ODAA Electronics N1
11.1K subscribers
1.52K photos
9 videos
14 files
688 links
Dinagdeen Jabaachuuf Wal Barbaaduu Qabna
๐Ÿ‘‰Laptops Haaraa fi Kan Hojjete(Used)
Bilbiloota, Camera fi kkf Gatii Bareedaan argattu ๐Ÿ‘‰ Fifinnee Boolee Gamoo Oromiyaa 1st flr
@Odaa_Electronics
Bilb โœ† +251911430007
๐Ÿ“ฉ @odaaSmart
Download Telegram
#DAMBALII_JAALALAA
๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ

Hordoftoota amantaa Kirstaanaa hunda baga ayyaana Masqalaatiin isin gahe.Ayyaana nagaa fi gammachuu isiniif haata'u๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒผ๐ŸŒป๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ

@dambalii_jaalalaa
Suraa Torbanii Irrati Hirmaachuf Waaren Barbaadan Suraa Keessan Uffanaa Addaa Tii kaatani Nuf Ergaa @obsii28

@dambalii_jaalalaa
Forwarded from ODAA Electronics N1
Asoosama
DHIMMUU IBIDDAA
Kutaa 5ffaa
Barreessaan
Eebboo kemite
(Eebbisaa Abduramaan)
Abbaan Eelamoo obbo Dansoo Argaa gaafa maadhee qabsoo Mi'eesso gaara Suufiitii kaatee hanga magaalaa Hirnaa gaara Hormaat hammatee qabsoo gaafas gooroo fugug keeysatti godhamaa jirtu saffisaan fuula dura nama imalchiisaa ture. Akkasumaas ilmaan isaa lama hidhachiisee qabsootti nama bobbaase. Eelamooniis akka dabballee waraanaa ta'ee tajaajilu godhuu bira kutee. Daldala kontrobaandiitiin meeshaalee waraanaa karaa dhoysaatiin biyyatti galchee waraanaaf raabsaa ture.
Diinni qabeenya isaatii fii qabsoo diddaa guntoomaa(gabrummaa) saniitti hiinaafe mana nyaataa inni yaroo baayyee nyaata irraa bitatu dhaqanii hojjatoota hanga muraasaaf maallaqa guddaa kafalanii akka summii keeysatti godhan dirqisiisanii summii saniin ajjeesan.
Sababa mootummaan hordoftoota amantaa Waaqeeffannaatiif iddoo awwaalchaa hin kanniniif ture ka obbo Dansoon bakka itti awwaalan dhabanii rakkatan.
Arraas Eelamoon waan saniif dhiphachuun dirqama itti taatee rakkachuu eegale...................!
Garuu koreen "Afooshaa Ifaa Bariisaa" ta Magaalaa hirnaa keeysa jirtu irratti wal mari'atanii yaada Lammiin lammiif ja'uun hordoftoota amantaa Musliimaa hunda yaamanii akka bahanii awwaalanii fii akka taaziyaa nyaata qabanii itti geeysan murteeysan. Sababa kanaan reefki haadha isaa awwaalamee osoo taaziyaa ta'aa jiranii. Guyyaa lammadaa Wabiin waan ajaa'ibaa dhageeyse. Akkuma seera amantii Musliimaattuu dubraa fii dardarri ykn dubartii fii dhiirti waliitti makamtee hin teeysu. Kanaaf taaziyaa irratti dhiirti maddii takkaan, dubarri maddii taaniin waan taa'aniif. Wabiiniis maddii dubraa saniin ta'aa jirti sani beerri oduun lama wal maddii taa'anii quba isaanii gara Naanaatii achi qabanii.
"Bar qaadhimaan Eelamoo ta lammadaa san tanaa!" Waliin ja'an ija isaaniitiin ifii gadiitti Wabii daawwachaa. Wabiin waan dhageeyse amanuu dadhabdee hedduu rakkachuu eegalte tanumaa tana jidduutti yaanni tokko dhufeefii bakka teeysuu taraf jattee lafaa ol kaatee suutuma nama keeysaan halaw jattee Naanaatii bira kudhuph jatte ifirra teeysee waan dhageeyse gaafachuutti seente.
Naanaatiiniis akka dhugaa ta'e itti himtee ammallee mufii xiqqoo wayii takka malee akka wajji jiran itti himte. Wabiiniis hanga gaddaa kanaaf obsumatti seente.
Guyyaa 15niin booda ture Eelamoo kan balaan biraa itti Bu'uuf teeysu. Hanguma gad bahe mana bira gahee ol deebi'ee minjaala gubbaatti barreeffamaa fii maallaqa Wabiin keeyseefii kutte arke.
Mana keeysa fifiigaa, takka gamana, takka gamas fifiigaa, asiif achii caca'aa
"Wabii Wabii........!?" Ja'ee iyya maraatuu iyyuus Wabiin achi buutee miila Bakar Waaree taatee hafte. Kara waraqaa achi kutee hafarfaataan waraaqaa lafaa ol fuudhe.
Itti fufa...

