ORO ARTS๐ŸŽผ๐ŸŽธโœ
1.03K subscribers
840 photos
13 videos
10 files
1.94K links
aartiin guddinaafi
aartiin jaalalaafi
aartiin misoomaafi
aartiin nageenyaafi
aartiin qabsoofi
aartiin bilisummaafi
aartiin tokkummaafi...

Aartii keenya waliin haguddisnu.
Download Telegram
Forwarded from ODAA Electronics N1
๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

Ashamaa Harka Fuune Jirra Jirtu Akkuma Kanaan Duraa Bekisisaa Ture Artii Oromoo Guddisufi Artistota Keenya Fayyadamaa Taasisuf Gurgurtaan Online Channel Youtube Filtamaadha Kanaani Artistoni Sabota Biraa Fayyadamaa Ta'ani Jiru Fkn. #HOPE_ENTERTAINMENT #MINEW_SHEWA_TUBE #ADMAS_MUSIC
#LOMI_TUBE........Channelot kaneen Sebscribe Guddaa Argachun Guddina Artii Irraatti Shora Gudda Ba'a Jiru Gamaa Artii Oromotii Yoo Debinu Gurgutaa Online Oromiyaa Keessati Hin Jiru Sababin Issa Immoo Channel Youtube Dhabamee Ossoo Hin Taane #sebscribe Nama Godhutu Dhabame Maale Channel Youtube Tokko Hojiiti Galchuf #Subscriber 1000 (1k) Argachun Dirqama Bayyina Ummata Hanga Kanaa Ossoo Qabinu Itti Fayyadamu Hin Dandenye Kun Immoo Hubannoo Dhabuu Irraa Kan Ka'edha Jadhen Yaadda. Addaraa Waanti Issinit Himun Barbaadu Channelota Afaan Oromoo Youtube #Subscriber Gochun Misensa Channel Hataanu Nutiis Gama Keenyan Channel #Jirra_Tube Create Gonee Hanga Ammati #Subscriber 767 Arganne Waaren Bekisasa Kan Argitan Hundii Keessan link Armaan Gaddii Xuqun #Subscriber Akka Nuf Gotan Dhugaan Issiniti Himmaa Nuf #Subscriber 1k Argachun Nuti Ulfaate Jiraa. Gaaru Oromoon Hunduu Osso Nu Bukkee Dhabate Guyyaa Tokkoti Argachun Salpadha. Kanaaf Cal Jatani Hin Darbinaa Akkuma Kaleessa Qabsoo fi Yeroo Rakkina Tokko Taane Akkuma Injifane Ammas Artii Oromoo Fi Artistota Waaregam Guddaa Ummata Issanif Kafalan Kan Degarun Qabina. Link Kan Yoo Tuqinu Kaltiin #Jirra_Tube Nuf Fiddaa #Subscriber Ishe Jatu Xuqinaa ๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.youtube.com/channel/UCTchTuIdUsdll79uOLR14vA
1:-Channel youtube Qabdu?
2:-Youtube Irrati hoo Maalqa Hojechuf Yaadanitu?
3:- Channel Create Gotani Subscribe Fi View Issin Rakkisaa Jiraa

Maare Faali Rakkoo Subscribe Fi View Kuno Argamee Jiraa

Youtuber Biyya Keenyaa Dogogoroota 10 Hojatun Subscribe Fi View Argacha Hin Jiru

1:- Dogogoroonii 10 Kun Maalidha?
2:- Dogogoroota Kan Irraa Akkamin Of Baraaru Dandenyaa?

