OLMAA ADDUNYAA 🌐
35.8K subscribers
1.5K photos
12 videos
1 file
248 links
Buy add: https://telega.io/c/Olmaa_Addunyaa

⚡️Breaking news from around the world!


Chanaalii Kana irraatti:

☑️ Oddefannoo biyyaa Kessaa
☑️ Oddefannoo biyyaa alaa
☑️ olmaa Guyyaa Guyyaa Addunyaa

Nii argattuu stay connected!

For ads @ALLFORGOOD146
Download Telegram
#Mindaa #Daballii_Mindaa

Fooyya'iinsi Mindaa taasifamuufi

Fulbaana bara 2018 irraa eegalee hojjettoota Mootummaatiif fooyya'iinsa Mindaa taasisuuf Mootummaan akka murteesse Koomishiniin Siiviil Sarvisii beeksise.

Fooyya'iinsa kanaanis;

1. Mindaan gadi aanaan hojjetaa Mootummaa birrii 4760 irraa gara birrii 6000 tti akka guddatu akka taasifamu.

2. Mindaan olaanaan hojjetaa Mootummaa birrii 21,492 irraa gara birrii 39,000 tti akka fooyya'u;

3. Mindaan ka'umsaa eebbifamtoota Digirii birrii 6,940 irraa gara 11,500 tti akka fooyya'u,

4. Hojjettoonni Mootummaa Siiviil Sarvisii ala hojiiwwan garaa garaa irratti hunda'anii jiran fooyya'iinsi mindaa akka isaaniif taasifamus ibsameera.

Fooyya'iinsi mindaa kun baajata dabalataa birrii Biiliyoona 160 ol akka gaafate ibsameera.

Baasiin walii galaa kan waggaa mindaadhaaf ba'us Mootummaa irraa birrii Biiliyoona 560 akka gahu himameera.

❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
30👍8😘6🥰3🔥1
Paartileen siyaasaa 11 gamtaa paartii  biyyaalessaa tokko hundeessaniiru.

Paartileen kopha kophaatti socho’aa turan har’a bakka Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelatwarqi Haayiluu argamanitti yaa’ii geggeesssaa jiru.

Ulaagaa walitti makamuuf isaan dandeessisu guutuu fi haala miijataa uumuufis waggaa tokkoof qophaa’aa akka turan himameera.

Paartileen gamtaa tokko uummatan kunniinis:- Paartii Haqaafi Diimookiraasii Agawu, Shangoo Biyyaalessaa Agawu, Paartii Diimokiraatawaa Tigiraay, Dhaabbata Diimokiraatawaa Uummata Doongaa, Paartii Diimokiraatawaa Mochaa, Sochii Diimokiraatawaa Saba Argobbaa, Adda Bilisa baasaa Afaar, Paartii Diimokiraatawaa Gaamoo, Dhaabbata Diimokiraatawaa Uummata Kaafaa, Paartii Magariisaa Kaafaa fi Sochii Diimokiraatawaa Uummata Gaambeellaa ti.

Gamtichi paartii nagaa, guddinaa fi kabaja biyyaaf  hojjetu uumuuf akka dandeessisus eerameera.

Walitti qabduun Boordii Biyyaalessaa Meelatwarqi Haayiluu yaa’icha irratti akka dubbatanitti, Paartileen siyaasaa garaagarummaa isaanii dhiphisuun qajeeltoo walkabajaan tokko ta’uun isaanii kan galateeffachiisuu dha.

Gamtichi fakkenya guddina abdii, nagaa fi diimokiraasii ta’uus dubbatanii, Boordiin Filannoo seeraa fi sirna jiru hordofuun deggersa barbaachisu kennuuf qophaa’aa ta’uus ibsaniiru. #FMC



❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
25👍5🥰4😘3🔥2🤝2👏1😍1
💬💬💬💬💬💬

"Galmeen Barattootaa Haggaya 26-Qaam'ee 5tti gaggeeffama":- BBO

Naannoo Oromiyaatti galmeen bara barnootaa 2018 Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017 akka gaggeeffamu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.

Bara barnootaa kanatti barattoota miiliyoona 13 ol simachuun barsiisuuf karoorfamuu ibsameera

Akka naannoo Oromiyaattis dandeettii dubbisuu fi barreessuu barattootaa guddisuuf barsiisoota kutaa 3-5 barsiisan kuma 54 oliif leenjiin marsaa marsaan kennamaa jiraachu himameera.

