OBN SPORTS
1.41K subscribers
645 photos
204 videos
2 files
161 links
Odeeffannoo ispoortii Afaan oromootiin
.
. #SHARE gochuudhan guddina afaan oromootif haa tumsinu
.
. 🚀ODEFANOOWWAN
✔️Taphoota kallattidhan
✔️Jijjiirra Taphatoota
✔️Seenaa taphattoota

@Obnsports @Obnsports @Obnsports
Download Telegram
Waan beellamne Qabannee dhufneerra!

#Liverpool Timo Werner Erga Cheelsiif Dabarse Booda Taphattoota Shan (5) Bakka Isaa Bu'uu Danda'u Jedhu Akka Filannootti Qabatee Jira!

Isaanis Akkuma Isinii Beellametti Qabadhee isiniif dhufee jira,

1, Bale ;- Taphataa Sarara fuulduraa Borusia Monchgladbachiti ,
Taphatichi Ganni isaa 27 Yoo Ta'u Bara Kana bundesliga Keessatti Lewandwoski fi Timo Werneritti Aanuun Taphataa Hirmaannaa Cimaa Qabuudha,
Taphoota 26 Taphatee,
10 Galchee,
10 Mijeessuun Premier league Keessaa Kevin De Bruyne Qofatu
Isa caala,

2. Bertrand traore :-Taphataa Sarara fuulduraa Lyon Yommuu Tahu Ganni isaa Baay'ee xiqqaadha, Sarara fuulduraa Iddoo hundattuu Taphachuu ni Danda'a, ( isa suuraa irraati Shurrubbaa Qabu Kana)

3. Federico chesea:- Taphataa Fiorentinati,
Bara Kana Gareen isaa Baay'ee laafuyyuu inni Gooliiwwan 6 Galchuun 3 Mijeessee jira,
Taphaticha Liverpool cinatti Chelsea fi Man Unitedis barbaadaa jiru,

4. Dominico perrard:- Dargaggeessa Ganna 25 Yoo Ta'u hiddi dhalootaa isaa Italy "dha,,
Kilaba sassullo Keessatti bara kana Ga'uumsa Addaatiin Imalaa Kan jiru yoo Ta'u Taphoota 20 Taphatee
9 Galchee ,
5 Mijeessee jira,

5. Donel Malen:- ( PSV INDOVEN irraa ) Akka Ragaa Lakkoofsaatti Werneritti Kan dhiyaatu isadha,
Ganni isaa 21 yoo Ta'u , bara kana Taphoota 14 Qofa Taphachuun
Gooliiwwan 11 Galchuun
2 Mijeessee jira.

Haa Ta'u Garuu Bara Kana ji'a January Keessa miidhama isa Mudateen waldhaansi Baqaqsanii hodhuu isaaf Taasifameera , kanaaf Ammatti Taphaaf Qophii hin fakkaatu,

@Obnsports
#oduu_jijjiiraa_Barcelona

🔴 kilabi maqaan hin ibsanne tokko Ansu fati Barcelona iraa malteeysifachuuf gafii dhiheeysuus hanga €100m kafaluun gafii kufisuu isaanii pirezdaantiin Barcelona dubatanii jiran, inni taphataa hin gurguramneedhas ja'an

Madd👇👇👇👇
@oduu_barcelona


https://telegram.me/Obnsports
#Maanchester_Yuunaaytid Doonii Vaan dee Biik Ayaaksirraa gara
qee'ee Tiyaatir Oof Diriimsitti gangalchuun Poowl Poogbaa fi
Biruunoo Fernaandees wajjin qindoomsuu akka barbaadu (The Times) barreesseera. Taphataan kun yeroo dheeraaf raadaarii jijjiirraa warra Looz bilaankoos keessa kan ture yoo ta'u bara kana hamma weerarri vaayirasii koroonaa Erediviiziyee addaan kututti
gareesaaf gooliiwwan 11 galchuun kubbaawwan goolii ta'an 8 immoo mijeessee kennuun ibidda bonaa haafa qabate ta'eera.
@Obnsports
OBN SPORTS
Taphatoota premier league torbee 26 cicimoon ifa taa'erra kun kan armaan oli kanneen Haala hedduu nama ajja'ibun Arsenal Taphatoota 5 Kan hafan Tokko Tokko Dhugaa Deggartoota Arsenal Baga gammadan jechuu barbada maalif isaaniin mala Arteetan waan gaarii…
Breaking News