Video Issin Barsisuu fi Itti Fayyadmtani Dogogoroora keessan jalaa baatan

Yaada @obsii28

Video Kan Gaafa Dawwatan Subscribe Gochuu Hin Dagatinaa
https://youtu.be/ZgpLKjdVWZY
Artiistii Galaanaa Gaaromsaa
Album harawaa guutuu kana
dhaggeeffadha baay'ee nama tola!
โšซ๏ธ๐Ÿ”ดโšช๏ธ
@linkAadaaOromo
@linkAadaaOromo
Konsartii Biifolee
Artist Caalaa Bultemee
Galmaa Barkumeti Fuulbaana 10/2012

1:- Melbaa Entertainment Fi Danny Studio?
2:- Konsartii Jalqabaa Dhunfaa
3:- Oddefannoo Caalaa Bultumee
4:- Finfinnee Keessati Artistota Oromo Irraa midhaa Gaa'a jiru?
5:- Oddefaannoo Konsartichaan Wal qabatan

Kan dhagahuu qabdan
Subscribe Gochu Hin Dagatinaa

https://youtu.be/IdGNLgMhjag
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Artist Nuhoo Gobanaa Haala Yaadessa keessa Jiraa Erga Manati Haafe waggaa 6

1:- Haala amma keessa jiru
2:- Dhamsa Oromotaf Dabrse
3:- Matiin Issaafi Artistoni Oromo Maal Jadhani

Oddeffannoo Dhagahuu Qabdan
Subscribe Gochun maati Jiraa Tube Ta'a
https://youtu.be/KIMMiU36DZw
Top Funy Oromic Interview

Video Bifa Gaafif Debin (interview) Gaafiwwan Sasalphaa Garu Kan Debisuf Nurakisan

Gaafa Dawwatan Subscribe Gochun Maati Keenya Taa'a

https://youtu.be/Dv-iI7un2yM
Akkam jirtu? nageenyi badhadha?

Tolee jalleewwan saba koo hiriyaa keenya kan ta'ee Yidnekachewu Worku (Kaachaaluu) kitaaba maqaan isaa YAALII BARA HEEDDUU jedhu barreessa tureera.

Kaacheen dadhabbii hedduun booda kitaaba kana bifa bareedaa ta'een Artii, Aadaa, Afaan Oromoo guddisuuf abjuu qabu tokko jedhe ummata isaaf gumaacheera.

Dargaggoo kaachaaluun Ebba kitaata isaa kanaaf qarshii kuma shantama (50,000) ta'uu ni barbaachisaa.
Egaa jalleewwan koo qunceen wal gargartee arbaa hiti jedhama mitiree. Eyyeni nutiis
Dargaagoo Kaachaaluu deegaruuf qofa osoo hin taanee jaalalummaa fi hawwi guddina Afaan keenyaf qabnu irraa kaa'uudhan gargaarsa waliif haa taasifnuu.

Kanaaf nutii hundii keenya karaa baankii daldala itiyoophiyaatiin (CBEtiin) qarshii 10 irraa eegaluun hanga humnii keenya danda'uun kaayyoo keenya kanaaf wal ciina haa dhabaannu.


#Yidnekachew_Worku
CBE 1000185845463
Phone no. +251926761099
๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