Barreessaan Eebboo Kemite (Eebisaa Abduramaan) yaada qabdan karaa
@Fikee45 @Alemu24 @leloo27 @obsii28
Nuun Gahaa !! @dambalii_jaalalaa
Forwarded from Oromia Education Bureau
Join Oromia Number one Telegram Channels 2018
ยฉPresentet by @oromiapromobot
๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”๐Ÿ”

๐Ÿ˜‚ Channali A. Oromoo Guddicha fi Hangafa kan tahe-- koflaaf, Dhugaa Dinqisisoof, Icciti jaalalaa, filannaa sirbaa...
โ–ˆโ–“โ–’ โ–บ๐Ÿ”JOIN ๐Ÿ”โ—„โ–’โ–“โ–ˆ

๐ŸŽต Sirbaa Harawa owwitutti argachuuf
โ–ˆโ–“โ–’ โ–บ๐Ÿ”JOIN ๐Ÿ”โ—„โ–’โ–“โ–ˆ

โค๏ธ Ergaa jaalalaa, Tatewwan torbaani, suura torbaani fi erga guyyaa dhalatoo argachuuf
โ–ˆโ–“โ–’ โ–บ๐Ÿ”JOIN ๐Ÿ”โ—„โ–’โ–“โ–ˆ

๐ŸŽง sirboota waggaa 30 dura fi Harawa Albuma fi qinxee isaa argachuuf
โ–ˆโ–“โ–’ โ–บ๐Ÿ”JOIN ๐Ÿ”โ—„โ–’โ–“โ–ˆ

๐Ÿ“บ OMN ijaa fi Gurra Hawaasa bal'aa
โ–ˆโ–“โ–’ โ–บ๐Ÿ”JOIN ๐Ÿ”โ—„โ–’โ–“โ–ˆ

๐Ÿ˜„ Jachoota Hayyota, Bacoo fi qosaa garagaraa argachuuf.
โ–ˆโ–“โ–’ โ–บ๐Ÿ”JOIN ๐Ÿ”โ—„โ–’โ–“โ–ˆ

๐Ÿ“ป Oduu simbirtuu Biyya keessa fi alaa yeroo yeroodhan argachuuf
โ–ˆโ–“โ–’ โ–บ๐Ÿ”JOIN ๐Ÿ”โ—„โ–’โ–“โ–ˆ

๐Ÿ† Gorsa Milka'ina iccitii jireenya argachuuf
โ–ˆโ–“โ–’ โ–บ๐Ÿ”JOIN ๐Ÿ”โ—„โ–’โ–“โ–ˆ

๐Ÿ“š Asoosama gagababoo wa'ee jaalalaa, seena, fi qabsoo ni argattu
โ–ˆโ–“โ–’ โ–บ๐Ÿ”JOIN ๐Ÿ”โ—„โ–’โ–“โ–ˆ

๐ŸŽž Beekumsa waali galaa fi qophilee bashanaa garagara argachuuf
โ–ˆโ–“โ–’ โ–บ๐Ÿ”JOIN ๐Ÿ”โ—„โ–’โ–“โ–ˆ

๐Ÿ”ž๐Ÿ”Ethio sex Channels ๐Ÿ”๐Ÿ”ž
Powered by ๐Ÿ”›@oromiapromobot

If you need to promote your channels click hare
_____________(())______________
๐ŸšฑFunny photo, Gifs, Memes and jokes to get anyone Giggling.
Laugh out loud