Hagayya 23, 2017 irraa eegalee barsiisoonni hundi manneen barnootaatti ni argamu jedhameera.

Barnoonni akka Naannoo Oromiyaatti Fulbaana 5, 2018 ni eeegala.


❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
18😘11💯5🥰3🎉2🔥1
Kolombiyaan Finfinneetti Embaasii bante

Kolombiyaan Embaasii ishee Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti bante.

Pireezidaantii itti aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaa jiraniin guyyaa har’a Magaalaa Finfinneetti Embaasii Kolombiyaa bananiiru.

Kolombiyaan Embaasii ishee Finfinneetti banuun hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti kan cimsuudha jedhame.

Pireezidaantii Itti Aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun ni yaadatama.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
12👏1🎉1🤩1😍1
⚡️⚡️⚡️⚡️

Balaa tiraafikaa ganama kana muudateen lubbuun namootaa darbe.

Balaan tiraafikaa kun seensa Buraayyuurratti kan mudatee yoo ta'u namootni sadii lubbuun darbuun ibsame.

Balaan kun galumsa Shaggar Buraayyuu bakka addaa Saansuusii jedhamutti kan dhaqqabe yoo ta’u, haga ammaattis lubbuun namoota sadii darbuu fi namootni shan ammoo miidhaan irra gahuun gabaafameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Kutaa Magaalaa Buraayyuu Obbo Kumalaa Abbabaa taateen kun awutoobisiin geejjiba magaalaa otoo naanna’uuf jedhuu kan mudate ta’uu ibsanii ka’umsi balaa kanaa maal akka ta’e ogeeyyiin qorataa akka jiran ifoomsaniiru.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
25😭7😘4😢3🙏3🥰2😍2💯2
Filannoon Majiliisaa Oromiyaa milkaa’inaan xumureera-Boordii hojii Raawwachiiftuu filannoo Majiliisaa 2017

Manni Maree Olaanoon Dhimmoota Isilaamummaa Oromiyaa Finannoo Majiliisaa Milkaa’inaan Raawwachuu Dura taa’aan Boordiin Hojii raawwachiiftuu filannoo majiliisaa Ustaaz Badiruu Nuuru beeksisaniiru.

Filannoo gaggeeffameen Sheek Gaalii Muktaar, Pirezidaantii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa ta’uun filatamaniiru.

Akkasumas sheek Mahaammadnuur Ahimad Musa itti Aanaa Pirezidaantii ta’uun kan filataman yoo ta’u, Dr. Mahammad Abdulhakiim barreessaa ta’uun filatamaniiru.

Boordiin hojii raawwachiiftuu filannoo mana maree Olaanaa dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa, hojii raawwachiiftota iti aansuun gaggeessan waliin sagantaa wal harkaa fuudhinsaa fi kakuu galuu raawwataniiru.

Durataa’aan Boordii Hojii raawwachiiftuu Mana maree olaanaa dhimma Islaamummaa Oromiyaa filannoon majiliisaa bara 2017 obbo Ustaaz Badiruu Nuuruu saganticharratti akka dubbatanitti, filannichi karaa milkaa’ina qabuun xumurameera.

Qophii Hojii Qaamolee dhimmi ilaallatu waliin taassifameen filannichi milkaa’inaan raawwachuu dubbataniiru.
#TOI

📡 MIIDIYAA
@Olmaa_Addunyaa

@News 📡
14🔥2👏2😍11
⚡️⚡️⚡️⚡️

Balaa Sigiga lafaa Suudanitti muudateen lubbuun namoota kuma 1 ol darbeera.

Biyya ollaa Sudaan kutaa bulchiinsa Daarfuuritti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota kuma oli darbuun ibsameera.

Balaa kanaan lakkofsi miidhamtoota beekuun akka hin danda'amnee fi namoonni 1000 oli du'uu ibsameera.

