OBN (Oromia Broadcasting Network)
30.1K subscribers
23.2K photos
39 videos
18 files
11.9K links
OBN(oromia broadcasting network) OBN Sagalee Uummataa
Download Telegram
OBN Sadaasa 12,2015- "Sabdaneessummaan Bu'uura Federaalizimii Dimokiraatawaa dhugaati."- Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa.

Sadaasni 29 guyyaa Ayyaanni Saboota, Sab-lammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa itti kabajamudha. Bu'uurri kabaja Ayyaana kanaa guyyaa heerri Mootummaa FDRI walqixxummaa Sabootaa, Sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa mirkaneesse itti labsamedha.

Gaaffiiwwan 1960'moota keessa Sochii Barattoota Itiyoophiyaan gaafatamaa turan gaaffii Lafaafi gaaffii Dimokiraasii dabalatee, gaaffiin 'Walqixxummaa Sabootaa" tokkodha.

Sirni Dargii gaaffii Lafaa deebisuuf yaalus, gaaffiin walqixxummaa Sabootaafi gaaffiin Dimokiraasii deebi'uu hin dandeenye. Kunis Ummattoonni Itiyoophiyaa qabsoo marsaa biraa akka gaggeessan taasise.

"Gaaffiin walqixxummaa" Saboonni, Sablammoonniifi Ummattoonni biyyattii mirga walqixxummaan biyya isaanii keessa jiraachuu, afaaniifi aadaa isaanii guddisuufi dagaagfachuu, seenaa isaanii barreeffachuufi qorachuu akkasumas walqixxummaan amantaa akka kabajamu kan akeeku ture.

Haata'u malee, gaaffiin kun sirna yeroo sana tureen fudhatama argachuun deebi'uu waan hin dandeenyeef Saboonni, Sablammoonniifi Ummattoonni Itiyoophiyaa qabsoo taasisaniin, sirni Dargii aangoo irraa darbatamuun heerri "Walqixxummaa" Sabootaa mirkaneesse Sadaasa 29 Bara1987 raggaasifamuu danda'ee jira.

Guyyaan Heerri Mootummaa FDRI itti raggaasifame kunis "Guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa" ta'uun waggaa waggaan kabajamaa jira.

Kunis walqixxummaa Sabootaa qabatamaan hojiitti hiikuuf yaadamee yoo ta'u, Saboonni, Sablammoonniifi Ummattoonni tokkummaa biyyaalessaa jalatti tokkummaafi walitti dhufeenya jidduu isaanii jiru carraa kanatti fayyadamanii akka cimsataniifi dha.

Guyyaa kana Naannooleefi Bulchiinsi Magaalotaa lamaan dabareedhaan walharkaa fudhachuun abbummaan qopheessuun sirnoota garaa garaa aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaa Sabootaa, Sablammootaafi Ummattootaa calaqqisiisaniin kabajamaa tureera.

Bara kanas marsaa 17ffaaf Naannoo Sidaamaa, magaalaa Hawaasaatti sirna ho'aan kabajama.

Haata'u malee, sirna ADWUI jalatti walqixxummaan Sabootaa heera mootummaa keessatti haa barreeffamu malee, dimokiraasiin waan hin utubamneef bifa guutuufi walqixxummaa Sabootaa, Sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa qabatamaan mirkaneessuu danda'uun hojiirra hin oolle.

Bu'uurri walqixxummaan sabootaa ofiin of bulchuu ykn dhimma ofii irratti ofiin murteeffachuu, afaan, aadaafi seenaa ofii dagaagsuufi kunuunsuudha.

Kun ammoo sirna federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuun mirkanaa'a. Federaalizimii dhugaan ammoo dimokiraasii dhugaan alatti dhugoomuu hin danda'u.

Kanaaf, walqixxummaa, federaalizimii sab-daneessaafi dimokiraasii adda baasanii ilaaluun hin danda'amu.

Heerri mootummaa FDRI bu'aa qabsoo Ummattoota Itiyoophiyaa ta'eefi Sadaasa 29 Bara 1987 ragga'es waantota kana of keessatti hammatus,qabatamaan hojiirra ooluu hin dandeenye.

Qaamni olaantummaan aangoo biyyattii dhuunfatee ture sirna federaalizimii dhugaa dimokiraasiin utubameefi walqixxummaan Sabootaa keessatti kabajame diriirsuu irra sirna olaantummaa saba tokkoo, abbaa irrummaafi federaalizimii fakkeessaa dantaafi olaantummaan murna tokkoo ittiin tikfamu hojiirra oolchaa ture.

Kunis hariiroo Mootummaafi Ummataa, walitti dhufeenya Sabootaa irratti dhiibbaa uumuun nageenya uummataafi tokkummaa biyyaalessaa miidhaa hamaaf saaxile.