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://t.me/joinchat/AAAAAEP7dTRanfwR7whqSQ
Forwarded from ODAA Electronics N1
Asoosama
DHIMMUU IBIDDAA
Kutaa 6ffaa
Barreessaan
Eebboo kemite
(Eebbisaa Abduramaan)
Yaroo taraf lafaa godhee waraqiittii dubbisuu eegalu. Waraqiittiin akkana jatti:
"Eelookoo orraafadheetiin jira. Yaroo tanatti dhufee si jeequu hin qabu. Ni yaadattaa waan naan jachaa turte? Jaalala jachuun yaada ilaalcha dhugaatiin guutame. Kan humna guddoodhaan onneerraa maddiitee gubaan isii akka dhimmuu ibidda dungoo kan addaan hin cinne. Jibriin keeysaa gubattee dhumtuus. Garuu isiin akka dungootti tan daddeebitee hin jijjiiramne, hin dhumne. Naan jachaati turte saniis if dhaggeeyfachuu keeysaan argamtii. If dhaggeeyfadhu waan naan jatteefiin. Hanga guyyaa arraa sii fii jaalala teetiis. If keeysatti dhageeffachaa jiraachutti jira. Onneen tiyya sibira jiraattuus kan biraa keeysaaniin si ittiin jiraachisa. Atiis wareegama naaf jacha kafalte dhaga'eetiin jira. Ana Duree ykn Waabidha!" jatti waraqaan inni dubbise. akka nama bakakkaan gubbaa itti buutee hedduu baarage. Imimmaan jaalalaa ija isaa ta akka leencaatti nama sodaachiistu san guutee akka galaanatti firra yaasuu eegale. Amanuu dadhabee, waan godhuus dhabee, gamana fiigee, gamas fiigee, karam akka kutte illee osoo hin beekiin maallaqa isiin achi irra keeysee kutte hanga qarshii 500,000:00 ga'u tokko harkatti rarraafatee kara finfinnee itti xuqe. Wabiin akkuma hirnaa konkolaataa yaabbatteetti mana Waariituutti itti qaxxiste. Yaroo rakkoo isii baastee takka takkatti itti himtu. Waariituun waan dhageeyse waan qabduuf hedduu aartee. Haala itti badii inni hojjate itti himtu mala dha'uutti kaate.
Eelamoon ammoo yaroo Adaamaa geeysu konkolaataan inni yaabbate. Namni wayii bilbilaan konkolaataa keeysa taa'ee.
"Haalumaan reefu isinitti himeen if eeggannoo cimaan waaniin isiniin ja'e godhaa. Mucaan dandeeytii guddoo qabaa as irratti!" Jachaa nama wayiitti hasaasa. Hogguu finfinnee ga'anii konkolaataa irraa gad bu'ee xiqqo achi tarkaanfatu namni wayii tokko akkuma allaattiitti maallaqa inni harkaa qabu san lax godhee itti xuqe. Eelamooniis rifatee xiqqo rif ja'ee jala itti xuqe. Yaroo hulula wayii keeysa ga'an akkuma Eelamoon itti dhaqqabee qabe moo ja'eetti. Duubaa tokko dhufee mataa keeysa dhahee gaggabse.
Itti fufa...
barreessan Eebboo Kemite (Eebisaa Abduramaan) Yaada Qabdan Karaa
@Fikee45 @Alemu24 @leloo27 @obsii28
Nuun Gahaa !!
@dambalii_jaalalaa
Forwarded from ODAA Electronics N1
Asoosama
DHIMMUU IBIDDAA
Kutaa 7ffaa
Barreessaan Eebboo kemite
(Eebbisaa Abduramaan)
Eega dha'anii if wallaalchisanii booddee. Konkolaataa tokko keeysa naqanii kuchiisaniin. Waariituun adeera Wabii obbo Faaya Faayoo ykn Jilchaa Qalbeessaa kan ajjeese. Akka Eelamoo ta'e itti himte. Saniifiis amma yaroo arkametti akka ajjeeffamuus deemu gurra buuste. Faaya Faayoo waanni ja'aniiniif. Waraana somaalee hidhatanii ummata Mi'eessoo fii qarqara daangaa jiran waraanuuf guyyarraa daangaa Oromiyaa as tarkaanfatanii. Lubbuu namaatii fii qabeenya hiyyeeyyii balleessanii deeman san. Yaroo inni jiru saniitti somaaleen daangaa tarkaanfattee as ca'uu dhiisii. Sodaa isaa akka itti bobba'anii galaniifuu rakkachaati turan. Inni Mi'eesso Keeysa bakka Faayoo ja'amtuutti waan dhalateef faaya keenya ja'anii akka yaamuuti. Gariin immoo Gurraan Lolaa ja'aniiti yaaman. Isaatuu lola keeysatti ka ijaan hin arkiin. Shokomsaa qofaan bakka diinni jiru hubatee. Mataa keeysa dha'ee achiitti jangal godha. Wabiin hogguu kana dhageeysu hedduu rifattee. "Kun soba ta'u qaba! Waariituu na kijibuutti jirta moo?Jattiin akka nama rafee manaama keeysaa kana dhaga'ee ka'etti. Nama jaalachuu sablaadha malee nama jibbuun ni ulfaata!. Garaan isii fudhachuuf hedduu itti ta'abe. Hiriyyaan Eelamoo Harcaasaan mana dukkanaa tokkotti. Itti ol seenee bakka Eelamoon hidhamee jiruutti dhufee.
"Eelamoo na beeytee? Mee maaliif Faaya Faayoo ajjeeste naa himi?" ja'aan. waywaachuu malee waan isaan ja'an kana gurratti qicachuu dide; ammaas deebi'ee morma isaa meeshaa waraanaa harkaa qabuun ol qabee.
"Bada daabuqa maal talfuufa yaataa mitii himikaa? Moo isaan qabsoo tanaaf waa hunda dhaban ja'ee siifii haadhatee gargaaruu isaatuu rakkoo qaba? Ja'een kan maallaqa qarshii 200,000:00 fii mana tokko bitee kanneef san Faaya Faayoo isa Eelamoon ajjeese kana ture. Wabiin immoo waan dhageeyse amanuu dadhabdee. Bilbila irratti bilbiltuus kaasuu dinnaan. Kaatee konkolaataa yaabbattee kara magaalaa Hirnaa miila achi deeffatte. Isumaa gad bahee xiqqisho achi tarkaanfate Waariituu irratti bilbilee. Warra Eelamoo ajjeesuuf deeman keeysaa tokko.
"Ajjeesuuf fuudhanii kutaniin!" ja'een. Waariituun qabamuu isaatuu amma dhaga'uu isiiti. Rifattee "namni tokko akka hin xuuyne" jattee akeekachiisa itti kannite. Isiin tun achi keeysatti aangoo wayiiiti qabdii. Warri kana dhaga'e cinaan fudhachuu didanii. Isaanuma jidduutti wal dhabbiin uumamte. Waariituun ammoo bilbila isii Wabii irratti bilbiltuus hin kaastu. Gama kaniin ammoo; akka Eelamoon rakkoo waa irraanfachuu qabu. Naanaatii fii Dr isa wallaane malee namni tokko quba hin qabu. Eelamoon eega gaafa Wabii xiyyiitiin dhoyte sanii. Baala konkolaataa isa mudateen sammuun isaa dandeeytii waa yaadachuu dhabdeeti jirti. Kan Faaya Faayoo ajjeeseef immoo hojii itti yaadamee godhame ture. Humni socho'aan ummata dadammeeysaa jiru kuni akka inni wal shakkee if tolu hanqatu godhuufi. Gochi maqaa bareedaan fuula hagooggatee. Shira guddaa maqaa qabsoo duydatti baadhatee. Qabsoo isaanii faana suksukaa tureetuu jira hanga humnasaatti. Karaan ajjeechaan kun itti raawwate kara mala dhoytuu Naanaatii keeysaan ture.
Itti fufa...
Barreessan Eebboo Kemite (Eebisaa Abduramaan) Yaada Qabdan Karaa