Balaan kun kan muudate baqattoota naannoo Taraasiin keessa turan irratti yoo ta'u sababa walitti bu’iinsa biyyattii keessa tureen lammiileen kunneen baqatanii as jiraachaa akka turanis himameera. #thekoreantimes

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
9😭4🔥3😘21😢1
Ayyaanni Mawuliidaa 1500ffaan har'a kabajamaa jira

Ayyaannichi akka biyyoolessaatti kanneen kabajaman ayyoonata amantii 8 keessaa isa tokkoo fi hordoftoota amantii Islaama biratti kan kabajamu yoo ta'u, dhaabbileen mootummaa fi miti-mootummaa hawaasaaf cufaa ta'anii oolu.

#Mowlida

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
13😍6🥰3👍2🔥1
Biyyoota Afrikaa Sahaaraan Gadii keessatti bara darbe keessa sadarkaan nageenya isaan qabanii gadi bu'eera.

Qabxiin safartuu nageenyaa agarsiisanii giddu-galeessaan naannicha keessatti parsantaa 0.17n gadi bu'eera.

🎮Biyyoonni Afrikaa torba nageenyisaanii baayyee hamoo ta'an akka itti aanutti tarreeffamaniiru.

➫ DR Koongoo
➫ Suudaan Kibbaa
➫ Maalii
➫ Burkina Faasoo
➫ Somaaliyaa
➫ Rippabiliika G/g Afrikaa
➫ Naayijeeriyaa dha.


Biyyoonni tokko tokko nageenya foyyeessuuf fooyya'insa gaarii agarsiisanillee, naannicha keessati biyyoonni biro walakkaa ta'an garuu nageenyisaanii gadi bu'uu itti fufeera.

Yeroo ammaa kana, biyyoota addunyaarratti walitti bu'insaan hunda caalaa gaaga'aman kudhan keessaa sadii Kibba Gammojii Sahaaraatti argamu.

Akka ragaan Global Peace Index (GPI) bara 2025 agarsiisutti, lakkoofsi walitti bu'insaa naannolee keessatti mudatu erga bara Waraana Addunyaa II as sadarkaa baayyee olaanaadha jedhamerra gaheera.

Isaan keessaa walitti bu'insawwan haaraa sadii bara kana kan dhalatanidha.

Global Peace Index (GPI) gabaasa nageenya biyyoota 163 addunyaarra jiran gamagameen Itoophiyaa fi Ertiraan qabxii gadi aanaa ta'e argachuudhaan tarreeffama kana keessatti gara dhumaarra taa'aniiru.

💳Itoophiyaan biyyoota 163 keessaa 25 dursuun sadarkaa 138ffaa irratti kan argamtu Ertiraan ammoo Itoophiyaarra ol siqxee sadarkaa 132ffaa irratti argamti.

Dabalataan gamagama haala nageenyaa kana keessatti biyyoota Afrikaa 44 hammataman keessaa Itoophiyaan 36ffaa yoo taatu, Ertiraan ammoo sadarkaa 32ffaa qabatteetti.

Haaluma kanaan biyyoota gamagama kana keessatti hammataman keessaa Itoophiyaa fi Ertiraan tarree nageenya biyyootaa idil-addunyaa bara 2025 keessatti tarree biyyoota nageenyi gadi aanaa ta'e keessa jiru keessatti ramadamaniiru. #BBC

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
16👏3🔥1🥰1😍11
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Maammoo Mihratuuu fedhii isaaniitiin aangoo  gadhiisan!

Obbo Maammoon gaggeessummaa baankii biyyaalessaarraa aangoo gadhiisuusaanii fuula X gubbaatti ibsa har'a baasaniini beeksisaniiru.

Aangoosaanii fedhiin gadhiisuu kan bulchaan Baankii Biyyaalessaa kun sababni hojii gadi lakkisaniif kallattii hojiifi jireenyaa biraa irratti fuulleffachuuf akka ta'e ibsaniiru.

Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa baaseen Obbo Miratuu Maammoo aangoo gadhiisuusaanii mirkaneessera.

"Bulchaan [baankichaa] yeroo itti gaafatamummaarra turanitti, warra wajjin hojjatan waliin ta'uun rifoormii maakroo ikonomii eegamaa ture hojiirra oolchaniiru," jechuun galateeffateera baankichi.

Obbo Maammoon akka hoogganaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatti jijjiirama diinagdee biyyattii waggaa shantamaa ol keessatti fudhatte gaggeessaniiru. Isaanis gabaa sharafa maallaqa alaa biyyaattii gara gabaa walabaawaatti deebisuu, bulchiinsa baankii fooyyessuu, sektera baankii qaamolee biyya alaaf banuu, tajaajila baankii diijitaalawaa baballisuu fi liqaa doolaara biiliyoona 10.5 qaamolee akka IMF fi Baankii Addunyaarraa biyyattiin akka argattu taasisuufaadha.