Maanchisteer Yuunayitid taphataa isaa ganna darbee Iswaansii Siitii irraa gara Old Tiraaforditti fide Daani'eel Jeems bara dorgommii dhufaa jiru ergisaan kennuuf akka ta'e(The Sun)qabatee ba'eera. akka gabaasichaatti taanaan Maan Yuunaaytid bakkichatti
Kaayi Haaveer fi Zheedan Saanchoo keessaa tokko garas
fudhachuu waan barbaaduuf taphaticha kaa'uurra garee biroof ergisaan dabarsee kennuu barbaadeera jedhame.


@Obnsports
OBN SPORTS
🇪🇺 #UEFA_Champions_League 🇪🇺 📱 #Live_Updates ⌚️ 80' Tottenham 0⃣-1⃣ RB Leipzig ⚽️ T. Werner 58' 🅿️ 🏟 Tottenham Hotspur Stadium Atalanta 4⃣-1⃣ Valencia ⚽️ Hateboer 16' 62' ⚽️ Cheryshev 66' ⚽️ J. Ilicic 41' ⚽️ Freuler 57' …
Xiinxalaa fi Marii Hirmaachisaa
Piriimiyeer Liigiin Ingiliz taphoota torban 28ffaa booda erga addaan citee yeroo deebi'u miira dorgommii akkamii nuuf fidee dhufa laata?

#4 Maanchester Yuunaaytid

Waa'ee Maan Yuuynaaytid ilaaluuf erga bara 2013tii asitti
kilabichi Leenjisaa buleessa fi Abbaa seenaa kilabichaa isa guddaa ta'e Fargusan wajjin erga adda bahee asitti Leenjistoota gara garaa
gara garichaatti fiduun wal'aansoowwan hedduu keessa akka dabarsan fi dabarsaa jiran waantota nu hubachiisantu jiru.
Fargusan akkuma garicha wajjin adda bahaniin garichi Leenjisaa godhee kan muude Deevid Mooyis ture, haa ta'uutii leenjisaan kun hamma kanaatti sadarkaa gudduummaa kilabichaa eegsisee itti
fufa abdiin jedhamu guutummaa guutuutti jiraachuu baatus milkaa'inootni inni Evertan wajjin galmeesse Maanchester Yuunaaytidiin akka tuffatamu isan taasisu ture. haa ta'uutii Deevid
Mooyis bara dorgommichaallee xumuruu otoo hin danda'iin
garicha wajjin adda bahuun barichaaf Riyaan Giigs hojii leenjisummaa fi taphatummaasaa wal cinatti akka itti fufu taasifameen barichi bara gadhee kilabichaa jedhamuun waggaa itti Shaampiyoonii liigichaa
ta'etti qabxii gad aanaa galmeessuun liigichaan sadarkaa 7ffaa qabatee akka xumure ni yaadatna.

bara itti aanu egaa Waancaa Addunyaa bara 2014n booda
Leenjisaa Garee Biyyaalessaa Hoolaand kan turan isaan dura
Ayaaks, Baarseloonaa fi Baayern Muunchen fa'aa keessatti seenaa gaarii qabaniin kan beekaman Luwii Vaan Haaliin qacaruun deemsa
isaanii itti fufaniin waggoota lama milkaa'aa jedhamuu baatus bara Deevid Mooyis qabxii galmaa'erra caalaa fooyyee qabu dabarsanii
ture.