@Fikee45 @Alemu24 @leloo27 @obsii28 Nuun Gahaa!!

@dambalii_jaalalaa
#DAMBALII_JAALALAA

Ashamaa Harka Fuunne Baga jala bultii Irreechaa nagayaan geenye!
#Irreechi:-
๐Ÿ‘‰Lafa jaalalaati
๐Ÿ‘‰Lafa tokkummaati
๐Ÿ‘‰Lafa wal qixxummaati
Ayyaana nagaaf jaalalaati
#Waltajjii Oromoon dachee kanarraa dhufee itti wal arguu fi waaqa isaa galateeffatudha. ayyaana
kana nagaaf jaalalaan akka kabajanu dhaamsa kiyya.

Ergaawwan Baga Geessan Ummata Oromoof Dabrfachu Dandeessu

@obsii28
@leloo27
@Alemu24
@Fikee45

@dambalii_jaalalaa
@dambalii_jaalalaa
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Baga Ayyaana Irreechaa Nagayaan Geenye!

Yeroo Ammaan Kan Magaalaa Bushoftuti Haala Baredaa Ta'en Kabajamaa Jiraa
#Irreechi Keenya
๐Ÿ‘‰Lafa Jaalalaati
๐Ÿ‘‰Lafa Tokkummaati
๐Ÿ‘‰Lafa Wal Qixxummaati
Ayyaana Nagaaf Jaalalaati.

Waare Ayyaana Kan Irraati Hin Argaminef
Tamsaasa Kallattii

OMN TV
OBN TV
ETV
FANA TV
WALTA TV dawwachu Dandessu

#Baga_Geessan

@dambalii_jaalalaa
#Nagaan_Xumurameera
#แŠขแˆฌแ‰ป2011 แ‰ แˆฐแˆ‹แˆ แ‰ฐแŒ แŠ“แ‰‹แˆ!

Ofkollee Jirra!
Ayyaanni Irreechaa guddichi bara 2011 bakka Oromootni fi ummatni obbolaa miliyoonotaan lakkaawaman argamanitti haala miidhagaa ta'een nagaan kabajamee xumuramee jira!
Baga Gammadne!