Ashamaa Harka Fuune Jirra Jirtu Akkuma Kanaan Duraa Bekisisaa Ture Artii Oromoo Guddisufi Artistota Keenya Fayyadamaa Taasisuf Gurgurtaan Online Channel Youtube Filtamaadha Kanaani Artistoni Sabota Biraa Fayyadamaa Ta'ani Jiru Fkn. #HOPE_ENTERTAINMENT #MINEW_SHEWA_TUBE #ADMAS_MUSIC
#LOMI_TUBE........Channelot kaneen Sebscribe Guddaa Argachun Guddina Artii Irraatti Shora Gudda Ba'a Jiru Gamaa Artii Oromotii Yoo Debinu Gurgutaa Online Oromiyaa Keessati Hin Jiru Sababin Issa Immoo Channel Youtube Dhabamee Ossoo Hin Taane #sebscribe Nama Godhutu Dhabame Maale Channel Youtube Tokko Hojiiti Galchuf #Subscriber 1000 (1k) Argachun Dirqama Bayyina Ummata Hanga Kanaa Ossoo Qabinu Itti Fayyadamu Hin Dandenye Kun Immoo Hubannoo Dhabuu Irraa Kan Ka'edha Jadhen Yaadda. Addaraa Waanti Issinit Himun Barbaadu Channelota Afaan Oromoo Youtube #Subscriber Gochun Misensa Channel Hataanu Nutiis Gama Keenyan Channel #Jirra_Tube Create Gonee Hanga Ammati #Subscriber 938 Arganne Waaren Bekisasa Kan Argitan Hundii Keessan link Armaan Gaddii Xuqun #Subscriber Akka Nuf Gotan Dhugaan Issiniti Himmaa Nuf #Subscriber 1k Argachun Nuti Ulfaate Jiraa. Gaaru Oromoon Hunduu Osso Nu Bukkee Dhabate Guyyaa Tokkoti Argachun Salpadha. Kanaaf Cal Jatani Hin Darbinaa Akkuma Kaleessa Qabsoo fi Yeroo Rakkina Tokko Taane Akkuma Injifane Ammas Artii Oromoo Fi Artistota Waaregam Guddaa Ummata Issanif Kafalan Kan Degarun Qabina. Link Kan Yoo Tuqinu Kaltiin #Jirra_Tube Nuf Fiddaa #Subscriber Ishe Jatu Xuqinaa ๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.youtube.com/channel/UCTchTuIdUsdll79uOLR14vA
- Hawaasni Oromoo Ameerikaa kaabaa jiraatan ayyaana Irreechaa baranaa magaalaa Finfinneetti kabajamurratti akka hirmaatan dura taaโ€™aan wiirtuu aadaa Oromoo Mineesootaa fi qindeessaan garee ayyaanichaa Obbo Girmaa Hasan himan
@linkAadaaOromo
@linkAadaaOromo
Forwarded from ORO ARTS๐ŸŽผ๐ŸŽธโœ (Dฤ“vรฃ ร˜rรต Unique) via @like
JAALALA IJOOLLUMMAA

KUTAA 3FFAA
https://t.me/Orostech jala seenuun kutaa1 fi 2 dubbisi.)

Abbaan seenaaas maatii Mo'aa waliin mari'achuun akka isaan qo'ataniif haala mijeessan. Seenaan kaayyoo ishee fiixaan baasuuf tarkaanfachuu jalqabde. Garuu maalif akka walitti dhufeenya isaaniitti inaafte hin beektu turte. Mo'aanis akkuma karoora isaatti, Galgala sa'aa 12:00-3:00 tti. Seenaa waliin qo'achuu itti fufe. Mo'aa fi Bililleen Araada waliif ta'aniiru. Mana barumsa kan dhaqan barachuuf osoo hin taane wal arguuf waan dhaqan fakkaata. Lamaan isaaniyyu jaalalli maal akka ta'e hin beekani. Amma garuu ofirratti baruu haa dhaban malee jaalalli waan isaan qabe fakkaata.
Bilillee fi mo'aan akkuma amala isaanii gaattiraa jala taa'anii ija keessa wal ilaalaa haasa'u. Lamaan isaaniiyyuu jaalalan qabamuu isaanii sirriitti hubataniiru. Garuu miirri sodaa waan isaanitti dhagaa'ameef callisuu filataniiru. Bililleenis seenaa fi mo'aa shakkuu jalqabdeetti.
Kana gidduutti seenaan dhuftee
"Mootii koo halkan edaa gilgaalli ati naaf ibsite suun naaf hin galleem irra naaf deebi'i." jetteen. Mo'aanis "maal naaf galeera hin jennee" jedheen.
Kana gidduutti Bililleen "ati ibsiif, anis mana fincaaniin deema jette kaate". Mo'aan Bililleen deemuu isheetti aareera. Bililleen yaadaan haasofti "Halkan edaa?? Maal hojjetu halkan? Mo'aanis maalif na dhokse? Shakkiin koo dhuguma jechuudhaa?? jecha mana fincaaniitii baate. Seenaanis dhuftee "Sister mo'aan sasyilasii qaba kanaaf foolii hin jaallatu rifeensร  kee hojjechiifachuu qabda jettee miira tuffiitiin qarshii abbaa dhibbaa itti hiixatte. Bililleen garuu" yaada keef Galatoomi, kana booda nan sirreessa qarshii kee garuu hin barbaadu" jettee gara dareetti sokkite. Bililleen daree teessee barachuu hin dandeenye, aariin mataa bowwuu itti kaase. "Ani Biloon dhukkeen akka rifeensa koo hin balleessineef jedheeni malee, qulqullina eeggachuu dadhabeeni, Ayi carraa koo" jetti teessee.