Luwii Vaan Haal akkuma beekamu kilaboota isaan dura
Leenjisan keessatti tooftaa taphaa kubbaa qabatanii caalmaa taphaa fudhachuun garee faallaa irratti olaantummaa fudhatanii
taphachuu hordofu turan. Maanchester Yuunaaytid keessattuu baroota isaan dura turan kubbaa qabatanii taphachuu irratti hamma
kanaatti seera kan hin cimsine, kubbaa akkaataa barbaachisummaa
isaatti qofa qabatee kan taphatu, maloota deebisanii haleeluu irratti xiyyeeffannoo kennee kan taphatu, kubbaawwan qilleensarra
furguggifaman fi karaa taphattoota sarara qarqaraa qarqararraan ergaman (cross) baay'isuun carraa goolii uumu akka ture ifaadha.
kunis Luwii Vaan Haal tooftaa isaanii haala salphaan taphattoota garichaatti guutummaa guutuutti madaqsanii hojiirra akkan
oolchine itti ulfaachiseera. haa ta'uutii Luwii Vaah Haal taphattoota ol guddatootaaf carraa kennaniin kilabicha keessatti waan gaarii
agarsiisaniin haa galateeffamaniyyuu malee yeroon dheeraa ykn
gahaa jedhamu garicha keessa akka turaniif carraan
kennamuufii baatus yeroo milkaa'aa kilabichi mi'eeffate sana deebisanii fiduu
waan hin dandeenyeef turtii baroota dorgommii 2 booda
garicharraa gaggeeffamaniiru.
Luwii Vaan Haal akkuma karra bahaniin Leenjisaan seenaa
qabeessi Lammii Poorchugaal sun Joozee Mowriinhoon seenaa kanaan dura Poortoo, Cheelsii, Intermiilaan fi Reyaal Maadriid keessatti hojjetaniin kilabicha gara yeroo milkaa'inaatti oofuu
danda'u jedhamuun mandara warra Tiyaatir Oof Diriims qubatanii ture. Joozeen tooftaa taphaa xiqqooshee ittisa baay'isu hordofanis
akkaataan haleellaa garee isaanii baay'eensaa kan Ser Aleeks wajjin wal fakkaata. kanaanis garichaaf waan guddaa akka hojjetanii fi gara injifannoo waancaa Piriimiyeet Liigiitti akka deebisan hin shakkamne ture. Joozeen bara jalqabaasaanii sadarkaa 6ffaa qabachuun yoo xumuran bara itti aanu gareen Peep
Guwaardiwoolaa Maan Siitiin goobaan sun liigichaan gahumsa ajaa'ibsiisaa agarsiisee caalmaa fudhateen Joozeen waggaa 2ffaa
isaaniis liigichaan waancaa Piriimiyeer Liigii otoon fidiin sadarkaa 2ffaa qabachuun goolabuun isaanii ni yaadatama. Joozeen ammas
waggaa 3ffaa isaanii jeequmsaa fi walitti bu'insa taphattoota garichaa wajjin kan jalqaban turtii ji'oota muraasa booda garicha gadhiisanii deemuuf dirqamaniin taphataan garichaa duraanii Olee
Gunaa Soolshaan bakka bu'uun itti gaafatamummaa leenjisummaa garichaa yeroofis ta'u fudhatan.