แ‹จแ‹˜แŠ•แ‹ตแˆฎแ‹ แ‰ณแˆ‹แ‰ #แ‹จแŠขแˆฌแ‰ป แ‰ แ‹“แˆ แ‰ แˆšแˆŠแ‹ฎแŠ–แ‰ฝ แ‹จแˆšแ‰†แŒ แˆฉ แ‰ฐแˆณแ‰ณแŠแ‹Žแ‰ฝ แ‹จแŠฆแˆฎแˆž แˆ…แ‹แ‰ฅ แ‹ˆแ‹ณแŒ†แ‰ฝ แŠฅแŠ“ แ‹ˆแŠ•แ‹ตแˆ แˆ•แ‹แ‰ฆแ‰ฝแŠ• แ‰ แˆ›แˆณแ‰ฐแ แŠฅแŒ…แŒ แ‹ฐแˆ›แ‰… แ‰ แˆ†แА แˆตแА แˆตแˆญแ‹“แ‰ต แ‰ แˆฐแˆ‹แˆ แ‰ฐแŒ แŠ“แ‰‹แˆแข แŠฅแŠ•แŠณแŠ• แ‹ฐแˆต แŠ แˆˆแŠ•!

Maddiiแฆ Obbo. Addisu Argaa

@dambalii_jaalalaa
ยฅรณmรฌ K Dรฉstรฅ:
Hordoftoonnifi qopheesitootni @Dambalii_jaalalaa akkasumas OROMOOnni martuu baga booqa birraa geessan Baga ayyaana ๐ŸŒป๐ŸŒปirreechaa๐ŸŒป๐ŸŒป kan bara 6413 ALO ykn 2018 gc geessan!
๐ŸŒปirreechi irree keenya
๐ŸŒปirreechi duudha keenya
๐ŸŒปirreechi nagayaa
๐ŸŒปirreechi galata
๐ŸŒปirreecha nagaa waaq nuuf haa godhu!!
OROMOON martuu baga geessan๐ŸŒพ๐ŸŒป๐ŸŒพ๐ŸŒป๐ŸŒพ๐ŸŒป๐ŸŒผ๐ŸŒบ๐ŸŒฟ๐ŸŒพ๐ŸŒฟ๐ŸŒพ
Forwarded from ODAA Electronics N1
Asoosama
DHIMMUU IBIDDAA
kutaa8ffaa
Barreessaan Eebboo kemite
(Eebbisaan Abduramaan)
โœ”๏ธโœ”๏ธโœ”๏ธโœ”๏ธโœ”๏ธโœ”๏ธโœ”๏ธโœ”๏ธโœ”๏ธโœ”๏ธ
Naanaatiin maallaqa guddaa fudhatteeti shira kana qindeeysite. Isii qofa osoo hin ta'iin namoonni harka wal keeysaa qaban danuudha. Naanaatiin ashaaxirummaa fii dubartummaa isiitii wajji hojii akkanaarratti mo'a qabdi. Eelamoof fira fakkaattee rakkoo isaa wajji dhilattee. Inni harka kannuufii diidu illee. Jaalala fakkeeysitee qadhabaa keeysa eega galfatte booda. Isa kan Duree ajjeese jattee. Akka Faaya Faayoo eeggatee inni hulqaa bahu dirqisiisuun ajjeesiiste. Eelamoon yaroo muraasa booda eeggatee hulqa irraa bahe. Wanni Naanaatiin Eelamoo goote irratti sharadaddee kana qofaa miti. Akka Wabiin hin du'iin osoo quba qabduu. Duute jechuun tan itti himte isiidha.
Warri Harcaasaa'faa wajji jiran hangi tokko ajjeesnu malee ja'anii itti cichan. Harcaasaa'n inni beeku dhabullee wajji nyaanneen garaa isa nyaatee. San qofa osoo hin ta'iin; maatii isaa guutuu fii qabeenya gaafas qaban. San hunda mootummaan jalaa saamee. Arra daadarkaa jireenyaatiin akkatti rakkoo isaa hoggu arku. Garaan isaa hamtuu irratti hojjachuu eehamuu diduus. Xiqqoof ricinciicee waan godhu dhabee garaa isaa hidhatee. Akka Eelamoo ajjeesan eehame. Imimmaan gaddaa ija guutee fii nassabummaan akka irraa hin mullanne. Dhoysuuf xiqqo isaan irraa achi maqee. Imimmaan akka jirkaa samii yaa'uutti firra yaase.
Waarituu'n hedduu rakkachuutti seente. Bilbila daddeebistee bilbiltuus jalaa kaasuu diddee jirti Wabii'n. Booda irra bilbila Harcaasaa irratti yaalte. Bilbilli Harcaasaa immoo cufameeti jira. Akka kaatee hin deemneefiis eeysatti akka hacuucan hin beeytu. Malli jalaa wal dha'ee. Daadarkaan quduraa shikaaltee maal gootuu fii maal akka taatu dhabde. Kaatee mana ol seentee. Uffata jijjiirattee bakka dhoysaatti duraan wal qunnamaniin takka yoo jiraatan jattee. Fiigaa konkolaataa karra dura jiru ka isii tokko lixxe.
Eelamoo fuudhanii ajjeesuuf lafaa ol kaasanii. Konkolaataa hogguu alaa ol yaamuuf jilba gurreen tokko gad bahu. Konkolaataan hulaa dura hin jiru. Eeddaan akka namni shakkee nutti as hin meeyne Ja'anii. Konkolaachiisaan akka mana Harcaasaa geeysee dhaabu itti himanii ture. San yaadatee Harcaasaa'n bilbila isaa akkuma banateetti. Eergaan barreeffamaa Waarituu irraa isa geeyse. Aficho mee ja'eenii hiriyyootaan isii irratti bilbilee.
"Bilbilli kiyya turee Waare! Maal jatte ja'een?" Isiiniis hafarfaataan"eeysa jirtan? Hangaan dhufuu namni tokko akka hin xuuyne?" Jatteenii iddoo itti himnaan konkolaataa ifirra garagalchite itti qaxxiste. Harcaasaa amma lubbuun itti deebitee "hanga dhuftu akka asii hin sossoosne" hogguu ja'uun. Isaan keeysaa tokko Laalanfayyaa kan ja'amu. Meeshaa waraanaa ol baafatee. "Firummaan fii wal beekkumsaan wanni daleeydu hin jirtu" ja'ee. Meeshittii mataa Eelamoo gubbaa.
Itti fufa...