Obbo Maammoon, tarkaanfiiwwan kun, kuufama maallaqa sharafa alaa biyyattii dachaa sadiin ol kaasee, waggaa torba keessattis qaalayiinsa ture gad buusee, sektera faayinaansiifis qabeenya birrii tiriiliyoona 5 ida’uun jabeesseera jechuun dubbataniiru.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡

❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
🥰31👍1👏1
Masriin ergama Gamtaa Afrikaa jalatti waraana ishee deeggarsa Somaaliyaaf ni bobbaafti.

Masriin Gamtaa Afrikaa jalatti deeggarsa fi tasgabbii Somaaliyaaf, waraana Buruundii erga irra ture bakka bu'uun waraana ishee ni bobbaafti jedhameera.

Isa kana mikeessuufis jiilli waraana Masrii miseensa 16 qabu gara Moqaadishoo imaluun Misooma bu'uuraa fi haala Loojistikii madaaleera.

Akka ergama kanaatti Masriin Gidduu gala Shabaleetti kan argamu iddoowwan waraana saditti waraana 1100 akka bobbaaftuufi qubannaan waraanas guutuun guututti xumura 2025 akka ta'e himameera.

Gamtaan Afrikaa yeroo jalqabaaf bara 2007 waraana biyyoota gara garaa irraa walitti bahan gara Somaaliyaatti kan bobbaase yoo ta'u, bara 2022 naannolee hedduu waraana Somaaliyaaf dabarsee kennuun gadhiisa baha tureera.

Haa ta'u malee Alshabaab deebi'ee ijaaramuun jabaacha dhufaa waan jiruuf hanqinna rakkoo nageenyaa mul'ate guutuuf bara 2024 Gamtaan Afrikaa irra deebiin ergama jalqabeera.

Masriin ergama haara kanatti akka hirmaattu erga ibsitee booda waraana ishee haga amma kan hin ergine yoo ta'u, waraanni Burundiis hagasiif Somaaliyaa keessa turuu danda'eera.

Pirezidaantiin Hasan Sheeh Mahaammad dhiheenya kana gara Kaayiroo wanti imalaniifis, qubannaan waraanaa kun saffisaan akka dhumatuuf gaafachuuf akka ta'e gabaafamuun kan yaadatamuudha.

Source: UG Diplomat

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
8🔥4😘2👍1🥰1🤩1😍1
1️⃣1️⃣1️⃣1XBET

Great Odds are prepared
🔥

🔗 Registration link 👇
https://tinyurl.com/mtwxr7tt

➡️Promo code : OLMA1X

Use our Promo code and Take Big gift every day🎁
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍3😘211🥰1😍1
#Iboolaa

Dhibee Iboolaatiin namoonni 15 du'an!

Dimookraatik rippablik koongotti weerara Iboolaa akka haarawatti ka'een namoonni 15 du'uu dhaabbanni fayyaa addunyaa beeksiseera.

Weerarichi tasa ka'u isaatiin qorannoo taasifameen namoota 28 irratti dhibichi argamuu fi namoonni 15 dhibee kanaan du'uu gabaafameera.

Weerarri Iboolaa kan mul'ate magaalota biyyatti lama Bulaapee fi Miwweekaa keessatti ta'uu ibsameera.

#southchinamorningpost

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
6😘3👍1🥰11
Bara 2017 Humna Elektirikii Itoophiyaa maddisiise Giiggaa Waatti 29.5 keessaa dhibbeentaa 33 kan ta'u Hidha Haaromsaa guddicha irraa kan argameedha."-Humna Elektirikii Itoophiyaa

Humni Elektirikii Itoophiyaa eebbaa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa gaazexeessitootaaf kenneera.

Tikvah Itoophiyaa ibsicha hordofeera.

Ibsicha kan kennan Daarektara komunikeeshinii humna elektirikii Itoophiyaa obbo Moogas Mokonnin "Hidhi Haaromsaa" hamma qabiyyee bishaaniitiin, madda faayinaansiitiin, dandeetti maddisiisuutiinii, tajaajila kennuun fi kanneen birootiin piroojektoota biroo adda isa taasisa " jedhaniiru.