Mo'aan akkuma amaleefate Bilillee waliin haasa'aa galuuf karra irra dhaabbatee ishee eege. Bililleen garuu fuula guurte bira darbitee deemte. innis fiige bira ga'uun "biloo beeluun akkati na dagattu taasisee" jedheen. isheen garuu callistee deemuu filatte.innis "Biloo koo maal taatee? maaf hin dubbattuu? jedheen.
isheenis "1ffaa maaltu kankee na goonaan Biloo koo naan jetta? 2ffaa ani si waliin deemuuf hin madaalu? Kanaaf na bira hafi" jechuun deemsa ishee saffiste. Mo'anis... Itti fufa...


Kutaa itti aanu argachuuf like fi share gochuu hin dagatin.
Qabxiin seennii dhaabbilee barnoota olaanoo qormaata arfan jalqabaa qofaan murtaaโ€™a
Qabxiin seennii dhaabbilee barnoota olaanoo qormaata arfan jalqabaa qofaan murtaaโ€™a jedhe Ministeerri Barnootaa. Seenniin dhaabbilee barnoota olaanoo qormaata guyyoottan lamaan jalqabaatin kan murtaaโ€™u taโ€™a jedhame. Qabxiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa seennii dhaabbilee barnoota olaanoof kan murtaaโ€™u, buโ€™aalee qormaata guyyootii lamaan jalqabaatin akka taโ€™u murtaaโ€™uu Ministeerri Barnootaa beeksise. Ministeerichi qabxiin qormaata guyyootii lamaan itti aananii olaanaa taโ€™uu ibseera. Qormaanni guyyootii lamaan jalqabaa kennaman Herreega, Afaan Ingilizii, Jiโ€™oograafii, Fiiziksii, Aptiitiyuudidha.
Caalaa Bultumee
===QEERRENSOO ===

Walga'a Oromootaa
wirtuu maccaaf tulamaa
Finfinne biyyi Tufaa
akkamiin gurguramaa
Didi maaliif godaantaa
godaanis yoo jedhanii
Ajjeesii irratti du'ii
Lafakee hin lakkisinii.

Finfinne haadha seenaa
ati nuuf qaroo keenyaa
Lafa aadaa fi seenaa
galma keenya ganamaa
Gaaddisa tumaa seeraaf
heera caffee tuulamaa
Dhiigumaan si tiksinaa
nutis kaane tokkmmaan.

Kan biyyasaa eeggatu
booree baafata ilmi
Guddifachaan as galee
maaf nutti ta'a silmii
Gudeedaan hin dhalannee
kanaaf biyya unkuraa
Osoo Oromoo ta'ee
maaliif biyya gurguraa.

Dadmmaqii lakkii Oromoo bhaa dhihaawaltti dhaami
Amantiif kutaan wal hin
qoqqoodiinii
Biyya si dhuunfatte
alagaanii (2ร—)

Oromiyaa biyya koo
meeqat siif bititamee
Dhiigaan si tiksuuf jecha
meeqat bahee dhabamee
Senaaguddaa hn daganne
sirraa qabna Finfinne
Kanaafis garaan keenya
yomuu kan sin daganne.

Dachee seenaa qabeettii
haadha gootota kumaa
Qe'een Habeebee Tufaa,
Kan Gaddafaa Araddoo
akkamiin gurguramaa.

Qe'ee Guutoo Wasarbiif
qe'ee Qajeelaa Dooyyoo
Badhoo Dachaasfaa turee
kan gadi hin jenne rorroof

Finfinne dubbadhumee
Kan nyaatte Soraa Lomee
Gootni Guraaraa Lataa
sirratti fannifamee.
Bara Waaree Gololee
keenya turte Gullalleen
Bara Daalachoo Waamii
biyyi yoom gurguramee.

