OLMAA ADDUNYAA 🌐
35.7K subscribers
1.49K photos
12 videos
1 file
248 links
Buy add: https://telega.io/c/Olmaa_Addunyaa

⚡️Breaking news from around the world!


Chanaalii Kana irraatti:

☑️ Oddefannoo biyyaa Kessaa
☑️ Oddefannoo biyyaa alaa
☑️ olmaa Guyyaa Guyyaa Addunyaa

Nii argattuu stay connected!

For ads @ALLFORGOOD146
Download Telegram
Suudaan, Al Faasharitti hanqinna nyaata irraa kan ka'e torbaan tokkotti namoonni 63 du’aniiru jedhame.

Ogeeyyonni Fayyaa akka jedhanitti irra baay'een isaani daa'immanii fi dubartoota yoo ta'an, ka du'an hunduu Hospitaala gahanii akka ta'e himaniiru.

Hedduun kan hospitaala dhufuu hin dandeenyes lubbuun isaanii darbuu akka danda'u himaniiru.

Ji'a Caamsaa irraa eegalee Al-Faashar humna ariifachiisa suudaaniin marfamtee kan argamtu yoo ta'u, magaalaa yeroo hedduu waraanni itti adeemsifamuudha.

Al-Faasharitti daa'imman umrii isaanii shanii gadi ta'e dhibbantaa 40 kan ta'an hanqinni nyaataa isaan muudateera yoo jedhamuu, Rakkoo magaala keessa jiru irraa kan ka'e deeggarsa gahaa taasisuu akka hin dandeenye ibsameera.

❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
12🥰4😢3👏2🔥1🎉1😍1
Fillannoon Majliisa biyyaalessaa boru eegala

Filannoon Majliisa Biyyaalessaa boru eegala jedhe Boordiin Raawwachiistuu Filannoo Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa.

Walitti Qaban Boordii Filannichaa Dooktar Abdulaaziiz Ibraahim ibsa kennaniin, Filannoo Majliisa Biyyaalessaaf galmeen filattootaa fi hojiileen filannoon duraa hojjetamuun xumuramuu himaniiru.

Wayita ammaa qophii boqonnaa filannoo xumuruun gara filannootti ce’ameera jedhan.

Haaluma kanaan filannichi boru Hagayya 9 -11, 2017 kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.

Guyyaa Boruus Filannoon Ulaamotaa kan gaggeeffamu yoo ta’u, Haggaya 10-11, 2017 tti immoo Hayyoonni, Dargaggoonni, Dubartoonni fi kutaaleen hawaasa bakka bu’aan sagalee isaaanii ni kennu jedhan.

Filannicha hirmaachiisaa fi haqa qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu eeruun, filattoonni miiliyoona 13. 1 galmaa’uu kaasaniiru.

❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
17👍5🥰2😍2👏11
Ministirri Muummee Abiy Ahimad (D/r) Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwataniiru


Abiy Ahimad (D/r) gama Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin, Daawwannaa Warshaa oomisha Madda Anniisaa Aduu Veetinaamitti taasisfnee fi Pirezidaantii dhaabbatichaa waliin marii gaggeessineen Anniisaa Aduu biyya keenyatti oomishuuf waliigallee ture jedhan.

📡 MIIDIYAA
@Olmaa_Addunyaa

@News 📡
10🔥2🎉1🙏1
Ameerikaan namoota wal'aansaaf Gaazaarraa imalaniif viizaa kennuu dhaabde

Jaarmiyaan dhimmi kun ilaallatu viizaa kennuun yeroof kan dhaabateef ''adeemsa jiru sirriitti qorachuuf akka ta'ee fi qajeeltoo yeroo ammaa tajaajila fayyaa xixiqqoo kennuuf jecha viizaan kennamu hubachuuf akka ta'e,'' X irratti ibse.

Murtee Ameerikaa kana gareen mirga namoomaa Filisxeemiif falman balaaleffataniiru.

Jaarmiyaan gargaarsa daa'immanii Filisxeem- Palestine Children's Relief Fund jedhamu tarkaanfiin kun ''daa'imman Gaazaatti miidhaman gara US geessuun tajaajila fayyaa argatanii lubbuunsaanii akka baraaramu gochuu irratti miidhaa guddaa qaba,'' jedhe.