Yaada qabdan karaa
@obsii28 @Fikee45 @Alemu24 @leloo27 Nuun Gahaa!!

@Dambalii_Jaalalaa
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†
#Artif_Artistoota

Koonsartii Muziqaa Fi Eebba Albama Wellisa Naafkoo Sobboqa Raayyaa Studio Wallin Ta'un Qophii Hundaa Xumure Jira. Mare Gaafa Guyyaa 27/1/2018 Magaalaa Burrayyuu Ashawa Meedaa Hottela Biraahanu Bayi International Akka Nu Walin Bashanantan Kabajaan Issin Afeerrera Kottaa Nu Waliin Bashananaa!!!!!!!!!!

ยฉRaya_Studio

@dambalii_jaalalaa
โค๏ธ๐Ÿ’œJAALALA๐Ÿ’œโค๏ธ
=========================

Haadha ko sinjaalladha.
Abbaa ko sinjaalladha.
Obbolessa ko sinjaalladha.
Obboleettiko sin jaalladha.
Jaalalle ko sinjaalladha.
Michuuko sin jaalladha.
Lubbuu ko sin jaalladha.
OROMIYA sin jaalladha.
BIYYA ko sinjaalladha.

@dambalii_jaalalaa
@dambalii_jaalalaa
๐Ÿ’–๐Ÿ’– Jaalala Dhugaa ๐Ÿ’–๐Ÿ’–:
๐ŸŒท๐Ÿ€ furmaata WAL-DHABBII ๐Ÿ€๐ŸŒท

โ˜˜โ˜˜ โ˜˜ โ˜˜โ˜˜ ๐Ÿ’– โ˜˜โ˜˜ โ˜˜ โ˜˜โ˜˜
Yeroo haadha manaatiin wal dhabdan karaalee bareedaa itti dhiifamaan gaafatan keessaa...

โš˜โš˜โš˜โš˜โš˜โš˜๐ŸŒนโš˜โš˜โš˜โš˜โš˜โš˜

1. kennaa babbareedduu isiif dhiheysuu...
โš˜ ๐ŸŒน โš˜

2. kennaa san irraan akka dabalataatti jechoota miira isii toohatan fayyadamanii onnee isii laaaaaaffisuu...
โš˜ ๐ŸŒน โš˜

3. Onnee laaffatte sanitti dhugaa jirtu/dhiifama san kallattiidhaan gaafachuu...
โš˜ ๐ŸŒน โš˜

4. 4 wii mee dura sadeenuma san hujiirra oolchii koottu San booda siif idaanaati...lol

๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ ๐ŸŒท ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ

Jechoota babbareedaa reefu jenne sanirraa walaloon gosa jechaa filatamaa dha...

NB :- walaloon tiyya siif taatee walaluma tana hujiirra oolfachuuf haadha manaa ifitti hin mufachiisin...lol

โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก ๐ŸŒท ๐ŸŒน ๐ŸŒท โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก

Gaafaan siin wal jaaru
Siif seenus baaylama...
Garuu dogongoruu
Hin hafu ilmi namaa...
Dhiifama naaf godhi
Anilleen namuma...
______________
_____||_____________

Numaan dogongore
Dhiifama yaa ruuhii...
Hedduun si jaalladha
Onnee tiyyarraahi...

Ati mami tiyya
Haadha waan gaggaarii...
Yoon si mufachiisees
Obsaan na gargaari...
_____________________
_____||_____________

Mami too obsituu
Yaa Haadha gammachuu...
Kaayyoon kiyya guddaan
Dhiifama argachuu...
Eegaan si araarsee
Argadhe gammachuu...
San booda hojiin too
Si qofaaf jiraachuu...
_____________________
_____||_____________

Rabbirraa argadhee
Eegaan suma helee...
Ifuu hin rakkisu
Siif jiraachuu male...

