Forwarded from Tokkummaan Humna (💞Ãďñůű Ąłï💞)
Seenaa Gabaaba
Xiinxalaa Siyaasaa fi Hoogganaa olaanaa OMN
obbo Jawar Mohammed
Kutaa 1ffaa.
Jawar Mohammed kan dhalate bara 1975A.L.A
Godina Arsii gara Daangaa Harargeedhaan
waldaangessu iddoo Gololcha jedhamtutti dhalate.
Naannoo Dhummuugaa kan jiraatu ummanni gara
dhibbeentaa 90(90%) hordoftoota Amantii
Musliimaa yommuu ta’an, dhibbeentaan 10 hafe
immoo hordoftoota amantii garagaraati. Haa tahuu
malee Dargaggeessi qaroon Oromoo kun Maatii
amantiidhaan walmakaa (Abbaadhaan Musliimaafi
haadha Kiristaana) irraa dhalate.
Haalli kun Dargaggeessi gameessi kun umrii
dargaggummaasaatti muudannoo jireenya
hawaasummaa adda addaa kan itti qorame akka
tahe dubbata. Akkasumas, haalli sun; Jawar,
Hariiroo walitti dhufeenyaafi waliin jiraanya hawaasa
maatii amantiiwwan garagaraa hubaachuu keessatti
carraa guddaa akka uumeef, akkasumas yeroo
fudhatee yeroo adda addaatti amantii
dhuunfaasaatiyyuu murteessuuf karaa qabsiisuuf
akka yaadeefi kunis waliin jireenya dhuunfaasaafi
hawaasummaatiif, akkasumas obsa horachuuf
hangam akka isa gargaare hima.
Jawar hanga umriin isaa barnootaaf gahuufi asuma
Magaalaa Dhummuugaa jiraate.
Umrii dargaggummaan Dhummuugaa jiraate
keessatti akkuma dargaggoota kaawwanii
Hangafootaafi maanguddoota waliin kan dabarsu
akka taheefi sababni dargaggootni naannoo
dhummuugaa Hangafootaafi Manguddoota waliin
yeroo dheeraa dabarsaniif Beekumsa irraa
argachuufi bilchina hangafootaa dhaaluuf akka tahe
dubbata Leencichi Jawar Mohammed.
Haaluma walfakkaatuun Dargaggoon Jawaris
Seenaa, Seera, Aadaafi Duudhaa, Safuufi Siyaasa
Akaakayyuu(Abbaa abbaa isaa) irraa fi
hangafootasaa irraa akka barate dubbata. Haala
kanaan Dargaggeessi gameessi Jawar akka jedhutti,
Hubannoofi Muuxannoo Abbaafi Akaakoo isaa waliin
madaalee, Akaakoon abbaa isaa immoo isaan
kanneen caala akka dargaggoo gorsuufi gahoomsuu
danda’an tilmaama isaa kaaya.
haaluma walfakkaatuun; hayyuun gameessi Jawar,
akka jedhutti “Dhaaloota baroota jahaatamootafi
torbaatamoota keessa turaniif DINQISIIFANNAAfi
KABAJA Guddaa akka qabuufi, Ummanni sun
ummata tattaafataa, ofittoo kan hin taaneefi itti
gaafatamummaadhaan kan socho’an” akka ta’an
akka amanu dubbata.
Yommuu Umriin isaa barnootaaf gahu, Barnoota
Sad.1ffaa achuma Dhummuugatti barnoota kan
eegale yoo ta’u, garuu Jawar osoo barnoota M/B
sad.1ffaa hin xumurin barnoota addaan kutee akka
deemu ergaan jedhu itti himame Mana barumsichaa
irraa. Kun taatee osoo isaafi maatiin isaa itti hin
yaadin yoo tahellee, Dargaggeessi gameessi Jawar
Mohammed Carraa M/B waan hundaan M/
Barumsicha duraan keessa turee caalutti akka
baratu carraa saaqeef.
Kunis; Gara Magaalaa Asallaatti akka imaluufi
Barnoota isaa M/B Kaatoolikitti akka eegalu
taasifamuu isaati.
Sana M/B kaatoolikii jedhamutti waggaa 1 erga
baratee booda, waggaa itti aanu gara M/B
Cilaalootti jijjiirate, hanga gara Magaalaa Adaamaatti
imalutti. Imalli Dargaggeessa gameessa kanaa itti
aanu Magaalaa Adaamaa ta’e.
Haala Kanaan Qormaata ce’umsa biyyoolessaa
magaalaa Adaamatti fudhachuudhaan xummure.
Yeroon kun yeroo Leenci umrii dargaggummaa
keessa itti seenuu eegaleefi QBO(Qabsoo
Bilisummaa Oromoo) keessatti qabatamaan
hirmaachuu eegalee dha. Baruma Qormaata fudhatu
sanaadha,
~ “Alaabaa ABO qabattee deemta”
~ “Dargaggoota jeequmsaaf kakaasaa jirta”
jedhamee kan hidhaa wayyaanetti darbatamee tures.
Bara 2003, Dargaggeessi Qaroon kun, barattoota
Umrii xiqqeenyaatiin Qabxii hin yaadaminiifi
fakkeenyummaa olaanaa qabu fide tahe argame,
kanumaanis Carraa addaa kan barnootaa Koollejii
qabeenya gahaa qabu kan biyya Hindi, Singapore ”
United World College of South East Asia” jedhamu
argate. Imalli isaa inni itti aanu gara biyya Hindi,
Singapore ta’e.
As, Koollejjii United World jedhamu kana erga
seenee booda Hayyuun gameessi umrii
dargaggummaatti bilchaate kun haala mijataa
argate tokko tokkotti dhimma bahuu eegale.
Umrii ijoollummaa oftahee seenaafi aadaa,
eenyummaa isaa hangaftootasaa, keessumaayyuu
akaakoosaarraa barachaa guddate sana hojitti
hiikuuf tattaaffii tok.
@TOKKUMMAAN_HUMNA @TOKKUMMAAN_HUMNA. @TOKKUMMAAN_HUMNA

```````````

Forwarded from ᎪᎪᎠᎪᎪ ϴᎡϴᎷϴ ①⚫️🔴⚪️]