Ameerikaan dhimma viizaa jiraattota Gaazaa irratti jijjiirama imaammataa kan ibsite erga rogeettiin warra sirna duriitti cichanii (far right) dhimma viizaa kana irratti qeeqa jajjabaa irra deddeebiin X irratti barreessiteeti. #BBC

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
😍63👏2😘21❤‍🔥1
Atileet Gudaaf Tsaggaayeen fiigicha Daayimandi Liigii injifattee

Atileet Gudaaf Tsaggaayeen dorgommii fiigicha Daayimandi Liigii meetira 1,500 Poolaandi Siilasiyaatti dorgomame injifatteerti.

Dorgommichas daqiiqaa 3:50.62'n xumuruun injifatterti.

❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
19👍4🙏2😍21
#Mindaa #Daballii_Mindaa

Fooyya'iinsi Mindaa taasifamuufi

Fulbaana bara 2018 irraa eegalee hojjettoota Mootummaatiif fooyya'iinsa Mindaa taasisuuf Mootummaan akka murteesse Koomishiniin Siiviil Sarvisii beeksise.

Fooyya'iinsa kanaanis;

1. Mindaan gadi aanaan hojjetaa Mootummaa birrii 4760 irraa gara birrii 6000 tti akka guddatu akka taasifamu.

2. Mindaan olaanaan hojjetaa Mootummaa birrii 21,492 irraa gara birrii 39,000 tti akka fooyya'u;

3. Mindaan ka'umsaa eebbifamtoota Digirii birrii 6,940 irraa gara 11,500 tti akka fooyya'u,

4. Hojjettoonni Mootummaa Siiviil Sarvisii ala hojiiwwan garaa garaa irratti hunda'anii jiran fooyya'iinsi mindaa akka isaaniif taasifamus ibsameera.

Fooyya'iinsi mindaa kun baajata dabalataa birrii Biiliyoona 160 ol akka gaafate ibsameera.

Baasiin walii galaa kan waggaa mindaadhaaf ba'us Mootummaa irraa birrii Biiliyoona 560 akka gahu himameera.

❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
30👍8😘6🥰3🔥1
Paartileen siyaasaa 11 gamtaa paartii  biyyaalessaa tokko hundeessaniiru.

Paartileen kopha kophaatti socho’aa turan har’a bakka Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelatwarqi Haayiluu argamanitti yaa’ii geggeesssaa jiru.

Ulaagaa walitti makamuuf isaan dandeessisu guutuu fi haala miijataa uumuufis waggaa tokkoof qophaa’aa akka turan himameera.

Paartileen gamtaa tokko uummatan kunniinis:- Paartii Haqaafi Diimookiraasii Agawu, Shangoo Biyyaalessaa Agawu, Paartii Diimokiraatawaa Tigiraay, Dhaabbata Diimokiraatawaa Uummata Doongaa, Paartii Diimokiraatawaa Mochaa, Sochii Diimokiraatawaa Saba Argobbaa, Adda Bilisa baasaa Afaar, Paartii Diimokiraatawaa Gaamoo, Dhaabbata Diimokiraatawaa Uummata Kaafaa, Paartii Magariisaa Kaafaa fi Sochii Diimokiraatawaa Uummata Gaambeellaa ti.

Gamtichi paartii nagaa, guddinaa fi kabaja biyyaaf  hojjetu uumuuf akka dandeessisus eerameera.

Walitti qabduun Boordii Biyyaalessaa Meelatwarqi Haayiluu yaa’icha irratti akka dubbatanitti, Paartileen siyaasaa garaagarummaa isaanii dhiphisuun qajeeltoo walkabajaan tokko ta’uun isaanii kan galateeffachiisuu dha.

Gamtichi fakkenya guddina abdii, nagaa fi diimokiraasii ta’uus dubbatanii, Boordiin Filannoo seeraa fi sirna jiru hordofuun deggersa barbaachisu kennuuf qophaa’aa ta’uus ibsaniiru. #FMC



❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
25👍5🥰4😘3🔥2🤝2👏1😍1
💬💬💬💬💬💬

"Galmeen Barattootaa Haggaya 26-Qaam'ee 5tti gaggeeffama":- BBO

Naannoo Oromiyaatti galmeen bara barnootaa 2018 Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017 akka gaggeeffamu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.

Bara barnootaa kanatti barattoota miiliyoona 13 ol simachuun barsiisuuf karoorfamuu ibsameera

Akka naannoo Oromiyaattis dandeettii dubbisuu fi barreessuu barattootaa guddisuuf barsiisoota kutaa 3-5 barsiisan kuma 54 oliif leenjiin marsaa marsaan kennamaa jiraachu himameera.

Hagayya 23, 2017 irraa eegalee barsiisoonni hundi manneen barnootaatti ni argamu jedhameera.

