OBN (Oromia Broadcasting Network)
30.2K subscribers
23.2K photos
39 videos
18 files
11.9K links
OBN(oromia broadcasting network) OBN Sagalee Uummataa
Download Telegram
OBN Sadaasa 06,2015- Sirni kenninsaa tajaajilaa foyya'uu dhabuurraa kan ka'e, Waajjirri Bulchiinsa Lafa Magaalaa tajaajila gahaa nuuf kennaa hin jiru jechuun komatan tajaajilamtoonni magaaloota Shanoofi Fiichee.

Seektaaraaleen Mootummaa tajaajila hawaasaa si'aataa kennuuf, teeknoolojiin deeggaramuun hojmaannii seektaaraalee mootummaa ammayyaa'uu akka qabu kallattiin kennamuun hojiitti kan galame tahuu ni beekkama.

Haa ta'u malee,seektaaraaleen Mootummaa tokko tokko hojmaata moofaa keessaa bahuu dhabuun hawaasa komachiisaa jiru.

Waajjira Bulchiinsaa lafa magaalaa Shanoofi Magaalaa Fiichee keessattis kanumatu mul'ata.

Sirni kenninsa tajaajilaa fooyya'uu dhabuurraa kan ka'e, Waajirichi tajaajila gahaa nuuf kennaa hin jiru jechuun komatan tajaajilamtoonni Magaalaa Shanoo.

Waajjira Bulchiinsa Lafa Magaalaa Fiichee keessattis, galmeewwan moofaa kuufamanii jiran, kenna tajaajilaa si'ataa kennuuf danqaa tahurra darbee, dhukkuboota adda addaaf isaan saaxilaa jiraachuu hojjettoonni Waajjirichaa himaniiru.

Sababa hanqina baajataa fi rakkoolee biraan hojmaanni Waajira isaanii kan hin ammayyoofne ta'uu kan himan Itti gaafatama Waajjira Bulchiinsa Lafa Magaalaa Fiichee Obbo Daanyee Baqqalaafi Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsa Lafa Magaalaa Shanoo Obbo Tolasaa Abbabaati.

Rakkoolee jiran furuun, fuulduratti kenna tajaajilaa ammayyeessuuf hojjechaa jirra jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Pabiliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Darajjee Sammaati.

Sisaay Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 06,2015- Walgahii Idilee 4ffaa, Bara Hojii 2ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa har'aa irratti Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad Miseensoota Paarlaamaaf ibsa kennu.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad har'a gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa ni kennu.

Haasawaa Pireezedaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen sirna baniinsaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeshiniirratti taasisan, ilaalchisuun gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa dhiyeessanirratti, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad ibsa ni kennuu jedhameera.

OBN's Walgahii Idilee 4ffaafi Bara Hojii 2ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa kana sa'aatii 3:00 irraa eegalee kallattiin waan tamsaasuuf, karaa miidiyaa hawaasaa OBN,Raadiyoofi chaanaaloota TV OBN hordofuu hin dagatiinaa.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
ኦቢኤን ህዳር 06/2015 -ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አህመድ በዛሬው ዕለት ለህዝብ ተወካዮች ምክር ቤት ማብራሪያ ይሰጣሉ

ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አህመድ በዛሬው ዕለት ለህዝብ ተወካዮች ምክር ቤት አባላት ጥያቄዎች ማብራሪያ እንደሚሰጡ ምክር ቤቱ አስታወቀ፡

6ኛው የሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት በ2ኛ ዓመት የስራ ዘመኑ ዛሬ ህዳር 06 ቀን 2015 ዓ.ም ከጠዋቱ ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አህመድ በተገኙበት 4ኛ መደበኛ ስብሰባውን ያካሂዳል፡፡

በመደበኛ ስብሰባው የኢፌዴሪ ፕሬዚዳንት ሳህለወርቅ ዘውዴ መስከረም 30 ቀን 2015 ዓ.ም ለሕዝብ ተወካዮች እና ለፌዴሬሽን ምክር ቤቶች የጋራ ስብሰባ ያደረጉትን የመክፈቻ ንግግር አስመልክቶ ከምክር ቤቱ አባላት በሚቀርቡ ጥያቄዎች ላይ ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አህመድ ምላሽና ማብራሪያ እንደሚሰጡ አመላክቷል።

በዚህም ምክር ቤቱ የመንግስትን አቋም በማዳመጥ የድጋፍ ሞሽኑን ያፀድቃል ተብሎ እንደሚጠበቅ ገልጿል፡፡

በዕለቱ በአዲስ አበባ የሚገኙ የተለያዩ አገራት አምባሳደሮችና የዓለም አቀፍ ተቋማት ተጠሪዎች፣ የሐይማኖት አባቶች እና ሌሎች ጥሪ የተደረገላቸው እንግዶች እንደሚገኙ አስታውቋል።

ወቅታዊ፣ትኩስ እና የተሟሉ መረጃዎችን ለማግኘት፡-

ፌስቡክ፡ http://facebook.com/OBNAmharic
ዩትዩብ፦ Youtube.com/OBNoromiyaa
ቴሌግራም፦ https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
ትዊተር፦ https://twitter.com/OBNoromiyaa
የአፋን ኦሮሞ ፌስቡክ፡ http://facebook.com/OBNAfaanoromo
OBN English ፌስቡክ: http://facebook.com/OBNEnglish.
OBN Radio https://zeno.fm/radio/obnradio/

በመወዳጀት ይከታተሉን፡፡
ዘወትር፦ ከእኛ ጋር ስላሉ እናመሰግናለን!
OBN Sadaasa 06,2015-Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Walga’ii Idilee 4ffaa, Bara Hojii 2ffaa bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti taa'uu eegale.

Miseensonni mana maree bakka bu'oota Ummataas gaaffilee gara garaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif dhiyeessaa jiru.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 06,2015- Yaa’ii Idilee 4ffaa bara hojii 2ffaa Mana Maree Bakka bu’oota Ummataa taa’amaa jiru irratti gaaffilee gara garaa Miseensota mana marichaa irraa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif dhiyaatan.

Gaaffileen dhimmoota hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa irratti xiyyeeffatan Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif dhiyaataniiru.

Gaaffilee dhiyaatan irrattis Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaa fi deebii ni kennu jedhamee eegama.