyichi Diina Qabsoo Oromoof yaaddoo ta'uun Fira qabsootti abdii hora jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Gidduu Galeessaa Birgeedii Aduu saafaa Kaadhimaamtoota Haaraa Eebbisuun dirqama itti aanuuf bobbaaseera.

Eebba Kaadhimamtoota kanaa irraatti Itti Aanaan Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Jaal Jireenyaa Rabbumaa argamuuniru.
Oduu Addaa

(SQ-Caamsaa 22, 2024)

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo Ganda Caancoo keessatti Drone n Faashistii Abiy Ahimediin akka Uummata Oromoo fixxuuf bobbaate, boombii hedduu waliin maasii qonnaan bulaa keessatti kuftee argamteetti.
Mootummaa Abbaa Irree Abiyyi Ahimed irrattti mormiin eegale.

(SQ-Waxabajjii 03, 2024)

Murni Abbaa irree Abiyyi Ahimediin durfamu kan Oromoof rifaatuu homaatuu hin qabne, iyyeessota ilmaan Oromoo kuma dhibbaan lakkaawaman maqaa “ijaarsa seeraan alaa” jedhuun karaarratti hambisaa turuu Sagaleen Qeerroo gabaasaa ture.
Yaadannoon yeroo dhihoofi haga ammaayyuu itti fufee jiru Hundeeffama Caaseffama haaraa Magaalaa Shaggar jedhamuutiin rakkoo fi dararaa jabaan ilmaan Oromoo irratti adeemaa jiruuf ture salphaa miti.

Haaluma kanaan adeemsa diigumsa manaa kana babal’isuun Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Adaamaa keessatti adeemsisaa kan turan guyyaa har’a bakka boolloo jedhamutti mormiin jabaan mudachuu maddeen SQf mirkaneessani.

Sirna abbaa irree irratti dammaquun fala filannoo hin qabne.
Weellisaa Kadir Ahmad Du'aan Addunyaa kanarra boqote.

(SQ-Hagayyaa 6/2024)

Wellisaa Kadiir Ahmad kaleessa Galgala kana du'aan addunyaarraa boqotan.
Wallisaan kun dhibee irra tureen magaalaa Adaamaatti yaalamaa turuus dandamachuu hin dandeenye. Yeroo dhiyoo as sirboota Aartii Oromoo hojjachuun wallisaa fudhatama guddaas argateera.

Wellisaa Kadir Ahmed jannata hawwaa Maatii fi firoottan isaa akkasumaas Oromoo hundaaf jajjabina hawwa
Aanaa Gooroo Doolaatti humnoonni mootummaa namoota nagayaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun ajjeessuun ibsame.

Ganda Sokoraa Dirribaa jedhamutti qonnaan bulaa maqaan isaa Mootii Waaqoo Jiloo jedhamu ajjeesanii jedhu jiraattonni.

Mootii Waaqoo Jiloo abbaa ilmaan 7 fi nama nagahaa hojjatee maatii isaa jiraachisuudha malee yakkamaa mitis jedhu.

Bara 2021 Abbaa Mootii Waaqoo Jiloo armaan dura aanaa Waadaraatti hidhanii dararaa erga turanii, gaafa tokko bahii gali jedhaniini yoo inni bahu duubaan hordofanii rasaasaan rukutanii ajjeesuu jiraattonni himaani jiru.

Ammas, obboleessi Mootii Waaqoo Barsiisaa Siidaa Waaqoo Aanaa Waadaraatti hidhamee dararamaa jira jedhu.

Barsiisaa Siidaa Waaqoo abbaa ijoollee 6 yoo ta’u maatiin isaa ni ajjeesu jedhanii yaaddoo guddaa keessa jiru.