Barnoonni akka Naannoo Oromiyaatti Fulbaana 5, 2018 ni eeegala.


❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
18😘11💯5🥰3🎉2🔥1
Kolombiyaan Finfinneetti Embaasii bante

Kolombiyaan Embaasii ishee Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti bante.

Pireezidaantii itti aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaa jiraniin guyyaa har’a Magaalaa Finfinneetti Embaasii Kolombiyaa bananiiru.

Kolombiyaan Embaasii ishee Finfinneetti banuun hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti kan cimsuudha jedhame.

Pireezidaantii Itti Aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun ni yaadatama.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
12👏1🎉1🤩1😍1
⚡️⚡️⚡️⚡️

Balaa tiraafikaa ganama kana muudateen lubbuun namootaa darbe.

Balaan tiraafikaa kun seensa Buraayyuurratti kan mudatee yoo ta'u namootni sadii lubbuun darbuun ibsame.

Balaan kun galumsa Shaggar Buraayyuu bakka addaa Saansuusii jedhamutti kan dhaqqabe yoo ta’u, haga ammaattis lubbuun namoota sadii darbuu fi namootni shan ammoo miidhaan irra gahuun gabaafameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Kutaa Magaalaa Buraayyuu Obbo Kumalaa Abbabaa taateen kun awutoobisiin geejjiba magaalaa otoo naanna’uuf jedhuu kan mudate ta’uu ibsanii ka’umsi balaa kanaa maal akka ta’e ogeeyyiin qorataa akka jiran ifoomsaniiru.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
25😭7😘4😢3🙏3🥰2😍2💯2
Filannoon Majiliisaa Oromiyaa milkaa’inaan xumureera-Boordii hojii Raawwachiiftuu filannoo Majiliisaa 2017

Manni Maree Olaanoon Dhimmoota Isilaamummaa Oromiyaa Finannoo Majiliisaa Milkaa’inaan Raawwachuu Dura taa’aan Boordiin Hojii raawwachiiftuu filannoo majiliisaa Ustaaz Badiruu Nuuru beeksisaniiru.

Filannoo gaggeeffameen Sheek Gaalii Muktaar, Pirezidaantii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa ta’uun filatamaniiru.

Akkasumas sheek Mahaammadnuur Ahimad Musa itti Aanaa Pirezidaantii ta’uun kan filataman yoo ta’u, Dr. Mahammad Abdulhakiim barreessaa ta’uun filatamaniiru.

Boordiin hojii raawwachiiftuu filannoo mana maree Olaanaa dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa, hojii raawwachiiftota iti aansuun gaggeessan waliin sagantaa wal harkaa fuudhinsaa fi kakuu galuu raawwataniiru.

Durataa’aan Boordii Hojii raawwachiiftuu Mana maree olaanaa dhimma Islaamummaa Oromiyaa filannoon majiliisaa bara 2017 obbo Ustaaz Badiruu Nuuruu saganticharratti akka dubbatanitti, filannichi karaa milkaa’ina qabuun xumurameera.

Qophii Hojii Qaamolee dhimmi ilaallatu waliin taassifameen filannichi milkaa’inaan raawwachuu dubbataniiru.
#TOI

📡 MIIDIYAA
@Olmaa_Addunyaa

@News 📡
14🔥2👏2😍11
⚡️⚡️⚡️⚡️

Balaa Sigiga lafaa Suudanitti muudateen lubbuun namoota kuma 1 ol darbeera.

Biyya ollaa Sudaan kutaa bulchiinsa Daarfuuritti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota kuma oli darbuun ibsameera.

Balaa kanaan lakkofsi miidhamtoota beekuun akka hin danda'amnee fi namoonni 1000 oli du'uu ibsameera.

Balaan kun kan muudate baqattoota naannoo Taraasiin keessa turan irratti yoo ta'u sababa walitti bu’iinsa biyyattii keessa tureen lammiileen kunneen baqatanii as jiraachaa akka turanis himameera. #thekoreantimes

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
9😭4🔥3😘21😢1
Ayyaanni Mawuliidaa 1500ffaan har'a kabajamaa jira

Ayyaannichi akka biyyoolessaatti kanneen kabajaman ayyoonata amantii 8 keessaa isa tokkoo fi hordoftoota amantii Islaama biratti kan kabajamu yoo ta'u, dhaabbileen mootummaa fi miti-mootummaa hawaasaaf cufaa ta'anii oolu.

#Mowlida

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡
13😍6🥰3👍2🔥1