Maaster pilaanii jedhanii
snyii si duguugu malaani.

Oromummaa keenya
qofaan tokko taanee
Diina falmanna wal taane. (2ร—)

Dhuukaasa boombii
haleelii biigeemmii
Duubatti hin deebi'u
yoomuu jajjabeenii.

Onnee gooti baase
gootumatu beekaa
Abdiin sabaa si'i
hunduu suma eegaa.

Maatti beekti gadheen
lafa dhiirri ooluu
Akka goonni ajjeesee
foon allaattii sooruu (2ร—)

Dhiphinni darbe
jarraa tokko hin caalu
Jabaadhu yaa WBO
goota biyyaaf loluu
Karaan ati deemtu
milkiin siif haa toluu.
Belaaf dheebuu hin argiin
ganamaaf galgalaa
Ajjeesii sooradhu
bineensa daggalaa.
Qabeenyi biyyakee
hundumtuu siif sifaa
Jabaadhu qeerrensoo
fuuldurrikee ifaa
Jabaadhu jaalakoo
fuuldurrikee ifaa.

Nu duraa dhukaasni
goota dammaqsitee
Koottu hin lolla jetti
bosonaa labsitee.
Halli ishee hin daangessu
dhiiraafi galtummaa
Eenyutu nu dhowwa
beekannee falminaa
Jetti obboleettiinkoo
qeerrentiin bosonaa.

Olkaasi malee seenee oldarbe diinni manakee dhaale
Ajjeesii dibadhu
diina biyyakee seenee.
Hin simnnu hin fudhannu
Maaster pilaanii
Biyya lama hin taanuu
Oromiyaanii.

Hidhadhu malee seenee
ukkura goonnii Oromoo hin teenyee
Ajjeesii dibadhu
diina biyyakee seenee
Injifannoo Injifannoo
jedha gagarmaamee
Gootni Oromiyaa rratti
wal waamee.

GAGARMAAMEE......

Walloo Raayyaarratti
Wal waamee
Wallaggaa Gimbiirratti
Wal waamee
Jimmaa Hobboriirratti
Wal waamee
Ilubbaabor Mattuurratti
Wal waamee
Arsii Asallaarratti
Wal waamee
Baalee Gindhiriirratti
Wal waamee
Wadda Obooriirratti
Wal waamee
Gaara mul'ataarratti
Wal waamee
Giincii iborooriirratti
Wal waamee
Boorana Moyyaaleetti
Wal waamee
Gojjaam Matakkilii
Walitti dhaami
Amboo biyya dhiiraatti
Wal waamee
Gindoo Kaachisii Jaldutti
Walitti dhaamee
Finfinne Oromiyaarratti
Wal waamee.

Ilaa akkatti bareedu hidhannoon ila mudhii goota,
Kottu loli mana hin ciisiin
maal manaa gootaa.

Jajjabduu akka sibiilaa
WBO yaa gooftaa diinaa
Hin rafiin naa dhaqqabi
jedhiinii
Sabni kee
siif hiriiraa (2ร—)

Mamaan dide laftis barihuu geessee lammiin lammiif dhaamee,
Gadaan bilisummaa dhaa
WBOn bosonaa garmaamee .

Hayyuuf beekaa qabna
kan sabaaf yaaduu
Doorsifni
halagaa hin taatuu.
Ajjeesii irra ejjedhu diinaa
keessakka gumaa baatu.

Jaallan kufanis
hin gannu gumaasaanii
Hin lolla muraasaanii
Buttaa dhaanii
Cibraa dhaani
Sablii dhaanii

Jabeeffadhu kilaashiikee
Sit bu'e bakkasaanii(3ร—)
Qeerroo Amboo irraa !!