Sumaan kunuunfadha
Ganamaaf galagala...
Firaashni koo sihi
Suma keysaan gala...
Si na haa badhaasu
Yaa haadha jaalalaa...

________________
________________
||__||โ™ก||____||___
________________
________________


Qophilee keenya irraati yaada qabdan karaa
@Fikee45
@Obsii28
@Alemu24
@Leloo27
Nuun gahuu ni dandeessan
Horaa bulaa!!!
Eebboo Kemite:
Asoosama
DHIMMUU IBIDDAA
Kutaa 9ffaa
Barreessaan Eebboo kemite
(Eebbisaa Abduramaan)

Laalanfayyaa'n hoggaa meeshaa mataa gubbaa. Itti achi qabee: "Niin ajjeesa" ja'ee meeshaa itti nyaachiifate. Harcaasaa'niis meeshaa gamas itti achi gara galchee. " Laalanfayyaa meeshaa tana gad deebisi? Takkaa gochi kun nu hunda wal fiicisiisaa!" Ja'eenii meeshaa rukutuuf suuta harkatti tottoolfachuu eegale. Laalanfayyaa'n ammaas abadan walii galuu didee. Hogguu inni meeshaa fiinxa isii qabuuf quba itti achii dhaabuuf lullulu. Harcaasaa'n diqama wa'ada Waarituu'n seensiiste eeguuf jacha. Meeshaa Laalanfayyaa'tti rukutee dhahe. Kan dhahe harka isaa keeysa waan ta'eef meeshaa harkaa darbee. Dafee qamiisa ifiitirraa dhoosee harka hidheefii. Konkolaachiisaa bilbilaan yaame.
Laalanfayyaa maqaan isaa dhugaa Sabaa'iif ja'ama. Laalanfayyaa wanni ja'amuuf jarjara guddisa. Jarjara kanaaniis badii balleessa. Ammaas nama saba ifiitiis sinsinnaa'u tokko. Wantootuma akkanarraa Laalanfayyaa ja'aniin.
Waarituu'n konkolaataa hulaa duratti dhaabdee fiigaa ol seente. Isaaniis konkolaataa eeganii waan dhabaniif ka akka gargaaraa konkolaataatti hojjatu tokko fuudhanii. Furtuu konkolaataa itti kannanii akka hospitaala geeysu itti himanii fuudhee kuteen. Waarituu'n seentee akka inni yaalii baayyee gootee dadhabde. Boodarratti"Eelamoo Wabii'n barbaadakee naannawaa jirtii natti himi? Waliin isin qunnamsiisaa!" Jatteen san booda ka halaakame kun. Harka karaa afaan isaa ol qabuu eegalee. Eega isaan abdii irraa dhaban booda. Harcaasaa'n" bishaan bishaan jachutti jiraa bishaan san?" Ja'eenii bishaan itti kanne. Ergasiin booddee sagalee isaa to'achaa"na...na...maaaaan ani sabbata ja'ee mudhiitti hidhadheetuu bofa ta'ee na idde!" Ja'ee dubbii guutuutti itti himutti seene. Ergasii isaaniis gaddanii mudannoon isaa, isaan boochifte. Hanganumaa hangana jidduutti bilbila caccabsaa keeysaa sagaleen"kun hin ta'u!" Jattu xuxxuusaan dhaga'amte hundi rifatanii hogguu hubachuuf Shanlaaleessaan itti achi ja'u. Meeshaa waraanaa baasee Shanlaaleessaa dha'ee hogguu inni Waarituu fii Eelamoo itti dabalu. Harcaasaa'n mataa keeysa dha'ee lafatti darbe. Laalanfayyaa'faas Konkolaataan waan hubatamee jiruuf. Tiraafikiin dukkana keeysatti dhaabsisanii. Waraqaa eenyummaa gaafatan? Akka hin qabne itti himnaan"koottaa rakkoo hin qabuu! Nuti isin dabarsaa!" Ja'anii achi oofanii lachuu ajjeesanii kara Eelamoo'faa itti achi qajeelan.
Itti fufa...
Jechootaa Gorsa Jaalalaa
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
_Kan jaallateef kan maraate tokko
_Jaalala kan uumu hundi mana hin dhaabu
_Jaalalli onneerraa, ogumman isa dhugaadha
_Jaalalaafi marqaa o'aa o'aasa
_Jireenyi jaalala hin qabne akka muka firi
hin qabneeti
_Onneekee guutu hin jaallattiin dhabuu waan
dandeessuuf
_Jaalalleen yeroo rakkoo yoomiyyu
jaalalledha
_Jaalalle sobaa irra diina dhugaa wayya
_Jaalalle gadhee irra kophaa ta'uu wayya
_Jaalatan dulloomu jaalalli hin dulloomu
_Namni jaalala sobaa waliin adeemu
duumessa bokkaa of keessa hin qabne isa
ofumaan oofamudha
# GORSA
_Jaalalleke irratti hin ilaaliin,hin fedhiin
garaan kee hiriyyumma! biraa
_Osoo sin jaalladha jettu nama hin ajjeesiin!
_Eenyumma kee keessa suuqxe sin jaalladha
hin jedhiin!
_Qarshi ilaaltee hin jaallatiin boru dhumti!
_Jaalallekeef amanami shakkamtuyyu
amanamummaan kee bor dhugaa siif ba'a!
_Jaalalle kee hin tuffattin barri
gaggaragaltoodha
_Argachuuf dhabuun jaalalle kee irraa adda
sin baasiin!
_Jaalala dhugaa isa sobni hin dhugne wal
jaalladha!