Soolshaan bara dorgommii Joozeedhaan jalqabame itti fufuun yoo fudhatan taphoota hedduu 11 ta'an walitto
OBN SPORTS
🇪🇺 #UEFA_Champions_League 🇪🇺 📱 #Live_Updates ⌚️ 80' Tottenham 0⃣-1⃣ RB Leipzig ⚽️ T. Werner 58' 🅿️ 🏟 Tottenham Hotspur Stadium Atalanta 4⃣-1⃣ Valencia ⚽️ Hateboer 16' 62' ⚽️ Cheryshev 66' ⚽️ J. Ilicic 41' ⚽️ Freuler 57' …
fufuun dorgommii hundaanuu otoon injifatamiin itti fufuun ajab jechisiisanii turan.
miirri taphattoota garichaas gaarii akka ture hubannee ture.
kilabichi dhaabbiidhaan kontiraata yeroo kennuufii waanti barame sun deebi'ee dhufuun kilabichi hunkuramuun, qabxii dhabuun irra deddeebi'iidhaan injifatamuun isa mudateen bara dorgommii darbe sadarkaa 6ffaa qabachuun Waancaa cabduu tokko malee bakka
hirmaannaa Chaampiyoons Liigii Awurooppaas otoo hin argatiin goolaban.

bara kanas iddoowwan muraasatti suphaa taasisaniin Daani'eel Jeems sarara fuulduraarratti, Aaroon Waan Bisaakaa fi Harii
Maguwaayiriin immoo sarara ittisaarratti gara garichaatti makuun sochii eegamu agarsiisuu baatanis bara dorgommii jalqabne kanaan
jalqabarratti yeroo badaa dabarsaniin mormiin kilabicha haa gadhiisan jedhamus Istaadiyoomii fi miidiyaalee irratti deeggartoota
Maan Yuunaaytidiin Olee Soolshaa irratti duulli taasifamaa ture.
Soolshaan tooftaa taphaa kanadha jedhamu qabaachuu baatanis yeroo hedduu ofiisaaniis kan dubbatan mala maltee Sr. Aleeks
yeroo garicha keessa turan hordofan sana akka hordofan ni
dubbatu. bara kana yeroo jalqaban taphattootni murteessoo garichaa Poowl Poogbaa, Maarkas Raashfoord, MaakToominaay fi
kanneen biroos miidhama keessumsiisaa turaniin kilabichi
wal'aansoo hedduu keessa dabarsaa as gaheera. bara kanas hamma weerarri vaayirasii koroonaa liigicha addaan kututti liigichaan taphoota 29 taasisaniin taphoota 12 injifachuun taphoota 9 qixa bahuun taphoota 8 immoo injifatamuun qabxiiwwan argachuun maluufii 87 keessaa 45 qofa funaannachuun sadarkaa
5ffaa irratti yoo argaman. liigichaan bakka hirmaannaa
Chaampiyoons Liigii Awurooppaa bara dhufuu qabatanii xumuruuf
Cheelsii sadarkaa 4ffaarratti argamurraa qabxii 3n, Leeyizistar sadarkaa 3ffaa irratti argamurraammoo qabxii 8n gad siquun morkichi hawwataa akka ta'uuf kilaboota miidhagsan keessaa isa
tokkodha.

miidhama taphattoota yoo ilaalle bara dorgommichaa
guutummaasaa kilabicha hin tajaajilu jedhamee kan ture taphataan murteessaa sarara fuulduraa isaanii Maarkas Raashfoord miidhama
isaarraa guutummaa guutuutti bayyannachuun shaakalarratti akka argamuufi taphataan qaalii kilabichaa Poowl Poogbaa dabalatee
Luuk Shaaw fa'aas miidhama isaanii irraa guutummaa guutuutti bayyannachuun haala qaamaa gaarii irratti akka argamanii fi shaakala hojjechaa akka jiran beekameera. qindoominni taphataa
haaraa dinqisiisaa garichaa Biruunoo Feernaandees fi Poowl Poogbaan sarara gidduurratti eegamu qindoomina Shaavii fi
Iniyeeshtaa caalaa cululuquu danda'a jechuun xiinxalootni Ispoortii kallatti gara garaan yaadasaanii kennuurratti yeroo argaman banamuun taphoota liigichaa si'oominaan akka eegamu waantoota
taasisan keessa inni kun ijoo akka ta'us ni eegama.