SEENAA GABAABDUU BARATAA GAADDISAA HIRPHASAA (1980-2006).
Kaadhimamaa Injinar Gaaddisaa Hirphasaa barataa Universty Finfinnee waggaa 4 ture.
Barataa Gaddisaa Hirphasaa abba isaa Obbo Hirphasaa Qanaaa fi haadha isaa Aaddee Jaalannee Diroo irraa Eebla bara 1980(A.L.O.) Godina Shawaa Lixaa Naannoo Amboo Aanaa Dirre Incinnii ganda Qorroo Haarritti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma dirre Incinnii mana barumsaa Boolaa sadarkaa 1ffaatti xumure. Barnoota sadarkaa lammaffaa kutaa 9 M.B. sadarkaa lammaaffaa Gudaritti kan hordofe yoo tau 10-12 ammoo M.B.sadarkaa lammaafaa Jimmaatti barate. Qormaata Biyyoolessaa qabxi olaana 4 galmeessuun Yuunivarsiitii Finfinneetti ramadame. Barnoota sadarkaa olaanaas qabxii guddaa fiduun muummee Teeknooloojii seenuun barataa civil engineering waggaa 4ffaa ture.
Gaaddiisaa diimaa bareeda mataa luuccaa dhaabbitiin isaaf miidhaginni fuula isaa bayyee kan nama hawwatu mucaa sinbo-qabeessa, hiriyoota isaaf hawaasa keessatti jaallatamaa ture. Miidhagina qaamaa qofa osoo hin taane yaadni fi hamalli isaa kan namatti tolu mucaa jaalatamaa fi eebbifamaa ture.Barataan Gaddisaan waaee eenyummaa Oromoo kan xinxaluu eegale yeroo sadarkaa 1ffaa baratu yoo tahu, wayta sadarkaa lammaffaa baratu ammoo barattoota Amboo waliin gaffii mirgaa gaafachuu tattaaffiin inni godhaa ture cimaadha. Cunqursaan Oromoo irraa gahaa tureef gahaa jirtu daran isa quuquu kan jalqabes yeruma kana ture. Wayta Yuunivarsiitii Finfinnee seenettis gootota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee biroo waliin gaffii mirgaa gaafachuurraa nama guyyaa tokkollee hin boqonne, nama murataa ture.