@dambalii_jaalalaa
@dambalii_jaalalaa
Eebboo Kemite:
Asoosama
DHIMMUU IBIDDAA
Kutaa 10ffaa
Barreessaan Eebboo kemite
(Eebbisaa Abduramaan)

Harcaasaa'n bilbila Caccabsaa ol fuudhee hogguu laalu maqaan Naanaatii ja'a. Bilbila kiisha keessa kaayyatee. Fiigee kara Eelamoo fii Waarituu achi hogguu hidda mormaa qaqqabatu lubbuun keessa jirti. Hanganumatti ammaas konkolaataan tokko ariifataa itti dhufe. Hogguu fiigee hulaa irraa banu. Konkolaataa isaati ture. Fuudhanii kara hospitaalaatti fiigaa kutaniin. Waarituu'n akka Wabii'tti Harcaasaa'n bilbilee akka dhukkubsattee hospiitaala jirtu itti himi jatteen. Hanganumatti Wabii'n bilbilte hogguu gaafattuu itti hime. Magaalaa Ciroo keessa akkuma buuteetti Eelamoo'niis akka achi jiru dhageenyaan. Ammaas lammada ol qajeeltee. Kara finfinnee ol deebite. Hoggaa finfinnee dheeyxee hospitaala seentu. Waarituu'n sireerra ciisuutti jirti. Waan agarteetti amanuu dadhabde. Iyyitee mana waliitti garagalchite. San booda itti siiyxee waan uumamee gaafachuutti seente. Isiniis jalaa kaastee hanga gubbaa itti himtee. Lammada ammaas dhukkuba biraa itti dabalteef. Waa'ee Eelamoo dhageenyaan isii achumatti dhiistee kara isaa itti dhiiyxe. Hoggaa laaltu inumaa inni damdamata qaba. Harkaa waan dha'ameef hedduu hin miidhamne. Bo'anii waliitti maramanii, wal hammatanii, waliitti cichan. Harcaasaa'n maallaqa reefu irraa fuudhe saniin akka itti wallaanamaniif deebiseefii. Gara kutaa waarituu hoggaa achi seenu. Waarituu'n ija banattee ciisaa jirti."Waare akkami ati amma"? Ja'een garuu deebisaa kannuufii didde! Ammaas daddeebi'ee yaame. "Uuuu...uuuuu...uuuuu...uuuuu!" Jachaa hoggu iyyu oggeessonni seeniinii du'u isii hubannaan. Reefka fuudhanii gad baasanii. Isaa fii Wabii'dhaas jajjabeessuu eegalan. Waarituu'n tan qabsoo shira alagaatiin bittinnooyte. San waliitti qabdee lammada utubdee tarkaanfachiisaa jirtuudha. Duuti isii tun garuu akka humni san lammada if dandeessee hin sochoonee goote. Eelamoo'niis harka isaa hidhatee hospitala bahee. Reefka isii fuudhanii Mi'eesso geeysanii awwaalan. Torbaan tokkoon booda kara finfinnee ol qajeelan. Galgala duraa hoteela qabatanii. Waa'ee jiruu isaanii fuula duraa haasawu eegalan hiraata nyaachaa. Akka cidha isaanii Ayyaana Irreechaa kabajaa oolanii. Sa'aatii booda niikaa waliif hidhan waliif himanii kara mana ciisichaa ol seenan. Galgalli San Wabii'f galgala addaati. Galgala kulkula waggaa kudhalamaa itti baatee ture! Harcaasaa'n Naanaatii irratti bilbilee. Sagalee Caccabsaa'tiin yaame. Garuu hogguu dhuftu namoota hedduu wajji turte kan dhufte. Inniniis hubatee osoo isaan meeshaa itti hin dha'iin. Dhiiblee darbatee hin dhabne waan ta'eef. Isii fii kan biraa sadi dha'ee. Meeshaan Firii fixachuu hubannaan ka'ee fiiguu itti fufe.
Itti fufa...