@Obnsports
Coming 🔜.........


🔥💥🔥💥Merseyside Derby 🔥💥🔥💥

🔵💥#EVERTON 🆚 #LIVERPOOL 🔥🔴
💥💥🏟Goodson park Studiem🔥🔥

Jaallatamaan Premier league England Sababa Vaayiresii Koronaatiin Addaan Citee ture, Deebi'uuf Goyyoota 10 Qofatu Hafa ,

🏆🏆🏆Shaampiyooniin Addunyaa The Red's #Liverpool Shaampiyoonummaa Premier league Labsachuuf Taphoota 2 Qofatu Hafe, Eerton and palace 🔥🔥💥💥🏆🏆🏆

Uuuuuuhuuuu

💥🔥💥💥🏆💥💪🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥
Kanaaf Taphni Baniinsaa Darbii #Merseyside Addunyaan Guutuun Hawwiin Eegu taha!
🔥🔥🔥🏆🔥🔥💥💥💥🔥💥💥🔥🔥🔥

Dilbata June 21,2020
Sa'aatii 3: 00 irraati!
Maanchister Yuunaayitid mucaa olguddattuu sarara fuuldura isaanii umurii 18 kan ta'e Mesan Giriinwuud bara itti aanuLakkoofsa seena qabeessa kilabichaa kan ture Lakkoofsa 7 uffachuun akka taphatu marii eegalan.
@Obnsports
OBN SPORTS
🇪🇺 #UEFA_Champions_League 🇪🇺 📱 #Live_Updates ⌚️ 61' Real Madrid 1⃣-0⃣ Man City ⚽️ Isco 60' 🏟 Estadio Santiago Bernabaeu Lyon 1⃣-0⃣ Juventus ⚽️ Tousart 31' 🏟 Groupama Stadium @Obnsports
Maanchister Yuunaayitid olguddataa sarara fuuldura
Baarseloonaa Ansuu Faatii fudhachuuf £m89 qopheessaniyyuu
Baarseloonaan dubbicha kuffiseera.
Baarseloonaan gurbicha gurguruu hin barbaadan.

@Obnsports
OBN SPORTS
🇪🇺 #UEFA_Champions_League 🇪🇺 📱 #Live_Updates ⌚️ FT Real Madrid 1⃣-2⃣ Man City ⚽️ Isco 60' ⚽️ G. Jesus 78' ⚽️ De Bruyne 83' Ramos 🏟 Estadio Santiago Bernabaeu Lyon 1⃣-0⃣ Juventus ⚽️ Tousart 31' 🏟 Groupama Stadium @Obnsports
Waldaan UEFA seera addaa takkaa mul'atee hin beekneen
dorgommii UCL fi UEL xummuruufi.

Taphoonni kana boodaa tapha deebii osoo him qabaanne torbee 2 keessatti dorgommichi akka goolabamu murteessuufi.
Taphoonni nuusa xummuraa fi Walakkaa xummuraa tapha deebii osoo hin qabaatiin taphuma baaqqeen taphatamuu akka qabu gaafa
waxabajjii 17/2020 akka murteessan Independent odeeffachuu isaa
barreeffamaan miirkaneesseera.

@Obnsports
OBN SPORTS
Taphattoota Kilaboonni Lamaanuu Qabatanii Gara Dirreetti Seenan 👆 #Watford 🆚 #Liverpool 4-2-3-1 4-3-3
Breaking
Maanchester Yuunaaytid taphataa sarara gidduu warra Baayern Muunshen Koreentiin Tooliisoo mallatteessifachuuf carraaquu jalqabeera jedha (RMC)n. Akka madda odeeffannichaatti Baayern
kilaba maallaqa €35M fidee dhiyaateef taphaticha dabarsee
kennuuf eeyyamamoodha jedhameera.

Soolshaan sarara gidduurratti waan xiyyeeffate fakkaata...

https://telegram.me/Obnsports