Oromia Communications Bureau
25.5K subscribers
2.85K photos
21 videos
2 files
828 links
This is official Telegram page of Oromia Communications Bureau
Download Telegram
“Caffeen seerota qulqullina qaban baasuun fedhiifi faayidaa ummata bakka isa buufatee mirkaneessuuf cimee hojjeta” Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo
Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa wixinee labsii misoomaa, bulchiinsaa fi dabarsa manneenii mootummaa naannoo Oromiyaa murteessuuf qophaa'e irratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti marii'achaa jira.
Naannoo keenya keessatti, sirna misooma manaa, dhaqqabamaafi haala qabatamaa magaalota naannoo keenyaa giddu galeessa godhachuun rakkoo mana jireenyaa ummata keenyaa furuudhaaf wixineen labsii qophaa’e kun Yaa’ii Caffeef dhiyaatee osoo hin ragga’iin dura qaamolee dhimmi ilaaluu hirmaachisuun galteewwan adda addaa wixinicha gabbisuu danda’an walitti qabuuf waltajjii qophaa’e ta’uu Aadde Loomiin ibsaniiru.
Caffeen aangoo seera tumuu heeraan kennameef bu'uura godhachuun seerota adda addaa baasuun maxxansee fayyadamtoota biraan gahaa tureeraas jedhan Aadde Loomiin.
Qotee- fi horsiisee bultoota Oromiyaa gara Invastimantiitti cee'an
Qotee- fi horsiisee bultootni Oromiyaa kuma 6 oli gara invastimantiitti ce’an
በኦሮሚያ ከ 6 ሺ በላይ አርሶ-ና ዐርብቶ አደሮች ወደ ኢንቨስተመንት ተሻገሩ
Oromiyaatti horsiise bultootni fi qonnaan bultoottni kuma ja’aa ol kan birrii biliyoona 30 horatan gara invastimantitti ceesifamuu Sadarkaa Pireezidaanti Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastera Misooma Baadiyyaa Dr. Girmaa Amantee himan.
Horsiise bultootaa fi qonnaan bultoota kunniin hojii haaraa osoo hin taane, hojii beekan irratti hirmaatani akka milkaa’an hojjatamaa akka jirus Dr. Girmaan himaniru. Hojii Agiro-pirosesiingii (Agroprocessing), maanufaachariiingi (manufucturing) fi tajaajilaarratti hirmaatanii akka hojjatanis eeraniiru.
Qonnaan bultootaa fi horsiise bultoota kanneeniif sanbata dhufuu kaasee leenjiin hubannoo uumuu akka kennamufis Dr. Girmaan dubbataniiru.
በኦሮሚያ ከ6 ሺ በላይ የሚሆኑ ከ30 ቢሊዮን ብር በላይ ካፒታል ያስመዘገቡ አርሶ-ና ዐርብቶ አደሮች ወደ ኢንቨስትመንት እንዲሸጋገሩ መደረጋቸውን በኦሮሚያ ምክትል ፕሬትዚዳን ደረጃ የገጠር ልማት ክላስተር አስተባባሪ ዶ/ር ግርማ አመንቴ ገለጹ፡፡
አርሶ- እና ዐርብቶ አደሮቹ በአዲስ ዘርፍ ሳይሆን በሚያውቁት ዘርፍ ተሰማርተው ስኬታማ ይሆኑ ዘንድ እየተሰራ እንዳለ ዶ/ር ግርማ ለጋዜጠኞች በሰጡት መግለጫ ገልጸዋል፡፡ በአግሮ ፕሮሰሲንግ፣ በማኑፋክቸሪንግና አገልግሎት ዘርፎች ላይ እንደሚሰሩም አብራርተዋል፡፡
ከፊታችን እሑድ ጀምሮ ለአርሶ- ና ዐርብቶ አደሮቹ የግንዛቤ መፍጠሪያ ሥልጠና እንደሚሰጥ ዶ/ር ግርማ አመንቴ አክለው ገልጸዋል፡፡
Madda ምንጭ: OBN
Waldaan Aksiyoona 'Goduu' labsame
....
Sirni yayyabaa Waldaa Aksiyoona GODU bakka Pireezidaantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamaanitti gaggeeffame.
Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa sirnicha irrati haasaa taasisaniin, Oromiyaa qabeenya ishii ormi saamu osoo hin ta'in Oromiyaa qabeenya ishii irraa fayyadamtu ijaarree Itoophiyaa utubna jedhaniru.
Bulchaan Godina Gujii Lixaa Obbo Tafarii Wondafroo ammoo uummanni Oromoo albuuda qabuurra fayyadamuu osoo hin tahin itti miidhamaa akka ture eeranii, waldaan aksiyoona GODU rakkoo tureef fala qabatee dhufuu isaa dubbatan.
Walitti qabaan boordii GODU Obbo Woddeessa Yaachis gama isaaniittin "hin dandeennuu cabsinee ni dandeenya jenna, hin qabnu cabsinee ni qabnaan bakka buufna“ jedhaniiru.
Waldaan Aksiiyoona Goduu qorannoo fi oomisha albuudaa, hoteelaaf turisimii, giddu gala gabaa ammayya'aa, tajaajila geejjibaa, hojii ijaarsaa, agiroo industirii, hojii meeshaaleefi oomishaalee al-ergii (export) irratti ni hojjeta.
Imala Badhaadhinaa Maatii Mirkaneessuuf hojjatamaa jira

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala badhaadhinaa maatii mirkaneessuu keessatti dhimmoottan gurguddoo xiyyeeffannoon hojjatamaa jiran keessaa Diinagdee biyyaa qixa sirrii ta’een karaa biyya jijjiiruu danda’uun hojjachaa kan jiruudha.Sochii fooyya’iinsa diingdee fiduu keessatti inni guddaa fi inni duraa nyaatan of-danda,uun iddoo olaanaa kan qabatuudha.