Sirna federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuun walqixxummaa Sabootaa mirkaneessuuf, dhagaan bu'uuraa sirna dimokiraasii ijaaruu waan ta'eef Ummattoonni Itiyoophiyaa daangaa hanga daangaatti qabsoo taasisuun waggoota afuriin dura jijjiiramni akka dhufu ta'ee jira.

Jijjiiramni qabsoo Ummataafi hoggantoota jijjiiramaan dhalate kunis dimokiraasii dhugaa ijaaruun walqixxummaafi hariiroo Sabootaa mirkaneessuun biyya waloo jabduu taate uumuu galma kan godhate dha.

Jijjiirama kanaan asitti naannoleen duraan turan giddu seentummaa tokko malee ofiin akka of bulchan taasisuu bira darbee, gaaffii Ummattootaa irratti hundaa'uun naannoleen haaraan lama uumamanii jiru.
Kunis federaaliziifi dimokiraasii dhugaan qabatamaan hojiirra oolaa jiraachuu kan agarsiisedha.

Naannoon Sidaamaa Ayyaanni Guyyaa Saboota Sablammootaafi Ummatoota Itiyoophiyaa marsaa 17ffaan keessatti kabajamuuf jirus naannoo haaraa jijjiiramaan asitti hundaa'edha.

Gama biraan yeroo dhihoo asitti Ayyaana kanatti sonaafi miidhagina kan dabale, mallattoo tokkummaa, milkaa'inaafi injifannoo Ummattoota Itiyoophiyaa kan ta'e Waancaan Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Ayyaana kanarratti naannolee jidduutti wal harkaa fuudhinsi taasifamuu isaati.

Waancaa Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa Sadaasa 29 waggaa waggaan naannooleen akka simatan taasisuun, tooftaalee ijaarsa Hidhichaaf galiin ittiin sassaabamu keessaa tokko yoo ta'u, kunis karaa biraan walitti dhufeenya Sabootaa, Sablammootaafi Ummattootaa cimsuu kan kaayyefatedha.

Dhagaa tokkoon Simbira lama isa jedhamu jechuudha. Kanaanis hojiin guddaa hojjetameera.

Naannoon Oromiyaas Guyyaa Saboota,Sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa qopheessuun walitti dhufeenya Sabootaafi Sablammootaa cimsuu keessatti akkasumas Waancaa Hidha Haaromsaa yeroo lamaaf simattee galii guddaa sassaabuun milkaa'inaafi muuxannoo guddaa qaba.

Bara kanas Waancaan Hidha Haaromsaa Naannoo Oromiyaa keessa naanna'uun Hidhichaaf galiin ittiin sassaabamaa ture Guyyaa Ayyaana Sabootaafi Sab-lammootaa marsaa 17ffaa Magaalaa Hawaasaatti kabajamu irratti naannoo biraaf dabarse kan kennu yoo ta'u, waggaa tokko keessattis galii hanga karoorfamee ol sassaabuun milkaa'ina guddaa gonfattee jira.

"Tokkummaa Sabdaneessa Nageenya Waaraaf!"

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra odeeffanne.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 12,2015- Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan,Naannoo Amaaraa Godina Addaa Oromoo Magaalaa Kamiseetti Guyyaa Saboota,Sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa 17ffaa kabajame irratti maal dhaaman?

#Tokkummaa Sabdaneessa cimsuun, ijaarsa Biyyaa keessatti gumaacha nurraa eegamu bahachuu qabna.

#Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota, duudhaaleefi aadaan qabnu guyyaa itti miidhaganii mul’ataniidha.

#Nuti Saboonni, Sablammoonniifi Ummattoonni Itiyoophiyaa biyya abbootiin keenya birmadummaa ishee tiksanii nuun gahan, tokkummaan ijaaruun biyya badhaate dhaloota itti aanuuf ceesisuu qabna.

