Sochiin komii ogeeyyii fayyaa furuudhaaf WOFOdhaan eegalamee jiru akkuma itti fufetti jira.
Godina Harargee Lixaa
Godina Harargee Lixaa
Sochiin komii ogeeyyii fayyaa furuudhaaf eegalamee jiru akkuma itti fufetti jira.
Akkaataadhuma torban dabarsine keessa isin beeksisnee turreen miseensonni WOFO fi hojjettootni seektara fayyaa naannoo Oromiyaa keessa jiran karaa bakka bu'oota aanaafi godina isaanii akkasumas marsaalee hawaasummaa waldaatti fayyadamuudhaan komii qaban kallattiidhaan dhi'eeffachaa turaniiru. Bu'uuruma sanaan waldaan komiilee dhi'aatan furuuf duraa duubaan itti deemaa kan jiru ta'uusaa hubachiisaa; aanaalee komiin irraa dhufan armaan gadiitti sochii taasifameen furmaanni argame.
1. Aanaa Xuulloo - rakkoon kaffaltii duutii furmaata argatee akka jiru ni yaadatama.
2. Aanaa Doobbaa
Waltajjii marii I/A hogganaa WF godina Harargee Lixaa, I/A bulchaa aanaa, I/G WF aanaa, manaajimentii WF, I/G faayinaansii, bakka bu'aa WOFO godinaa Harargee Lixaa fi aanaa Doobbaa argaman irratti mari'atameen furmaanni kennameera. Kanaanis kaffaltiin duutii buufataalee fayyaa hundaaf akka raawwatamuuf xalayaan faayinaansii irraa barreeffamee jira.
3. Aanaa Ciroo
Waltajjii marii bulchaa aanaa, I/A bulchaa fi I/G WF waliin gaggeeffameen kaffaltii duutii ji'a sadiif osoo hin kaffalamiin ture irraa kan ji'a lamaa kaffalamee kan jiru yoo tahu; ji'a tokko hafe immoo baajatni haaraan osoo hin eegalamne kan kaffalamuuf ta'uu waadaa seenaniiru.
Dabalataanis bulchaan aanaa Ciroo "kaffaltiin duutii Ogeeyyii Fayyaatiif kaffalaa jirru kun yoo itti xiqqaate malee kan itti guddatu miti" jedhan.
4. Aanaa Ancaar fi 5. Aanaa Shanan Dhungoo (Masalaa)
Marii bulchituu godina Harargee Lixaa waliin taasifameen komiin isaanii deebii argatee jira.
Waltajjii marii kanaanis bulchituun godinichaa Addee Ikiraam Xaahaa akka jedhanitti "dogoggora ammaan duraa kaffaltii duutii ogeeyyiitiin walqabatee uumame kana bara baajata haaraa 2015tti kan irra hin deebi'amnedha" ta'uusaa ibsan.
Waldaan keenyas sochii rakkina ogeessaa furuuf aantummaa guddaadhaan godinniifi bulchituun godinichaa taasisan kan dinqisiifannuufi kabaja guddaa qabnuuf akka tahe carraa kanaan ibsachuu barbaanna.
Gama biraatiin sochii marsaa kana taasifamaa jiruun Hojii Gaggeessituun WOFO Hospitaala Ciroottis argamuun haala sochii Ogeeyyii Fayyaa fi waldaa ilaaluu danda'aniiru. Kana malees dhimma horannaa miseensaafi sochii waldaa irratti Daarektara meedikaalaa (Dr. Murteessaa) fi Bakka bu'aa waldaa hospitaalichaa waliin mariin taasisaniiru.
Adoolesaa 18, 2022
Finfinnee Oromiyaa
Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa
Sirna fayyaa fooyya'e uumuuf kan onnate!

Blood donation camping held at Malka Oda General Hospital organized by Oromia Health Professionals Association (OHPA's) focal person.
We OHPA have great respect and appreciation for all participants and organizer of the campaign.
Thank you.
Give a drop of blood to save lives.

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa godina Harargee Bahaatti daawwannaa hojii fi komii ogeeyyii fayyaa ilaaluu irratti argama.
-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_
Guyyaa kaleessaa hojii Gaggeessituu Olaantuun WOFO fi bakka bu'aa waldaa godina Harargee Bahaa waliin ta'uudhaan aanaa Gursumiifi aanaa Baabillee ilaalanii jiru.
Haaluma kanaan aanaa Gursumitti haalli kabajamuu mirga ogeessaa sadarkaa gaariirra kan jiru ta'uusaafi ogeeyyiin keenyas dirqama isaanii - kenniinsa tajaajila fayyaa haala gaarii ta'een kennaa kan jiran ta'uusaa hubachuun danda'ameera. Komii ogeeyyiin ammaan dura qaban illee kan furameef ta'uu daawwannaafi marii manaajimentii WF, Ogeeyyii Fayyaa fi qaamolee biroo waliin taasifame irraa hubachuun danda'ameera. Aanichatti seektarri fayyaa seektara 'model' jedhamee badhaafame ta'uusaasaa ibsameera. Dabalataan sochiin WOFO aanaa sanaa illee sadarkaa fooyya'aa ta'erra kan jirudha.
Bifuma wal fakkaatuun aanaa Baabilleettis marii manaajimentii WF waliin taasifamee fi odeeffannoo ammaan dura jiruun mirgi ogeeyyii haala gaarii ta'een kabajamaa kan hin jirre ta'uusaa hubachuun danda'ameera. Akka fakkeenyaatti, hanqinni duutii (night duty) yeroodhaan kaffalamuu dhabuu, guddinni sadarkaa ogeeyyii bara 2013 guddachuu qaban osoo hin guddatiin hafuufi bara kanallee gaafachaa kan jiran ta'uu, kana malees hanqina meeshaalee ittisa ogeessaa (PPE) keessaayyuu kan hojjettoota qulqullinaatiif erga waggaa sadii asiitii hanqinni guddaan akka jiru hubatameera. Rakkoolee kanneen hundeerraa furuufis mariin manaajimentii WF aanaa waliin eegalame qaamolee biroo dhimmi ilaalu waliinis akka itti fufuuf kallattiin waloo manaajimentii fi bakka bu'oota WOFO achitti argaman waliin kaa'ameera.
Gamanumaan guyyoota itti aanaan keessattis daawwannaafi hordoffiin kun aanaalee biroottis kan itti fufu ta'uusaa kan beeksisnu ta'a.
Adoolessa 26, 2022
Finfinnee, Oromiyaa