Haaluma Kanaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuf yeroo ammaatti xiyyeefannoon guddaan itti kennamuun qonnaan bulaa naannoo Oromiyaa kilaastaraan ijaaruun, makaanayzeeshinii irratti xiyyeeffachuu , sanyii filatamaa babal’isuun,meeshalee galtee midhaaniitiif haala mijeessuu fi kanneen akka kombaaynaraa dhiyeessuun sochii daandii guddina diinagdee abdii namatti horu mul’achaa jira.

Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu keessatti inni itti aanuu oomisha biyya alaati galan biyya keessan bakka buusuu yoo ta’u, inni kun immoo baasii maallaqa bu’aa biyyaa keessaf ooluu danda’uu waggaatti bahu hambisuun guddinnaaf oolchudha.

Diinagdee biyyaa ijaarun badhaadhina hunda hammataa fi tarkaanfataa ta’e daran lafa qabsiisuuf oomisha al-ergiif oolan irrattin xiyyeeffachuun hojjatamaa kan jiruudha.

Oomishni al-ergiif oolan biyya keessatti baay’inaa, qulqullinaa fi yeroo isaatti oomishuun rakkoo gama sharafa alaatin jiru furuu keessatti iddoo olaanaa kan qabu waan ta’eef Sochiiwwan taasifamaa jiran milkeessuun biyya badhaate ijaaruf eeggatummaa rooba jalaa bahuun haalota jiratti fayyadamuun murteessadha. Kanuma dhugoomsuuf Mootummaan naannoo Oromiyaa misooma jallisiitti gargaaramuun Qamadii jallisiin iddoowwan garaa garaa duraan oomisha qamadii tif hin baratamne irratti oomishuun muuxannoon gaarin argamuu danda’eera.

Haaluma Kanaan bara kanatti kallattiidhan misooma jallisii irratti kaayyefachuun Godinaalee Oromiyaa Misooma Jallisiif oolan irratti hojiin misooma qamadii fi kan biroo irratti hojjatamaa kan jiru yoo ta’u Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaattis Qamadiin Jallisiidhan Misooma jiru sadarkaa gaarirratti argama. Imala badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf hunduu xiyyeeffannaan socho'uun gahee ofii bahachuun murteessadha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannoo Sidaamaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasise
Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna hundeeffama bulchiinsa mootummaa naannoo Sidaamaa sababeeffachuun deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasiseera.
Guyyaan hundeeffama Naannoo Sidaama Magaalaa Hawaasaatti kabajamaa jira.
Sirna kabaja guyyaa hundeeffamaa Naannoo Sidaamaa kanarratti Preezdantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannoolee argamaniiru.
Sirnicharratti argamuun Preezdantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa bbo Shimalliis Abdiisaa, mootummaan naannichaa Naannoo Sidaamaa haaraa hundeeffameef Birrii miiliyoona 100 gumaachamu himaniiru.
Ijaarsa daandii Asfaaltii Jimmaa-Kontaa hojjachuuf dhagaa bu'uuraa iffatti ka'ameera
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hojii ijaarsa daandii Asfaaltii Jimmaa-Kontaa dhagaa bu'uuraa kaa'uun ifatti eegalchiisaniiru.
Daandichi Kiiloomeetira 80 dheeratu Ministira Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin dhagaa bu'uuraa kaa'ameera.
Baasiin proojaktii ijaarsa daandii kanaa Birri Biiliyoona 2 fi Miiliyoona 400 fi Miliyoona 23tti siquun kan hojjetamu yoo ta'u himameera.
Baasii kanaafiis Baankii Misooma Afriikaa, Dhaabbata Deeggarsa Addunyaa Jaappaaniif Mootummaa Ityoophiyaatiin qooda fudhataniru.
Muummee ministiraa Dookatar Abiy Ahmad dabalatee Itti aanaa Muummee ministiraa fi Ministira Dhimmaa Ala obbo Dammaqaa Mokonnin fi aanga’oonni olaanoon argamaniiru.
Sirna Baruu fi barsiisuu hammaayya'aa ta'e naannicha keessatti lafa qabsiisuuf hojiin baay'een hajjatameera
Dambi Doollootti manni barnootaa bultii adda Dooktar Nagaasoo Gidaadaa hojii baruu fi barsiisuu eegale
Manni barnootaa bultii addaa Maqaa Dooktar Nagaasoo Gidaadaan Yuunvarsitii Dambi Doolloon baname kun barsiisoota ga'umsa qabaniin sirna baruu fi barsiisuu eegaleera.
Yuunvarsiitiin Dambii Doolloo sirna baruu fi barsiisuu, qo'annoo fi qorannoo gaggeessuu akkasumas tajaajila hawaasa kennuu giddu galleessa godhachuun mana barnooticha kan eegalchiise.
Manni barumsichaa barattoota 240 simachuun barsiisaa jira jedhameera.
Preezdaantiin Yuunvarsitii Dambi Doolloo Dooktar Lataa Tasfaayee, yuunvarsiitiichi hojiiwwan tajaajila hawaasaaf oolan hedduu hojjetaa jiraachuu himaniiru.
Manneen barnootaa bultii addaa biroo aanaalee godinichaa keessatti babal'isuuf karoorfamuun hajjatamaa jiraachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii godina Qellem Wallaggarra argamee ni agarsiisa.