#Nageenya waaraa mirkaneessuun, hojiiwwan misoomaa jalqabne ariifachiisuun Badhaadhina biyyaa dhugoomsuu keessatti Saboonni, Sablammoonniifi Ummattoonni biyyattii hundi qooda isaanii adda durummaan bahachuu qabu jedhan.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 12,2015-Ekuwaadoor qabxii 3 argachuun Rammaddii ‘A’ dursaa jirti.
Taphni baniinsa Waancaa Addunyaa 22ffaan Kaataariifi Ekuwaadoor gidduutti taphatame olaantummaa Ekuwaadooriin golii 2fi 0’n xumurame.
Taphataan Kilabii Feenarbaachee Enner Vaaleenshiyaan daqiiqaa 16ffaa fi 32ffaarratti golii Biyyasaatiif galcheen Ekuwaadoor qabxii 3 argachuun rammaddii ishee dursuu dandeecheetti.
Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 12,2015-Itiyoophiyaatti Imbaasiin Qaataar jalqabbii waancaa addunyaa 22ffaa hordofee qophii addaa qopheesse
Saganticha irratti Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo dabalatee hoggantoonni olaanoo mootummaa fi miseensonni hawaasa dippiloomaatikii teessoo isaanii Magaalaa Finfinnee taasifatan argamaniiru.
Imbaasichi Deetaa Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoo fi Ministira AadaafiIspoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa fi Amaasaaddaroota biyyoota garagaraaf kennaa kennaniiru.
Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 12,2015-Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Miseensota Mana Maree Ce’umsaa Sudaan waliin mari’atan.
Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad Miseensota Mana Maree ce’umsaa Sudaan waliin mari’ataniiru.
Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 12,2015-Kabajaafi fedhii Itiyoophiyaa kan yeroo kamiyyu caalaa eeguuf boqonnaa murteessaa irratti argamina jedhan, Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin.
Dippilomaatoota waajjira olaanaa Ministeera Dhimma Alaafi Itiyoophiyaa bakka bu’uun biyyoota gara garaa keessatti hojjetaa jiraniif Akkaadamii Hoggansa Kalaqa Afrikaa keessatti leenjiin kennamaafi jira.
Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Leenjicha irratti argamuun ergaa dabarsaniin, kabajaafi fedhii Itiyoophiyaa kan yeroo kamiyyu caalaa eeguuf boqonnaa murteessaa irratti argamna jedhan.
Dippilomaatonnis haala kana hubachuun itti gaafatamummaa olaanaan hojjechuu akka qaban dhaamanniiru.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
ኦቢኤን ህዳር 12/2015 - የብሔራዊ መረጃና ደኅንነት አገልግሎትና የሱዳን ጠቅላላ የደህንነት አገልግሎት በጋራ ለመስራት የሚስችላቸውን ስምምነት አደረጉ።

በብሔራዊ መረጃና ደኅንነት አገልግሎት ዳይሬክተር ጀነራል አቶ ተመስገን ጥሩነህ የተመራ ልዑክ ቡድን ከሱዳን ጠቅላላ የደህንነት አገልግሎት ዳይሬክተር ጀነራል አህመድ ኢብራሂም አሊ ሙፍዲል እና ሌሎች ከፍተኛ የተቋሙ አመራሮች ጋር በመረጃና ደህንነት ጉዳዬች ዙሪያ በካርቱም መክረዋል ።

ሁለቱ የመረጃና ደህንነት ተቋማት ግንኙነታቸውን አጠናክረው በጋራ መስራት ለሁለቱ ጎረቤት ሀገራት እና ህዝቦች ሰላምና ደህንነት መረጋገጥ ስለሚኖረው ጉልህ አስተዋፆ በጥልቀት መክረዋል።

ከውይይቱም በኋላም ሁለቱ ተቋማት የጋራ በሆኑ ጉዳዮች ላይ መረጃ ለመለዋወጥ እና በጋራ ለመስራት የሚስችላቸውን የመግባቢያ ስምምነት ተፈራርመዋል ።

የስምምነቱ ትኩረትም ተቋማቱ በጋራ በሆኑ ጉዳዬች ላይ የተሞክሮ እና መረጃ ለመለዋወጥ፣ የቀጠናው የጋራ ስጋት የሆነውን ሽብርተኝነት በጋራ መዋጋት ፣ ድንበር ተሻጋሪ ወንጀሎችን በጋራ መከላከል፣ የሁለቱ ሀገራት ዜጎች በሰላም የመኖርና የመንቀሳቀስ ደህንነትን ማረጋገጥ እና የሁለቱን ሀገራት ህዝቦች ሰላም የሚጎዱ አካላትን በጋራ መከላከል ላይ በትብብር ለመስራት ከስምምነት ደርሰዋል።

በአቶ ተመስገን ጥሩነህ የሚመራዉ የብሔራዊ መረጃና ደኀንነት አገልግሎት የልዑካን ቡድን በካርቱም ለሁለት ቀናት በነበረው ይፋዊ የስራ ጉብኝት ከሱዳን ልአላዊ ምክር ቤት ሊቀመንበር አብዱል ፈታ አልቡራህምንና ከልአላዊ ምክር ቤቱ ምክትል ሊቀመንበር ሞሐመድ አምዳን ዳጋሎ ጋር ተገናኝተዉ በሁለቱ ሀገራት ሰላምና ደኀንነት ዙሪያ መወያዩቱን አገልግሎት መስሪያ ቤቱ በላከዉ መረጃ አመልክቷል።

ወቅታዊ፣ትኩስ እና የተሟሉ መረጃዎችን ለማግኘት፡-
ፌስቡክ፡ http://facebook.com/OBNAmharic
ዩትዩብ፦ Youtube.com/OBNoromiyaa
ቴሌግራም፦ https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
ትዊተር፦ https://twitter.com/OBNoromiyaa
የአፋን ኦሮሞ ፌስቡክ፡ http://facebook.com/OBNAfaanoromo
OBN English ፌስቡክ: http://facebook.com/OBNEnglish.
OBN Radio https://zeno.fm/radio/obnradio/
በመወዳጀት ይከታተሉን፡፡
ዘወትር፦ ከእኛ ጋር ስላሉ እናመሰግናለን!