Barataa Gaaddisaan gaafa mooraa yunivarsiitii Finfinnee seenee eegalee gaafii mirgaa fi kan abbaa biyyuummaa Oromoo barattoonni Oromoo kaasaa turan keessatti gaheen inni taphataa ture himamee hin dhumu. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti kan yoomuu hin dagatamne mormii barattoota Oromoo 2004 keessatti nama gaffii abbaa biyyuumma Oromoo Finfinneerratti qabu barattoota biroo waliin falmii geggeessaa turan keessaa isa tokko. Yeroo Wayyaaneen magaala guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti godaansiftee ergamtuu ishee OPDO Finfinneedhaa buqqiftetti gaaffii mirgaa barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee gaafannaan barattoota 350 ol kan tahan barnoota irraa wayta ariamanii kaasee mootummaan faashistii Wayyaanee mana hidhaa adda addaa keessatti dararama hiriyaa hin qabne irraan gahaa turte.
Mana hidhaa Maakalaawwii, mana hidhaa Karchalee Finfinnee booddee ammoo mana hidhaa Qaallittii keessatti hooggantoota Waldaa Maccaa Tuulamaa fi barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee waliin miidhan irra gahaa ture. Dararama poolisa federaalaa harkatti irra gahaa ture caalatti ammoo kan mana hidhaa Qaallittii keessatti jalaqaba Jia Gurraandhala keessa irra gahaa ture akka malee hammaataa ture. Shira Wayyaanonni xaxaniin bilbila mobaayla lafa inni ciisu kaauun ABOf bilbila jedhanii yakkuun mana hidhaa dukkanaa fi kan lafa jalaatti achuma Qaallitti qofaa isaatti hidhuun turban lamaafosoo walirraa hin kutiin reebaa turan. Yeroo achitti reebaa turanitti kale isaa akka malee waan miidhaniif ammo qorra lafa jalaa waliin itti hammaatee waldhaansa dhoorkanii ittuma yaadanii ajjeesan.
Barataa Gaaddisaan Bitootessa 28-2006 ganama keessaa saaa 9:00 irratti Hospitaala Minilikitti osoo wallaansa tokko illee hin argatiin hiriyyoota isaa harkatti biyya lafaa irraa boqote. Dhumarratti gootichi Oromoo Gaaddisaan wayta lubbuun keessaa bahuuf jirtutti akkas jedhee barattoota Oromoo fi Ummata Oromoo maraaf dhaamsa dabarsee.
Dhaamsa isaa keessaa muraasni:
โ€œYaa Ummata Oromoo!, Yaa hiriyyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo bilisummaaOromoo!Duutin ani due dua gootoota Oromoo kan eenyummaa Oromoo yeroo jalqabaaf kaasan dua obboo H/Maariyaam Gammadaa, kan Jeneraal Taaddasaa Birruu, dua Dhibbaalaa MaammooMazamirii fi kan gootota Oromoo biroo waliin walfakkaata. Ani kanan hidhameef, kanan ajjeefameefis waanan gaaffii mirgaa Oromoo gaafadheef, waanan cunqursaan Oromoo irra jirtu haa kaatu jedhee gaafadheef akkasumas Oromummaa kootti waanan boonuf malee yakka hojjedheen mi
ti. Mootummaan gabroonfataan ammoo nama ofitti amanu hin jaallatu, mootummoonni Abashaa kan fedhan Oromoo doofaa kan waan isaan ajajan ishoo jedhee fudhatu malee kanneen sabboonoo taan kaan biyyaa ariuun kan qabate mana hidhaatti hiraarsuun achumaan ajjeesuun aadaa isaa tahee jira.Duuti Oromoo dhaa hamma dua sareellee dhageettii dhabdee jirti. Waan taheefis ani bilisummaa Oromootiifan wareegame irra deddeebitanii hidhii xuuxuun waahuu akka hin fidne beektanii kaayyoon ani itti wareegameef akka galmaan geessan imaanaa/adaraan tokkoon tokkoo Oromootiif dhaammadha. Kanaaf yaa uummata Kuttaayee, yaa uummata Amboo, yaa uummata Sulee , yaa uummata Giincii, yaa uummata Guduruu,Yaa Ummata Sikkoof Mandoo, Yaa Ummata Ittuuf Humbanaa ,Horteen Booranaa fi Barreentumaa walumatti qabaatti Uumatni Oromoo marti gumaa koo goodatti hin hambisinaa! Karaan irra jirru karaa sirriifii kan Jaallan Oromoo itti wareegamaa jiran waan taheef waan nu itti ajjeefamne jedhe.
Kaayyoo ati wareegamteef waadaan waadaadha .Waadaa kee Hin nyaannu.Galmaan geenya .
Nadhii Gammadaa
===============
Ani fira hin qabuu,
akka Baqqalaafaa?
Ani qomoo hin qabuu,
akka Mararaafaa?
Maalif cal'isani,
Lammaa Magarsaafaa?

Gaafa manaa ba'u
Oromoof jedheeti
Gaafa ukkaamfamu
yakkamaa ta'eeti

Kuun kaanif na laata,
dhiitichoof kaballaan
Haqa Oromoon qabdu
gad_baasee lallabnaan

Hidhamus qabsoo koo
ittan fufe hin dhiisne
Kiiloo 4 keessa
Abiyyiin qubsiisne

Yoo tokko hidhamu
qeerron ba'ee iyya
Maalumaaf dagattan,
garuu waa'ee kiyya?

Jawaaris yoo ta'e
maaf oduu koo dhabe?
Ni beeka hin callisuu,
malaa ni dadhabee

Du'aaf jiruun tiyya,
maaf isin dhokatte?
Dr. Abiyyi ati hoo,
Waa'ee koo qorattee?