Hidhi Haaromsaa erga jalqabe kaasee haga ammaatti birrii biliyoona 233 ol ijaarsaaf itti baheera kan jedhan obbo Moogas, walumaagalatti baasii isaa keessaa birriin biliyoona 223 yookin %91 baankii daldala Itoophiyaa irraa kan argameedha jedhaniiru.

Hafteen dhibbeentaa 9 hirmaanna hawaasaatiin kan argameedha.

▶️ Birriin biliyoona 18.9 Itoophiyaanotaa fi dhalattoota Itoophiyaatiin gurgurtaa boondiin kan argameedha.

▶️ Birriin biliyoona 1.6 Itoophiyaanota biyya alaa jiran gurgurtaa boondiitiin

▶️ Birriin biliyoona 3.2 kennaadhaan walitti qabameera jedhaniiru.

Nageenyan walqabatee yaadonni lamaan akka ka'an kan himan obbo Moogas, inni jalqabaa nageenya hidhichaa waliin wal qabatee yaada ka'u iraatti hidhichi hanqinna qulqullinnaa akka hin qabnee fi ogeeyyotaanis kan mirkanaa'e ta'uu kaasaniiru.

Inni lammaffaa, keessattu gara Masriitiin ni ka'a kan jedhame dhimma nageenya bishaaniin ilaalchisuun kan dubbatan yoo ta'u, kunis yaada sirna kolonii bittaa bu'uura godhachun ka'uudha, hidhichi itti fayyadama waliinii sirna kabajeen dhumachuu isaa ibsuun yaa'iinsi bishaanii kan hin daangeffamne ta'uu himaniiru.

Gumaacha Hidha Haaromsa ilaalchisuun maal jedhan?

Bara 2017 Humna Elektirikii Itoophiyaa maddisiise Giiggaa Waatti sa'aatii 29.5 keessaa dhibbeentaa 33 kan ta'u Hidha Haaromsaa irraa kan argameedha.

Dhibbeentaa 7 kan ta'u hidha haaromsa irraa kan argame gara biyya alaa kan ergame dha.

Yeroo ammaa sakatta'iinsi ijaarsa isaa hundi Xumuramuun jala bultii eebbaa irraa jirra, guyyaa lama ykn sadii boodaa ni eebbifama jedhaniiru.

Humna hidha haaromsaatiin maddu sarara lamaan, Dhaddeessa Holataa, finfinnee fi Humna raabsaa waajjira Balasiin sararoota ijaaramaniin gara Giriid seenaa jira jedhaniiru.

Hidhi Haaromsaa yeroo xumuramu uwwisni humna elektirikii hagamiin dabala?

Wagga jaha dura dhibbeentaa 44 irra kan ture raabsaan elektirikii Inarjii hidha haaromsaatiin gara dhibbeentaa 54 kan gahe yoo ta'u, guutuun guututti humna maddisiisuutti yeroo seenu uwwisni isaa bal'ataa deema.

Humni elektirikii iddoowwan hin geenyeetti, ifaan iddoo gahetti ammoo humna elektirikii amansiisa akka argatan taasifameera.

Humni haaromsaa yeroo ebbifamu iddoo elektirikiin hin geenye yeroma san humni ni gaha, akkasumas elektirikiin bilisaan ilaalchi jedhu ilaalcha dogoggoraati sirraa'uu qaba jedhaniiru.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
21🥰22🔥1👏1
Itiyoophiyaatti Kusuufummaan/Gaadiddaawuun Baatii mul’achaa jira.

Guyyaa har’aa sa’aatii 12;30 kaasee lafti Baatii daadayeessuu isheetiin gaaddidduun kuni mul’achuu eegale.

' Qaammee 2,2017

Sa’aatii 2;30 kan eeggamu gaaddidduun baatii ykn halluu dhiiga fakkaatuun kan uwwifamtu ta’a jedhameet eeggama.

Gaadidduun kun Itiyoophiyaan alattis biyyoota Afrikaa gara biroo,Eeshiyaaf Awustiraaliyaattis akka mul’atu raagameera.

Isinis waan isinitti mul’atu nuuf barreessaa! Via OBN


📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
16🔥3🥰2👏2😘2