Nadhii Gammadaa
Goota ija barbadaa
Naan jettu hin dhagayaa
jecha qofa edaaโˆš

Hundaafuu lammii koo
hedduu isin jaaladhaa
Bilisoomtan jedhu
ima isin gaafadhaa
Oromummaaf jecha
maaloo naaf birmadhaa

Firaaf biyya koorraa
jaaladhee hin fagaannee
Dhugaa jirtu dhoksee
jaras hin fakkaannee

Kanaaf jiruuf duuti
tiyya isin dhokattee
Firri koos yaa obsu
yoo dhugaan mul'atte
#pro_by_Maryaam_Hamid
#By_Jirra_Oromoon
====================
Share gochuu hin dagatinaa namootni goota kana jaalattan akkasumas dinqisiifattanii
fi boolla inni lixe beekuu barbaaddan.
/Jaal Nadhii Gammadaa/
@Orostech
@Orostech
Forwarded from Walaloon Jaalala (ยฅdnk ยฎ Kachu) via @like
Boojituu Onneeko

Uumamaan kalaqamtee
Simboo addaa qabdi
Waan hundaan bareechee
Tolchee uume rabbi
Sabboontuu sanyiiko
Duudhaa kan eeggattu
Qarree intala oromoo
Mirgaaf kan qabsooftu
Afaan ormaa miti
Qooqa isheen kan boontu
Uffata aadaatiin faayyamtee
Abaaboo birraa fakkattu
Dubbannaan sagaleshee
Gurratti kan miyaa'u
Kuullee, ilkaan kaarruu
Shurrubbaan duddarra ga'u
Maddiin burtukaana
Mudhii hammannaaf ta'u
Bareedduu waan maraa
Argaakeef garaan na na'u
Sin dhiisu, na hin dhiisin
Qarree sanyiiko
Intala abbaa Gadaa
Boojituu Onneeko

#Dawite_Makonnen
#Waamicha_Kabaja_Ayyaana_IRREECHA_Finfinneetif
================================
#Ilmaan_Oromoo_hundaaf
#Share_Share_godhaa
IRREECHI IRREE TOKKUMMAA OROMOOTI
*******************************
Ayyaanni irreechaa gabrummaa naafxanyaa #Minilikiin waggaa 150 oliif badee ture waggaa 150 booda wareega qaalii Qeerron Oromoo kaffalteen handhuura Oromiyaa Finfinnee hora Finfinneetti kabajama. Irreechi Finfinnee guyyaa uummanni Oromoo abbaa biyyummaa Finfinnee waggaa 150 oliif dhabe itti labsatuudha. Guyyaa Oromoon tokkummaa isaa itti jabeeffatuudha. Ayyaana Irreecha Finfinnee irratti yoo xiqqaate Oromoo miliyoona 20 ol irratti hirmaachudhaan guyyaa seenaa haarawa itti hojjatuudha. Guyyaan kuni seenaa Oromoo keessatti guyyaa addaati. Guyyaa Oromoon waadaa isaa itti haaromsatuudha. Guyyaa Oromoon qe'ee isaa Finfinnee irratti abbaa biyyaa tahuu addunyatti labsatuudha. Guyyaa shirri tokkummaa Oromoo laaffisuuf godhamu dhuma itti argatuudha. Ilmaan Oromoo
#Jimma
#Arsii
#Baale
#Shawaa
#Wallagga
#Gujii
#Boorana
#Walloo
#Raayyaa
#Matakkal
#Iluu
#Harargee baadiyyaa fi magaalaa hunda keessatti argamnu tokkummaan wal qindeessinee ayyaana seena qabeessa waggaa 150 booda handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti Oromoon kabajatu irratti akka argamtan waamicha Oromummaa isiniif goona.
Irreecha baranaa kana irraa Oromoon fayyaa qabuu fi lubbuun jiru hkn hafu.

IRREECHI IRREE TOKKUMMAA OROMOOTI.
IRREECHA FINFINNEE IRRATTI ABBAA BIYYUMMAA KEENYA GUYYAA ITTI MIRKANEEFFANNUUDHA.

TOKKUMMAAN IRREEFFANNEE TOKKUMMAA KEENYA JABEEFFANNA.